Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa

Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa This is the Official page of East Borana Zone Health Office.

Godina Boorana Bahaa Aanaa Madda Walaabuutti Waldaan Qaxxaamura Diimaa Damee Godina Boorana Bahaa Deeggarsa Qorichaaf Am...
14/11/2025

Godina Boorana Bahaa Aanaa Madda Walaabuutti Waldaan Qaxxaamura Diimaa Damee Godina Boorana Bahaa Deeggarsa Qorichaaf Ambulaansii taasise.

Ittaanaan Bulchaa Bulchiinsa Godina Boorana Bahaa Obboo Taajuraa Odaa Saganticha irratti argamuun haasaa taasisaniin, Waldaan Qaxxamuura Diimaa Itoophiyaa Damee Godina Boorana Bahaa hojiilee akka dhiyeessii Qorichaa gargaraa, Meeshalee Waldha'ansa fayyaa, Bishaan Dhugaatii baasuuf kanneen biroo hojjachaa turuu himuun, Tajaajila fayyaa fooyya'iinsa qabuu karaa qixa sirriitiin lafa qabsiisuun hawaasa fayyaa qabeessa horachuuf Waldaan Qaaxxamura Diimaa Godina Boorana Bahaa hojii namooma kana taasisuu eerani.

Ittigaafatamaan Waldaa Qaxxaamura Diimaa Damee Godina Boorana Bahaa Obboo Yohaannis Fayyisaa akka jedhanitti, Lammilee fayyaa qabeessa horachuuf lubbuu Hadhollii hambisuuf Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itoophiyaa Damee Godina Boorana Bahaa deeggarsa qorichaalee gosa gargaraa tilmaama qarshii Miliyoona 12 oliin bitameef Ambulaansii tokkoo kan tilmaama qarshii Miliyoona 13 oliin bitame dhiyeessuu isaa ibsuun, fulduraaf Aanichatti hojiilee namoomaa hedduu hojjachuuf kan karoorfate ta'uu dubbate.

Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa Obboo Areeroo Biiqqichaa gama isaatiin, Lammiilee Fayyaa qabeessa horachuuf qindoominaa fi Walitti hidhamiinsa fayyaa uumuuf waldaan qaxxamura Diimaa Damee Godina Boorana Bahaa deeggarsa Qorichaaf Meeshaalee Fayyaa taasisuu dubbachuun, hawasnii keenya rakkolee dhiyeessii yeroo dheeraaf isin muudachaa turte beektanii qorichaleef meeshaalee waldhaa'ansaa kana seeraan akka fayyadaman dhaame.

Bulchaan Aanaa Madda Walaabuu Obboo Abdurikariin Adam gama isaatiin Rakkoolee dhiyeessii Qorichaa yeroo dheeraaf aanicha muudachaa ture, hambisuuf Waldaan Qaxxaamura Diimaa Damee Godina Boorana Bahaa Qorichaalee gosa gargaraa, Meeshaalee Waldhaa'ansaaf Ambulaansii deeggarsa taasisuu isaatti gammachuu guddaa qabaachuu dubbatan.

Dhibeen maalummaan isaa ammatti hinbeekamne Magaalaa Jiinkaatti mudate mallattoolee akkamii agarsiisa  Heemooraajiik Fee...
14/11/2025

Dhibeen maalummaan isaa ammatti hinbeekamne Magaalaa Jiinkaatti mudate mallattoolee akkamii agarsiisa

Heemooraajiik Feever (Hemorrhagic Fever) Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Magaalaa Jiinkaatti mudachuu kan ibse Ministeerri Fayyaa, maalummaa isaa adda baasuuf qoratamaa jiraachuu ibse.

Ibsa ministeerri kun Sadaasa 03 baaseen, haga yoonaa namoonni saddeet dhukkuba kanaan shakkamuu eere.

Dabaluunis, Biiroo fayyaa naannichaa waliin ta'uun ka’umsa dhibichaa beekuufi akka hin babal’anne to’achuuf, akkasuma gareen deebii hatattamaa kennu gara iddichaatti bobba’uun hojiin gamaaggamaafi qorannoo laabraatoorii gaggeeffamaa jira jedhame.

Hojiin hawaasa hordofuu, tuttuqaa ittisuu, mana manarra deemuun adda baasuufi kenniinsi tajaajila yaalaa cimee itti fufuus ibseera.

Kana malees, hawaasni hundi dhibicha ittisuuf ofeeggannoo gochuu akka qaban akeekkachiise.

Ofeeggannoowwan godhamuu qabanis:

 Wayita Afaan, funyaaniifi kutaalee qaamaa biroo mallattooleen akka dhiiguu, ho’ina qaamaa dabaluu, gadi teessisuufi ol deebisiisuun mul’ate saffisaan gara buufata fayyaa dhiyeenyatti argamutti imaluun qoratamuu.

 Nama dhibichaan shakkame waliin tuttuqaan akka hin jiraanne of eeggachuu.

 Yeroo hunda harka Saaniitaayizarii yookan saamunaan sirnaan dhiqachuu.

 Dhaabbileen yaala fayyaa kamiyyuu naannoosaa hordofuu, adda baasuu, qorannoo taasisuu, yaaluufi gabaasa gochuu qabu jedhe.

Dabalataan ragaan dhimmicha ilaallatuufi shakkiin yoo jiraate karaa sararoota bilbilaa 8335 fi 952’n bilbiluun odeeffannoo kennuufi fudhachuun kan danda’amu ta’uu Ministeerri Fayyaa hubachiiseera.

14/11/2025
14/11/2025
Dhibee 'Hemorrhagic Fever' jedhamu akkamiin ifirraa ittisna? Ministeerri Fayyaa, Naannoo Kibba Ityoophiyaa keessatti dhi...
13/11/2025

Dhibee 'Hemorrhagic Fever' jedhamu akkamiin ifirraa ittisna?

Ministeerri Fayyaa, Naannoo Kibba Ityoophiyaa keessatti dhibeen 'Hemorrhagic Fever' jedhamu mudachuu isaa beeksise.

Ministeerrii Fayyaa Ibsa gaazexeessummaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa fi Biiroolee Fayyaa Hawaasaa waliin ta’uun baaseen Godina Kibba Itoophiyaa magaalaa Jinkaatti dhibeen Hemorrhagic Fever (HF) mudachuu isaa ibse.

Ragaan hordoffii akka agarsiisutti, hanga ammaatti namootni saddeet (08) dhibee kanaan qabamuun ifoomeera.

Haaluma kanaan Ministeerri Fayyaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa fi Biiroo Fayyaa Naannichaa waliin ta’uun garee deebii ariifataa naannoo sanatti erguun sababa dhibee kanaa adda baasuuf, akkasumas tatamsa’ina isaa daran ittisuu fi to’achuuf madaallii dirree fi qorannoo laabraatoorii gaggeessee jira.

Akkasumas hawaasa bira gahuu, daawwannaa, mana, fi kenniinsa tajaajila yaalaa cimsaa jira.

Kanaaf hawaasni guutuu fi qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu hanga Ministeerichi ibsa dabalataa kennutti tarkaanfiiwwan ittisaa fi of eeggannoo armaan gadii hojiirra oolchuu akka qaban dhaamsa dhameera.

👉 Afaan, hidhii, fi kutaalee qaamaa biroo keessatti mallattoon dhiiguu, ho'a qaamaa, garaa kaasaa, yoo mul'ate, mana yaalaa dhaquun hatattamaan qorannoo laabraatoorii gochuu,

👉Nama mallattoon dhukkuba kanaa qabu kamiinuu yeroo waliittii dhufan tarkaanfiilee ofirraa ittisuu fayyadamuu

👉 Yeroo hunda harka sanitaayzeriin qulqulleessuu ykn bishaan fi saamunaadhaan dhiqachu.

👉 Dhaabbanni fayyaa kamiyyuu naannoo kunuunsa dhukkubsattootaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun namoota dhukkuba ho'a dhiigaa vaayirasiitiin qabaman hatattamaan adda baasuu,
yaalu, fi gabaasuu akka qabu ibsameera.

Dabalataniiss Sarara bilbilaa bilisaa 8335 fi 952 bilbiluun odeeffannoo argachuun akka danda’amus ibsameera.

📵⚠️OF-EEGGANNOO! Ibsa galgala kana Ministerri Fayyaa biyyaa kennaa baasen dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda...
12/11/2025

📵⚠️OF-EEGGANNOO!

Ibsa galgala kana Ministerri Fayyaa biyyaa kennaa baasen dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hin bahin Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti mudatuu ibsee jire.

Dhukkubichis mallattoolee akka hoo’a qaamaa, qola ijaa diimessuu, baasaa dhiiga makate, dhiigni irga, afaan, funnaanii fi qaama biraatii dhangala’uu fa’a kana agarsiisuu adda ba'ee jira.

12/11/2025

ወቅታዊ የጤና ጉዳይን አስመልክቶ የተሰጠ መግለጫ

Website: moh.gov.et
Facebook: facebook.com/EthiopiaFMoH
Twitter: x.com/fmohealth
YouTube: youtube.com/
Tiktok: tiktok.com/
Telegram: t.me/M0H_EThiopia
Linkedin: lnkd.in/ewFJ6VAB

10/11/2025

Address

Dedo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram