Gadaa Medicine

Gadaa Medicine Odeeffannoo fayyaa hawaasa keenya biraan gahuuf hojjanna!

19/07/2025


Dhukkubbii qomaa (laphee) gara bitaa kan dabalataan gateettii bitaa fi dugda duubaatti namatti dhagahamu yeroo gabaabaa keessatti lubbuu namaa dabarsuu danda'a waan ta'eef, salphisanii ilaaluun gaarii miti. Du'a namoota, duratti naguma ture mee, nagaa na gaafateen bira darbe, kaleessa walumaan nagaan waliin hojjachaa oolle mee, maaloo, maaltu isa argate!!! Nama jechisiisan keessaa isa tokko ta'uu danda'a.
Qorannoo waaraa godhanii ilaallamuun barbaachisaadha.

Fayyaa qaama saalaa fi walhormaataa eeggachuu (Sexual and reproductive health tips🙄🤔)✏°°°°°°°°°°Qaamni saalaa kan dhiira...
19/07/2025

Fayyaa qaama saalaa fi walhormaataa eeggachuu (Sexual and reproductive health tips🙄🤔)
✏°°°°°°°°°°
Qaamni saalaa kan dhiiras ta'ee kan dubartii yoo kunuunsa ykn eeggannoo barbaachisaa ta'e hin goonuf ta'e, madda dhukkuboota hedduu, hanga dhala dhabuu fi rakkoo fayyaa yeroo dheeraa ta'uu danda'a. Keessattuu qaamni saalaa shamarranii foddaa gara keessa qaama namaa waan ta'eef(door to abdomen🙄), wanti karaa buqushaa olseene hanga keessoo garaachaatti olfulla'uu danda'a. Rakkoowwan dhufuu malan kunneen, sababa qulqullina gahaa dhabuu, miidhaa sababa balaa adda addaatif dhufu, dhukkuboota walqunnamtii saalatiin daddarban, fedhii ofiin ofirraa baasuu qulqullina hin qabne, fi sababa barteewwan duubatti hafoon uumamuu danda'u.

Rakkoon fayyaa walhormaataas waan armaan olitti laallen baayyee kan walirraa hin fagaanne yoo ta'u, fedhii saalqunnamtii gaarii dhabuu, dhala argachuu dadhabuu fi maatii gaarii uummachuu(family health) hanqachuu dabalata.

Mee gabaabumatti fayyaa qaama saalaa fi sirna wal hormaataa eeggachuuf wantoota nuti gochuu qabnu haa ilaallu🙄.

1) Warri shamarranii yeroo kamiyyuu hanga danda'ametti waan kamiyyuu gara qaama saalatti galchuu dhiisuu. Fknf, keessa qaama saalaa qubaanis ta'ee meeshaan dhiquu dhiisuu, kondomii fayyadamuu irra saalqunnamtii hin barbaachisne durumaa gochuu dhabuu, qubaan ykn waan biraa qaama saalatti galchuun fedhii ofirraa baasuu dhiisuu fi kkf.

2) Naannoon qaama saalaa jiidhee yeroo dheeraf akka hin turre eeguu. Kunis sababa wayyaa jiidhaa uffachuu ykn fedhii keessa galuudhaan qaamni saalaa dhangala'aa maddisiisee jiidhinsa qabachuun ta'uu danda'a.

3) Warreen dhiiraa qunxurroo murachuu🙄. Gogaa hin barbaachisne fuuldura qaama saalaa teessu sana ogeessaan ofirraa kutuun riiskii fayyaa qaama saalaa fi dhukkubootaa ni hir'isa.

4)Walaqunnamtii saalaa daangaa hin qabne irraa of eeggachuu. Isa kanaaf ibsa bal'aa waan isin barbaachisu natti hin fakkaatu.

5) Walqunnamtii saalaa booda fincaan fincaa'uu fi bishaan qulqulluudhaan qaa

03/05/2024
Dubbisaa share godhaa!
26/04/2024

Dubbisaa share godhaa!

