Dr. Hinsermu Abera

Dr. Hinsermu Abera Gorsa Fayyaa fi Seenaa nama barsiisu Page kanarraa argattu. Nagaa guutuu fi Fayyaa guutuu qabaadhaa!

12/09/2025

“Bara dhufutti Yaaqoob hidda in yaafata...✝️
—Isa. 27:6

Waaqayyo guyyaa kanaan isin haa ga'u, warra hin fuudhin jirtaniif😊
31/07/2025

Waaqayyo guyyaa kanaan isin haa ga'u, warra hin fuudhin jirtaniif😊

30/07/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Garuma Leta Aga, Ebbisaa Qannaa, Amin Hussein, Ifa Tumsa, Nasru Shame, Mohammed Yusuf, Seenaa Western, Soresa Daba, Mathew G Waki, Feeysal Mamed, Simon Yohannis, Ibsay Abera, Tokona Guji'ii, Gudeta Gizaw, Haji Kurkura Haji Kurkura, Eebbisaa Filee, Ahimad Abdurehman, Biree Adola Ware, Hope K Freedom, Mahtama Gandhi, Badhaasa Sufiyan, Nabiyu Lamma, Alamudin Jibril, Abdulfetah Abrahim, Fikadu Tamiru, Danyee Dandana, Dejene Beshada, Moti Daraje, Abubeker Befqaduu, Marama Di, Siraaj Tamaam, Melkamu Moroda, Ramadaan Ramadaan, Bonsisaa Oro, Badhaasoo Goobanaa, Muzammil Ahmad, Nasru Hasen, Warra Horroo, Ilili Yasin

DUBARRI OSOO HARMA HOOSIFTUU ULFAA'UU NI DANDEESSII?Dubarri harma hoosiftu garaagarummaa saatii 2-3tiin guyyaas galgalas...
26/07/2025

DUBARRI OSOO HARMA HOOSIFTUU ULFAA'UU NI DANDEESSII?

Dubarri harma hoosiftu garaagarummaa saatii 2-3tiin guyyaas galgalas hoosisuu qabdi, yoo akkasitti hoosifte, hormooniin 'prolactin' jedhamu Akka aannan dafee oomishamu taasisa, akkasumas oovaariin Akka hanqaaquu hin qopheessine gochuun ulfi Akka hin uumamne taasisa. Garuu yeroo harma hoosiftu, guyyaa garaagarummaa sa'aatii 4 halkanimmoo sa'aatii 6 fi isaa oliin yoo kan hoosiftu ta'e Ulfi uumamuu danda'a. Kanaaf yeroo baay'ee garaagarummaa sa'aatii 2-3tiin yeroo hundaa hoosisuun rakkisaa ta'uu waan danda'uuf, Ulfa ittisuuf mala ittisa Ulfaa Kan biraa fayyadamuun barbaachisaadha.

Haati harma akkan amma jedhetti hin hoosifneefi, Kan erga deessee gonkumaa harma hin hoosifne, erga deessee torbee 3 gidduutti deebitee ulfaa'uu ni dandeessi. Erga deessee Osoo laguu jalqabaa hin argin torbee lama dursee hanqaaquun gadi dhiifamuu waan danda'uuf, Osoo laguu hin argin deebitee ulfaa'uu ni dandeessi. Kanaaf mala ittisa Ulfaa da'umsaan booda Kennamu fayyadamuun barbaachisaadha.



Dr. Hinsermu Abera

Kunis Jira😁😁😁Namichatu gara mana yaalaa dhufee Dooktara gaaffii gaafate.NAMICHA: Dr. Ani kaadhimaan qaba, yeroo baay'ee ...
25/07/2025

Kunis Jira😁😁😁
Namichatu gara mana yaalaa dhufee Dooktara gaaffii gaafate.

NAMICHA: Dr. Ani kaadhimaan qaba, yeroo baay'ee waliin bulleerra garuu gaafa waliin ciifnu hunda ani Koondomiin fayyadama, takkaas najalaa citee hin beeku, Haala gaariinan fayyadama.
Garuu kaleessa kaadhimaan koo akka ulfa taate natti himte, kuni ta'uu ni danda'aa?

DOOKTARA: Ok, mee seenaa tokkon sitti hima sirriitti na dhaggeeffadhu, Namicha bineeldota adamsuudhaan beekamu tokkotu ture.
Gaaf tokko gaafa manaa ba'u, sa'aatiin itti barfannaan rasaasa, se'ee dibaabee dheeraa fudhatee ariitiidhaan sokke. Gaafa bosona keessa seenu, akka tasaa leenci fuulduraan itti dhufe.

Innis ariitiidhaan Rasaasa se'ee, Gaafa dibaabee sana fiixeedhaan gadi qabu, dibaabeen diriire. Garuu yeroo dibaabee sana cufee achi ilaalu Leencichi du'eera.

NAMICHA: Dooktar maal jechuudha? akkamitti dibaabeedhaan leenci du'a, nama biraa kan adamoodhaaf ba'etu itti dhukaasee ajjeese malee jedhe.

DOOKTARA: Sirriitti siif galeera, dhukkubsataa biraa ol naaf galchaa.






Dr. Hinsermu Abera

"Seequun kee akka aduu guyyaa, onnee namootaa ifaa godha!" 👈 Kana beektaa laata? Chaanaalii keenya "SeeQaa Mee" SUBSCRIBE gochuu hin dagatinaa!!! 👇👇👇 https://www.youtube.com/.hinsermu_abera

24/07/2025

Miidhaawwan kophee olka'aa kaawwachuufi
Waan hin qabne agarsiifachuuf yaaluun namatti fidu keessaa tokko...😂😂😂
゚viralシfypシ゚viralシalシ

Dr. Hinsermu Abera

Istiichii dhaanin Da'e, yeroo jettu dhageessee beektaa haati tokko?Egaa Istiichiin maali? Maalif haati ulfaa tokko istii...
18/07/2025

Istiichii dhaanin Da'e, yeroo jettu dhageessee beektaa haati tokko?

Egaa Istiichiin maali? Maalif haati ulfaa tokko istiichiidhaan deessifamti? Erga Istiichiin deesse booda haati tokko maal gochuu qabdi?

Istiichiin afaan meedikaalaatiin "Episiotomy" kan jedhamu yeroo ta'u, innis kan dalagamu dubartoota qaamni saalaa isaanii dhiphaa ta'ee mataa daa'imaa gaafa dabarsuu didudha.
Erga Episiotomy ( istiichiidhaan) deesse booda manatti waan gochuu qabdu, yoom gara mana yaalaa deemtee ilaalamuu akka qabduufi Yoom walqunnamtii saalaa eegaluu akka dandeessu, Video guutuusaa YouTube irraa argattu. Link isaa kunooti.👇
https://youtube.com/.hinsermu_abera
Dr. Hinsermu Abera

https://fifahealth.blogspot.com
20/06/2025

https://fifahealth.blogspot.com

“Faith-Inspired Family Aid (FIFA) promotes maternal and child health through education, awareness, and community care in underserved areas.”

Doctor,  gaaffii tokkon qaba. Fincaan baayyee na qabee, iddoo namni itti baay'atu ykn Hoteelatti, karaa cinaattis,  finc...
07/01/2025

Doctor, gaaffii tokkon qaba. Fincaan baayyee na qabee, iddoo namni itti baay'atu ykn Hoteelatti, karaa cinaattis, fincaa'uuf yeroon jedhu tasumaa naaf bu'uu dida. Rakkoon kun irra deddeebi'ee na mudata maali fallikoo?

Ogummaa fayyaatiin rakkoon akkasii kun "PARURESIS" ykn 'shy bladder syndrome' jedhama.
Innis rakkoo xiin-sammuu ta'ee, iddoo namni jiruttis ta'e, osoo namni hin jiraatinis akka waan namni bira jirutti yoo yaadan fincaan tasumaa akka hin fincaanamneef kan taasisudha.
Dhiirris, Dubarris rakkoo kana qabaachuu ni danda'u.
Furmaanni isaa,
(graduated exposure therapy and cognitive behavioral therapy) kan jedhamu,

Namoota itti siqaniifi amanan bakka itti fincaa'anitti of bira dhaabachiisuudhaan fincaa'uuf yaaluu kanas hamma sodaan dhiisutti irra deddeebi'uudhaan yaaluu, akkasumas fincaan fincaa'uun seera uumaa ta'uufi namoonni achi jiranis akka fincaa'an sammuu ofiitti himuudhaan miira sodaa of keessaa balleessuudha.

Hub: rakkoon kun altokkoon nama hin dhiisu. garuu irra deddeebi'anii maloota asii olii shaakaluun dhibee kana irraa bilisa ta'uun ni danda'ama.

Kanaan walqabatee, Rakkoon xiin-sammuu bakka namoonni jiraniitti bobbaa ( Udaan) haguu dadhabuu, "PARCOPRESIS" ykn shy bowel syndrome jedhama.

Furmaanni isaas kanuma asii olitti ibsamedha.

Fayyaa guutuufi Nagaa guutuu qabaadhaa.Hinsermu Abera


Address

Dukem

Telephone

+251926651101

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Hinsermu Abera posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Hinsermu Abera:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category