30/11/2025
Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa – Gamaggamaa Hojii Ji’a Afurii gaggeesse.
==================
Sadaasa 22-2018
Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa gamaggamaa hojii xiyyeeffannoo ji’a afurii milkaa’inaan xumuree jira. Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa, Obbo Mahammadsani Alii, haasaa baniinsaa irratti haasaa taasisaniin, gamaggamni hojii yeroo yerootti gaggeeffamu hojii karoorfame galmaan ga’uuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Keessumattuu waggaa kana keessatti:
Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa,KTL,Hojii Zero Dose adda baasuu,TB adda basuu fi calaallii kanseerii balballaa gadameessaa fi ittisa busaa akkasumas hirmaannaa ummataa cimsuu,irratti xiyyeeffannoon kennamee jiraachuu ibsaniiru.
Gama biraatiin, eksippertoonni Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa gabaasa hojii ji’a afurii dhiheessanii booda, gandoota raawwii gadi-aanaa qaban irratti kan xiyyeeffate gamaggamni gad fageenyaan gaggeefamera. Gamaggama kanaan hanqinoota jiran adda baasuun kallattii foyya’insaa fi tarkaanfiin sirreefamma fudhatamaa kan deemuu ta'uu obbo Mahammadsani Alii ibsaniiru. Kanaa malees bu’aaleen argamanis hojii fayyaa waan haalaan deggeran ta’uu ibsameera.
Kallattiiwwan Tajaajila Talaallii Daa’immanii Foyyeessuuf qabxiiwwan and armaan gadii akka hojiirra armaan gadii hojiirra oolchuu akka qabnuu itti dabaluun ibsaniru.
1. Ganda ofii Beekuu, Maatii Galmeessuu fi Daa’imman Haaraa Adda Baasuu
- Ji’a ji’aan Abba warraa mara daawwachuun daa’imman talaallii hin jalqanne fi hafan adda baasuu.
- Faayilii maatii fi galmee EPI yeroo yerootti haaromsuu.
- Hoggantoota ganda, WDA/Idir fi hayyoota amantii waliin hojjechuun daa’imman haaraa saffisaan argachuu.
2. Daa’imman Haaraa Dhalatan Saffisaan Beekuu
- TBA, hayyoota amantii fi maatii waliin odeeffannoo dhalootaa saffisaan dabarsuuf sirna gabaabaa diriirsuu.
- Daa’imman haaraa OPV0, Hep-B fi BCG yeroo sirriitti akka argatan gochuu.
3. Daa’imman Hafan Duubatti Deebisu (Defaulter Tracing)
- Ji’a ji’aan ykn torbee torbeen tarree hafaa galmee EPI irraa baasuu.
- WDA fayyadamuun daa’imman hafan maatii isaanii irraa deebisuu.
- Maatii guyyaa deebi’iinsaa iftoomina qabu kennuu fi yaadachiisuu.
4. Beeksisa Hawaasaa fi Hubannoo Maatii Cimsuu
- Walgahii hawaasaa, marii bunaa fi gareewwan haadholiin irratti hubannoo babal’isu.
- Yaada dogoggoraa hawaasa keessa jiru haala afaanii fi aadaa beekanii hiiku.
- Hoggantoota amantii fi aadaa waliin hojjechuun deeggarsa talaallii cimsuu.
5. Tajaajila Tika Caabaa Qulqullina Qabu Mirkaneessuu
- Sagantaa guyyaa/jimaata RI itti fufiinsaan hojiirra oolchuu.
- Qabbanaa’insa, galmee sirrii fi nageenya mala qorichaa hordofuu.
- Open vial policy fayyadamuun carraa hafuu hir’isuun daa’imman hunda qorachuu.
6. Tajaajila Bahaa (Outreach) fi Moobaayil Cimsuu
- Gandoota fagoo fi gahuun rakkatu irratti xiyyeeffachuu.
- Mikiroopilaanee irratti hunda’uun tajaajila bahaa qopheessuu.
- Hawaasa, maanguddoo fi WDA waliin beeksisa guyyoota tajaajilaa taasifuu.
7. Qulqullina Daataa fi Itti Fayyadama Isaa Cimsuu
- Galmee, tallii fi rippoortii walsimsiisuun guutuu.
- Torbee torbeen PHCU waliin daataa ilaaluun daa’imman zero-dose adda baasuu.
- Defaulter chart fi monitoring chart sirnaan hojiirra oolchuu.
8. Hojii Waliin Ta’uun Damee Garaagaraa Jabeessuu
- Mana barumsaa, dargaggoota, DAs fi dubartoota hirmaachisuun beeksisa talaallii babal’isu.
- PHCU director fi focal EPI HC waliin hojjechuun deeggarsa barbaachisaa argachuu.
9. Deeggarsa fi Too’annoo Deeggarsaa (Supportive Supervision)
- Walgahii ji’a ji’aan PHCU irratti hirmaachuun rakkoo jiru ibsuu.
- Karoora fooyya’insaa fi barsiisuu hojiirra oolchuu.
10. Maatii Hirmaachisuun Bu’aa Fidu
- Maatii gorsa ifaa kennuu: dosa hunda guutuu, hafan booda saffisaan deebi’uu.
- Kaardii talaallii eegsisuu.
- WDA fi bilbala/ergaa fayyadamuun maatii yaadachiisuu.