Gosoota dubartootaa gaayelaaf hin taane (Women who can't maintain marriage🙄🤔)
✏°°°°°°°°°°
Gaayela milkaa'aa fi itti fufiinsa qabu uummachuun salphaa miti. Namoota tokko tokkoof yoo danda'ameyyuu kaanif hawwii galma hin geenye yeroon ta'u jira. Dubartootaaf ammoo waayeen gaayelaa hin qoofamu. Dhiira caala isaantu itti dhiphata waan ta'eefi. Umurii isaanii daa'ima argachuuf murteessaa ta'etti jaarsa argachuu waan barbaadaniif baayyee yaadda'u.

Dubartoota gaayela milkaa'aa qabaachun isaaniif salphaa hin taane haa ilaallu.

1) Warra akka malee bareedan( the most beautiful women). Waan miidhagduuf dhiironni baayyeen ishii hawwu. Kunimmoo miira oftuulummaa ishii keessatti uuma, filannoo baayisti, miidhagina ishee gara maallaqaatti jijjiiruu barbaaddi. Kunimmoo akka ishiin dhiira jijijjiirtu ishee godha. Osuma kana gootuu umuriin waan deemuuf jaarsa malee hafuu dandeessi.

2) Dubartii baay'ee baratte( The Most educated women). Dubartiin mastersii, ykn phd qabdu takka gaayela gaarii qabaachun harkuma waaqaa jira🤔. Ciminni isaanii akka dhiiran waliif hin galle taasisa. Kaampaaniiwwan gurguddaa deemii gaafadhu, dubartoonni hedduun singiliidha ykn hiikaniiru.

3) Dubartii maatiin ishii abbaa qabeenyaa ta'e. Isaan kunis hedduu ulfaatodha, dhiira hin bulfatan. Jireenya qananii keessatti guddatte waan ta'eef jaarsaf ajajamtee jiraachuun itti cimachuu danda'a😉.

4) Akka malee kan amantii jabeessitu. Dubartiin akkasii ykn dhirsa hin argattu ykn ni hiikti. Sababni isaas isheen gorsa jaarsaa fudhachuu hin dandeessu, ishiin akka amantiin jedhutti qofa waan deemtuf abbaa warraa isheetiif akka garaa hin taatufi.

5) Dubartii mana ciffaraa fi dhugaatii baayyistu. Ishiin akkasii akka waan jireenyi har'a qofa ta'eetti fataa jechuu feeti. Dhiirri ishiitti dhufus yeruma tokko bu'eet gatee biraa deema. Kanarraa kan ka'e dubartiin akkasii daa'ima abbaan walii hin beekkamne guddisaa hafti🙄.

Fayyaa fi Walqunnamtii Saalaa follow godhaa!

23/04/2024

Fayyaa qaama saalaa fi walhormaataa eeggachuu (Sexual and reproductive health tips🙄🤔)
✏°°°°°°°°°°
Qaamni saalaa kan dhiiras ta'ee kan dubartii yoo kunuunsa ykn eeggannoo barbaachisaa ta'e hin goonuf ta'e, madda dhukkuboota hedduu, hanga dhala dhabuu fi rakkoo fayyaa yeroo dheeraa ta'uu danda'a. Keessattuu qaamni saalaa shamarranii foddaa gara keessa qaama namaa waan ta'eef(door to abdomen🙄), wanti karaa buqushaa olseene hanga keessoo garaachaatti olfulla'uu danda'a. Rakkoowwan dhufuu malan kunneen, sababa qulqullina gahaa dhabuu, miidhaa sababa balaa adda addaatif dhufu, dhukkuboota walqunnamtii saalatiin daddarban, fedhii ofiin ofirraa baasuu qulqullina hin qabne, fi sababa barteewwan duubatti hafoon uumamuu danda'u.

Rakkoon fayyaa walhormaataas waan armaan olitti laallen baayyee kan walirraa hin fagaanne yoo ta'u, fedhii saalqunnamtii gaarii dhabuu, dhala argachuu dadhabuu fi maatii gaarii uummachuu(family health) hanqachuu dabalata.

Mee gabaabumatti fayyaa qaama saalaa fi sirna wal hormaataa eeggachuuf wantoota nuti gochuu qabnu haa ilaallu🙄.

1) Warri shamarranii yeroo kamiyyuu hanga danda'ametti waan kamiyyuu gara qaama saalatti galchuu dhiisuu. Fknf, keessa qaama saalaa qubaanis ta'ee meeshaan dhiquu dhiisuu, kondomii fayyadamuu irra saalqunnamtii hin barbaachisne durumaa gochuu dhabuu, qubaan ykn waan biraa qaama saalatti galchuun fedhii ofirraa baasuu dhiisuu fi kkf.

2) Naannoon qaama saalaa jiidhee yeroo dheeraf akka hin turre eeguu. Kunis sababa wayyaa jiidhaa uffachuu ykn fedhii keessa galuudhaan qaamni saalaa dhangala'aa maddisiisee jiidhinsa qabachuun ta'uu danda'a.

3) Warreen dhiiraa qunxurroo murachuu🙄. Gogaa hin barbaachisne fuuldura qaama saalaa teessu sana ogeessaan ofirraa kutuun riiskii fayyaa qaama saalaa fi dhukkubootaa ni hir'isa.

4)Walaqunnamtii saalaa daangaa hin qabne irraa of eeggachuu. Isa kanaaf ibsa bal'aa waan isin barbaachisu natti hin fakkaatu.

5) Walqunnamtii saalaa booda fincaan fincaa'uu fi bishaan qulqulluudhaan qaama saalaa dhiqachuu. Kana gochuun dhiiraafis ta'ee dubartiif baayyee barbaachisaadha.

6) Yeroo qaama saalaa qulqulleeffatan fuulduraa gara duubatti qulqulleessuu. barbaachisaadha.(Keessattuu warra shamarraniitiif buqushaarraa gara hudduutti ta'uu qaba). Maalif jettanii akkan nan gaafanne😆🙄

7) Dhiironni paantiis ta'ee surree naannoo qaama saalaa waxxaree qabu uffachuu irraa of qusachuu.

8) Rifeensa naannoo qaama saalaa akka malee gadi qabnee haaduu irraa of eeguu. Keessattuu chiikonni gaafa wal beellaman saphii quncisanii haaddachuun suni hiv dabalatee dhukkuboonni biroo salphumatti akka daddarbaniif karaa banuu danda'a.

9) Hirriiba gahaa rafuu, dhiphinaa fi rakkoo hawwaasummaa kamuu furuu fi walumaa galatti yoo rakkoo kamiyyuu ofirratti kan arginu ta'e gara mana yaalaa deemudhaan ogeessa mariisisuun rakkoo fayyaa qaama saalaa fi saalqunnamtii akkasumas walhormaataa furachuun barbaachisaadha.

Fayyaa fi Walqunnamtii Saalaa follow godhaa!

21/04/2024

50K followers
✏°°°°°°°°°°°°
Yooyyaa akkam jirtu hordoftoota koo qaalii! Warreen maalif badde jettanii na iyyaafachaa jirtan guddaa galatoomaa! Waanin badeef onnee kiyyarraan dhiifama isin gaafadha. Deeggarsa isin naaf gootaniin ammoo hordoftoota 50K horachuu kiyyatti baayyee gammadeera, isinimmoo itti fuftanii akka na cinaa dhaabbattan abdiin qaba, isinin jaaladha!❤😍

10/04/2024

Ofiif boonya yaa ! 😭☹
✏°°°°°°°°°°°°
Atillee obbaafattetta
Dhiphinaafi gidiraa
Kabajaan dhaqxee teessa
Gootota akka kee bira!
Lubbuun kee qulqullittiin
Yoo bakka dhugaa geessu
Gidiraa dachee Oromoo
Hin agartu - hin dhageessu!

Ajjeechaatti shaakallee
Du’aa - kolfuutti kaane
Ofiif boonya Battee koo
Kan warra ‘araamuu’ taane!
Ganama ‘RIP’ jenna
Galgala sirbi jenna!
Qaaliin nu keessaa harca’e
Qe’een onaa nu ta’e…
Bullee dhugaa hin gaafannu
Duunee gumaa hin baafannu!

Atillee haara-galfatta
Bakka dhugaa dhaabattee
Kan bor waan taanu hin beekne
Ofiif boonya yaa Battee!😭😭😭😭😭

04/04/2024

Gosoota qaama saalaa dhiiraa( Types of pennis🙄🤔)
✏°°°°°°°°°°°°
Qaamni saalaa dhiirota tokko tokkoo yeroo hin ka'in walitti moshommoshee qaama saalaa daa'imaa fakkaata. Haata'u malee yeroo ka'u furdinas ta'ee dheerina haalaan dabaluudhaan baayyee guddata. Warreen kaan ammoo yeruma hin ka'inuu furdaa fi jajjabaataa yoo ta'u yoo ka'es homaa kan hin daballes jiru. Amaloota qaamni saalaa qabu kanneen irratti hundoofnee, gosoota qaama saalaa dhiiraa bakka gurguddoo lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.🙄

1) Grower warra jedhaman. Qaamni akkasii yeroo hin ka'in xiqqoo fi lallaaftuudha. Yeroo namichi fedhii keessa seenu ammoo yoo xiqqaate seentimeetira 4 fi isaa ol dabaluun saalqunnamtiif of qopheessa. Yeroo baayyee namoonni gosa kana qaban dhiirota umuriin dargaggeeyyii ta'an yoo ta'u uummanni addunyaa kanaa harki caalan gosa qaama saalaa kana akka qabu qorannoon ni mullisa.

2) Shower jedhamuun kan beekkaman. Isaan kun ammoo guddinni isaanii yeroo dhaabbates hedduu hin jijjiiramu. Namoota umuriin qancaroo ta'antu gosa kana qaba jedhama.

Walumaa galatti waan kanaan walqabatee wanti hubachuu qabnu, gosoonni qaama saalaa lamaanuu saalqunnamtii irratti walirra fooyyee kan hin qabne yoo ta'u, qaama saalaa ofiitti gammaduun jireenya saalqunnamtii keessatti gammadaa fi milkaa'aa akka taanu nu gargaara.

Fayyaa fi Walqunnamtii Saalaa follow godhaa na hordofaa!

27/03/2024

Dhugaadha jettanii yaadduu?🤔🙄
✏°°°°°°°°°°°°
Jaalala keessatti...

Dhiira gamnaa fi dubartii gamna=Jaalala
Dhiira gamnaa fi dubartii gowwaa=Ulfa
Dhiira gowwaa fi dubartii gamna=Gaayela

Gowwaan hin dhalatin jedhama mitiiree. Gowwaan akkuma jireenya keessatti karaalee hedduun rakkatu, jaalala keessattis miidhamaadha, jireenya jaalalaa gaarii dhamadhamuun itti ulfaata. Wanti gowwaa homtuu hin bareedu.

Mee amaloota gowwaa muraasa gaggabaabsinee haa ilaallu.

1) Yeroo waan tokko raawwatu maaltu akka uumamu tilmaamuu nama hin dandeenye(Lack of critical thinking)

2) Akkuma tasaa osoo itti hin yaadin waa murteessu yoo ta'e( Impulsive decision).

3) Osoo hubannoo hin qabaatin odeeffannoowwan dhugaa fi gorsa namootaa tuffachuu.

4) Ofeeggannoo malee waan isa miidhu keessatti hirmaachuu ykn hojjachuu( recklessness).

5) Fageessee yaaduu waan hin dandeenyeef akka salphaatti shawwadamuu ykn sobamuu(Easily decieved).

6) Ciminaa fi hanqina isaa adda baasee kan hin beekne yoo ta'e,

7) Dogoggoroota darban irraa barachuu dhabuun irra deddeebi'uun kan raawwatu.

8) Namoota kaan tuffachuu fi waayee ofii akka malee guddisanii yaaduu.

Egaa isinis qaphxiilee muraasa kaasne kanneen keessatti of ilaalun baayyee gaaridha. Jaalala gaarii dhamdhamuun beekumsa, bilchinaa fi gamnummaa umurii keenya madaalu nu barbaachisa.

Fayyaa fi Walqunnamtii Saalaa follow godhaa

Address

Debre Libanos

Telephone

+251917104857

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gadaa Medicine posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Gadaa Medicine:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram