Dr.Jemal Musa

Dr.Jemal Musa توكل على الله وسعى للتميز. كن صامدًا خلال التحديات، وعبّر دائمًا عن الامتنان لبركاتك.

19/08/2025
Dhukkuboota dhungii (kissing) irraan namaa namatti darbuu danda'an keessaa!1. Dhukkuba fanxoo (syphilis), kan baakterriy...
26/06/2025

Dhukkuboota dhungii (kissing) irraan namaa namatti darbuu danda'an keessaa!

1. Dhukkuba fanxoo (syphilis), kan baakterriyaan dhufuu fi qaama madeessuu irraa haga sammuu hubuutti ga'uu danda'u.

2. Vayirasii herpes simplex kan naannoo hidhii madeessuun beekamu.

3. Dhukkuba infiluweenzaa, kan sirna hargansuu hubu.

4. Dhukkuba koroonaa vaayirasii.

5. Vayirasii Epstein Barr Virus jedhamu kan kan Infectious mononucleosis nama qabsiisu.

Hub: kun namoota hidhiin isaanii fayyaa ta'eef yoo ta'u, namoonni hidhiin isaanii madaa (sore or ulcer) qabu ammoo dhukkuboota biroo hedduuf saaxilamu!!

Fayyaan Faaya!!
Dr. Gurmeessaa H.

QOFUMMAA**************Qofummaa kara lamaan hiikuu dandeenya. Tokko dhugumaan, namoota irraa qaamaan adda ba’anii jireeny...
26/06/2025

QOFUMMAA
**************
Qofummaa kara lamaan hiikuu dandeenya. Tokko dhugumaan, namoota irraa qaamaan adda ba’anii jireenya qofaa jiraachuu yoo tahu, inni biraan utuma namoota wajjin jiranii hiriyaa dhugaa /aantee dhugaa/ kan miira ofii hiraniif dhabuun miira qofummaan guutamuu dha.
Lachuu qofummaadhuma, miidhaa qofummaan namatti fidu hedduudha. Kanneen armaan gadii miidhaalee qofummaa keessaa muraasa:

*****************************
● Umurii namaa ni gabaabsa: Carraan umrii malee du’uu isaanii kannneen hariiroo fayyaaleessa namoota waliin qabaniin yoo madaalamu kan namoota qofummaan jiraatanii daran dabala.
● Humna dhibee ittistuu qaamaa ni dadhabsa.
● Fayyaaleessumaa soorataa ni hanqisa. Namoota qofummaa qaban waanuma argatan waan soorataniif carraan nyaata madaalamaa argachuu isaanii ni hir’ata.
● Dhibee mukuu/gadddabuu (depression) fi muddama (stress) nama saaxila. Dandeettii mukuu/dhiphuu dandamachuu namaa illee ni hir’isa.
● Araada gara garaaf nama saaxila.
● Hariiroo hawaasumma daran nama harkaa balleessa.
● Carraa of ajjeesuu namaa ni illee ni dabala.

******************************
(Dr. Dawit, Speeshaalistii Dhibee Sammuu)

EVERY ONE SHOULD KNOW THE FOLLOWING INFORMATION
23/06/2025

EVERY ONE SHOULD KNOW THE FOLLOWING INFORMATION

Yeroo tokko tokko osoodhuma taa,anii onneen akka waan utaaltee ba'uu hedduu isin dha'attee beektii? Maalirraa ka'uu mala...
10/06/2025

Yeroo tokko tokko osoodhuma taa,anii onneen akka waan utaaltee ba'uu hedduu isin dha'attee beektii? Maalirraa ka'uu malaa? Yoo maal ta'e mana yaalaa deemuu qabnaa?
************************************************
1. Waantoota qaama si'eessan kamiyyuu kan akka: bunaa, jimaa, tamboo, kookaayinii fi kkf yoo fayyadaman.
2. Jijiirrama hoormoonii qaamaa, keessumaa dubartoota keessatti kan akka marsaa laguu, ulfaa (pregnancy, fi marsaan laguu hafuu (menopause)
3. Sababa kamiin illee gaafa qaamni keenya ho'u ykn dhaqna gubaa (fever) yoo qabaatan.
4. Sochii qaamaa cimaa (straneous exercise) yoo taasisan.
5. Miirota kanneen akka aarii, sodaa fi gadda cimaa ta'an yoo namatti dhaga'aman.
6. Hoormooniin xannacha taayirooyidii irraa maddu (thyroxine) yoo haga barbaadamuu ol oomishamamee qaama keessa faca'u, fkn ucuba mormaa (goiter) yoo hormoonii kana oomishu.
********************************************
Waantoonni armaan olitti kaasne kun kan ofii isaaniin dhiisanii fi yeroo baay'ee kan miidhaa hin qabnedha. Garuu yoo dha'achuun onnee cimaa ta'ee (osuma taa'ani akka nama fiiguutti dha'atee) fi waantoo armaan gadii kana walfaana qabaanne mana yaalaa deemnee ogeessa haasofsiisuu qabna.
1. Miira dhukkuubbii ykn namatti ulfaachuu laphee (chest heaviness)
2. Yoo waa hojjachuuf jedhan haafurri namatti cituu (shortness of breath).
3. Ofwallaaluu, lafti namaan maruu (fainting or dizziness).
********************************************
By © Dr. Gurmeessa
(Ispeeshaalistii dhibee keessaa)

💚❤️👍Gratitude Congratulations  to  graduate doctors of Haramaya University, 2025💚❤️👍✅🇪🇹
09/06/2025

💚❤️👍Gratitude Congratulations to graduate doctors of Haramaya University, 2025💚❤️👍✅🇪🇹

💚✅✅💚NYAATAMUU ILKAANII (DENTAL CARIES)Nyaatamuu(Urachuu) Ilkaanii:yeroo irra gubbaan(Enamel) ilkaan keenyaa sababa asidi...
07/06/2025

💚✅✅💚NYAATAMUU ILKAANII (DENTAL CARIES)

Nyaatamuu(Urachuu) Ilkaanii:yeroo irra gubbaan(Enamel) ilkaan keenyaa sababa asidii bakteeriyaa afaan keessaa jiraniin caccabe ykn urate. Dhukkubni kun kan joollee hanga Manguddoo qabuu danda'uufi dhukkuba ittifamuu danda'uudha.

Mallattoolee nyaatamuu ilkaanii
-Bifti ilkaanii jijjiiramuu.
-Ilkeen Urachuu ykn caccabuu.
-Yeroo waan qorraa,hoo'aa fi mi'aawaa fayyadamnu Ilkeen nama dhukkubuu.
-Ilkaan nama dhukkubuu fi nama itaa'uu fi KKF faadha.

Maloota nyaatamuu ilkaanii ittiin ittisan
$Guyyatti yeroo lama Saabunaa ilkaanii filooraayidii qabuun ilkaan rigachuu
$Jidduu ilkaan keenyaa fi arrabaa keenyaas qulqulleessuu.
$Nyaata mimmi'aawaa xiqqeessuu.
$Nyaata ammaa ammaa itti daddeebi'anii nyaachuu dhiisuu.
$Bishaan Uumamaa dhuguu.
$Ilkaan uratte guutuufi Haakima ilkaanii(Dentist) bira wagga yeroo lama deemanii of ilaalchisuu faadha.

Fayyaa dahaa!

Kilinika Yaala Ilkaanii Dr Abdii
https://t.me/DrAbdiSpecialDentalClinic1

22/02/2025
✅💚💚❤️❤Dear    and    , Congratulations on your beautiful union! May your marriage be filled with love, joy, and endless ...
22/02/2025

✅💚💚❤️❤Dear and , Congratulations on your beautiful union! May your marriage be filled with love, joy, and endless happiness.
May Allah bless your union with happiness, understanding, and tranquility.
May your home be filled with blessings, and may Allah grant you both success in this life and the Hereafter.✅❤️❤

Address

Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Jemal Musa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Jemal Musa:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category