Dr. Shimelis

Dr. Shimelis Health tips in afaan oromoo♨️
Online health consultance
Doctors life
Bonus info...

Mallattoolee  Ciccimoo Yeroo Ulfaa👉 Dhiigni qaama saalaatiin bahu 👉 Dhangala’aan akka bishaanii baay’inaan/kan huccuu ji...
25/10/2024

Mallattoolee Ciccimoo Yeroo Ulfaa

👉 Dhiigni qaama saalaatiin bahu
👉 Dhangala’aan akka bishaanii baay’inaan/kan huccuu jiisu yookin foolii qabu qaama saalaatiin dhangala’u
👉 Qaamni (harki,fuulli ykn miilli) dhiita’uu
👉 Bowwoo mataa hamaa, gubaa qaamaa fi dhukkubbii cimaa laphee jalaa
👉 Qaamni ollachuu(hurgufamuu) fi of-wallaaluu
👉 Afuurri hanqachuu/hargansuu/
👉 Daa’imni garaa keessaa socho’uu erga eegalee sochiin isaa yoo xiqqaate ykn yoo dhabame

Haati ulfaa tokko mallattooleen armaan gadii kun yoo irratti mul’ate ykn of irratti argite hatattamaan gara dhaabbata fayyaa deemuu qabdi

MALA ITTISA CIRRACHA KALEE1. Bishaan gahaa (guyyatti haga liitira lamaa) dhuguu, Keessumatti namoonni naannoo hoa'aa kee...
08/04/2024

MALA ITTISA CIRRACHA KALEE

1. Bishaan gahaa (guyyatti haga liitira lamaa) dhuguu, Keessumatti namoonni naannoo hoa'aa keessa jiraatanii fi yeroo baay'ee dafqan bishaan ga'aa dhuguu qabu.

2. Nyaata ashaboon itti baay'atee fi yeroo hunda pirootinni itti baay'ate soorachuun irraa of qusachuu.

3. Ulfaatinni qaamaa humnaa ol yoo ta'e, ulfaatina ofii hir'isuu.

4. Dhukkuboota sirna bullaa'iinsa soorataa kanneen akka IBD, chronic diarrhoea fi kkf namoonni qaban carraan dhukkuba kanaan qabamuu isaanii olka'aa waan ta'eef of eggannoo sirriitti taasisuu.

5. Qorichoota akka diuretics (qoricha nama finceessu) fi calcium based anti acids yeroo dheeraaf fudhachuun irraa of qusachuu.

Wantoota Dhiitahuu  miilaa fidan◍ DHIIGNI ITITUU - DVT👉Dhiitoo miila gar tokkoo👉 sababa-  sa'aatii dheeraa  ta'umsaan da...
07/04/2024

Wantoota Dhiitahuu miilaa fidan

◍ DHIIGNI ITITUU - DVT
👉Dhiitoo miila gar tokkoo
👉 sababa- sa'aatii dheeraa ta'umsaan dabarsuu
👉 Sa'aatii dheeraa Osoo hin socho'in dabarsuu

◍ Infeekshinii

◍ Dadhabbii dhiga-deebistuu yeroo dheeraa

◍ Dadhabbii onnee

◍ Dhukkuba Kalee

◍ Dhukkuba Tiruu

◍ Albumiinii dhiiga kessaa xiqqaachuu

Dhitaa qoricha fudhachuun dhufu: qorichi dhihoo jalqabde jiraa fkn kan dhiibbaa dhiigaa faa? Dhukkubbi hir'istuu fi kkf

Dr. ShimelisliWaa'ee Fayyaayaa

Qorichoota yeroo ulfaa fudhatamuu hin qabne muraasa ◍ NSAIDs- Diclofenac, ibuprofen, naproxen, aspirin◍ Retinoid◍ Warfar...
07/04/2024

Qorichoota yeroo ulfaa fudhatamuu hin qabne muraasa

◍ NSAIDs- Diclofenac, ibuprofen, naproxen, aspirin

◍ Retinoid

◍ Warfarin

◍ Qoricha gaggabdoo- Carbamazepine,
Valproic acid, Topiramate ,
Phenobarbital

◍ Statin- atorvastatin, simvastatin

◍ Tetracycline -Doxycycline, minocycline

◍ ciprofloxacin, levofloxacin.

