01/02/2025
YEROO MALEE BAHUU ULFAA/Abortion
▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼
Biyyaa biyyatti addaa adda tahus akka biyya keenyaatti Ulfi yeroo isaa malee bahe /Abortion kan jedhamu yoo ulfi sun sababa garagaraatiin torbaan guutuu 28 ( ji'a torbaan ) duratti dubartii takka irraa baheedha ykn immoo daa'imni baate sun ulfaatina giraama 1000 /kilograma 1 gadi kan qabdu yoo taheedha. Kunis kan taheef daa'imni sana gaditti dhalatti sadarkaa biyya keenyaatti waan guddachuu hin dandeenyeefi.ameerikaatti garuu torbee 20 ykn ji'a 5 fi isaa gaditti.
Mala bahiinsaa irratti hundaa'uun ulfi yeroo malee bahu bakka lamatti qoodama:
1 Ofii isaatiin kan bahu ( Spontaneous Abortion ) fi
2 kan itti yaadee namni baasu ( Induced Abortion ) jedhamu.
KA'UMSA(kan ofii bahuuf)
1 Yeroo baay'ee ulfi ofii isaatiin bahu harki caalu kan mudatu ji'a sadeen duraa keessatti yoo ta'u sababni isaas yeroo hedduu rakkoo "kiroomoozomii" ( chromosomal anomoly ) irraa kan ka'eedha.
Dubartiin takka jiruu ishee keessatti carraan ulfa yeroo malee bahu qabaachuudhaa yeroo jalqabaatiif harka dhibba keessaa parsantii kudha shan (15% ) kan ta'e yoo ta'uu, yoo duraan qaban ta'e immoo carraan inni itti aanu irraa bahuu bal'aadha. Walitti aansuun yoo ulfi 5n baheyyuu carraan isa itti aanu qabachuu immoo ammallee ni jira
2 Gadaamessi uumamaan akka ilmoo hin qabanne ta'ee yoo guddate ( developmental uterine anomaly)
3 Tamboo aarsuu
4 Dhugaatii alkoolii yeroo hedduuf dhuguu (keessattuu ji'oottan lamaan duraa keessatti)
uterine defects)
5 gabaabbachuu hulaa gadaamessaa (Cervical insufficiency)
6 Hir'ina hoormoonii projestroonii
7 Hoormoniin Taayiroyidii hamma oomishamuu qabuu gaditti kan oomishamu yoo ta'e.
8 Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu
9 Infeekshinoota garaa garaa kan naannoo hulaa gadaamessaa fi isaa gadii ..fa'i
MALLATTOOLEE(ulfi bahuu fi bahaa jiraachuu agarsiisan)
1 Dhiiga karaa qaama saalaatiin yaa'u
2 waan foon Tiruu fakkaatu ciccitee bahu yoo jiraate
3 Handhuuraa gaditti irra deddeebi'ee garaa dhukkubbiin/muruun yoo jiraate
☞yoo ulfi ji'a 4/5n darbe
4 Daa'imni duraan socho'aa/taphachaa turte sochii dhaabuu
5 jijjiiramoonni dubartiin takka yeroo ulfooftu mul'atan kanneen akka guddachuu harmaa, heddummaachuu haqqisaa fi guddachuun gadaamessaa duubatti deebi'uu fa'aadha.
YAALA
Gosoota isaa irratti kan hundaa'e waan ta'eef, dubartiin ulfaa mallattoolee armaan olii irratti mul'ate dafanii hatattamaan ogeessa fayyaa dhiyeenyatti argamu bira deemuun mariisisuu qabu.
MIIDHAA
1 Garmalee dhiiguun hir'ina dhiigaa fiduu
2 Infeekshinoota salphaa fi hamoof nama saaxiluu
3 Dhangala'aan qaama gadi bu'uu
Hub: Haati takka yeroo ulfi irraa bahe yoo xiqqate ji'a 3-6 ulfaa'uu hin qabdu
Dr Gado