Dr Kebenesa Derirsa

Dr Kebenesa Derirsa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr Kebenesa Derirsa, Doctor, Ambo.

DHIIGUU IRGA ILKAANII MAALTU FIDA?**********************************1. Kulkula irgaa (gingivitis): irgi kulkuke, ni diim...
28/12/2025

DHIIGUU IRGA ILKAANII MAALTU FIDA?
**********************************
1. Kulkula irgaa (gingivitis): irgi kulkuke, ni diimata, xiqqoo dhiita'a, yoo rigatan ammoo salphaatti dhiiga. Kun ammoo eegumsa ilkaanii ga'aa namoota ilkaan isaaniif hin goone baay'inaan mudata. Kana ofirraa hambisuuf ilkaan keenya yeroo yerootti qulqulleeffachuudha.

2. Ilkaan yoo rigatan, yoo kan baay'ee humnaan rigan (too hard brushing) ta'e irgi fayyaan illee dhiiguu mala.

3. Namootni dhukkuba sukkaaraa qaban, carraan irgi isaanii kulkuluu fi madaa'uu olka'aadha, akksumas, yoo madaa'e carraan dafee fayyuu isaa gadi bu'aadha. Kanaaf irgi isaanii dhiiguu danda'a.

4. Dubartoonni ulfaas akkasuma carraan kulkula irgaa (gingivitis) qabaachuu isaanii olka'aa waan ta'eef ilkaan isaanii salphaatti dhiiguu danda'a.

5. Hir'ina vaaytaamin C. Yoo vaayitaamin C qaama keessaa hir'ate, irgi diimatee dhiita'ee dhiiga.

6. Hir'ina vaayitaamin K. Vaayitamiin K n dhiigni akka ititu taasisuu keessatti ga'ee ol'aanaa waan qabuuf, yoo qaama keessaa dhabame haala salphaan akka namni dhiigu taasisa.

7. Xiqqaachuu pilaatleetii (seelii dhiigaa itituu dhiigaaf fayyadu) qaama keessaa. Kunis dhukkuboota gosaan hedduu ta'aniin kan dhufu dha.

8. Qorichoota dhukkuba biraaf kennaman kanneen akka Warfarin (qoricha dhiigni akka hin ititne dhorkuuf kennamu) fi k*k
fayyaan faaya.

Dhukkuba Rifaatuu Tasaa  - Panic Disorder^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^* Gartuu dhukkuboota yaaddoo garmalee ...
28/12/2025

Dhukkuba Rifaatuu Tasaa - Panic Disorder
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
* Gartuu dhukkuboota yaaddoo garmalee (anxiety disorders) keessaa isa tokko.
* Dhukkuboonni yaaddoo garmalee (anxiety disorders) dhukkuboota yaaddoo cimaa fi sodaa yaaddoo san irraa madduun, haalli hojii, barnoota ykn hawaasummaa namoota itti jeeqamuudha.

* Bu’aa ba’ii jireenyaa keessatti yaaduu fi dhiphachuun waanuma jiru ta’ullee, garuu yaaddoon akka dhukkuba yaaddoo garmaleetti (anxiety disorders) fudhatamu isa yaaddoo fi sodaan namoota haala qabatama wojji hin deemne, kan yeroo hunda itti dhagahamu, fi haala jireenyaa namoota irratti dhiibbaa fideedha.

Dhukkubni rifaatuu fi hollattiinsa akka tasaa ( Panic Disorder) irratti:

* Namoonni otoo hin yaadin miirri sodaa ol’aanaan, naasuunii fi hollatiinsi tasa sababa malee isaan mudata.
* Akkasumas balaa ol’aanaa keessa kan jiran isaanitti fakkaatuu irraa tarkaanfilee garagaraa kan balaaf isaan saaxilu raawwachuu danda’u.

* Dhukkubni rifaatuu akka tasaa rakkoo fi mallattoo qaamaa fi sammuu walmakaa ta’an kan agarsiisu yoo ta’u, yeroo dhukkubichi namatti ka’u (panic attack), mallattoolee asiin gadi kana keessaa hedduun isaanii walitti makamanii mul’atu:
* Dha’annaa onnee namatti beeksisuu fi saffisuu,
* Miira hafuura kutuu ykn ukkaamsuu,
* Dafquu,
* Raafamuu ykn hollachuu,
* Miiraa tasa hoo’i qaama irra faca’uu,
* Kokkee irratti miira hudhamuu,
* Dhukkubbii laphee fi garaa,
* Lollojji, haqqee,
* Harki hohollachuu,
* Mataan itti salphatuu,
* Lafti ittiin naanna’uu, hanga iddoo jiran wollaaluu fi of-wallaaluu gahuu danda’u,

Akkasumas sodaa cimaa rakkoon kun deebi’e na mudata jedhu qabaachuu irraa iddoo inni itti kanaan dura isaan mudate dheessuu. Yeroo rakkoon kun isaan mudate akka waan du’aa jiranitti yaaduu fi cinqamu.

Mallatooleen kun namoota dhukkuba kana qaban irratti guyya tokkotti si’a heddu ykn woggaa keessatti si’a muraasa qofa isaan mudachuu danda’u.
fayyaan faaya.

Michii Sombaa《Pneumonia 》|*************************************Qilleensaatu na dhawe yeroo jedhan dhageessanii beektuu?M...
26/12/2025

Michii Sombaa《Pneumonia 》|
*************************************
Qilleensaatu na dhawe yeroo jedhan dhageessanii beektuu?
Michiin sombaa yeroo sombi keenya sababa garaagaraatiin nama kulkulu kan namatti dhufudha. Michiin Sombaa nama umrii kamuu miidhuu kan danda'uudha. Garuu irra baayyinaan daa'ima waggaa 2 gadii fi manguddoo waggaa 65 olii miidha
Michiin Sombaa dhibee salphaadhaa hanga dhibee lubbuuf sodaachisaa ta'ee namatti fiduu danda'a!
-----
Mallattoo Michii Sombaa
******************************
Mallattoon Michii sombaa gosa jarmii dhukkuba nama qabsiisu (baakteeriyaa , vaayirasii fi kkf), umrii fi fayyaa waliigalaa nama sanaa irratti hundaa'uun garaagara ta'uu danda'a. Namni dhukkubsate tokko mallattoolee asiin gaditti eerame hunda agarsiisuu dhabuu danda'a.
✍ Qufaasisuu
✍ Hafuurri namatti ciccituu
✍ Qomti nama dhukkubuu/wawwaraanuu
✍ Leeydaa /Gubaa qaamaa qabaachuu
✍ hoollachiisuu
✍ Dadhabsiisuu
----'
Maaltu Michii Sombaatiif nama saaxilaa?
-----
1. Guyyaa lamaa ol sababa dhibee birootiif hoospitaala ciisuu
2. Dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa keenyaa hir'achuu
3. Dhukkuboota yeroo dheeraaf namarra turan kan akka onnee, kalee, sukkaraa qabaachuu
4. Sigaaraa aarsuu
-----
Miidhaa Michiin Sombaa namarraan gahu
-----
👉 Sombi akka malaa godhatu godhuu
👉 Bishaan akka naannawa sombaatti kuufamu godhuu
👉 Baakteeriyaan dhibee kana fidee san dhiiga seenuudhaan qaamoota biraarratti miidhaa geeysisuu
---
Akkamitti ofirraa ittisna
---
- Talaallii fudhachuu
- Daa'imman tallaalchisuu
- Qulqullina afaanii fi ilkaanii sirritti eeggachuu
- Sigaaraa aarsuu dhiisuu
fayyaan faaya.

VITILIIGOO************************************👉 Vitiliigoon dhukkuba halluu gogaa namaa addeessu dha👉Dhukkubni kun seelo...
24/12/2025

VITILIIGOO
************************************
👉 Vitiliigoon dhukkuba halluu gogaa namaa addeessu dha
👉Dhukkubni kun seelonni gogaa namaa kan haalluu oomishan kan melanocytes jedhaman yoo dudu’an yookan yoo hojii dhaaban kan uumamuudha
👉 Seelota kanas kan ajjeessu humna dhukkuba nurraa uttisu (madiinummaa) (immunity) keenya dha.....
◉Dhukkubni kun waltuttuquudhaan namarraa namatti hin daddarbu
◉Lubbuu galaafachuuf kan ga’us miti, garuu miidhagina balleessuudhaan ofitti amantummaa namaa miidhuu danda’a.

🔹Wanttota dhukkubichaaf nama saaxilan
👉Sanyiidhan
👉Dhukkuboota tokko tokko-kan akka Sukkaaraa,taayirooyidii,lupus, dhukkjba buusawwanii(RA)..
👉Dhiphina sammuu
👉Balaan gogaa irra yoo gahe
👉Keemikaalota fi cararii

🔹Wal'aansa
◉Qoricha
👉Vitiliigoon qorichaan ni yaalama. Kana ammoo haala jiru ilaalee kan ajaju, ogeessa speeshaalistii dhibee gogaa (Dermatologist) dha
👉Qorichoonni kennaman kun guutummaatti balleessuu yoo baatan illee akka hir'atuu fi akka hin babballanne ni godhu.

◉Yaala baqaqsanii yaaluu
👉 kunis gogaa bakka seelota vitiliigoo kanaan hin hubamiin irraa fuudhanii bakka hubame kanatti suphuun yaalama.
fayyaan faaya.

FAAYIDAA DAMMI AANNAN WALIIN QABUUDamma aannan waliin walitti makuun soorata badhaadhaa wantoota lamaan keessa jiran irr...
24/12/2025

FAAYIDAA DAMMI AANNAN WALIIN QABUU

Damma aannan waliin walitti makuun soorata badhaadhaa wantoota lamaan keessa jiran irraa kan ka’e faayidaa fayyaa adda addaa kennuu danda’a. Faayidaawwan ijoo tokko tokko kunooti:

1. Hirriba akka rafnuuf nuu gargaraa

Aannani ho'aan damma waliin ta'e qaamaa fi sammuu boqochiisuuf gargaaruu danda'a, hirriba gaarii akka rafnu gargaara. Aannani tiriiptoofan kan of keessaa qabu yoo ta'u, seerotooniin fi melaatooniin akka oomishuuf kan gargaaru yoo ta'u, damma hormoonota kana to'achuuf gargaara.

2. Humna ni guddisa

Walnyaatinsi kun sukkaara uumamaa damma keessa jiruu fi pirootiinii fi kaarboohayidireetii aannan keessa jiruun akka anniisaa uumamaa guddisuutti tajaajila.

3. Bullaa'insa nyaataa ni fooyyessa

Damma amaloota prebiotic fayyaa garaachaa jajjabeessuun kan beekamu yoo ta'u, aannan ammoo ujummoo garaachaa tasgabbeessa. Waliin ta’uun bullaa’insa nyaataa gargaaruu fi qufaa salphisuu danda’u.

4. Lafee ni jabeessa

Aannan kaalsiyeemii fi vitaamin D kan qabu yoo ta'u, lafee cimaaf barbaachisaa dha. Damma xuuxamuu kaalsiyeemii kan guddisu yoo ta'u, walnyaatinsi kun fayyaa lafeef daran bu'a qabeessa taasisa.

5. Immuity ni deeggara

Damma fi aannan lamaan isaaniiyyuu amaloota antioxidant qabu. Dammanis faayidaa farra maaykiroobiyaanii kan qabu yoo ta'u, kunis sirna ittisa qaamaa cimsuu fi infekshinii ittisuuf gargaaruu danda'a.

6. Fayyaa Gogaa ni dabaala

Walnyaatinsi kun antioxidants fi soorata barbaachisoo ta'an kan badhaadhe yoo ta'u, gogaan akka ifu, inflammation hir'isuu fi fincaan ittisuuf gargaaruu danda'a.

7. Dhiphina fi Dadhabbii ni hir'isa

Aannan ho’aa damma waliin dhuguun sirna narvii tasgabbeessuu, dhiphina hir’isuu fi sadarkaa anniisaa haaromsuu danda’a.

8. Ulfaatina qaamaa to'achuuf

Walnyaatinsi kun miira guutuu ta’uu kan namatti fidu yoo ta’u, kunis fedhii nyaataa to’achuuf gargaara. Dammanis meetaabolii coomaa ni deeggara.
fayyaan faaya.

AMMEEBAA - Amebiasis***************************Ammeebaan dhukkuba pirotozo'aa mar'umaanii kan 'Entameba histolytica' jed...
23/12/2025

AMMEEBAA - Amebiasis
***************************
Ammeebaan dhukkuba pirotozo'aa mar'umaanii kan 'Entameba histolytica' jedhamuun dhufudha. Yeroo hedduu mallattoo dhukkubaa muldhisuu dhabus baasaa dhiiga qabuu hanga tiruu irratti malaa uumuu dhukkuba geessuu danda'udha.

Ummata adunyaa keessaa parsantii kudhan kan ta'an Ammeebaa akka qaban ni tilmaamama, haa ta'u malee isaan keessaas namoota parsantii kudhan ta'an qofatu mallattoo dhukkuba kanaatiin hubama.
Haala jireenya isaa yoo ilaallu; sadarkaa guddinnaa lama (cyst and trophozoite stage) jedhamu qaba. Inni 'cyst' jennu kun kan aasidii garaacha keenya jiru dandamachuu danda'uufi mar'uumanitti gadi taruun gara 'trophozoite' jijjiiramuun dhukkuba mar'umaan guddaa (quuncessuu, madeessu) fi darbee darbee ammoo karaa hidda dhiiga deebistuu mar'umanifi tiruu wolitti fidduun (portal venous system) godhee tiruu irratti malaa guruu ykn uumuu danda'udha.
Karaan inni itti daddarbu bishaani fi nyaata qulqullinna hin qabne kan karaa garagaraatiin bobbaa nama Ammeebaa qabuun balfame dhuguuf nyaachuudhani.
Mallatolee Ammeebaa:
▪︎ Baasaa dhiiga makate
▪︎ Dhukkubbii garaa (muraa, ciniinnaa) salphaa hanga hamaa ta'e.
▪︎ Fedhii nyaata xiqqaachuu fi dhabamuu
▪︎ Ulfatinni qaamaa hirdhachuufi qama nama hoo'isuu
▪︎ Yoo tiruu irratti malaa guuree/uumee jirate cinaacha mirgaa jalatti dhukkubbiin namatti dhagahamuu, hoo'a qaamaa ol'aana ta'e, fedha nyaata dhabuu, nama hollachisuu, haqqisiisuu ykn lollojessuu, nama dadhabsiisuu, darbee darbee ammoo qufaa(biiqaa), nama hargansiisuu faati mul'achuu danda'uu.
Maal haa goonu?
° Qulqillinna nyaataaf dhugaatii keenya eeguu.
° Qorannoolee Doktarri ykn ogeessi fayyaa nuuf ajaju kan akka (qorannoo bobbaa/sagaraa, dhiigaa, fi kkf, yoo shakkiin malaa tiruu jiraate altiraasaawundiis ta'uu danda'a) kan ogeessi yaalaa ni barbaachisa jedhee nuuf ajaje hojjachiifachuu.
qoricha doctorri nu ajajee fudhachuu.
fayyaan faaya.

  Maatiin Daa'imaa Kamuu Beekuu Qabu...✍️ ✍️ Daa’imman dhalatanii hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa malee nyaati gara bi...
23/12/2025

Maatiin Daa'imaa Kamuu Beekuu Qabu...✍️

✍️ Daa’imman dhalatanii hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa malee nyaati gara biraa isaan hin barbaachisu.

🤱 ✍️ Harmi haadhaa wanta guddinaa fi jabina daa’imaaf barbaachisu mara of keessaa qaba. Nyaanni gara biraa daa’imaaf gaarii ta’e kan harma hoosisuu caalu hin jiru.

✍️ Harma hoosisuun daa’imman irraa dhukkuboota hedduu ittisa.

💪 ✍️ Daa’imni dhukkubsattu tokko yoo sirriiti harma haadhasaa hodha ta’e dhukkuba san irraa dafee akka dandamatuuf ni gargaara.

💖 ✍️ Daa’imman harma haadhaa hodhan daa’ima nyaata kan biraa sooratan caalaa fayyaan isaanii amansiisaadha.

🧼 ✍️ Harmi haadhaa yeroo hundaa qulqulluudha. Daa’imman harma haadhaa utuu hin hodhin nyaata kan biroo nyaatan, nyaata nyaatan san keessa jarmooti fayyaa isaanii huban hedduu jiraachuu waan danda’uuf carraan dhukkubsachuu guddaa qabu.

🧠 ✍️ Akka qorannoon mul’isutti daa’imman ji’oota jalqabaa ja’an keessatti aannan harma haadhaarraa argatan qofa soorachuun guddina sammu fi guutummaa qaama isaaniif albuuda isaan gargaaru guutuu argachuu danda’u.

✍️ Hanga ji’a ja’aatti daa’imman aannan harma haadhaa yoo kan sooratan ta’an, ciminnaa fi guddinna qaamaa akkasumas dhukkuba dandamatoo tahanii guddatu.
✍️ Akka amantaa namoota hedduutti daa’imman haara dhalataniif guyyoota jalqabaa muraasaaf aannan kennuufiin gaarii akka hin taane dubbatu. Namoonni kunneen bishaan sukkaaran yoo daa'ima kichuu amma dhalatteef kenname fayyaa isaaniif gaarii taha jedhanii haasayu. Lammiiwwan keenya baay’een beekumsa dhabuun kana godhu. Haa tahu malee barsiifati kun sirrii miti. Bishaan sukkaaraa fayyaa daa’imman keessanii miidha. Kanaaf harma haadha qofa kennaafi.
Daa’imni akkuma dhalatteen sa’aatiiwwaan jalqabaa keesaatti harma haadhaa argachuu qabu.
Haati takka aannan ga’aa fi qulqullina gaarii qabu daa’ima isii sooruuf, ofii isiitiif nyaata ga’aa ta’e soorachuu qabdi. Xumuraan: Daa’imni harma haadha qofa soorate fayyaa, jabina fi gammachuu guutu qaba.
fayyaa faaya.

Waa'ee Karoora Maatii (Depo profera) beektuu? ✍️Depo profera maali? Karoora maatii ji'a sadiif jedhamuun kan beekamu...✍...
22/12/2025

Waa'ee Karoora Maatii (Depo profera) beektuu?
✍️Depo profera maali? Karoora maatii ji'a sadiif jedhamuun kan beekamu...✍️

🖊️Depo-Provera (yeroo baayyee "dhukaasa" jedhamee kan waamamu) qoricha da'umsa to'annoo ajaja ogeessa fayyaatiin yeroo dheeraaf kennamudha.

*...Innis hormoonii piroojeestiin kan sinteetikii medroksiipiroojeestiroonii aseeteetii of keessaa qaba.

Ovulation (hanqaaquu akka hin gadhiifamne), dafqa gadameessaa furdeessuun isparmii ugguruu fi foolii gadameessaa salphisuun hojjeta.

isaa🖊️

🖊️Doosii Istaandardii: 150 mg lilmoo tokkoof.

🖊️ Irra deddeebiin: Ji’a 3tti al tokko kan laatamu.(tilmaamaan torban 12 hanga 13).

laatamu...✍️
Akka lilmoo maashaa keessaa (IM)tti kan kennamu yoo ta’u, yeroo baay’ee buttock ykn harka gubbaa keessatti.

# Yeroo kam kennamuu qaba✍️
🖊️Battalumatti bu’a qabeessa ta’uuf jalqabaa guyyoota shanan jalqabaa laguu idilee keessatti kennamuu qaba.

🖊️Yeroo biraa yoo kenname, yeroo baayyee guyyoota 7 jalqabaaf to’annoo da’umsaa duwwaa (akka kondomii) barbaachisa.

✍️ Miidhaa Cimaa depo fayyadamuun qabu✍️

🖊️Namoonni baay'een marsaa laguu isaanii irratti jijjiiramni ni mudata. Miidhaan cimaa kun yeroo baayyee ji’oota jalqabaa booda hir’ata garuu itti fufuu danda’a.

🖊️Jijjiirama Laguu: Dhiigni yeroo malee ykn tuqaa tuqaa baay’ee mul’ata. Waggaa tokkoof erga itti fayyadamanii booda namoonni hedduun laguu guutummaatti (amenorrhea) dhaabu, kunis akka waan nageenya qabuutti ilaalama.

🖊️Ulfaatina dabaluu

🖊️Jijjiirama Miiraa: Naasuun, dhiphina sammuu ykn aarii.

🖊️Mijachuu Qaamaa: Mataa dhukkubbii, garaa kaasaa, harmi lallaafaa ykn dhiita’uu.

🖊️Deebiin Bakka Lilmoo: Gogaa bakka itti seene keessatti xiqqoo madaa'uu, dhukkubbiin ykn "dimple" dhaabbataa xiqqaa ta'e.
🖊️Dhangala’aa Lafee Dhabuu: Yeroo dheeraaf itti fayyadamuun (waggaa 2 ol) dhangala’aa albuudaa lafee dhabuu wajjin wal qabata. Yeroo baayyee hakiimonni dabalata Kaalsiyeemii fi Vitamin D fudhachuu kan gorsan
fayyaan faaya.

🩸 Diagnostic approach to anemia (adults)🔹 Step 1: Is it an emergency?Shock, bleeding, hemolysis, ischemia? • Yes → stabi...
20/12/2025

🩸 Diagnostic approach to anemia (adults)

🔹 Step 1: Is it an emergency?

Shock, bleeding, hemolysis, ischemia?
• Yes → stabilize + transfuse
• No → evaluate
🧠 Mnemonic: “BLEED FIRST”

🔹 Step 2: Check MCV

🧠 Mnemonic: “LOW–NORM–HIGH”

🟠 Microcytic anemia (MCV 100)

Causes: B12, folate, alcohol, liver disease
Tests: B12, folate, LFTs, TSH
🧠 Mnemonic: “BIG cells need BIG vitamins”

Thanks.

"Yeroo Dhukkubbiin Kalee Nu Eegaltu Maal Gochuu Qabna?"***********************************************1. Boqonnaa Godhuu...
20/12/2025

"Yeroo Dhukkubbiin Kalee Nu Eegaltu Maal Gochuu Qabna?"
***********************************************
1. Boqonnaa Godhuu fi Tasgabbaa'uu.
- Waan hojjachaa jiruu dhaabun ciisuu ykn taa'uu.
- Hafuura dheeraa baafachuu.
- Miira dhiphinaa hir’isuuf tasgabbaa’uu.
2. Bishaan Dhuguu (yoo hin dhoowwamne):
- Bishaan qulqulluu xiqqo xiqqo dhuguun kalee qulqulleessuuf gargaara.
- Garuu yoo fincaan fancaa'uuf kan rakkanu ta'e ykn rakkoo onnee qabaanne, bishaan baay’ee dhuguun balaa ta’uu danda’a — kanaaf ogeessa fayyaa mariisisuun gaaridha.
3. Fincaan Ilaalu:
- Fincaan dhiiga qabu, foolii qabu yookiin fincaan yoo xiqqaate, mallattoo dhukkuba kalee ta’uu danda’a.
- Fincaan nama gubuun yookin dhiiga makatuun yeroo bayyee mallattoo dhukkuba kalee agarsiisa. Kanaaf dursanii odoo dhukkubbiin hin eegalin adda baafachuun barbaachisaadha.
4. Dawaa Ajaja Ogeessa Fayyaatiin Ala Liqimsuu Dhiisuu:
- Dawaan tokko tokko kalee miidhuu danda’a, fakkeenyaaf ibuprofen, paracetamol fi aspirin yeroo kaleen nu dhukkubde akka dhukkubbii nurraa dhaabuf liqimsuun rakkoof nu saaxiluu danda'a.
5. Nyaata Keenya Sirreessuu:
- Nyaata soogidda xiqqaa qabufii mi'eessituu baay'ee hin qabne nyaachuu.
- Nyaata akka baaduu, karootii, fi kudraafii mudraa bilcheessinee fayyadamuu.
***********************************************
MallattooleeYeroo Dhukkubbiin Kalee Kaatuu:

- Gubaa cimaa garaa fi dugdaa.
- Fincaan dhiiga qabu fncaa'uu.
- Dadhabbii cimaa.
- Harkaa, miilaafii fuulli iitawuu.

Mallattoo kana yoo ofirratti agartan, hatattamaan gara hospitaala deemuun dirqama.
***********************************************
Dhukkubbiin kalee yeroo baay’ee sababa infection, cirracha kalee, ykn miidhaa kalee irraa ka'uu danda’a. Dhukkuba kalee dursuu fi ittisuun dhukkuba hamaa akka dialysis irraa nu baraara. Bishaan dhuguu, nyaata sirrii nyaachuu, fi qorannoo yeroo yerootti gochuun fayyaa kalee keenyaa eeguf nu gargaara.
fayyaan faaya.

Almaaz Baala Ciraa (Herpes zoster)~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~☞ Dhukkubni kun gar_tokkee qaamaa ykn guutummaa qaama namaa ka...
15/12/2025

Almaaz Baala Ciraa (Herpes zoster)
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
☞ Dhukkubni kun gar_tokkee qaamaa ykn guutummaa qaama namaa kanneen akka dugdaa, mataa, naannawa afaanii, naannawa qaama saalaa, garaa irratti ykn fuula irratti mul'atuu danda'a.

Jalqaba gogaan keenya, bakki dhukkuba kanaan miidhame finniisa/shiffitaa akka sarara xiqqaa kan bishaan kuufatu qabu yoo ta'u miira gubaa cimaa,miira hoosisuu fi miira dhukkubbiis qaba.

Akka Aadaatti,Sababni dhukkuba kanaa:
➽boombii halkan halkan barristu
➽raammoleen xixiqqoon nama ciniinuu, ➽meeshaa qara qabuun woraanamu ➽summii/haadha ilbiisotaa ykn
➽fincaan allaattii/simbiraa, uffata miicamee lafatti afamu irratti fincaanamu irraa dhufa jedhanii amanu.

Akka saayinsiitti ammoo dhukkubni gogaa 'Herpes zoster' jedhamu kun, vaayirasii Vaariseellaa Zoster(Varicella Zoster Virus) jedhamuun dhangala’aa akka tasaa dhufu yoo ta’u(ka'umsi isaa sirritti kan hin beekamne), yeroo baay’ee bishaan qaama irratti waan akka sararaa uumuun jalqaba" jedhu.

Mallattoolee Dhukkuba Kanaa
▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰
* Yeroo baay'ee qaama gama tokkoon/gama mirgaa ykn bitaa irratti mul'ata,jalqaba iita diimaa uuma. Sana booda babaldhataa deema.
* Qaama hooqsisuu, gurraachessuu fi luqqisuu qaba.
* Gogaan dirmammaayuu, xiffisuu/kulkiluu fi hadooddii qaba.
* Dhukkubbiin maashaalee. Sababa bakki dhukkubu sun wolitti harkifamuuf sochii dhoogga,miira dhukkubbii, miira gubuu fi Miira laalchuu namtti fida.
* Bowwoo mataa/dhukkubbii mataa, miira gammachuu dhabuu, qorraafi hoo'as dadhabuu.
* Gogaan naannawa dhukkuba kanaan miidhamee wolitti shuntuuruun waan ibiddaan gubate fakkaata.
* Hoo'a aduufi ibiddaa dadhabuu namatti fida.
▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰
Of-eeggannoo godhamuu qabu:
➫bakka miidhame san yeeroo hundaa jiidha akka hin arganne gogaa taasisu.
➫dibata adda addaa bakka sanatti dibuu dhiisuu.
➫harkaan tuttuquu dhiisuu.
➫nyaata akka loozii,chokoleetii, paastaa, makaronii, barbaree/qaaraa, baradoo/waan diilallaaye fayyadamuu dhiisuu.
fayyaan faaya.

Dhukkuba Asmii/Xiixaa (Bronchial Asthma) 🌬️Dhukkubi asmii dhukkuba ujummoolee qilleensaa isaan xixiqqoo somba keessaa ka...
14/12/2025

Dhukkuba Asmii/Xiixaa (Bronchial Asthma) 🌬️

Dhukkubi asmii dhukkuba ujummoolee qilleensaa isaan xixiqqoo somba keessaa kan miidhuu dha.
Dhukkubi kun kutaa hawaasaa giddu galeessan 10%irratti kan muldhatuu yoo tahu , umuriin itti muldhatus bayyinaan (80%) ijoollee waggaa 10 gadi irrattiidha, tahus namoonni muraasni kunis hanga 10% tahan waggaa 40 booda asmii irratti argamuu danda'a.

🌿 Maaliirra nama qabaa?

°💞 Sababi guddaan dhukkuba asmiif nama saaxilu maatii ykn fira dhihoo dhukkuba kanaan qabame qabaachudha.
°🦠 Sababoonni xixiqqoon biroo — infeekshinii ujummoo qilleensaa , aleergii , wantoota qilleensa falamanitti saxila bahuu fi kkf

😮‍💨 Mallattoolee Asmii

°🤧 Namni dhukkuba kana qabu mallattoolee akka qufaa yeroo dheeraa keessattuu galgala cimu kan akkee qabaachuu danda'u qabaata
°😤 Hafuura kutaa ykn hafuura wal hanqisuu (air hunger) fi dafee hargansuu
°🌬️ Yeroo hargansuu sagalee siiqsuu qabaachuu
°💔 Dhukkubbii qoma ykn laphee keessaa qabaachuu fi kkf

💊 Yaala

Dhukkubni asmii dhukkuba yaala qabuu fi namni isa qabu yaala fi of eeggannoo barbaachisu gochuun akkuma nama kamittuu jiraachuu danda'a.

🛡️ Of eeggannoo

*💊 Qoricha seeraan fudhachuu
*🌸 Foolii urgaa'us tahee ykn ajaa'u irraa fagaachuu
*🌬️ Awwaara , haraa manaa fi qilleensa qorraatti saxila bahuu dhiisuu
*🚭 Aara manaa, tamboo aarsuu fi qilleensa faalama qabu hambisuu
fayyaan faaya.

Address

Ambo

Telephone

+251934272941

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Kebenesa Derirsa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Kebenesa Derirsa:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category