09/03/2026
Maloota ittisa Dhiibbaa dhiigaa
✓ Ulfaatina qaamaa too'achuu/qixa sirriitti eeguu/
✓ Sochii qaamaa taasisuu (yoo xiqqaate torbanitti guyyaa 3 haga 4, guyyaatti daqiiqaa 30)
✓ Hamma Soogiddaa nyaata keessaa hir'isuu
✓ Nyaata coomaafi zayita heedduu qabu xiqqeessuu, bakka isaa kuduraaf muduraa soorachuu.
✓ Dhukkuboota akka dhukkuba sukkaaraafi koolestiroolii too'achuu.
✓ Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn xiqqeessuu
✓ Hirriiba ga'aa rafuu (guyyaatti sa'aa 6 - 8)
✓ Dhiphina sammuu xiqqeessuu
✓Namni ga'eessi kamuu waggaatti dhiibbaa dhiigaa ofii safarsiifachuu
✓ Yoo dhiibbaa dhiigaa kan qaban ta’e hordoffi dhiibbaa dhiigaa yeroo yerootti taasisuu.
Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa