Medical Personal

Medical Personal I will post medical information on this page starting from today!

07/01/2021

Dhukkuba kaansarii Afaan Gadaamessaa( cervical cancer).
Dhukkubni kaansarii Afaan gadaamessaa dhukkuboota qaama Hormaataa dubartootaa miidhan keessaa isa tokko ta'ee yeroo ammaa kana biyyoota gaanfa Afriikaa ta'an keessattuu Itoophiyaa haalaan miidhaa kan jiruudha.
Dhukkubni kun shammarran armaan gadiitti tarreeffaman dursaan kan qabuudha:
1,Dubartoota dhiiraa lamaa fi isaa ol waliin walqunnamtii saalaa taasisan( having multiple sexual partner).
2, Hiriyyaa dhiiraa ykn abbaa manaa jijjiiruu( changing sexual partner).
3, Shamarran vaayirasii HPV jedhamuun miidhaman ( Human papilloma virus infection).
4, Sigaaraa warra aarsan( smoking cigarette).
5, waggaa 16 dura walqunnamtii saalaa eegaluu( early coitarche).
Kanneen armaan oliitti tarreeffame wantoota saaxilamummaa dabalaniidha.
Dhukkubni kun jalqaba irratti gadaameessa kan miidhu ta'uyyuu akkuma kaansarii biroo qaamota biroo miidhuu kan danda'uudha. Qaama biroo kan miidhu karaa ujummoo dhiigaatiin dhiigaan baatamee iddoo biraa deemuuniidha.
Kana qofa osoo hin taane haadholee dhala dhoorkuu ni danda'a, kuni kan ta'u yoo garaa gadaameessa miidhee fi yeroo yaalaa gadaameessi wal'aansa baqaqsanii hodhuun yoo yaalameedha.
Karaa ittiin dhukkubicha beekan:
1, Mallattoolee haadholliin hakiimatti himaniin.
2, Laaboraatorii adda addaa.
Karaalee ittiin sakatta'iinsa duraa( screening):
A, VIA ( Visual inspection with acetic acid).
B, pap smear.
C, colposcopy directed biopsy fi kkf...
Karaalee ittiin ofirraa ittiisan:
1, walqunnamtii saalaa ofeeggannoo hin qabne taasisuu ( unprotected sexual in*******se).
2, Sakatta'iinsa duraa( screening).
3, Sigaaraa aarsuu dhiisuu
4, Dhukkuboota dura kaansarii dafanii yaaluu( treating precancerous lesions).
Yaalaawwan dhukkuba kaansariu Afaan gadaameessa:
1, Wal'aansa yaalaa( surgical treatment).
2, Radiotherapy
3, chemotherapy.
Walumaagalatti dhukkubni kaansarii Afaan gadaameessaa Haadholii keenya miidhaa waan jiruuf irraa ofeeguun barbaachisaadha.

16/08/2020

Akkam jirtu yaa uummata koo fayyaa keessanii?
Baga nagaa taatan!!
Hagamille gaddinus, hagamillee onneen teenya nu cabddus ogummaa fi beekumsa qabnuun lammii ofii gagaarunii fi gorfachuun dirqama nama hundaati!!
Akkuma hunduu beeku uummanni oromoo yeroo ammaa kana gadda guddaa irra jira EGA Artistii keenya jaalatamaa fi kabajamaan Aartist Haacaaluu Hundeessaa Boonsaa Boqate as jechuu kooti.
Waaqayyoon Abbaa dhugaa gumaa isaa has baasuf!!!
Yaa uummata osuma beeknu huuba wajjiin jette sateen akkuma jedhamu, osuma gaddinu garuu ofeeguun murteessaadha!!
Dhaloonni hafe ittu fufuu qaba waan ta'eef, kaayyoon qabsaa'onni keenya wareegamaniifis kana waan ta'eef!!
kanaaf yeroo karaa deemnu, yeroo konkolaataa keessa teenyu koronaa irraa of haa eegnu; Haguugdduu afaanii fi funyaanii seeraan haa godhannu, harka keenya saamunaa fi bishaaniin sirriitti haa dhiqannu, waliirraa fageenya keenya haa eeggannu!!!
Dhukkubnu koronaa dhukkuba fayyaa namaa karaa hedduun miidhuudha: karaa xiinsammuu, kallattiin ammoo qaama keenya no miidha, dhukkuba biraatiifis nu saaxila. kana waan ta'eef jabaannee of haa eegnu!!!
Inni biraa ammoo namoonni hedduun dhukkubni koronaa Hospitaala keessa jira jedhanii yaaduun nama dhukkubni biraa qabe Mana yaalaa geessuun hir'ata jira, inni kunis sirrii miti sababni isaas Hospitaala keessatti nuti ogeeyyiin fayyaa haga danda'amaa ta'een uummata keenya dhukkubarraa in ittisna, wanta jiru Mara godhannee dhukkubsataa keenya yaalla waan ta'eef carraan koronaan qabamuu hedduu miti!!!
Fayyaa ta'aa!!!
Dhugaan Abbaa Dhugaaf haa ta'u!!!!

17/06/2020

This is page of Dr.Bikila Regasa(MD,GP).

Address

Dukem
98KBAB

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Medical Personal posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram