31/03/2026
đđđđđđđ đđđĽđđđ(đđąđŞđťđ°đ°đľđŞđ¤ đđşđŽđąđŠđ˘đŻđ¨đŞđľđŞđ´)
â
Dhukkubni Biichee Fangasii Hiistooplasmaa kaapsulaatam faarsiminoosami ( ) jedhamun dhufa.
â
Dhuukkubni biichee fangasii histoopiladmaa farsiminosamii dhaan akka dhufu kan qorate namicha Rivolta jefhamuun bara 1873 ti ture. Sanyiin fangasii kanaa Qaccee zaayimooneemaa (Zymonema) daymorfik ( dimorphic) jalatti ramadama.
â
Fangasiin dhukkuba biichee fidu tishuu beeyladaa keessatti akka raciitii (yeast) fi nannoo keessatti immoo akka mayesileemii (saprophaytic mycelium) tijiraata.
Amaloota fangasii biichee fardaa fidu
âSadarkaa maayseeliyuumii (mycelium): fangasiin tempeeraachuurii 25 °C ti argaminsa guulukoosii fi ammooniyaatiin guddachuu ni dandaâa.Guluukoosiin madda kaarboonii fi ammooniyaan immoo madda naaytroojiinii taâuuf.
âSadarkaa raciitaati ( yeast): fangasiin kan guddina isaaf barbaadu albuudota baayâee walxaxoo taâanii fi temperaachurii olâanaa taâeenidha. Albuudootni barbaachisoo taâan immoo kan akka:salfaarhaaydiraayil (sulfhydryl compound) guddina jalqabaatiif, pirootiinii siyistaayinii (cysteine), baayitaaminoota akka baayootiinii (biotin), tiyaamaayinii (thiamine) kunneen immoo caasaan fangasii guddina keessatti akka madaalamu kn eegamu godha.
đSiyisteeyiin (Cysteine) guddina caasaa fangasii keessatti shoora olaana qaba.Innis akka seeliin fangasii sirna hargansuu adeemsisuuf kan gargaarudha. Sirni oksideeshinii kan inni hojii isaa dhaabu kara lamaanidha:sirni saayitookiroome (cytochrome) kan cufamu dandaâuu siyaanayidii (cyanide) fi antiimaayisinii (antimycin) dhaanidha.
đAlbuudni ayiranii guddina fangasii dhukkuba bichee fiduuf kan barbaachisudha. Barbaachisumman isas walnyaatinsa ridooksi (redoxreaction), kunis ayiranii xiqqeessuu Fe 2+ fi oksidaayisdii Fe3+ dhaf gargaara.Fangasiin akkataan inni itti ayiranii barbaadu karaa afuriiidha: saayidiroofoorii (siderophore), asiidawwaa pH, gochaa xiqqeessuutiin (reduction activities) fi walitti simattuu kan kompound ayiraanii beeulada keessatti.
â
đđŽđłđłđŽđ°đŽ'đśđťđđŽ đđľđđ¸đ¸đđŻđŽ đŻđśđśđ°đľđ˛đ˛ đđŽđżđąđŽđŽ
đDhukkubni biichee kan inni argamu dhiha, kaaba, kaaba baha Afrikaa, Baha Afriikaa fi Eeshiyaa (Hindii, Paskistaan fi Jaapaan) keessatti bakka hoâaa, hoâaa giddugaleessa fi jiidhaati kan argamudha.
đSanyiin fangasii HCF(H.capsulatum var. farciminosum) baayâee keemikaalotaa of irraa ittisuu ni dandaâa Bishaan hin qulqulloofne keessa torbee kudhan temperaachurii 26°C jiraachuu ni dandaâa.
đDhukkubni biichee Itiyoophiyaa keessatti beekamaa kan taâe fardeen gaarii harkiftu kan qabudha. Kunis bakka hooâaa fi jiidhina qabu dirra galaanaa olitti hanga meetrii 1500 fi 2300 giduu jirutti argama.
đUumuriin beeyladaa haala dhukkubaan qabamuu ni murteessa.
đFardeen umuriin isaa waggaa jahaa (6) gadii baayâee dhukkubaan qabamu dandaâu.Turtiin dhukkuba kanaa jiâa sadii hanga jiâa kudha lamaatti kan taâudha.
â
đđŽđżđŽđŽđšđ˛đ˛ đđľđđ¸đ¸đđŻđťđś đŻđśđśđ°đľđ˛đ˛ đśđđđś đąđŽđąđąđŽđżđŻđ
đKaraa hargansuu:Fangasii hawwaara irraa gara sirna hargansuuti seenuu.
đkaraa madaa ykn cituu :hawwaarri ykn wanti fangasiin faalame karaa madaa gara qaamaa seenu.
đkaraa baattoo (tiitiisa(Stomoxy:tiitisa ciiniinaa, Musca fi silmii):ilbiisota dhiiga sooratan fangasii gara beeylada dhukkubsataa irraa gara isa fayyaatti daddabarsa.
đKaraa meeshaa fangasiidhaan faalame beeylada fayyaa gidduutti fayyadamuu(funyoo, luugama, miâa fardaa ykn koorichaa):Meeshaaleen kunneen yoo fangasiin faalamee jiraate gara beeylada fayyaatti darbuu ni dandaâa.
â
đ đŽđšđšđŽđđđźđźđšđ˛đ˛ đąđľđđ¸đ¸đđŻđŽ đđśđśđ°đľđ˛đ˛ đđŽđżđąđŽđŽ
đMallattooleen beekamoon kan mulâatan akkuma gosa biichee fardaatidha.
đ Mallattooleen kunneenis erga beeyladni fangasiidhaan faalamee kaasee torban baayâeen booddee hanga jiâa 6 kan mulâatu:
đHoâinsi qaamaa fi haalli feedhii nyaataa fayyaa kan taâe dha.
đJijjiramsi jiru madaa qaama irratti mulâatudha.
â
Madaa googaa fardeenii irratti mulâatu.
đ Madaa ujummoo ykn xannacha liymfii hordofee uumamu kunis dandeetti balâachuun urachuu fi booddee irra fayyee gooddaanisa uummata. Madaan kunis laphee, harkaa fi kokkee Kotte duudaa irratti mulâata.
đXannachi liimfii madaaâe kunis tartibaan wanta caasaa akka geengoo qulfii uffataa ykn akka gurmuu calleetti harka fardeen irraa osi olee kan madaaâee jirudha.
đDhiitoon xixxiqqoo googaa irraa mulâatu kunis erga dhoheen booddee malaa keelloo fakkaatu keessaa yaaâa
đDhangalaâoo qalloo ija lachuu keessaa yaaâuu
đDhiitaâuu qoola ijaa
đMadaa xixxiqqoo geengoo qulfii fakkaattu mukas meembireenii ykn keessoo qola ijaa keessatti mulâatu
đMadaaâuu fuunyaanii, sirna hargansuu(ujummoo qilleensaa) wajjiin walqabatan.
đWaldhaansi dafee hin taâu taanaan kottee duudaan ni duâa
â
đ¤đźđżđŽđťđťđźđź đđľđđ¸đ¸đđŻđŽ đđśđśđ°đľđ˛đ˛ đđŽđżđąđŽđŽ
đMallattoolee madaaâuu xannacha lymfii tartibaan lukaa gara kokkeetti fi garaa irra taasisuun
đSeenaa beeyladaa bakka dheedichaa fi hojii isaan hojjetan
đQorannoo mana yaaliitiin:sanyii ykn gosa orgaanizimii dhukkuba biichee fidu adda baasuu.
đSaamuda (kan akka malaa) fudhachuudhaan kallatiin fangasii Giraami dhaan haallessuu (Gram stained smear) gochuudhaan raaciita (yeast) adda baasudha.
đRaciitiin (yeast) bakka duuwwaa ykn kan hin haalleffamne fakkachuun kan jirudha.Dameen hayifee (hyphae) maakirooscoppi jalatti mulâata.
đFangasii horsiisuudhaan:Eedattoo malaa fuudhuudhaan nyaata fangasii kan taâee irratti horsiifama.Bakki irratti horsiifamu aggaarii sabooraawud deksiitroos (sabouraud dextrose agar)jedhamu irratti. Saamuda kan keessatti guddatu aggaarii sabooraawuudii deksiitroosii farra baakteeriyaa of keessa qabu irrattidha.
đFluorescent antibody,AGID, and ELISA tests :Jiraachuu farra qaamaa kan mulâisudha.
đID and CF test:Kun kan inni mulâisu walxaxiinsa farra qaama alagaa fi farra qaamaa (Antigens).
â
đđľđđ¸đ¸đđŻđźđźđđŽ đşđŽđšđšđŽđđđźđźđąđľđŽđŽđť, đąđľđđ¸đ¸đđŻđŽ đŻđśđśđ°đľđ˛đ˛ đłđŽđ¸đ¸đŽđŽđđŽđť
đQorannoon histoofarsiin (histofarcin) jedhamu dhukkuba biichee qoratee dhukkuboota walfakkaatoo irraa addaan baase mulâisa.
â
đđśđšđŽđŽđťđąđ˛đżđśđś:Kunis dhukkuba madaa uumu taâeeti baakteeriyaan (Burkholderia mallei )kan dhufudha. Ujummoo sirna hargansuu kan madeesudha , akkasumas googaa irratti madaa uuma. Madaan yommuu qoorree fayyu caasaa akka urjii (star shapedâ
) funyaan irratti uuma.Eegaa dhukkuba biichee wajiiin kan walfakkaatan madaa naannoo funyaanii fi xannachoota liymfii dhiitessuunidha. Garuu gilaanderiin baakteeriyaadhaan dhufa.
â
đđđđśđżđŽđŽđťđ´đśđšđśđś:Dhukkubni kun sanyii baakteeriyaa istrooptookokas iquuâii (Streptococcus equi var equi) jedhamuun kan inni dhufu. Dhukkubni kun xannacha liymfii naannoo gartokkee mangaaggaati ykn gara gurraa fi mangaaga giddutti argamu dhiitesuun kan madeessudha.Garuu gara lukaatti hin deemu .
â
đđšđđ˛đ˛đżđŽđŽđđśđśđ đšđśđśđşđłđŽđŽđťđˇđŽđŽđđśđđśđś:Kunis dhukkuba xannacha liimfii miidhu taâeetu akkuma fangasii miila ykn kottee kotte duudaa kan madeessudha. Innis sanyii baakteeriyaa koriyiniibaakteeriyuum siwuudootuberculosis (Corynebacterium pseudotuberculosis) jedhamuunidha kan dhufu. Madaa darbee darbee naannoo harka fulduraa fi laphee irratti uumama, akkasumas madaan naannoo laphee irratti ni uumama.
đKanneen biroo kan akka isporootraaykoosiis, indoolee ulserii fi kanseerii gogaa kan xannacha lymfii wajjiin walqabatu madaa googaa irratti uumuudhaan nama walaalchisuu ni dandaâu.Haa taâu malee tooftaan ittin adda baasuun dandaaâamu:
â
đ¤đŽđšđąđľđŽđŽđťđđŽđŽ đłđś đđđđśđđŽ đŚđľđđ¸đ¸đđŻđŽ đđśđśđ°đľđ˛đ˛ đđŽđżđąđŽđŽ
đDhukkubni biichee waldhaanuu irra ittisuu fi toâachuun filatamaadha.
đAkka saayiinsawaatti qorichootni farra fangasii taâan kanneen akka amfooteerisiin (amphothericin B), Ketookonaasoolii)ketoconazole ni barbaachisu.
đHaa taâu malee amfooteriisiin Bân baayâee qarshiin isaa olkaâaa waan taâee Itiyoophiyaa keessatti hojii irra hin oolu.Itiyoophiyaa keessatti qorichootni gargaaran soodiyeem ayoodaayidii karaa hidda dhiigaa kennuun kunis jalqaba dhukkubatti taâuu qaba.
đItiyoophiyaa keessatti dhukkuba biichee karaa aadaa taâeen waldhaanaa turameera, harâas qoricha aadaatiin beekumsa manguddoota Oromootiin dhukkubni kun waldhaanamaa jira.Haa taâu malee summiin qoricha aadaa kun beeylada kana yeroo inni ajjeesuni mulâata.
â
Dhukkuba biichee toâachuu fi ittisuuf kan gargaaran
â
Baattoowwan kan taâan, farra ilbiisaatiin titiisa dhabamsiisuu
â
Beeylada dhukkubsate adda baasuudhaan waldhaanuu,kan baayâee dhukkubsate ajjeesuudhaan awwaaluudha.
â
Yeroo ammaa biyyoota guddatan keessatti talaallidhaan dhukkuba kana ittisuun dandaaâamee jira
â
Qulqullina naannoo eeguu, qulqullinni naannoo eegamnaan hammi dhukkee ni xiqqaata
â
Meeshaa (miâa fardaa ykn kan kotte duudaa) qulqullinaan eeguu
â
Madaa kotte duudaa qulqullinaan waldhaanuudhaan eeguu
đ¤đźđż-đđŽđđđŽđŽ đđ˛đ˛đđšđŽđąđŽđŽ đŽđŹđŽđą
đđŽđđđŽđŽđť đđŽđŽđđŽ
#đđ˝đśđđźđźđđśđ°đđđşđ˝đľđŽđťđ´đśđđśđ
#đđśđśđ°đľđ˛đ˛đđŽđżđąđŽđŽ
#đđžđđśđťđ˛đđ˛đŽđšđđľ