18/01/2026
"Fatty liver ykn Cooma Tiruu jedhamu maali?
***Tiruun keenya uumamaan wantoota summaa'oo qaama keessaa balleessuu fi coomaa fi zeeyta bulleessuun beekkamti akkasumas immoo uumamaan dandeettii cooma hanga 5% of-keessatti qabachuu qabdi. Garuu gaafa hammi cooma isii keessatti kuufame ulfaatinnaa isii waliigalaa keessaa harka 5%-10% ol ta'u, seelonni Tiruu baay'een coomaan waan ukkaamfamaniif tiruun keenya dadhabaa dadhabaa dhufti. Yeroo kana namni tokko fatty liver ykn Cooma tiruu qabaa jenna.
Innis wantoota cooma tiruu fidan irratti hundaa'uun bakka lamatti qoodama.
1. Alcoholic Fatty liver Disease kan jedhamu yemmuu ta'u, kan dhufus dhugaatii Alkoolii garmalee dhuguu irraa kan ka'eedha. Akkaatan itti uumamus Alkooliin seelota Tiruu waan miidhuuf, Tiruun keenya cooma ofirraa baasuu ykn bulleessuu dadhabaa dhufti. Ergasii coomnis kuufamaa deemuun hamma isiin dandeettuu ol itti ta'a.
2. Inni 2ffaan immoo Non-alcoholic Fatty Liver Disease kan jedhamuu fi baay'innaan namoota alkoolii hin dhugne ykn xiqqo xiqqo dhugan irratti kan muldhatu yemmuu ta'u, yeroo baay'ee furdina garmalee, dhukkuba sukkaaraa fi rakkoolee metabooliziimii biroo wajjin wal qabatee rakkoo dhufuudha.
A. Maaltu namatti fida isa jedhuuf immoo
1. Furdina garmalee keessattuu kan naannoo garaa "Belly fat" isa jedhamu.
2. Dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa
3. Kolestirooliin "Low Density Lipoprotein" jedhamu dhiiga keessatti baay'achuu.
4. Nyaata zeeytaa fi sukkaarri itti baay'ate yeroo dheeraaf soorachuu fi
5. Alkoolii yeroo dheeraaf humnaa ol dhuguun sababoota ijoo ta'aniidha.
B. Mallattooleen isaa hoo maal fa'i?
Sadarkaa jalqabaa irratti dhukkubni kun mallattoo homaatuu kan hin agarsiifne yemmuu ta'u, namoonni baay'een dhukkuba kana qabaachuu kan beekan yeroo dhibee biraaf saxilamanidha
fayyaan faaya.