◍ lisinopril (Zestril) and losartan

◍ Alkoolii, sigaaraa

◍ Liitiyeemii

◍ Chloramphenicol

◍ Trimethoprim

HUNDEE DIIMAAFaayidaawwan hundee diimaa qorannoon mirkanaa'an keessaa muraasa◍ Dhiibbaa dhiigaa to'achuuf ni oola👉Hundee...
06/04/2024

HUNDEE DIIMAA

Faayidaawwan hundee diimaa qorannoon mirkanaa'an keessaa muraasa

◍ Dhiibbaa dhiigaa to'achuuf ni oola
👉Hundee diimaan keemikaala naayitireetii (nitrates) hedduuminaan of keessaa qaba,kunimmoo dhiibban dhiigaa akka ol hin kaanef ni gargaara

◍ Ga'umsa Qaamaaf
👉 Naayitireetin hundee diimaa keessatti argamu ga'umsa fi si'aa'ina qaamaf, keessattu atileetotaaf baay'ee gargaara.
👉 Kanaaf sa'aatii 2-3 sochii qaamaa gochuun dura soorachuu qabna

◍ Kulkula hir'isuuf
👉 Hundee diimaan keemikalota kulkula hir'isan (antiinflammatory) hedduu of keessaa qaba. Kunimmoo dhukkuboota adda addaan salphaatti akka hin miidhamneef gargaara

◍ Fayyaa sirna nyaataaf
👉 Faayibarii (fiber) baay'inaan waan qabuuf nyaanni akka gaaritti akka bullaa'uf akkasumas gogiinsa garaa ittisuuf ni oola

◍ Fayyaa Sammuuf
👉Naayitireetin dhiigni gara sammuu deemu akka dabalu waan godhuuf dandeettiin yaaduu sammuu akka dabalu godha. Akkasumas dhukkuba sammuu dulluma keessa dhufu kan akka 'dementia' ittisuuf ni gargaara

◍ Carraa kaansariin qabamuu ni ittisa
👉 Keemikaalonni akka betaine, ferulic acid, rutin, kaempferol, fi caffeic acid kan hundee diimaa keessatti argaman kaansarii ittisuu keessatti qooda qabu

◍ Carraa dhukkuba onnee fi Istirookin qabamuu ni hir'isa

◍ Fayyaa gogaaf
Dr. ShiDr. Shimelis

CITTOO | scabies 👉Cittoon ilbiisa xiqqoo ijaan hin mul’anne Sarcoptes scabiei jedhamtuun  dhufa👉Addunyaarraatti namoonni...
04/03/2024

CITTOO | scabies

👉Cittoon ilbiisa xiqqoo ijaan hin mul’anne Sarcoptes scabiei jedhamtuun dhufa
👉Addunyaarraatti namoonni miliyoonni 100 ol dhukkuba kanaan qabamu
👉Ilbiisni kun gogaa nama keessatti wal horuun gogaarratti miidha geessissi

MALLATTOO
👉Qaama nama hooksisuu,keessattuu halkan
👉Cittoon namatti yaa'uu,yeroo baayyee hooqnan madaa'uu danda'a
👉Madaan kunis infeekshinii uumee baba'achuu fi malaa guuruu danda'a
👉Namni mallattoo wal fakkaataa qabu maatii keessa jiraachuu
🔸Kutaa qaama yeroo baayyee saaxilamu ykn mallattoon kun itti mul'at
1.quba gidduu
2.bobaa jala
3.naannoo buusaa barruu harkaa
4.ciqilee
5.faana miillaa
6.naannoo harmaa
7.naannoo qaama saalaa dhiiraa
8.naannoo mudhii fi handhuura
👉Dugdaa fi mataan yeroo baayyee hin saaxilaman

DADDARBIINSA
👉Nama dhukkuba kana qabu waliin wal tuquun
👉Nama dhukkuba kana qabu waliin meshaa,uffata waliin fayyadamuu

YAALA
👉Namni mallattoo olii kana qabu gara mana yaalaa deemee qoricha fudhachuun guutumaa guututti fayyuu danda'a
👉Qorichoota dhukkuba kanaaf fayyadan keessaa beekamoon permethrin cream,benzyl benzoate lotion dha
👉
Mala Ittisaa
👉Uffata sirriitti miiccanii aduu keessa kaa'uu ykn bishaan danfe keessa kaa'uu
👉Yoo meeshaa hin dhiqamne ta'e yoo xiqqaate guyyaa 3f iddoo namni hin geenyee kaa'uu

🔸Cittoon yaalaa hin argatu taanan dhibee biraaf nama saaxiluu danda'a

Dr. ShimelisDr. Shimelis

BISHAAN FAYYAAF 👉Qaamni namaa harki 60 (60%) bishaani👉Bishaan jireenya ilma namaaf baay'ee barbaachisa👉Namni ga'eessi to...
04/03/2024

BISHAAN FAYYAAF

👉Qaamni namaa harki 60 (60%) bishaani
👉Bishaan jireenya ilma namaaf baay'ee barbaachisa
👉Namni ga'eessi tokko guyyaatti bishaan 2--3 L akka dhuguu qaba

Bishaan dhuguun faayidaa heddu qabatuus isaan keessa muraasni kanneen armaan gadiiti

🔹Fayyaa Kaleetif
👉Bishaan gahaa dhuguun cirracha kalee fi infeekshinii ujummoo fincaanii ittisuu keessatti gahee guddaa qaba,akkasumas kaleen keemikaalota adda addaan salphaatti akka hin miidhamne godha

🔹Gogiinsa Garaa Hir'isuuf
👉Bishaan gahaa dhuguun gogiinsa garaa ittisuu fi yaaluf ni gargaara, akkasumas dhibee Kintaarootii nurraa fooyyessa

🔹Fayyaa Sammuutif
👉Bishaan gahaa dhuguu dhabuun sammuun namaa xiyyeeffannaa akka dhabu,dandeettin waa yaadachuu akka hir'atuu fi hojii sammuu waliigalaa irratti dhiibbaa uuma

🔹Mataa bowwoo hir'isuuf fi fayyisuuf
👉Wantoota dhukkuba bowwoo kan akka maayigireenii namatti kaasan keessaa tokko dheebuu bishaaniti

🔹Gogaan keenya lallaafaa fi midhagaa akka ta'uuf ni gargaara

🔹Onneen keenya dalagaa ishee sirnaan akka raawwatu gargaara
🔹Dhukkuba garaachaaf ni gargaara
🔹Dhukkubbii yeroo marsaa Laguu hir'suuf
🔹Furdina gar malee hir’isuuf
🔹Dadhabbii irraa dafnee akka boqonnuf
🔹Sosochii qaamaa haala gahumsa qabuun akka taasifnu
🔹Xura'aa fi keemikaalota adda addaa qaama keessaa dhabamsiisuf
🔹Fayyaa buusaa fi maashawaniif
🔹Teempireechara qaamaa eeguf
🔹Fayyaa sirna hargansuuf-keessattuu asmii fi alarjii nama qabuuf

Dr. ShimelisDr. Shimelis

FAAYIDAA PAAPPAYYAA👉Kuduraaf muduraan fayyaa ilma namaaf baay'ee barbaachisoodha,isaan keessaa tokko paappayyaadha.👉Paap...
03/03/2024

FAAYIDAA PAAPPAYYAA

👉Kuduraaf muduraan fayyaa ilma namaaf baay'ee barbaachisoodha,isaan keessaa tokko paappayyaadha.
👉Paappayyaan viitaminii C, antioxidant fi keemikaalota biroo fayyaaf baay'ee barbaachisoo ta'an hedduuminaan of keessaa qaba

🔹Qabiyyee paappayyaa giddu galeessa tokkoo yoo ilaallu
◉Kaaloorii 59
◉Kaarbohayidireetii giraama 15
◉Faayibarii giraama 3
◉pirootinii giraama 1
◉Viitamiinii A, B, C, E, K
◉Pootasiyeemii, kaalsiyeemii, maagniziyeemii
◉Antioxidant(carotenoid)

🔹Faayidaalee paapayyaa kessaa muraasni

◉Fayyaa Onneetif
👉viitaminii C fi antioxidant paappayyaa keessatti argamu fayyaa onnee eeguu fi akka onneen dhukkuba adda addaaf hin saaxilamnef hedduu gargaara

◉Fayyaa Garaachaf
👉Bullaa'insa nyaataaf(pirootiniif), gogiinsa garaa ittisuu fi guba laphee ittisuuf baayyee gargaara

◉Kaansarii Ittisuuf
👉Antioxidant paappayyaa keessatti argamu Kaanserii tokko tokko (kan akka kaansarii piroosteeti,kaansarii harmaa) ittisuu keessatti gahee qaba

◉Dhukkuba Sukkaaraaf akka hin saaxilamne, akkasumas erga dhibee kanaan qabamne booda hamma 'glucose' to'aachuf gargara

◉Fayyaa gogaaf
👉Gogaan akka hin suntuurre fi salphaatti akka hin miidhamne godha

◉Madinuummaa Dabaluuf
👉Paappayyan Dandeettii dhibee dandamachuu qaama keenyaa (Madinuummaa) dabaluun akka Infeekshiinii garagaraaf hin saaxilamne gochuuf gargaara

◉Kulkula (inflammation) hir'isuuf ni gargaara

◉Ulfaatina madaalawaa akka qabaannuf nu gargaara

◉Dhukkuboota sirna haargansu kan akka Asmii, Utaalloo, biroonkaayitii fi kkf hedduu ittisuuf nii gargaara

◉Rifeensi keenya akka lallaafu fi calaqqisu ni godha

◉Fayyaa lafee keenyaa fi ilkaan keenyaaf ni gargaara,keessattu dhukkubbii ilkaanii nurraa fursa

Dr. ShimeDr. Shimelis

Hir’ina vaayitaamin A: Mallattoo fi furmaata!*****MALLATTOOIji ofii halkan arguu dhabuu.1. Iji ofii imimmaan dhabee gogu...
03/03/2024

Hir’ina vaayitaamin A:
Mallattoo fi furmaata!

*****
MALLATTOO
Iji ofii halkan arguu dhabuu.
1. Iji ofii imimmaan dhabee goguu.
2. Qaamni ofii dhukkuba ittisuu dadhabuun infekshinoota adda addaan amma ammaa qabamuu.
3. Gogaa irratti mallattoon adda addaa ba'uu.
4. Lafeen seeraan guddachuu dadhabuu.

*****
KA'UMSA
1. Sooratawwan vaayitaminii kanaan badhaadhoo ta’an nyaachuu dhabuu.
2. Dhukkuboota addaa addaa, kanneen xuuxama soorataa hir'isan
3. Hir'ina nyaataa kanneen biraa akka hir'ina pirootiinii fi ayirenii illee hir'ina viitamin A ni fidu.

***
FURMAATA
1. Nyaatonni vaayitaamin A dhaan badhaadhoo ta’an soorachuu (Kaarota, dinnicha mi'ooftuu, hanqaaquu, fuduraalee fi muduraalee halluu keelloo fi burtukaanaa qaban, fudduraalee baalatti baat'atan akka salaaxaa fi raafuu).
2. Mana yaalaa deemuun vaayitaminii kana bifa qorichaan fudhachuu. Keessumaa daa'imman vaayitamina kana argachuu qabu.

Dr. Shimelis

TAAYIFOOYIDII FI TAAYIFASII.....👉Lamaan isaanii dhukkuba adda addaati,kan tokko irraa tokkotti ce'us miti!👉Taayifooyidii...
02/03/2024

TAAYIFOOYIDII FI TAAYIFASII.....
👉Lamaan isaanii dhukkuba adda addaati,kan tokko irraa tokkotti ce'us miti!
👉Taayifooyidiin dhukkuba baakteriyaa salmoonellaa taayifee jedhamuun dhufu yoo ta'u,taayifasiin immoo orgaaniziimii rickettsia jedhamuuni
👉Taayifooyidiin bishaan fi nyaata qulqullina hin qabneen yoo dhufu, Taayifasiin yeroo baayyee injiraan irraa nama qaba
👉Mallattoon lamaan isaanii baay'inaan wal fakkaatadha....

📌Hoo'ina qaamaa(gubaatii) baayye olka'aa
📌Garaa dhukkubbii/ciniinnaa
📌Garaa kaasaa
📌Hooqqisisuu
📌Fedhii nyaataa dhabuu
📌Dhukkubbi mataa
📌Nama qorrisiisuu
📌Dhukkubbii qaama guutuu.......

💊Dhukkubni kun qoricha farra baakteriyaa adda addaa ogeessan ajajame fudhachuun guututti ni fayyama
💊yoo dhukkubichi baayyee hammaataa ta'e mana yaalaa ciisuun qoricha hidda dhiigaan kennamu fudhachuun barbaachisaadha
💊Yerootti yaala hin argatu taanan rakkoo hammaataa amma lubbuu dabarsuutti geessisu fiduu danda'a

-ittisaa
1.Talaallii fudhachuu
2.Namni dhukkubsatu nyaata akka hin qopheessine gochuu
3.Nyaata duraa fi booda harka saamunaan dhiqachuu
4.Mana fincaanii erga deemanii booda harka saamunaan dhiqachuu
5.Nyaata sirriitti bilcheessanii nyaachuu
6.Bishaan qulqullina hin qabne dhuguu dhiisuu
7.kuduraa dheedhii hin bilchaatin nyaachun dura sirriitti dhiquu

Dr. ShimelisDr. Shimelis

DHUKKUBA KALEE👉Kaleen xurii fi dhangala’aan(keemikaalonni) adda addaa gama fincaaniin qaama keessaa akka ba’an gochuun a...
02/03/2024

DHUKKUBA KALEE

👉Kaleen xurii fi dhangala’aan(keemikaalonni) adda addaa gama fincaaniin qaama keessaa akka ba’an gochuun akkasumas hamma hoormoonii qaama keenyaa sirreessuun,madaala qaama keenyaa eega.
👉Yeroo kaleen keenya miidhame madaalli kun jeeqamuun dhibee adda addaaf nu saaxiala
👉Dhukkubni kalee iddoo 2tti qoodama isaanis
1.Dhukkuba kalee yeroo gabaabaa keessatti uummamu(acute kidney injury ) fi
2.Dhukkuba kalee yeroo dheeraa(chronic kidney disease) jedhamu
..............
Mallattoowwan Dhukkuba Kalee
👉Dhiitoo qaamaa-yeroo baayyee naannoo ijaa fi fuulaa irraa eegaluun gara qaama biraatti kan babal’atu
👉Dadhabbii qaamaa/humna dhabuu
👉Fedhiin nyaataa hir’achuu
👉Jooja'uu
👉Haalluun fiincaanii diimachuu/dhiiga makachuu
👉Hammi fincaanii hir’achuu
👉Hirriiba dhabuu fi kkf

