14/12/2025
Inshuraansiin Fayyaa Hawaasaa Furtuu Rakkoo Fayyaa Hawaasaati !
Muddee 5,2018- Waajjirri Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa yaa'ii inshuraansii fayyaa hawaasaa bara 2018 gaggeessaa jira.
Yaa'ii kanarratti Itti Gaafatamaan Siyaasaa Paartii Badhaadhina Damee Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Tolaa Hajjii, Itti Gaafatamtuun Ijaarsaa Paartii Badhaadhina Damee Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Aadde Assamanch Girmaa ,Hoggansi Seektaroota Bulchiinsa Magaalaa Asallaaa , Hoggansi Gandaa fi ogeyyiin fayyaa hirmaataniiru.
Itti Gaafatamaan Siyaasaa Paartii Badhaadhina Damee Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Tolaa Hajjii yaa’ii kanarratti argamuudhaan haasaa baniinsaa taasisaniin, Mootummaan Paartii Badhaadhinaatiin hoogganamu kallattii hundaan ummanni akka of danda'uuf tarsiimoo ummataa fayyadu bocee hojii irraa olchuun hawaasni bal'aan akka irraa fayyadamu taasisaa jira. Keessummattu gama fayyaatiin namootni dhukkubsatanii yaalamuuf humna hin qabneef gatii madaalawaan buufata fayyaa irraa jalqabee hanga Hospiitaloota gurgurguddaatti akka tajaajilamaniif inshuraansii fayya hawaasaa ummataaf mijeessee Ummanni irraa fayyadamaa jira jedhaniiru .
Yaa'ii kana irratti gabaasni raawwii hojii bara 2017 akkasumas Karoorri hojii bara 2018 karaa Itti Gaafatamaa Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Gosaa Amaaniin dhiyaachuun hirmaattoonni waltajjii irratti mari’achaa jiru.