Dr.Edaso medium clinic, Nagelle Arsi

Dr.Edaso medium clinic, Nagelle Arsi Dr Edaso medium clinic is located at Negelle Arsi,giving Quality care by highly experienced health professionals! YOUR HEALTH MATTERS!

🩸 Heemoreejik FiiveriiDhibee Hamaa Ta’e Garuu Ofirraa Ittisuun Danda’amudha.Maaliif Heemoreejik Fiiverii jedhame? Hoo'in...
12/11/2025

🩸 Heemoreejik Fiiverii
Dhibee Hamaa Ta’e Garuu Ofirraa Ittisuun Danda’amudha.

Maaliif Heemoreejik Fiiverii jedhame? Hoo'insa qaamaa fi Dhiiga qaama keessa dhangalaasuun waan mul'atuuf.
Kanaafuu Namni tokko yoo ho’a qaamaa fi dhiiguu qabaate, gara buufata fayyaa saffisaan geeffamuu qaba.
Maalitu namatti fidaa? Yeroo hedduu vaayirasiin dhufa.

Fakkeenya vaayirasoota kana keessaa:
❌️Ebola Virus
❌️Lassa Fever
❌️Crimean-Congo Hemorrhagic Fever
❌️Yellow Fever
❌️Dengue Fever
❌️Rift Valley fever
❌️Marburg Virus fi kkf
Dhibeen kunneen biyyoota Afrikaa, Eeshiyaa fi naannoo ho’a qaban keessatti argamu — akkasumas biyyoota akka Itoophiyaa fi naannawa ishee keessatti illee ni mul’atu.

⚠️ Akkamitti Dhibeen Kun Tamsa’a?
Vaayirasoonni garaagaraa karaa garaagaraatiin tamsa’u, garuu haala waliigalaa karaan tamsa’uu danda’u:
🔸️Bineensaa/Wantoota nama hin taane irraa gara namaatti: fkn jaaldeessa, Simbirroo, hantuutaa fi kkf
🔸️Foon bineensota dhukkuba kana qaban nyaachuun yookaan harkaan qabachuun.
🔸️Ilbiisotaan ciniinamuutiin fkn Mosquito kan jedhamtu
🔸️ Nama irraa gara namaatti:
dhiiga, yookaan dhangala’aa qaamaa dhukkubsataa qaqqabuun.
🔸️Aadaa/sirna awwaalaa gorsa fayyaa hin eegne, nama dhukkuba kanaan du’e harkaan qabachuun.

🧠 Mallattoo fi Alamoota Dhibee
Mallattoon Heemoreejik Fiiverii kanaa yeroo hedduu:
🔅Ho’a qaamaa olka’e fi hollachiisuu altokkotti jalqabuu
🔅Mataa dhukkubbii jabaa, qaama caccabsuu
🔅Humna dhabuu, dadhabbii akka malee ykn fedhii nyaata dhabuu
🔅Garaa kaasaa, oldeebisaa fi garaa dhukkubbii
🔅Dhiiguu afaan, funyaan yookaan gogaa irraatti argamu
🔅Ija diimessuu, yookaan keelloo taasisu (jaawundisii)
🔅Yoo didee hammaate : shookii, of wallaalchiisuu, yookaan qaama keessa tokkoo fi isaa ol dadhabuu/organ failure

🏥 Yaalaa fi Qoricha
Dhukkuba Heemoreejik Fiiveriif yerooo hedduu qorichi addaa hin jiru, garuu yaaliin hatattamaan kennamu lubbuu oolchu danda’a.
Yaalaa isaa maal irratti xiyyeeffata:
🔹️Dhiigaa fi dhangala'aa qaama keessaa yaa'ee deebisanii bakka buusuu
🔹️Qorichaan hoo'insa qaamaa to’achuu
🔹️Dhukkuboota biroo dabalataan dhufu malaan ittisuu
🔹️Nama dhukkubsataa sana kophaatti baasuun namoota birootti akka hin dabarreef eeguu.
🔹️Dhukkuboota muraasaaf talaalliin (vaccine) ni jira.

🛡️ Ittisaa fi To’annoo
Ofii fi maatii keetii akkasumas hawaasa kee eeguuf tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhadhu:
1. Of eeggannoo dhuunfaa
✅ Dhiiga yookaan dhangala’aa qaamaa nama dhukkubsataa waliin wal hin tuqiin.
✅ Harka kee yeroo hunda bishaan qulqulluu fi Saamunaan (soap) dhiqi.
✅ Yoo nama dhukkubsataa gargaartu giloovii harkaa fi uffata ittisaa/protective clothing fayyadami.

2. Naannoo qulqulleessuu
✅ Mana fi naannoo kee qulqulleessi.
✅ Nyaataa bakka sirriitti cufaa qabu keessa kaa'i
✅ Agoobaraa fi qorichoota ilbiisota balleessan fayyadami.
✅ Biyyee fi bishaan dhaabbataa naannoo kee qulqulleessi.

