Dr. Ayansa Medium Clinic

Dr. Ayansa Medium Clinic Teessoon keenya: Godina Gujii Lixa Magaala Bulee Horaa Yeroo dhiyoottii

DHULAANDHULA (LEECH INFESTATION )✅Akkuma beekamu dhulaandhulli qoonqoo horii seenuun kan dhiigsudha. Keessattuu naannoo ...
22/07/2025

DHULAANDHULA (LEECH INFESTATION )

✅Akkuma beekamu dhulaandhulli qoonqoo horii seenuun kan dhiigsudha. Keessattuu naannoo baadiyyatti hedduuminaan laagaa horii yeroo bishaan dhuganitti seenuun kan dhiigsu dhulaandhula jedhamuun beekamudha.
✅Nama irrattis kutaa qaama garaagaraa seenuun akka dhiigni nama dhangala’u maxxantuulee taasisan keessaa dhulaandhulli maxxantuu hamaadha.
✅ Maxxantuun kun salphaatti gogaa namaa irratti kan maxxanu (yeroo baay’ee keessoo Funyaanii) dhiiga baay'inan xuuxuudha. Maxxansi yeroo baayyee dhukkubbii kan hin qabne yoo ta'u, yeroo dhiiga xuuxani quufan ofuman qaama keenya irraa adda ba’u.
✅Yeroo kanas keemikaala Hirudin, jedhamu kan dhiigni bakka madaa kanaa irraa dhiiguu taasisu gadlakkisu.
✅Madaan ciniiname suuta kan fayyu yoo ta’u, infekshiniin baakteeriyaa sadarkaa lammaffaaf saaxilamun kan baratame miti.
Keessumaa namoota naannoo baadiyaa jiraatan irratti ni mul’ata.
✅Kutalee qaamaa kan akka laagaa, qaama saalaa, qaama bobbaa (Hudduu), mar’immaan fi funyaan seenuun akka dhiigan taasisa.

MALLATTOOLEEN MAXXANTUU DHULAANDHULATIN DHUFU MAALI ?
✅. Dhiigni dhangala’uu:- laagaa, qaama saalaa, ija, hudduu fi funyaan.
✅. Hir'ina dhiigaa
✅. Dhiiguu kutaa qaama garagaraa.
✅. Hafuura kutuu.
✅. Dadhabina onnee fi
✅. Du’a qaqqabsisuu danda'a

DHULAANDHULA AKKAMIN YAALUU DANDEENYA?
⚠️Loomii(viinigarii) bulbuluun dhuguu, (laagaa keessa yoo tahe)
⚠️Bishaan ciisaa/lagaa dhuguu dhiisuu.
⚠️Ashaaboo (soogidda)itti dibuu
⚠️Meeshaa hoo'isuun itti qabu.
⚠️Foorseepsii fayyadamuun qabanii baasuu. Kunis mana yaalatti ogeessa fayyaan tahuu qaba.
⚠️Rakkoo maxxantuu dhulaandhulaan dhufan yaaluu. Fkn. Hir’ina dhiigaa waan fiduuf mana yaala geessun dhiigni kennamuufi qaba.
Hub: Weerarri maxxantuu dhulaandhulaa nama keessattuu da'imman irratti mul’atu dhimma fayyaa hamaa fiduu danda’a. Kanaafuu mallattoolee, sababoota daa’imman saaxilan, fi tooftaa wal’aansaa sirrii ta’e beekuun barbaachisaa dha.

Dr. Ayansa Medium Clinic

Address

Hagere Mariam

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Ayansa Medium Clinic posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Ayansa Medium Clinic:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram