03/06/2023
Dr Firaa'ol fi Haadha Dr Firaa'ol
Seenaa Ajaayibaa
******************
Namoonni lamaan suurri isaanii asii gaditti mul'atu kun Dr Firaa'ol fi haadha Dr Firaa'oli.Jarri kun seenaa bareedaa fi nama mararu tokko qabu.Inumaa seenaa dhugaa osoo hin taane Asoosama wayii fakkaata.
Haati Firaa'ol kan isheeen dhalattee guddatte lixa Oromiyaa godina Iluu Aabbaa boor ennaa ta'u barnoota ishee kutaa shanii akkuma geessen maatin ishee heerumsiisan.Haaluma kanaan Haati Firaa'ol gaafa umuriin ishee waggaa 18 dhaqqabu Firaa'ol deesse.Yeroo sanatti manni baruumsaa oolmaa daa'immanii kun waan hin turreef abbaa isaa waliin akkuma taphaatti otoo gara mana baruumsaa deddeemuu kutaa 2ffaatti darbe.Firaa'ol baruumsa isaa itti fufuun gaafa kutaa 5 xummuuru tokkoffaa baanan maatin isaa gara mana baruumsaatti waamaman.Haati Firaa'olis tokkoffaa bahuu ilma ishee kanaan baay'ee waan gammaddeef battaluma sana baruumsatti deebitee akka barattu murteessite.Fulbaanni gaafa gahu Firaa'ol fi Haati Firaa'ol walqabatanii gara mana baruumsaatti dacha'uun isaan lammanuu kutaa 6 lixanii daree tokkotti baruumsa waliin eegalan.Jarri Lachanuu barumsarratti laafoo miti. Warra daree jiru dagatanii wal dorgomuu eegalan. Dhuma waggaarrattis Firaa'ol dorgommicha moo'achuudhan Tokkoffaa Ennaa bahu haati Firaa'ol ammoo itti aansitee lammaffaa bahuun Badhaasa guurratanii gara manaa galuun barattoota,Barsiisota mana baruumsaa fi jiraattota naannotirraa dinqisiifannaa guddaa gonfataniiru.Haaluma kanaan isaan lammanuu baruumsicha otoo waliin itti fufaa jiranuu Firaa'ol umuriin isaa baay'ee ijoollee waan tureef kutaa 9tti baruumsa adda kutee biraa ennaa hafu isheen baruumsicha kutaa 10n erga xummuurtee booda barnoota DA barachuuf gara Koollajjii qonnaa Najjoo galte.Firaa'olis baruumsicha itti mudduun kutaa 12 qabxii olaanaadhaan xummuuree barnoota fayyaa muummee ''Medicine'' tiin gara Yuunivarsiitii Jimmaa yeroo deemuf jedhutti haati Firaa ammoo barnooticha eegalte xummuurun Koolajjicharraa Eebbifamtee jirtii. Firaa'olis harmee isaa bira dhaqee Eebbisiisee akkuma xummuureen gara Yuunivarsiitii Jimmaatti sokke.Anaanis kan wal barre achuma Yuunivarsiitii Jimmaatti.Firaan hiriyaa dhiyoo koo ture.Egaa haaluma kanaan jarri lachuu baruumsa akkuma qabanitti jiru.Yeroo ammaa kanatti Firaa'ol Yuunivarsiitii Arsiitti barataa Ispeeshaalistii keessoo waggaa 3ffaa ennaa ta'u,Ji'oota muraasa booda Ispeeshaalistii yaala Keessoo(Internist)Ta'uun ni Eebbifama. haati Firaa'olis ammaan tana Achuma Yuunivarsiitii Jimmaatti Barnoota Digirii ishee xummuuraa jirti.dhugaa dubbachuuf Seenan maatii kanaa baay'ee natti bareede. Seenaa kanaan wal fakkaatu argachuun ni cima.Yookaa ammoo yeroo dheeraa fudhata.Yaaddaniittuu haati fi Ilmi waggaa Afuriif daree tokko teessoo tokkorra waliin taa'anii yoo baruumsa baratan ,Sanuu wal dorgomaa!!
Dr Firaa'ol fi haati Dr Firaa'ol umurii umurii dheeraa jiraadhaa.Isinilleen maatii kanaan Waaliif jiraadhaa naa jedhaanii!
Seenicha kan qindeesse Anuma hiriyaa Dr Firaa'ol!
Horaa Bulaa!