Maya Blood Bank

Maya Blood Bank Blood collection and Distribution for Eastern Harargee and Maya Health facility such 🏥 Hospitals

Dhiigaa Arjoomaa Fayyaa argaadha!AMAJJII 09, 2018BARATOOTNI MANA BARNOOTA IFA BORU HARAMAYA DHIIGA ARJOOMAA OLAA.Baratoo...
18/01/2026

Dhiigaa Arjoomaa Fayyaa argaadha!

AMAJJII 09, 2018
BARATOOTNI MANA BARNOOTA IFA BORU HARAMAYA DHIIGA ARJOOMAA OLAA.

Baratootni Mana Barnoota Bultii Addaa Ifa Boruu Haramaayaa, osoo nu jiruu Haadholee keenya dhiigaa dhabanii rakkachu hin qaban jechuun dhiigaa keenya kan bakka bu'uun lubbuu Bakkaa hin buufamne ni baraaraa jechuu dhiigaa arjoomaa olaan.

Baratoota dhiigaa ofii qaalli arjoomuun lubbuu namoota hanqinaa dhiigaattin rakkacha jiranif carraa jireenyaa lammaaffa waan kenniitanif galatoomaa Ulfaadha, akkasumas Hoggaansa Mana Barnoota Bultii Addaa Ifaa Boruu Haramaayaatti Galatomaa wayyooma jenna.

16/01/2026
04/01/2026
Leenjii Hubannoo Arjoomaa Dhiigaa Fedhii Irratti Hundaa’e kennama Ole. Amajjii 3, 2026Magaalaa Maayaa kuta​a Haramaayaa ...
03/01/2026

Leenjii Hubannoo Arjoomaa Dhiigaa Fedhii Irratti Hundaa’e kennama Ole.

Amajjii 3, 2026
Magaalaa Maayaa kuta​a Haramaayaa Baankiin Dhiigaa Maayyaa, Biiroo Fayyaa Oromiyaa waliin qindoomuun, barattoota Yuunivarsiitii Haramayaa, barattoota manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi barsiistota Godina Harargee Bahaa fi Bulchiinsa Magaalaa Maayyaatiif leenjii hubannoo uumuu kenneera.
​Sirna kana irratti, hirmaattonni marii bal’aa taasisuun yaada isaanii kan ibsan yoo ta’u, dhimma arjooma dhiigaa fedhii irratti hundaa’e yuunivarsiitii fi manneen barnootaa isaanii keessatti milkeessuuf waadaa galaniiru.
​Hirmaannaa Hunda Galeessaa
​Hogganoonni Waajjira Fayyaa Magaalaa Maayyaa qophii kana irratti argaman akka jedhanitti, dhiiga gahaa fi itti fufiinsa qabu dhiyeessuun dirqama waliiniiti.
​"Hojiin arjooma dhiigaa fedhii irratti hundaa’e Baankii Dhiigaa qofaan kan raawwatamu miti; hirmaannaa qaamoolee hundaatiis ni barbaada," jedhan.
​Rakkoo Hanqina Dhiigaa Furachuu
​Hoggantootni Biiroo Fayyaa Oromiyaa akka jedhanitti, Baankiin Dhiigaa Maayyaa qooda fudhattoota waliin ta’uun sababa hanqina dhiigaatiin du’a mudachuu danda’u hambisuuf hojii murteessaa hojjachaa jira. Ta’us, sababa adda addaatiin fedhiin dhiigaa hospitaalota keessatti dabalaa jiraachuu isaa hubachiisaniiru.
​Fedhii dabalaa jiru kana guutuuf, hogganoonni hawaasni barnootaa tarkaanfii ariifachiisaa akka fudhatan waamicha dhiyeessaniiru. Keessattuu:
​Barattoonni Yuunivarsiitii Haramayaa fi manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa hubannoo argatan hiriyaa isaaniitti akka dabarsan.
​Barattoonni arjoomtoota dhaabbataa akka ta’anii fi waggaatti yoo xiqqaate si’a sadii dhiiga akka arjooman jajjabeessaniiru.
​Dhumarratti, Biiroon Fayyaa Oromiyaa tajaajila lubbuu baraarsaa Baankii Dhiigaa Maayyaa caalaatti cimsuuf deeggarsa barbaachisu hunda gochuuf waadaa galeera.

21/12/2025

’Tis the Season of Giving! ✨🎄

Lourna and her husband, David, are long-standing blood donors. As part of their Christmas celebrations, they came into Birmingham to enjoy a performance at Symphony Hall and stayed overnight so they could donate blood together.

Lourna, dressed in her cheerful Christmas jumper and sparkly silver trousers, was ready to spread joy this season. David, who has been donating for an incredible 46 years, has donated over 100 times – a milestone of generosity and dedication.

Together, they love receiving text messages telling them which hospital has received their blood. For them, knowing they’ve helped save lives is the greatest gift of all.

This Christmas, be inspired to give the gift of life.

Address

MAYA CITY, HARAMAYA SUBCITY
Boreda

Website

http://t.me/Mayabloodbank

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Maya Blood Bank posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category