Dhibeen kalee yeroo baayyee mallattoo hin agarsiisu(kanaaf baayyinaan yeroo qorannoon godhamu akka tasaa argama)........................
Wantoota Dhibee Kaleef Nama Saaxilan
Sababoonni dhukkuba kalee fidan iddoo 3tti qoodamau;isaanis
🔸Sababa addaan dhiigni gara kalee deemu yoo xiqqaate;
👉Dhiigni dhangala'uu
👉Sababa adda addaan dhangala'aan qaama keessa ba'u fkn garaa kaasaa,ballaqqama/hooqqisaan
👉Balaa ibiddaa
👉Infeekshiin
👉Dhukkuba onnee,tiruu fi kkf
🔸Kaleen yoo miidhamte
👉Infeekshinii kalee
👉ujummoon dhiigaa kalee yeroo cufamu
👉Qorichoota fi keemikaalota garaagaraan
🔸Fincaan Cufamuu
🔸Kanneen biroo
👉Dhukkuba sukkaaraa
👉Ol ka’insa dhiibbaa dhiigaa
👉Furdina qaamaa gara malee
👉Dhibee onnee
👉Tamboo/sigaaraa/ xuuxuu
👉sanyiidhaan
👉Alkoolii baay'isanii dhuguu....

Fayyaa Kalee Akkamiin Eeguun danda’ama?

1.Sochii qaamaa gochuu
2.Dhugaatii alkoolii dhiisuu/hir’isuu
3.Tamboo xuuxuu dhiisuu
4.Haalaa nyaataa sirreessuu-ashaboo hir’isuu fi nyaata akka kuduraa fi muduraa haalan soorachuu,nyaata pirootinni itti baayyatu hirrisuu
5.Qoricha ajaja ogeessa fayyaan ala fudhachuu dhiisuu…

Yaala Dhibee Kalee
Dhibeen kalee hatattamaan uumamu yaalaa hatattamaa argannaan baayyinaan ni fayyama
👉Dhibeen kalee yeroo keessaa uumamu dhukkuboota yeroo dheeraa booda kalee hubaniin wal qabata kanaaf wal’aansi isaa waan dhibicha fide irratti hundaa'a
👉Waliigalatti namoonni mallattoo armaan olii qaban ykn wantoota dhibee kaleef isaan saaxilu qaban atattamaan mana yaalaa deemanii qorannoo gochuu qabu
Wal’aansi dhibee kalee waan dhibicha fide irratti hundaa’uun:nyaata sirreessuu,qoricha,dialysis haga yaala baqaqsanii hodhuutti deemu danda’a

@

MALA ITTISA CIRRACHA KALEE1. Bishaan gahaa (guyyatti haga liitira lamaa) dhuguu, Keessumatti namoonni naannoo hoa'aa kee...
02/03/2024

MALA ITTISA CIRRACHA KALEE

1. Bishaan gahaa (guyyatti haga liitira lamaa) dhuguu, Keessumatti namoonni naannoo hoa'aa keessa jiraatanii fi yeroo baay'ee dafqan bishaan ga'aa dhuguu qabu.

2. Nyaata ashaboon itti baay'atee fi yeroo hunda pirootinni itti baay'ate soorachuun irraa of qusachuu.

3. Ulfaatinni qaamaa humnaa ol yoo ta'e, ulfaatina ofii hir'isuu.

4. Dhukkuboota sirna bullaa'iinsa soorataa kanneen akka IBD, chronic diarrhoea fi kkf namoonni qaban carraan dhukkuba kanaan qabamuu isaanii olka'aa waan ta'eef of eggannoo sirriitti taasisuu.

5. Qorichoota akka diuretics (qoricha nama finceessu) fi calcium based anti acids yeroo dheeraaf fudhachuun irraa of qusachuu.

Dr. Shimelis

Address

Addis Ababa

Telephone

+251913938047

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Shimelis posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category