23/02/2019
Dhukkuba saree maraattee(Rabies)
Hangam keessantu waa’ee dhukkuba saree maraattee beeka?
Hangam keessantu mala ittisa saree maraattee beektani?
Akka kanaa gadiittan ibsa haalaan dubbifadhaa?
Argamsa dhukkuba saree maraattee
-Dhukkumni kun aardii hunda irratti argama.
-Keessattuu biyyoonni hin guddatiin,fi ijoolleewwan carraa baay’inaan hubamuu qabu.
Dhukkubni kun maaliin dhufa? maaliin daddarbahoo?
Dhukkubni kun vaayirasii Raabiisii jedhamuun dhufa.Raabisiin Bineensota hoosiftoota akka simbira halkanii,sardiidaa,fi beeyladoota akka saree faa haalaan qabuu danda’a. Haalli daddarbinsa isaas Persentii 90 ol saree maraatte irraayi. Garuu biyyoota guddatan kanneen akka amerikaa keessatti gaheen simbira halkanii salphaa miti. Sareen yoo maal hoo goote dhukkuba kana daddabarsuu dandeessi? vaaraasiin kun haala cunqoo ta’een kaninni argamu hancufa(gorara) saree maraattee keessatti dha. Kanaafuu dhukkubichi kaninni daddarbus sareen maraatte yoo nama ciniinte yookiin yoo nama moccorte dha. Nafa keenya keessaa bakka dhiidni raabsuun itti baay’atuu fi narviin haalaan jiru yoo ciniinamne or moccoramne salphaatti dhukkubichaan akka qabamnu godha. Dhukkuba saree maraattee kan sareeen daddarbuu fi simbira halkaniin daddarbu kan adda godhu kan simbira halkaniin daddarbu osoon muccarraa fi ciniinnaan hin jiraatiin cupha dhangala’aa simbira halkaanii keessaan nama tuqu qofaan daddarbuu isaati.
Edda vaayirasiin raabiisii nafa keenya keessa seenee booda maal faatu ta’a?
-Maashaalee(muscle) fi Gogaa keessatti haala suuta ta’ee fi baay’ina gadi anaa ta’een wal hora.Haalli kuni immoo dheerachuu argama mallattoolee dhukkuba saree maraattee guyyaa gaafa ciniinamatiif sababa ta’a.
-Vaayirasichi suuta suuta Narvii argachuun imala isa keessatti rieeptaroota adda adda fayyadamuun saffisaan gara ispaayinal koordii fi sammuutti gala. Egaa yeroo kanattidha kan mallattooleen mul’achuu jalqabus. Calqaba irrattis kaninni hubu sirna narvii ofiin bulaati(autonomic dysfunction) .
-Edda sammuu fi ispaayinaal koordii hubee booda ,deemsa isaa garaa qaamoolee biratti deebi’ee tamsa’a.
-Raabisiin wantoota daddabasuu ergaa narviitiif(neurotransmission) oolu kan akka teetrapoyeetiinii,dopaminii,epiniiriinii ,seretoonii fi nor epinifiriinii qaama keessa hir’isuun mallattooleen hir’ina isaaniitiin dhufu akka mul’atu godha.
Mallattolee dhukkuba saree maraattee
-mallatooleen mul’achuuf guyyaa 30 -90 turuu danda’a.
-dheerinni guyyaa mallattooleen itti mul’atan waan gurguddaa lama irratti hunda’a.
1.Guddina madaa fi baay’ina madaa ciniinnamuu irraa dhufani
-madaan guddaa fi baay’ee keessatti mallattoolee yeroo gabaabbaa keessatti mul’aachuu danda’a.
2.bakka ciniinnaman:bakki cinninaman fuula,morma,mataa, fi harka irra yoo ta’e mallattoon kun yeroo gabaabaa keessatti mul’ata.
Qo’annoo tokko akka agarsiisetti yeroon dheeraan malllattooleen mul’ate hanga yoonatti amma ji’a ja’aati.
Mallattooleen kunis:
-Dhukkubbii mataa
-hoo’ina nafaa
-dhukkubbii qoonqoo
-laaffisuu
-guuraa(haqqee)
-nyaata dhorkuu
-amala dhorkuu
-mallattooleen armaan alii yeroo baay’ee hooksisuu fi nyanyaacha bakka madaa ykn ciniinamanii wajjiin walfaana mul’ata.
-hihhitachiisuu fi boqonnaa dhorkuu(agitation)
-miira ofii beekuu dhorkuu(depressed mentation)
-gaggabsuu fi rommisiisuu(seizure)
-Bishaan jibbisiisuu
-liqimsuu sodaachisuu fi dadhabsiisuu
-paraalizii gochuu(harka fi luka laffisuu,narvilee mataa keessa ba’anillee(cranial nerves))
Yaala fi fulduree dhukkuba saree maraattee(Treatment and prognosis)
-Walii galatti dhukkumni saree maraattee edda mallattooleen mul’atani booda fayyuun hin danda’amu.Adunyaa kana irrati hanga yoonaatti namoonni dhukkuba saree maraatte irraa fayyan nama 3 duwwaadha.kanaafuu carraan dhukkuba kanarraa hafuu bakka yaala gaarii qabanittiyuu persentii shanii gadi. Dhukkuba kanaaf ittisni baay’ee murteessaadha.
ITTISA dhukkuba kanaa(prevention)
Ittisni jalqabaa baattota vaayirasii dhukkuba kanaa balleessuu fi kittibata lachuudha.Baattoon dhukkuba kanaa yeroo baay’ee akkuma armaan olitti ibsametti saree dha;sareen kittabamuu qabdi jechuudha.
Malli ittisaa inni baayee barbaachisanii fi uummanni keenya sirritti beeku qaban edda sareen dhaan ciniinamanii booda keessayyuu saree mallattoo dhukuba kana qabaniin(provoked dog) yoo ciniinamanii booda kittibaata(post esposure prophylaxis) fudhachuu qabu.
Haala saree san laaluu
Wantoota godhamuu qaban
Sarichi fayyaa fi argachuun ni danda’ama yoo tae guyyaa 10 niif hidhanii ilaaluu
Vaaksiniiin hanga sarichi mallattoo agarsiisutti hin kennamu
Sarichi maraataa yoo ta’e
Saffisaan osoo hin turiin vaaksinii(kittibaata) fudhachuu
Sarichi kan hin beekamne(fkn yoo baqate)
Vaaksinii fudhaachuun dura ogessa yaalaa naannoo jiran faana waliin hasaa’uu.
Waldaan Fayyaa addunyaa akka armaan gadiitti kittibata raabiisii akka armaan gadiitti ajaja(WHO post exposure recommendation)
Bakka madaa(Would site(s))
Makka madaa samunaa fi bishaaniin miccuu,Vaaksiinii teetanasii fudhachuu
Huuman raabis immunogiloobulinii(HU RIG)
Yoo jiraate ,20iu/kg,walakkaa isaa madaa keessatti naquu,fi walakkaa isaa maashaaa keessatti kennuu(IM);garuu bakka vaaksiniin kennamu irraa fageessamee.
Kittibaata kennuu(rabies vaccine)
1ml maashaa deltooyidii (deltoid muscle)keessa guyyaa jalqabaa,guyyaa sadaffaatti,guyyaa torbaffaatti,guyyaa kudha arfaffaatti.NB yoo daa’imni suni madinummaa gaarii hin qabaanne(immunocompromised) ta’e doosiin shanaffaan guyyaa 28 ffaatti ni kennama
kenninsa kittibaataaf Fillannoon biraa immoo biraa gogaa keessa(intera dermal) keennuun ni danda’ama. Doosiiin isaa tokkuma,guyyaan kennamu garuu 0,7,and 21 or 28 titti
ITTISUUN FAYYISUURRA WAYYA,prevention better than cure!
“CHILDREN ARE NOT A LITTLE ADULT”
galatoomaa!!