3. Ittisa hawaasaa
✅ Dhukkuba ho’aa qaamaa fi dhiiguu yoo mul’ate, dafii gara mana yaalaa deemi ykn ministeera fayyaa beeksiisi.
✅ Qajeelfama ministeera fayyaa/Biiroo eegumsa Fayyaa hordofi.
✅ Sirna awwaalchaa yeroo taasisamu ofiikee eegi — qaama du’ee harkaan hin tutuqiin .

credit to:

Dr. Gadaa(Ispeeshalistii Dhibee Keessaa)

public alert!
12/11/2025

public alert!

Tokko!
02/11/2025

Tokko!

Check out Dr. Edaso Gose Medium Clinic🩺’s video.

Kilinika humna hawaasaa jiddugala godhate!
31/10/2025

Kilinika humna hawaasaa jiddugala godhate!

270 likes, 4 comments. “Dr edaso Gose Medium Clinic Negele Arsi”

10/09/2025

Happy 2018 Ethiopian New Year for all Ethiopians!

04/09/2025

Check out Bulcha U 🧘’s video.

07/06/2025

Dafqa gar malee(hyperhidrosis)
*******************************
Dafqa garmalee jechuun qaamni keenya amma barbaachisuu ol yommuu dafqa maddisiisu jechuudha

Dafquun fayidaa qaba,garuu gar malee yommuu ta'u dhiibbaa jireenya keenya irratti qabaata.

fayidaa dafquuu
*ho'onsa qaama akka to'tamu godha
*jiidhinsa gogaa keenyaaf fayyada
*Dhangala'aa qaama fi electrolyte to'achuuf

Sababaa isaa irratti hundoofnee dafqa gar malee (hyperhidrosis) Bakka 2 tti qoodna

1ffaa.qama tokko ykn Lama qofaa irratti kan mul'atu.-Inni kun sababni isaa hin beekamu(ideophatic jedhama)
- qaamoota akka Bobaa,barruu harkaa,faana miillaa,Fuula,arma jala ykn ,nannoo qaama hormaata,isaan kana keessa Bakka 1 ykn 2 irratti uumamu danda'a

2.Qaama hunda(2ndery generalization hyperhidrosis)
-kun qaama hundaati dafqa
- sababaan isaa beekamuu danda'a
*Ho'a gar malee
*Sabaabaa dhukkuboota keessoo qaama(systemic Diseases)
✓TB,HIV,Dhibee Onnee,Dhibee canserii, Tayirotoksiikoosisii, pheochromocytoma fi kn kf

Maal gochuu qabna?

-Yaalli rakkoo isa 2ffaa yoo of irratti argine mana yaala deemuun sakat'insa godhachu
- Yaalli rakkoo isa 1ffaa immoo:
✓Shaakala -qulqullina ofii eeguu horachu
*Kessuma qaama gar malee nu dafqu guyya guyyatti miccachuu
✓uffata babal'aa lallafaa ta'ee uffachuu fi dafanii dafanii jijirrachuu
✓Dafqa kan nutti kaachisurraa of eeggachuu
Isanis *dhugaatii ho'aa,dhiphina(stress),sodaa(anxiety),
✓ulfaatina qaama hir'isuu
✓itti fufinsaan mana yaalatti/ hakiima ispheeshalistii gogaa biratti hordoffii wal irraa hin citne godhachuu
From Dr Jiregna!

Dhukkubni tiruu gosa vaayirasii B dhufu maali? Hepatitis B dhukkuba hamaa Tiruu miidhuu danda'uudha.Tiruun qaama guddaa ...
02/06/2025

Dhukkubni tiruu gosa vaayirasii B dhufu maali?

Hepatitis B dhukkuba hamaa Tiruu miidhuu danda'uudha.Tiruun qaama guddaa garaa gara mirgaa gubbaa jirudha. Vaayirasichi namarraa gara namatti kan babal’atu yoo dhangala’aan qaama isa dhukkubichaan qabamee kan fayyaatti makame. Kun karaa muraasaan ta’uu danda’a, kan akka walqunnamtii saalaa ykn wantoota qara qaban waliin fayyadamuun.

Mallattoon dhukkuba vaayirasii tiruu B maali?
Namoonni tokko tokko jalqaba dhukkubichaan yoo qabaman (kun "acute" hepatitis B jedhama), akka waan utaalloo cimaa qabanitti itti dhaga'amuu danda'a.mallattoo armaan gadis qabaachuu danda’u:

●Garaa kaasaa

●Dhukkubbiin garaa mirgaa gubbaa

●Ija ykn gogaan keelloo ta'uu (jaundice jedhama) .

Mallattoowwan kun yeroo baay’ee ni fooyya’u, garuu torban hanga ji’oota fudhachuu danda’a.

Namoota dhukkuba tiruu B qaban baay’eedhaaf miidhaa Tiruu isaanii ji’a 6 keessatti ni fooyya’a. Garuu namoota ga'eessota dhukkuba tiruu B qabaman 20 keessaa 1 dhukkuba kana yeroo dheeraaf qabaachuu mala. Kunis dhukkuba tiruu B yeroo dheeraa("chronic") jedhama.
Namoonni dhukkuba tiruu yeroo dheeraa B qaban baay’een isaanii mallattoo tokkollee hin qaban. Garuu, yeroon akkuma deemuun, infekshiniin kun Tiruu gara madeessuutti ykn"cirrhosis" jedhamutti geessuu danda'a. Mallattoon dhukkuba cirrhosis kanneen akka:
●Garaa fi miila keessatti dhiita'uu, akkasumas dhangala'aan somba keessatti walitti qabamuu
●Salphaatti madaa'uu ykn dhiiguu
●Rakkoo hafuura baafachuu
● tasa jonja'uu
●ofwallaaluu
Dhukkubni tiruu yeroo dheeraa B carraa kaansarii tiruun qabamuus ni dabala.
Akkamitti Nama qaba?
Vaayirasii hepatitis B kana qabachuuf karaaleen muraasni jiru.
●Nama dhukkuba kanaan qabame waliin wal qunnamtii saalaa raawwachuu
●Nama dhukkuba kanaan qabame waliin wantoota qara qaban fayyadamuu
●Bruushii ilkaan, lilmoo, ykn meeshaalee dhuunfaa biroo nama vaayirasichaan qabame waliin qooddachuu
Haati kee yeroo si ulfoofte dhukkuba tiruu yoo qabaatte, yeroo da'uumsaa

31/05/2025

Mallattoolee Dhukkuba Sukkaaraa:
************************************
Mallattooleen Dhukkuba Sukkaaraa hamma sukkaarri qaamaa olka'e irratti hunda'uun salphaa hanga cimaa ta'uu danda'u. Akkasumallee, keessattu namootni Dhukkuba Sukkaaraa Gosa Lammeessoo (Type 2 DM) yeroo dheeraaf (woggootaaf) mallatoo homatuu muldhisuu dhabuu danda'u. Garuu isaan Gosa Jalqabaa (Type I DM) qaban ammoo mallatoolee yoosuu muldhisuufi hammaataa ta'a:

Mallattoolee Dhukkuba Sukkaaraa ijoon:
* Dheebuu. Bishaan ammaa amma (dafaa dafaa) nama dheebochuu. Isaafis ammaa amma dhuguu.
* Fincaan ammaa amma (dafaa dafaa) nama dhufuu.
* Ulfaatinni qaamaa hirdhachuu
* Qoonqoon, arrabaafi afaan nama goguu (jiidhinsa dhabuu). Kanafis ammaa amma bishaan itti dhuguu.
* Miira dadhabbii. Nama dadhabsiisuu.
* Ijatti nama dimimmisuu
* Madaa dafee fayyuu dhabu
* Infeekshiinii garagaraa namatti deddebi'u

● Mallattoolee kana yoo of irratti agartan dhaabbilee fayyaa isiniif dhihoo jiru deemuun hamma sukkaara dhiigaa keessanii dalagsifadha. Qorannoo isaa salphaa waan ta'eef kilinika xixiqqattis argachu dandeessu.
From Dr Haro post!

27/04/2025

kilinikini G/Galeessa Dr Edaasoo kan quuqama hawaasaatiif dhaabbate;Ammas qorannnoowwan Laaboraatoorii armaan gadii Bifa paakejiitiin torbaan lamaaf(02) qofa kan turuu isiniif dhiyeesseera!
isaaniis:

Qorannoo Dhukkuba shukkuraa[RBS)
Qorannoo seelii dhiigaa guutuu maashiiniidhaan(CBC)
Gartuu Dhiigaa(blood group and RH)
Qorannoo dhukkuba dhiiraa ykn Walqunnamtiin daddarbanii(VDRL,HIV)
Qorannoo dhukkuba Tiruu ykn Simbiraa(HBSAg and HCAB)
Qorannoo baakteeriyaa Garaachaa(H.Pylori)

Qorannoo keemistirii
kalee(CREATININE,BUN)
DHUKKUBA qiiqqee ykn RIIHI(URIC ACID)
Enzyme tiruu(GOT,GPT)

Qorannoo Hoormoonii
Dhukkuba Ucubaa mormaa(TSH,T3,T4)
Qorannoo shukkaaraa guyyaa 90(HGA1C)
qorannoo agarsiiftu kaanserii pirosteetii(PSA)

Qorannoo Onnee
ELEKTIROO KAARDIIYOOGIRAAFI(ECG)
FI kanneen biroos iddoo tokkotti Dhiibbeentaa walakkaa hir'isuun QARSHII 3400 ni argattu!

your health matters!

Address

Ethiopia, Oromia
Arsi Negele

Telephone

+251916070869

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Edaso medium clinic, Nagelle Arsi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Edaso medium clinic, Nagelle Arsi:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram