Fayyaa Online Clinic

Fayyaa Online Clinic non profitable teaching about the health of children! read,call ,suggest and comment on it!

02/11/2023

Two doses of a measles vaccine are about 97% effective at preventing measles infections in children who get vaccinated.

To protect your child, make sure their vaccines are up to date.

05/04/2020
05/04/2020

We lost Two because of Corona😭😭😭😭😭😭

Dhukkuba saree maraattee(Rabies)Hangam keessantu waa’ee dhukkuba saree maraattee beeka?Hangam keessantu mala ittisa sare...
23/02/2019

Dhukkuba saree maraattee(Rabies)
Hangam keessantu waa’ee dhukkuba saree maraattee beeka?
Hangam keessantu mala ittisa saree maraattee beektani?
Akka kanaa gadiittan ibsa haalaan dubbifadhaa?
Argamsa dhukkuba saree maraattee
-Dhukkumni kun aardii hunda irratti argama.
-Keessattuu biyyoonni hin guddatiin,fi ijoolleewwan carraa baay’inaan hubamuu qabu.
Dhukkubni kun maaliin dhufa? maaliin daddarbahoo?
Dhukkubni kun vaayirasii Raabiisii jedhamuun dhufa.Raabisiin Bineensota hoosiftoota akka simbira halkanii,sardiidaa,fi beeyladoota akka saree faa haalaan qabuu danda’a. Haalli daddarbinsa isaas Persentii 90 ol saree maraatte irraayi. Garuu biyyoota guddatan kanneen akka amerikaa keessatti gaheen simbira halkanii salphaa miti. Sareen yoo maal hoo goote dhukkuba kana daddabarsuu dandeessi? vaaraasiin kun haala cunqoo ta’een kaninni argamu hancufa(gorara) saree maraattee keessatti dha. Kanaafuu dhukkubichi kaninni daddarbus sareen maraatte yoo nama ciniinte yookiin yoo nama moccorte dha. Nafa keenya keessaa bakka dhiidni raabsuun itti baay’atuu fi narviin haalaan jiru yoo ciniinamne or moccoramne salphaatti dhukkubichaan akka qabamnu godha. Dhukkuba saree maraattee kan sareeen daddarbuu fi simbira halkaniin daddarbu kan adda godhu kan simbira halkaniin daddarbu osoon muccarraa fi ciniinnaan hin jiraatiin cupha dhangala’aa simbira halkaanii keessaan nama tuqu qofaan daddarbuu isaati.

Edda vaayirasiin raabiisii nafa keenya keessa seenee booda maal faatu ta’a?
-Maashaalee(muscle) fi Gogaa keessatti haala suuta ta’ee fi baay’ina gadi anaa ta’een wal hora.Haalli kuni immoo dheerachuu argama mallattoolee dhukkuba saree maraattee guyyaa gaafa ciniinamatiif sababa ta’a.
-Vaayirasichi suuta suuta Narvii argachuun imala isa keessatti rieeptaroota adda adda fayyadamuun saffisaan gara ispaayinal koordii fi sammuutti gala. Egaa yeroo kanattidha kan mallattooleen mul’achuu jalqabus. Calqaba irrattis kaninni hubu sirna narvii ofiin bulaati(autonomic dysfunction) .
-Edda sammuu fi ispaayinaal koordii hubee booda ,deemsa isaa garaa qaamoolee biratti deebi’ee tamsa’a.
-Raabisiin wantoota daddabasuu ergaa narviitiif(neurotransmission) oolu kan akka teetrapoyeetiinii,dopaminii,epiniiriinii ,seretoonii fi nor epinifiriinii qaama keessa hir’isuun mallattooleen hir’ina isaaniitiin dhufu akka mul’atu godha.
Mallattolee dhukkuba saree maraattee
-mallatooleen mul’achuuf guyyaa 30 -90 turuu danda’a.
-dheerinni guyyaa mallattooleen itti mul’atan waan gurguddaa lama irratti hunda’a.
1.Guddina madaa fi baay’ina madaa ciniinnamuu irraa dhufani
-madaan guddaa fi baay’ee keessatti mallattoolee yeroo gabaabbaa keessatti mul’aachuu danda’a.
2.bakka ciniinnaman:bakki cinninaman fuula,morma,mataa, fi harka irra yoo ta’e mallattoon kun yeroo gabaabaa keessatti mul’ata.
Qo’annoo tokko akka agarsiisetti yeroon dheeraan malllattooleen mul’ate hanga yoonatti amma ji’a ja’aati.
Mallattooleen kunis:
-Dhukkubbii mataa
-hoo’ina nafaa
-dhukkubbii qoonqoo
-laaffisuu
-guuraa(haqqee)
-nyaata dhorkuu
-amala dhorkuu
-mallattooleen armaan alii yeroo baay’ee hooksisuu fi nyanyaacha bakka madaa ykn ciniinamanii wajjiin walfaana mul’ata.
-hihhitachiisuu fi boqonnaa dhorkuu(agitation)
-miira ofii beekuu dhorkuu(depressed mentation)
-gaggabsuu fi rommisiisuu(seizure)
-Bishaan jibbisiisuu
-liqimsuu sodaachisuu fi dadhabsiisuu

-paraalizii gochuu(harka fi luka laffisuu,narvilee mataa keessa ba’anillee(cranial nerves))

Yaala fi fulduree dhukkuba saree maraattee(Treatment and prognosis)
-Walii galatti dhukkumni saree maraattee edda mallattooleen mul’atani booda fayyuun hin danda’amu.Adunyaa kana irrati hanga yoonaatti namoonni dhukkuba saree maraatte irraa fayyan nama 3 duwwaadha.kanaafuu carraan dhukkuba kanarraa hafuu bakka yaala gaarii qabanittiyuu persentii shanii gadi. Dhukkuba kanaaf ittisni baay’ee murteessaadha.

ITTISA dhukkuba kanaa(prevention)
Ittisni jalqabaa baattota vaayirasii dhukkuba kanaa balleessuu fi kittibata lachuudha.Baattoon dhukkuba kanaa yeroo baay’ee akkuma armaan olitti ibsametti saree dha;sareen kittabamuu qabdi jechuudha.

Malli ittisaa inni baayee barbaachisanii fi uummanni keenya sirritti beeku qaban edda sareen dhaan ciniinamanii booda keessayyuu saree mallattoo dhukuba kana qabaniin(provoked dog) yoo ciniinamanii booda kittibaata(post esposure prophylaxis) fudhachuu qabu.
Haala saree san laaluu
Wantoota godhamuu qaban

Sarichi fayyaa fi argachuun ni danda’ama yoo tae guyyaa 10 niif hidhanii ilaaluu
Vaaksiniiin hanga sarichi mallattoo agarsiisutti hin kennamu

Sarichi maraataa yoo ta’e
Saffisaan osoo hin turiin vaaksinii(kittibaata) fudhachuu

Sarichi kan hin beekamne(fkn yoo baqate)
Vaaksinii fudhaachuun dura ogessa yaalaa naannoo jiran faana waliin hasaa’uu.

Waldaan Fayyaa addunyaa akka armaan gadiitti kittibata raabiisii akka armaan gadiitti ajaja(WHO post exposure recommendation)
Bakka madaa(Would site(s))
Makka madaa samunaa fi bishaaniin miccuu,Vaaksiinii teetanasii fudhachuu

Huuman raabis immunogiloobulinii(HU RIG)
Yoo jiraate ,20iu/kg,walakkaa isaa madaa keessatti naquu,fi walakkaa isaa maashaaa keessatti kennuu(IM);garuu bakka vaaksiniin kennamu irraa fageessamee.

Kittibaata kennuu(rabies vaccine)
1ml maashaa deltooyidii (deltoid muscle)keessa guyyaa jalqabaa,guyyaa sadaffaatti,guyyaa torbaffaatti,guyyaa kudha arfaffaatti.NB yoo daa’imni suni madinummaa gaarii hin qabaanne(immunocompromised) ta’e doosiin shanaffaan guyyaa 28 ffaatti ni kennama

kenninsa kittibaataaf Fillannoon biraa immoo biraa gogaa keessa(intera dermal) keennuun ni danda’ama. Doosiiin isaa tokkuma,guyyaan kennamu garuu 0,7,and 21 or 28 titti
ITTISUUN FAYYISUURRA WAYYA,prevention better than cure!
“CHILDREN ARE NOT A LITTLE ADULT”
galatoomaa!!

Goginsa gara (Constipation)Goginsi garaa rakkolee fayyaa daa’immanii keessa isa tokko. Rakkoon kun yeroo mul’atu maatiin...
17/02/2019

Goginsa gara (Constipation)
Goginsi garaa rakkolee fayyaa daa’immanii keessa isa tokko. Rakkoon kun yeroo mul’atu maatiin illee baay’ee Dhiphatu,ni rakkatus. Kana faana waan walqabate akka armaan gadiitti isiiniif ibseeraa dubbifadhaa,hojiittis hiikaa!
Hiikkaan Goginsa garaa sadhaatawaa(relative) fi waantoota gurguddoo sadi irratti hundaa’a. Isaanis:
1.Laaffina ykn jabina boolii guddaa(udaanii)( stool consistency)
2.Baay’ina yeroo boolii guddaan itti ba’u(stool frequency)
3.Boolii guddaa baasuuf rakkachuu(difficulty in passing stool)
Kanarraa ka’uun daa’imni boolii guddaa jabaataa ta’e qabu/qabdu,Boolii baasuuf kan rakkatu/ttu, fi garagarummaa guyyaa sadii fi isaan oliin kan boolii baastu akka goginsa garaatti yaalamuutu irraa eegamma.
Sababoota goginsa garaa fidan(causes of constipation
Sababoonni goginsa garaa fidan bakka gurguddaa lamatti qoodamu.Isaanis :
1.Ofumaaf (dalaga fayyaammummaa mar’immanii) wajjiin kan wal qabate(functional or non-organic)
2.Rakkoolee qaamolee(mi’oota garaa fi kan biroo) wajjiin wal qabate.
Sababoota armaan olitti ibsaman kana tokkoon tokkoon kaasneet ilaalla.
1.Ofumaaf : kana keessatti rakkoon garaacha,mar’immaanii,Narvii ,hormonii, Miniraalaa ,Hir’ina vaataminii fi kkf osoo hin jiraatiin akkasumaan goginsa garaa mul’atu dha.
Hiika(definition of functional constipation): goginsa garaa sababni isaa hin beekamne torbee lamaa fi isaa ol kan turuu fi dhiphina guddaa daa’ima irratti mul’atu dha.Wanni addaa goginsa akkasii keessatti mul’atu keessa tokko daa’imni osoo beekuu udaan qabachuu(intentional withholding of stool) dha.Yeroo baay’ee kan inni mul’atus yeroo jijjiirraan nyaata daa’immanii jiraatu keessaa yeroo harma haadhaa irraa aannan saaaatti jijjiiramu dha.Sababni isaa waa lamaaf.Tokko qabiyyeen rashi’oo pirotiinii fi sukkaaraa(carbohydrate)waan jijjiiramuuf.Inni lammafffaan immoo alerjiin aannan sa’aa qabuufi. Yeroo tokko tokko boobbaa(udaan) kaawwachuun (stool retention) sababa dho’insa bubbuu fi munneetiin walqabachuu danda’a dhukkuba yeroo boolii baasan itti dhaga’amu hambisuuf.

Goginsa gosa kanaa keessatti wantoonni armaan gadii daa’immanirratti ni mul’ata:
-bakka fi yeroo hin eeggamnetti boolii baasuu(encopresis)
-udaan irratti dhiigni mul’achuu
-Bokokuu garaa
-fedhii nyaataa hir’isuu
-yeroo boolii baasan dhidhiphaachuu
-Dhabamuu(absence) mallattolee akka quucaruu(failure to thrive),ulfaatina dabaluu dhabuu fi hir’isuu,dhukkubbii garaa,Guuraa(hooqqisa,haqqee,diddigsuu,balaqamsuu),dhohinsi munnee fi bubbuu kan agarsiisu goginsa gosa kanaati(functional constipation).

Maatiiwwaan ijoollee mallattoolee armaan olitti heeraman kana yeroo argan dafanii gara mana yaala daa’immanii(pediatrics specialty clinic)akka fudhattanii deemtan nan beeksiisa.Yoo yaalli akkasii naannoo keessan hin jiraannemmoo manuma yaalaa dhihoo keessan jiru dubbisaa!!

Yeroo Garaa(Abdominal physical examination) ilaallu waanni nuyi argachuu dandeenyu: udaan qabeen guddaa ta’e garaa gara gadiitti(suprapubic area) ni mul’ata ykn qaqqabama;yeroo qubaan bubbuu laallu bubbuun udaaniin kan guutame ta’a.
Yaala goginsa garaa ofumaaf(Treatment functional constipation)
1-yaalli isaa inni jalqabaa barsiisuudha(pt education)
-yeroo hunda nyaata booda daqiiqaa 5-10f teessisuun boolii akka itti baasan barsiisuu(regular toilet training by putting on their toilet for late infant ,toddlers and preschool ages)
2-Udaan gogee bubbuutti rakkate baasuu(relief of impaction)
-Yoo udaan gogee bubbuutti rakkatee ba’uu dide jiraate buubbuu normal salaaniiniidhaan dhiquun baasuu(remove impacted stool by Enema).Kuni ta’uu kan danda’u Mana yaalatti.
3-laaffistuu fayyadamuu(udaan goge laaffisuu)
-laaffistoonni udaan laffisuuf fayyadamnus:
-Zayita miniraalaa(mineral oils)
-polyethylene glycol preparations(eg.gycerol suppository)
-lactulose suppository
-Bisecodyl suppository ; Yaadachiisaaf:biseekodayiliin waan sochii mar’immanii dabaluuf guyyaa shan caala akka hin fayyaadamne;sababni isaa kaasaa(ykn albaatii) waan fiduufi.keessayyuun kan afaaniin fudhaatamu(kiniiniin isaa) rakkoo kana faana kan walqabatuudha.
4.Akaakuuwwan nyaataa goginsa garaa faana walqabatan hir’isuu ykn hambisuu.
Kunniinis: Muzii,aannan sa’aa,nyaata faatii hanga guddaa of keessaa qaban(fatty foods like butter,oils) hambisuu
5.Nyaata faabiriin gaabbooman(rich in fibers) nyaachisuu;innis udaan laaffisuuf gargaara.Isaanis:
-juusii fuduraalee(maangoo,avocado,anaanasii)
-nyaata muduraalee of keessaa qabu nyaachiisuu
-Daabboo fi nyaata midhaanota osoon qolli irraa hin qulqullaa’iin daakkamerra hojjetame nyaachiisuu(un refined cereals)
Hordooftoota kiyya guyyaa biraammoo Goginsa garaa sababa garagaraatiin dhufan waliin laalla.
“Daa’imman nama guddaa xiqqaate miti!! Children are not a little adult”
Galatoomaa;horaa bulaa!

Dhaadannoo"Daa'imni nama guddaa xiqqaate miti;children is not a little adult" qabadhee ka'ee uummata kiyya waa'ee fayyaa...
17/02/2019

Dhaadannoo"Daa'imni nama guddaa xiqqaate miti;children is not a little adult" qabadhee ka'ee uummata kiyya waa'ee fayyaa daa'immaniirratti "online" tajaajila keennuuf qophaa'eera.Uummanni keenyas baasiin tokko malee odeeffannoo ga'aa waa'ee fayyaa daa'immanii irratti "page" kiyya jaalachuun(like)gochuun hordofuu dandeessu!
Daa'immawwani(ijoolleen) fayyaa guutuu argachuuf mirga qabu.Fayyaa daa'immanii(ijoollee) eeguun fayyaa biyyaa eegudha.Egereen biyya tokko daa'imman fayyaleessa iratti kufti.kanaaf fayyaa daa'immanii waliin yaa eegnu!

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fayyaa Online Clinic posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Fayyaa Online Clinic:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram