Dr.Bulti Likisa page

26/11/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Mame Dalil, Oli Baduka, Ashannaafii Gannatii Qarsee, Obsichoo Getinat Asefa, Namara Kituma, Obsii Ulee Hayyuu, Bikila Samuel, Dharroo Galgaloo Htsa, Gemeda Yami, Sura Badasa, Wabii Biyyaa, Yomiyu Mokonon, Darajjee Warquu, Feromsa Abdelh, Aliyi Harun

19/11/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Dagne Benku, Ziyaad Jabir, Sulxaan Waqoo, Nïgìsté Mîêså, Jinenus Buno Buno, Abram Temesgen, Yusuf Saladin, جمال جمال, Thømy Màn, Simbo Darajee

 ! Ibsa galgala kana baaseen Ministerri Fayyaa dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hinbahin Naannoo Kibbaa, M...
12/11/2025

!
Ibsa galgala kana baaseen Ministerri Fayyaa dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hinbahin Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti mudatuu ibsee jira.

Dhukkubichis mallattoolee akka hoo’a qaamaa, qola ijaa diimessuu, baasaa dhiiga makate, dhiigni irga, afaan, funyaanii fi qaama biraatii dhangala’uu fa’a qaba.

Akka ogeeyyonni Hospitaala Jinkaa himanitti: torbee kana namoonni shan dhukkubichaan qabamanii lubbuu isaanii dhabanii jiru. Isaan lubbuu dhaban keessaa lama ogeeyyota fayyaa (doktara tokkoo fi narsii tokkoo) yoo ta’an; kun ammoo dhukkubichi nama irraa namatti haalaan daddarbaa ta’uu isaatii fi kan yeroo gabaabaa keessatti lubbuu galaafatu ta’uu agarsiisa.
Source: social media

Altokkotti daa'ima 6 dahuun haadha seenaa hojjette!~~~~~~~Carraan haati tokko daa'ima 6 altokkotti deessu baay'ee dhipha...
12/11/2025

Altokkotti daa'ima 6 dahuun haadha seenaa hojjette!
~~~~~~~
Carraan haati tokko daa'ima 6 altokkotti deessu baay'ee dhiphaa kan ta'eefi dahumsa irrattillee haadhas ta'e daa'imarratti miidhaa olaanaa kan fiduu danda'udha. Garuu, wayita ulfaa baay'ee ulfaataa ta'e booda nagaan dahuun haatis daa'immanis gara manasaaniitti galaniiru.

Taateen kun kan mul'isu; Waaqa jalatti gargaarsi ogeessota fayyaa lubbuu oolchuuf taasisan daraan olaanaa ta'uu kan agarsiisudha!

Kanaaf, haati ulfaa tokko gara mana yaalaa deemuun; hordoffii gochuun, talaallii daftee eegaluun maatiinis firris akka gammaduuf shoora olaanaa taphata!
👇👇👇
Dr.Bulti Likisa page

Baarollee akkamitti yaaluu dandeenya?Link gadii kana seenuun    kiyya   godhaa🙏♥️👇👇👇
11/11/2025

Baarollee akkamitti yaaluu dandeenya?
Link gadii kana seenuun kiyya godhaa🙏♥️
👇👇👇

Nyd de videoer og den musik, du holder af, upload originalt indhold, og del det hele med venner, familie og verden på YouTube.

29/10/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Shamil Aliyyi, Gadisa Ganyii, Abdurahim Adam, Tariku Girma Edo, Mustefa Awel, Boru Mo, Gech Kebede, Chala Taye, Xahaa Lovi, Qaasim Abdu, Kena Sisay, Ginbaru Teka, Lami Adugna, Sifan Abera, Halkesaa Borena, Aliyyii Mahamaad Ahammad, Ashannaafii Mi'eessaa, Kebe Girma, Samira Binti Kadir

Karaa   gorsa fayyaa gaggabaaboo argachuuf   gadii seenuun   🙏🥰👇👇👇tiktok.com/.bulti_healthtips
28/10/2025

Karaa gorsa fayyaa gaggabaaboo argachuuf gadii seenuun 🙏🥰
👇👇👇
tiktok.com/.bulti_healthtips

25/10/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Hilemariam Woldemariam, Yoobsan Camadaa, Samen Mohamed, Mêlkámù Nigatu Jïbãt, Abreham Amensa, Gêmëchú GM Mõsïsã, Miftaa Oromoo, Samu'el Teshome, Sanyii Boorantoo, Bona B Dibisa, Gammachuu Gammachuu, Obsinet Yeroof, Iliyas Aliyyi, Caalaa Mahammad Ahamad, Merga Mekonen Gemechu, Egere Ko Ifa, Adem Mohammed, Haymaanot Minda, Imabet Hirphasa, Degagaa Samuel, Hawi Meleku, Waarii Boggala, Abduu Kaliifaa, Yomiifi Abdii Jira, Biiftuu Bahaa

  ( )                  ☆☆☆☆☆Dhukkubni kun kutaalee qilleensaan guutamaniifi keessoo funyaan keenyaa marsuun kan argaman ...
18/10/2025

( )
☆☆☆☆☆
Dhukkubni kun kutaalee qilleensaan guutamaniifi keessoo funyaan keenyaa marsuun kan argaman saayineesota kan jedhaman akka dhiita'an taasisa.
Saayineesonni kun bakkeewwan banaa ija keenya lamaan gidduu, lafee maddii keenyaa duubaan, lafee adda keenyaarratti kan argamanidha.
Saayinesoonni kunis keessoon funyaan keenyaa jiidhina akka qabaatu kan taasisuufi dhangala'oo kan maddisiisanidha.
Dhangala'oon kunis dhukkee, alerjiiwwaniifi faalama garagaraa kan dhorkanidha.
Saayineesonni fayyaan qilleensaan kan guutamanidha; garuu, gaafa cufaman dhangal'oo kuusachuun yeroo baay'ee sababa vaayirasiin infeekshiniin akka uumamu godha.
Baakteriyaan illee infeekshinii saayinesii fiduu danda'a.

?

📌Utaalloo
📌Alerjii saayinesii kan waqtiirratti hundaa'u
📌Sigaaraa xuuxuu ykn kan xuuxu bira ooluu
📌Rakkoo uumama saayineesotaa(structural prblms)
📌Rakkoo funyaanii ykn saayinesii (polyp,...
📌Dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa hir'achuu ykn qorichoota immunity hir'isan fayyadamuu.



🔷️Funyaan cufamuu
🔷️Dhukkubbii lafee fuularraa
🔷️Mataa dhukkubbii
🔷️Dhukkubbii qoonqoo
🔷️Qufaa
🔷️Foolii afaanii balleessuu



📎Dhukkuboota saayinesii muraasaaf qorichoota farra baakteeriyaa fayyadamuun ni danda'ama; garuu, hedduu isaaniif barbaachisaa miti.
📎Baay'eensaa ofumasaa kan itti wayyaa'udha.
📎Ogeessa fayyaa mariisisuun qoricha ajajamuuf fayyadamuun gaariidha.

?

✅️Funyaan akka hin cufamneef nasal decongestants ykn nasal spray kan jedhaman fayyadamuu
✅️Bishaan danfisanii aarasaa ulachuu
✅️Dhangala'oo baayisanii dhuguu
✅️Qaawwaa funyaanii of eeggannoon qulqulleessuu
✅️Mataa siree irra ciisanii ol qabuu ykn boraatii fayyadamuu
✅️Qorichoota ogeessa fayyaan hin ajajamne fayyadamuu dhiisuu qabu
✅️Yeroo furrii baafatan suuta jechuun baafachuu; qaawwaa funyaanii keessaa dabaree dabareen baafachuudha.
🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓
☆☆☆☆☆
© Dr. Bulti Likisa Muleta, 2025

& 🙏
👇👇👇
Dr.Bulti Likisa page

  ( )~~~~Finniisni rakkoo gogaa qaama keenyaa kan namoota hedduurratti mul'atuufi sababnisaas dibata gogaa keenyaan madd...
11/10/2025

( )
~~~~
Finniisni rakkoo gogaa qaama keenyaa kan namoota hedduurratti mul'atuufi sababnisaas dibata gogaa keenyaan maddan ykn seelonni du'an yommuu qaawwaa gogaa keenyarratti uumamaan argaman yeroo cufanidha.

maalfaatu nutti fida?

>Hormoononni qaama keenyaa yommuu jijjiiramana(keessumaa naannoo umurii ga'eessummaa)
>Qorichoota hormoonota adda addaa of keessaa qaban.
>Marsaan laguu shamarranii yeroo dhufu.
>Of dhiphisuu
>Maatii keessa namni finniisaan rakkatu yoo jiraate(genetic)

-gosuma finniisaa irratti hundaa'uun garaagara.

-Finniisa adii ta'an (qaawwaansaanii dudduudaa)
-Finniisaa gugurraacha(qaawwaansaanii babbanaa)
-Finniisa madaa qabu
-Finniisa malaa kuufate(infeekshinii baakteeriyaa kan godhate)
-Finniisa gurguddaafi kan dhukkubbii qabu.

finniisaa maalfaati?

>Qorichoota dibataman(retinoid)
>Yaala hormoonii
>Yaala gogaa qaamaa(intralesional steroid, comedon removal)
>Nyaata soorannu sirreessuu
>Carallaa(PDT)

ittisuuf maal haa goonu?

👉Bakka finniisni itti bahe suuta qulqulleessuu, guyyaatti si'a lama dhiquu.
👉Wantoota dibata of keessaa qaban fayyadamuu dhiisuu.
👉Gogaa finniisaan miidhame harkaan tuttuquu dhiisuu.
👉Hojii humnaa erga hojjennee booda keessumaa yeroo baay'ee dafqan, qaama keenya saamunaan sirrriitti dhiqachuu.
👉Of dhiphisuu dhiisuu
👉Soorata mi'aawaa ta'an baay'inaan fayyadamuu dhiisuu
👉Soorata pirootiniin badhaadhan soorachuufi kkf.
🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏
~~~~
© Dr. Bulti Likisa Muleta, 2025

& 🙏❤
👇👇👇
Dr.Bulti Likisa page

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Bulti Likisa page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Bulti Likisa page:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category