06/12/2025
Dhukkuba sukkaaraa yeroo ulfaa ummamu
-Seeloonni qaama keenyaa dalagaa isaanii daraan dalagauuf sukkaara isaan barbaachisa.
-Sukkaarri kun gara seeloota seenuuf ammoo hormoonni insuuliini jedhamu barbachiisa.
-Insuuliin ammoo qaama rajijii jedhamuu irraa madda.
-Yeroo hammi insuulini xiqqaatu ykn gonkuuma dhabamu sukkaarrii dhiiga keenyaa keessa jiru olka'a.
-Sababa xiqqaachuu ykn dhabamuu insuulinittin dabaluun sukkaara dhiiga keessatti ummamu kun dhukkuba sukkaaraa (diabetes mellitus) jedhama.
->dhukkubni sukkaaraa mallattoowwan armaan gadii qabaachuu danda'a
-Garmalee bishaan dhoobachuu
-Garmalee fedhii nyaataa dabaluu
-Fincaan namatti baayyisuu
-Ulfaatinni qaama hirdhachuu
-Ofwalalanii kufuu fi rommisisuu
-Dandeetti ijaan ilaaluu xiqqaachuu
- Garaa dhukkubbi ciimaa
-Balaqamsisuu
->dhukkuba sukkaaraa gosoota armaan gaditti qooduun ni danda'ama
-Type 1dm
-Type 2 dm
-MODY
-Gestational Dm
->Dhukkuba Sukkaaraa yeroo ulfaa(Gestational Dm)
- dhukkubni sukkaara kun dubartii kanan dura dhukkuba sukkaara hin qabne irraatti kan yeroo ulfaa ummamuudha.
Sababawwan armaan gadi kun carraa dhibee sukkaaran qabamu ni dabalu.isaanis
-Ulfaa kanan duraa irraatti yoo ummame jiraate.
-Ulfaa kan duraa irraatti daa'imnii dhalate yoo lubbuun darbee ykn mudoo dhaloota yoo qabaate.
-Maatii keessaatti yoo jiraate.
-Umuriin dubaartii 25 ol yoo tahe.
-Ulfaatina qaama ol'aanaa yoo qabatan.
-Dhiibban dhiigaa olka'aa yoo tahe.
-Gadameessa keessa daa'imma 2 fi isaa ol yoo jiraate.
Rakkoowwan dhibeen kun fiduu danda'uu
-dabaluu dhiibbaa dhiigaa yeroo ulfaa
-Ulfaa booda itti fufu dhukkuba sukkaaraa.
-Carraa walaansa baqaqsanii da'uu dabaluu.
-Daa'ima ulfaatina qaama ol'aanaa da'uu.
-Bishaan mataa daa'immaa baayy'ee tahu
- Midhaa qaama yeroo da'uumsa ummamuu
-Daa'imma gadameessa keessatti lubbuun darbuu.
->Dhukkuba sukkaaraa yeroo ulfaa ummamu calallii waligalaa torbee 24ffa hanga 28ffa jidduutti godhuun addaan baasuun ni danda'ama.
>Akkamiin yaaluu fi ittisuun danda'ama ?
-Sirnaa sorataa halaa ogeessi fayyaa dhukkubsatatti himeen soraachuu.
-Ulfaatina qaama madallamaa qabaachuu.
-Sosochii qaama taasisuu.
-Tamboo xuuxuu dhaabuu.
-Amma sukkaaraa dhiiga keessa jiru yeroo yeroon safaru.kunis yoo xiqqaate guyyaatti yeroo afur safaru.
-Qoriicha ogeessii fayyaa keennuu halaan hordofuu.
Kanaf hordoffii ulfaa taasisuun hedduu barbachiisaadha.
Galatooma !