13/08/2025
Namoota callisoo( introvert)
****
Namoonni amala callisuu qaban, hedduu dubbachuu caalaa warra dhaggeeffatanii fi yeroo hedduu anniisaa fi gammachuuf iddoo kophaa ykn garee xiqqoo kan filataniidha. Namoonni amala akkanaa qaban miidhaa daa'immummaa ykn qaana'aa ykn sodaatoo tahanii osoo hin taane uumamaan amala kana kan kennamaniidha. Namoonni akkanaa keessa isaanii sirritti dhaggeeffachuuf iddoo tasgabbii filatu. Amaloonni isaanii kanneen armaan gadiiti.
1. Nama hedduu wajjiin haasawuu hin jaalatan ykn namatti saffisaan hin dhiyaatan. Garuu nama itti dhiyaatan wajjiin dhooksaa tokko malee taphatu. Hiriyoota hedduu hin qaban. Kanaaf nama filatanii itti dhiyaatan lubbuurra jaalatu.
2. Yeroo dubbatan jechoota isaanii xiinxalan malee akkuma dhufetti hin dubbatan. Jechi kiyya nama biraa miidhuu danda'a moo jechuun of dhiphisu.
3. Dubbii namni dubbatuu fi sochii fuulaa ilaaluun dhugaa, fakkeessuu ykn soba namaa salphatti irratti baruu danda'u. Namni tokko maal akka barbaadu fuularraa ilaalanii hubachuu danda'u. dandeettii kana uumamaan badhaafaman. Garuu eenyuyyuu isaan hubachuu hin danda'u. Sababni isaa miira, rakkinaa fi dhukkubbii isaanii dhookfachuu waan danda'aniif.
4. Yoo garee keessatti hirmaatan jalqaba hin dubbatan. Ajandaan irratti dubbatamu yoo isaan barbaachise qofa qooda irraa fudhatu ykn yoo gaafataman qofa deebisu. Waan isaan hin ilaalle keessa hin seenan.
5. Yeroo hedduu kophummaa ykn nama muraasa wajjiin hariiroo waan qabaataniif, qaama biraan akka boonuu ykn oftuuluutti lakkaa'aman. Garuu amala uumamaa isaaniiti malee boona hin qaban.
6. Yeroo hedduu dubbisuu, barreessuu fi uumama xiinxaluu jaalatu. Kanarraa kan ka'e ofitti amanummaa fi hojii isaanii irratti raawwii olaanaa galmeessu.
7. Iddoo namoonni itti baay'atu, ifaan heddummaatuu fi jeequmsaa dhaquu hin barbaadan. Iddoo akkanaa deemuu irra mana isaanii kophaa taa'uutu boqonnaa sammuu kennaaf.