Dr. Abdurahman Kurcha

Dr. Abdurahman Kurcha Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr. Abdurahman Kurcha, Doctor, Harar.
(1)

DHUKKUBA GARAACHAA/GASTRITIS**********************Dhukkubni garaachaa maalini? Dhukkubni garaachaa kan jedhamu keessoo g...
28/01/2024

DHUKKUBA GARAACHAA/GASTRITIS
********************
**Dhukkubni garaachaa maalini?
Dhukkubni garaachaa kan jedhamu keessoo garaachaa haguugee kan argamu 'gastric mucosa'n yogguu quunca'u ykn madaa'uu dha. Uumamaan garaachi namaa asiidii 'Hydrochloric acid,HCL' maddisiisa. Asiidiin kun bulla'ina pirootinii fi baakteeriyaa nyaata waliin garaa seene ajjeesuuf faayida qabu. Garaacha sababa adda addaatiin mada'een yoo wal argate asiidiin kun dhukkubicha gara sadarkaa ol aanuuti ol guddisa.
** Dhukkuba garaachaa maaltu fida:
1.Baakteeriyaa 'Helicobacter pylori' kan jedhamu
2.Qoricha dhukkubi hir'isuuf kennamu(pain killer) keessumatuu gosa 'NSAID' kan ta'an kan akka...'Ibuprofen,Asprin,Diclofenac' baay'inaan fayyadamuu.
*kanneen armaan olii lamaan isaan jalqaba yoo ta'an ;isaan biro immo kannen armaan gaditi
3.Qoricha akka kookeenii 'cocaine'fudhachuu.
4.Alkoolii baay'isuu
5.Tamboo xuuxuu
6.Dhukkuba cimaa namni qabu fi namni balaa abidda irra gahee -'stress reaction'
7.Nyaata summa'e soorachuun
8.Nama rakkoo Hadhooftuu qabu (Bile reflux)
12.Dhiphachuu:-dhiphachuun asiidiin garachaa garmalee akka dabalu taasisa.
13.Nyaata ashaboon itti baay'ate

**Mallatoo dhukkuba garaachaa:
>Gubaa laphee
>Nama Hooruu ykn Hoqqisiisu(Nausea & Vomiting) -dhiiga yoo makate sadarkaa hamarra gahe jechuudha, Battalati mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.
>Foolii nyaataa nama jibbisiisuu
>Fedhii nyaataa dhabuu
>nyaata booda garaa(laphee irratti) nama bokoksuu
- nyaata xiqqoma nyaatani quufu.
>Hirqifuu/Hirqifachiisuu


**Furmaatni maali?
√Dhukkubichaaf baakteeriyaan sababa yoo ta'e ogeessi fayyaa qoricha baakteeriyicha dhabamsiisu( kan Triple therapy) jedhamu isiniif kenna waan taheef gara mana yaala deemu.
√Namni qoricha gosa 'NSAID' fudhaachaa jiru qorichicha dhaabuu qaba.
*kunneen armaan olii dhukkubicha fayyisuuf tarkaanfii fudhatamu yoo ta'u; mallatoolee dhukkuba garaachaa hir'isuuf ykn dhabamsiisuu qorichoonni kennamanis jiru. kunis:
>Antacids
>proton pump inhibitors (PPI)
>Histamine blokers
*Kunneen sadan hamma asiidii garaacharra maddu xiqqeesuun ykn erga madde garaacha akka hin mine gochuun garaachi mada'e akka fayyu gargaaru.

**Dhukkuba garaachaa ittisuufis ta'ee warra qabaniif gorsa:
√Alkoolii hin baay'isinaa ykn dhaaba.
√Tamboo gonkumaa hin xuuxinaa, warri xuuxxan dhaaba.
√Buna garmalee baay'istanii hin dhuginaa(yaadadhaa bunni faayidaa qaba yoo baay'isuu baanne)
√Qorichoota akka 'Ibuprofen,Aspirin,diclofenac' hin baay'isinaa
√Nyaata coomaa hin baay'isina.
√Hin dhiphatinaa...rakkoo jiruuf furmaata barbaada malee.
√Kanneen armaan gadii godhaa:
*nyaataa kuduraa fi muduraa sirritti sooradha- qullubbii diimaa fi adii, timaatimii,baqelaa, raafuu(spinach),
*Qurxummii sooradhaa
*Bishaan guyyati hanga kubayyee 6-8 dhugaa
*Damma nyaadha...warri dhukkubicha qabdan ganama ganama garaa duwwaati fallaana 2-3 osoo nyaatani madaa garaachaa fayyisuuf ga'e qaba.
* Sochii qaama guyyaatti daq.30 torbaniti guyya 5niif hojachuun waa hundaaf gaariidha.
*Cuunfaa Jinjibilaa(ginger) dammaan walitti makanii dhuguun
garaachi mada'e akka fayyu gargaara.
*Muuzii yeroo yerooti sooachun madaa garachaa fayyisuuf ni gargaara.
suorce: Unveristy of Maryland medical center=http://umm.edu/health/medical/altmed/condition/
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Abdurahman k.

TiiBARKILOSISII SAMMUU***************************Namoota Tubarkilosisii(TB) qabaman keessa %1-5 kan ta’an narvii gidduga...
07/01/2024

TiiBARKILOSISII SAMMUU
***************************
Namoota Tubarkilosisii(TB) qabaman keessa %1-5 kan ta’an narvii giddugaleessati.
TB narvoota giddugaleessa miidhaa cimaa hangaa lubbuu ajjeessu dhaqqabsiisa.
Narvoota giddugaleessa TB hubaman
-Haguugduu sammu-Meningitus
-Sammuu(surrii)-Brain
-Narvii dugugguruu dugdaa
Namootni saaxilaman
-Daa’immaa
-Hanqinaa nyaata
-HIV/AIDS,
-Dhukkubaa sukkaara
-Dawaa ittisaa dhibee miidhu
Mallattoon TB sammuu sadarkaan
1ffaa-mallatto hin dangeeffamne
-Bowwo(ofjibbuu)
-Nyaata diduu
-Lafee mormaa dhukkubsu
2ffaa jeeqama armaan
-Muusahu/burjaajahu
-Waa hubachuu dadhabuu
-Laamshahuu cinaa
- Narvii mataa miidhuu
3ffaa Jeequmsaa hamaa
-Ofi wollaalu
-Laamshahaa cimaa
-Narvoota fuula miidhu
-Gaggabdoo
Wal’aansaa
-Dawaa jia 12 fudhachu
Miidha namarraan gahuu
-Sammuutti dhiigni jigu(stroke)
-Gaggabdoo yeroo dheeraa
-Ijaa fi Gurraa hubuu
-Hir'innaa qaamaa fi xiinsammu
-Dhangala’oo mataa guddiisu
Karaalee ittisaa TB
-Kophattii yaalu
-Talaallii
-Dawaa
!!!!!!!!!
!!!!!!!
Galatooma
Fayyaa hindhabinaa
Dr. Abdurashid Kadir

16/11/2023
Dhagaan baatirii daa'immaniif balaa "ajjeechaa" akka fiduu beektuu? ---------------------------------Mudannoo dhihoo tan...
28/10/2023

Dhagaan baatirii daa'immaniif balaa "ajjeechaa" akka fiduu beektuu?
---------------------------------
Mudannoo dhihoo tana taatee tokkoo isiniif qooduu barbade. Mucaan xiqqaan waggaa 2 tokko mana keessatti waan calaqqisu argate. Akkuma beekamu daa'imman umrii tanatti waa qorachuu waan barbaadaniif inniis dhandhamuuf murteessee afaan keessaa godhate. Guyyaa itti aanutti warri isaa mucaan garmalee gororuu fi nyaata nyaachuu akka dide hubatan. Abbaan mucaa hoggaa afaan ilaalu hudduu baatirii dhagaa xixiqqoodhaa kan riimootii afaan ilma isaa keessaa gama oliitti maxxanne hoggaa argu isa rifachiise. Yeroo baasuuf yaalu dhiigni dhangala'ee, baatirii irra bahees dhabee. Kana booda Ilmi isaanii wantoota balaafamaa kana liqimseera jedhanii sodaachuun fiiga Giddugala Addaa Daa'immanii Eebbaa fidan.


Baatiriiwwan meeshaalee manaa hedduu keessatti argaman kaan yoo liqimfaman tishuu qaamaa gubuu fi miidhuudhan miidhaa cimaa hanga lubbuu geessisuu danda’a.

Keessumaa balaan kun daa’imman xixiqqoo irratti baay’inaan mul’ata. Sababni isaas

1. Daa'imman xixiqqoon wantoota afaan isaanii keessa kaa'uudhaan qorachuu kan jaallatan yoo ta'u, baatiriiwwan xixiqqoon waan calaqqisanif xiyyeeffannoo isaanii hawwatu.
2. Baatiriiwwan xixiqqoo waan ta'aniif karameellaa ykn meeshaa taphaa fakkaachuu waan danda'aniif daa'imman xixiqqoodhaaf qormaata ta'a.
3. Meeshaaleen mana keessaa hedduun baatirii kana kan fayyadaman yoo ta'u yeroo baay'ee daa'imman biratti argamu danda’u.
4. Meeshaaleen taphaa fi meeshaaleen tokko tokko kutaa baatirii keessa ta'u cuqqaalaa sirrii ta’e waan hin qabneef daa’imman salphaatti akka argatu taasisa.
5. Warri daa'immanii balaa baatiriin qabu waan hin beekneef daa'imman irra akka waan summi'ii ykn qorichatti hin fageessan.
Rakkoolee baatirii liqimsuudhaan dhufuu.

1. Tishuu qaamaa waliin yeroo wal qunnamu, gubaa keemikaalaa dabalatee miidhaa tishuu battalumatti fiduu danda'a.
2. Marrummaan dhoosuudhaan asiidiin garaachaa fi qabiyyeen nyaataa garaa keessatti akka dhangala'u taasisa.
3. Haala hin baramneen ujummoo nyaataa fi dhiga gidduutti uumamuu danda’a. (Aortoesophageal fistula)
4. Ujummoo nyaataa ykn ujummoo bullaa'insa nyaataa madeessuun akka dhiphatu gochuu danda'a.(strictures)
5. Dhiigni keessooti dhangala'ee fiduudhaan lubbuu namaa balaadhaaf saaxilu.
6. Tishuuwwan naannoo sana jiran keessatti infekshinii fiduu danda'a.

Daa’imman keenya nageenya isaanii eeguuf maatiin:
- Baatirii fi meeshaalee xixiqqoo daa'imman liqimsuu danda’an bakka daa'imman hin dhaqqabneetti kuusuu.
- Balaa baatiriin dhufu hubannoo waalif qooduu.
- Yeroo taphaatti ijoollee keessan sirriitti hordofaa.
- Baatiriin meeshaa taphaa akka hin taanee fi gonkumaa afaan isaanii keessa kaa'amuu akka hin qabne barsiisuu.

Seenaa fi odeeffannoo kana qooduudhaan ijoollee keenya xixiqqoo balaa irra haa ittisnu.

Dr. Oumer Harun
Eba Pediatrics Specialty Center

22/10/2023

DHUKKUBA ASMII - Bronchial Asthma

*****************************
Asmiin keessi ujummoolee qilleensaa akka dallananii iita'aniif dhiphatan, akkasumas dhangala'aa tabby akka furrii (mucus) guutaman gochuun ujummoolee qillensaa gara gadii (gara Sombaa) jiran dhiphisuun hafuurri ykn qilleensi akka nama hanqatu, ukkaamsuu, nama qufaasisuufi akkasumas hafuura yoo fudhatan sagaleen dhagahamu (xiichaan jiraatu) godha.

Asmiin namoota garii irratti mallatoma salphaa muldhisa; namoota garii ammoo hedduu cinquu, itti hammachuufi, itti deddebi'uun rakkisuu danda'a. Asmii guutuun guututti yaalanii balleessuun baatamuyyuu, mallatooleen jenne kun akka namatti hin hammaanneef to'achuun ykn yaaluun ni danda'ama.

---
---
Dhukkuba Asmii kana maaltu fida?
Guutuun guututti jala sararanii sababa kanaaf jechuun ulfaatuyyuu sababa uumaa (genetics)fi naannoo tokko tokko (environment) irraa ta'a.
---
Wontootni Asmii namatti kaasanis akkasuma namaa namatti garagara. Haa ta'u malee yeroo hedduu wontoonni Asmii namatti kaasan:
* Dhukkee, folii ykn foolii balfaa beeyladoota, foolii baala mukken tokko tokko irraa harca'anii.
* Qilleensa Qabana'aa
* Qakkee/ Hibibii/ Uttalloo/ Biiqaa
* Aara yeroo wontonni tokko tokko gubatan aaru
* Sochii qaamaa (ispoortii hojjachuu)
* Qorichoota tokko tokko kan akka Asprin, Ibuprofen fi gartuu beta-blockers jedhamuun beekamanii fudhachuun
* Cinqii fi yaaddoo, miiraa ol'aana ta'e
* Dhukkuba aasidiin garaachaa gara kokkee akka ol deebi'uu godhu (GERD) fa'a namoota Asmii qaban irratti mallatoo isaa namatti kaasuufi hammeessuu danda'u.
---
---
Mallatooleen Asmii maal fa'adha?

Akkuma jenne mallatooleen muldhatan turtiinis hammeenyanis ta'ee haalaan namaa namatti garagara. Nama tokko tokko yerooma sochi qaamaa (ispoorti) qilleensa qabanaayaaf gogaa keessatti hojjatu qofa irratti muldhachuu danda'u. Kaan ammoo yeroma heddu itti deddeebi'uun muldhachuus malu.

Akkuma woliigalaatti mallatooleen Asmii:

* Hafuura nama kutuu, hafuurri nama hanqachuu ykn nama ukkaamsuu
* Qoma irratti namatti ulfaachuu ykn dhukkubbiin namatti dhagahamuu
* Yeroo hafuura gad baafatan sagaleen dhagahamu ( xiichaa, sheengarsiisuu,)- Wheeze
* Qilleensi nama hanqachuu, qufaafii Xiichaa irraa kan ka'e hirriba dhabuu
* Qufaaf xiichaan (wheeze) yeroo Hibibin/Biiqaan/Utaalloon/Qakkeen nama qabe namatti hammaachuu

¤ Mallatooleen kun yeroo gabaabaa keessatti namatti deddebi'uun, namatti hammachuu danda'u. Turaas dhufuu danda'u.

---
---
Wontoota carraa Asmii horachuu keenya dabalan:
* Maatiin (abbaaf haati) ykn obboleessi keenya Asmii qabaachuun
* Dhukkuboota Alarjii akka alrjii gogaa fi alarjii funyaan nama ukkaamsuu.
* Ulfaatinna gar malee guddaa ta'e qabaachuu
* Tamboo, sigaaraafi kan biroo aarsuu
* Worashaalee keessatti Keemikaalota garagaraafii foolii isaniitiif saaxilamuu, foolii farra-aramaa ykn farra-ilbisotaaf yeroo dheeraaf saaxilamuun, uumaan (genetics)-iin dabalata carraa Asmii horachuu/qabaachu keenya kan olkaasaniidha.
---
---
Namni Asmii qabu maal haa godhu?
* Wontootafi haala dhukkubicha itti hammessan adda baafachuu. Saaxilammummaa wontoota Asmii itti kaasan ka adda baafate kana irraa ofeeguu ykn saaxilamummaa isaaniif qabu daran xiqqeessu.
* Mallatooleen jenne yoo itti hammachaa dhufan hatattamaan gara mana yaalaa deemuun yaala barbaachisu argachuu.
* Qorichoota kennamaniifi fudhachaa ture haalaan rogatti fudhachu.
* Waa'ee dhukkubichaa irratti gaafiif waan beekuu isa barbaachisu ogeessa fayyaa isa woldhaanu gaafachuufi woliin mari'achuu.
---
---
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

Innaa lillaahi wa'innaa ileeyhi raaji'un,Rabbiin Rahmata siif haa godhu, warra jannataa sihaa taasisu😭
14/10/2023

Innaa lillaahi wa'innaa ileeyhi raaji'un,
Rabbiin Rahmata siif haa godhu, warra jannataa sihaa taasisu😭

KAANSARII FIIXXEE/HULAA GADAAMESSAA - Cervical Cancer*****************************************Kaansariin Fiixxee Gadaame...
11/10/2023

KAANSARII FIIXXEE/HULAA GADAAMESSAA - Cervical Cancer
*****************************************
Kaansariin Fiixxee Gadaamessaa (KFG) kaansaroota dubartoota huban keessaa isa tokko. Biyyoota guddataa jiran keessatti kaansariin kun kaansaroota qaama wolhormaataa huban keessaa sadarkaa jalqabaa irratti argama. Wogga woggaan dubartoonni 340,000 ol ta'an sababa kaansarii kanaatiin lubbuu isaanii ni darba. Haa ta'uu malee kaansaroota qaama wolhormaataa huban keessaa kan dhorkuun (prevent) gochuun danda'amu Kaansarii Hulaa/Fiixxee Gadaamessaa (Cervical Cancer) kana qofadha.
---
---
Uumamuu Kaansarii Fiixxee Gadaamessaatiif (%90 ol kan ta'aniif) ga'ee guddaa kan taphatu vaayirasii maqaan isaa "Human Papilloma Virus (HPV)" jedhamuu dha. Vaayirasiin kunis akaakuu dhibbaa ol kan qabu yoo ta'u isaan keessaa muraasa isaanii qofatu kaansarii Fiixee Gadaameessaatiif nama saaxila.
---
---
Wontoota Kaansarii kanaaf nama saaxiluu danda'an:
■ Vaayirasiin jenne kun wol qunnamtii saalatiin kan daddarbu yoo ta'u, jireenya isaanii irratti al tokko yoo xiqaate namoota wol qunnamtii saalaa godhanii beekan hunda qabuu danda'a. Yeroo hedduu qaamni keenyaa vaayirasiin kun akka dhukkuba hin fidneef to'annaa jala olchuu kan danda'u ta'uuyyuu dubartoota tokko tokko irratti yeroo dheeraan(woggaa 15-20) booda seelii Fiixee Gadaamessaa gara seelii kaansarii kanaaf nama saaxilutti jijjiruu danda'a.

■ Inni biraa ammoo hiriyyaa wol-qunnamtii saalaa wojjiin raawwatan heddu qabaachuu. Hiriyyaa akkasii heddu qabaachuun carraa Vaayirasii kanaan (HPV) qabamuu dabala haaluma kanaan carraa Kaansarii kana horachuus ni dabala.

■ Umrii xiqqeenyaa irratti wol-qunnamtii saalaa qabaachu. Wontoota carraa kaansarii kanaan qabamuu guddisan keessa tokko umrii yeroo jalqabaaf itti wol qunnamtii saalaa goone dha. Yoo Umrii kun xiqqaa ta'e carraa kaansarii kanaan qabamuu guddaa ta'a jechuu dha.

■ Dhukkuboota wol qunnamtii saalaatiin daddarban kan akka cophxoo, fanxoo fa'a qabaachuu. Dukkuboota kanniin qabaachuun carraa nuti vaayirasii Human papilloma jedhamu kanaan qabamuu guddisa.

■ Dhukkuboota dandeetti qaamni keenya dhukkuba akka haalaan hin dandamannee ykn of irraa hin ittisne godhan. Fkn kan akka HIV-AIDS fa'a carraa kaansarii kanaan qabamuu ol kaasu. Kana jechuun namoonni kaansarii Fiixxee Gadaamessaa qaban hundinuu HIV qaban jechuu miti. Isaan HIV qaban hundinuu Kaansarii kana qabaatu jechuullee miti.

■ Sigaaraa/Tamboo fi kkf aarsuu. Sigaaraa aarsuun akkuma carraa kaansaroota tokko tokko qabaachuu guddisu San carraa kaansarii Fiixee gadamessatiin qabamuus ol kaasa.
---

---
Mallatoolee Kaansarii Fiixxee Gadaamessaa :

Wolumaa galatti Kaansariin kun yomuu jalqabus ta'ee achi booda yeroo jiraniif mallatoo kan hin mul'isne yoo ta'u, erga turee booda mallatoolee armaan gadi kanneen mul'isa:
● Yeroo wol qunnamtii saalaa godhan dhiiguu/dhiigni bahuu ykn mul'achuu.
● Yeroo wol qunnamtii saalaa dhukkubbiin namatti dhagahamuu.
● Yeroo Xuriin laguu tokko dhufee kuun hamma dhufu jiru jidduutti dhiigni gadaameessa keessaa jiguu. Kunis hanqina dhiigaa fiduu danda'a.
● Akkasumas worroota wolhormaata dhaaban kan xuriin laguu isaanii yeroo dheeraaf dhabbatee jiru irrattis dhiigni gadaamessaa as bahu jiraachuu.
● Dhangala'aan akka bishaanii jiru ykn kan dhiiga makatee foolii qabu jiraachuu.
● Dhukkubiin garaa gara gaditti( nannoo gadamessatitti) namatti dhagahamuu.
● Mallatoolee armaan olitti eeraman wojjiin, qaama huqqachuu, fedha nyaataa dhabuu, fi dadhabiin mul'achuu fa'atu jiraata.
---

---
Kaansarii kana akkamiin of irraa ittisuu dandeenya?
¤ Wontoota isaaf nama saaxilan kan armaan olitti ibsaman irraa of qusachuun. Fkn Hiriyoota wol qunnamtii saalaa wojjiin raawwatan xiqqesuu, sigaaraa aarsuu dhiisuu/dhaabuun.
--
¤ Biyyoota guddatan keessatti talaalliin vaayirasii Human papilloma kan dhufaati Kaansarii kanaaf shora gudda taphatu, otoo wol-qunnamitii saalaa hin jalqabin dubartoota naannoo woggaa 9-13 jiraniif ni kennama. Bara darbe biyya keenya keessattis eegale ture. Taalalliin kun Kan kennaamuu qabu wol-qunnamtii saalaa otoo hin jalqaabin ta'uu qaba. Innis yeroo lama kan kennamu ta'ee. Ji'a jahaa hanga ji'a kudha lamaa walirraa fagaatee kennaama.
--
¤ Umrii woggaa digdamii tokko irraa kaasee qorannoo woggaa sadihi sadihiin godhamu kan 'pap smear' jedhamu Fiixxee gadamessaa irraa fudhamaa waan namaaf godhamuuf qorannoo kana gochuun baay'ee baay'ee barbaachisaa dha. Qorannoon kun jijjirama seeliin Fiixxee Gadaamessaa gara kaansariitti jijjiramuuf godhaa/deemaa jiru waan agarsiisuuf otoo kaansarii hin ta'in ykn otoo kaansarichi hin jabaatin waan mul'atuuf yaala isaaf godhamu irratti faayidaa guddaa qaba. Kanaaf Qorannoo 'pap smear' kana yero yeroon (woggaa sadi sadiihiin) gochuun baay'ee barbaachisaa dha.
--
¤ Akkasumas biyya keenya keessatti bal'inaan sakata'iinsi ykn qorannoon Kaanseerii Ulaa/Balbala Gadaameessa kun karaa VIA (Visual Inspection after Acetic Acid application) ni godhama. VIA bufaata fayyaa fi Hospitaala ni argattuu. Qorannoon kunii dubartoota woggaa 21 ol ta'an hundaaf ta'uu kan qabu yoo ta'u, yeroo tokkaa ilaalamanii yoo fayyaa ta'an yoo xiqqaate waggaa shan shaniin hangaa waggaa 65ttii ilaalamu.
---

---
Akkaataan yaala Kaansarii kana sadarkaa inni irra jiruun ilaalamee takkahu Opereeshiinin, fi/ykn Qorichaan/keemooteerapii/ fi/ykn Carariin ta'uu mala. Yoo Kaansarichi jabaatee fi faca'ee jiraate ammoo degarsa mallatoole dhukkubichaa hirdhisuu ykn xiqqeessu (palliative care) kennamuu ni danda'a.
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

DHIIBBA DHIIGAA**Namni tokko dhiibba dhiigaa qaba kan jedhamu ogeessa fayyaa birati meeshaa dhiibba dhiigaa safaruun ila...
08/10/2023

DHIIBBA DHIIGAA
**Namni tokko dhiibba dhiigaa qaba kan jedhamu ogeessa fayyaa birati meeshaa dhiibba dhiigaa safaruun ilaallamee gidu-galaan( yeroo lama fi sana ol Guyyaa garagaraatti safarri isa yoo kan 140/90 fi sani ol ta'eedha.
# wantootni dhiibba dhiigaatiif Nama saaxilan maali
*Umriin namaa akkuma dabaluun.
*Nyaata ashaboon/soogiddi itti baay'atu soorachuu.
*Furdina gar-malee( dheerinnaa fi hojjaan kan waliin madaalle)
* sanyii dhan dhufuu dandaha
*Sochii qaama gochuu dhabu.
*Alkoolii baay'isuu.
*Dhiiphachuu.
*Dhukkuba kalee fi Sukkaara nama qabu yoo ta'e
* Nyaata Coomni itti baayyatu bayyinaan fayyadamu
* Tamboo Xuuxuu
# Mallattoleen isaa maali?
Yeroo hedduu mallattoo homaatuu osoo hin agarsiisin turuu dandaha, akka carraa mana yaalatti yogguu ilaalaman itti himamuu dandaha
Dhiibban dhiigaa hedduu yoo olka'e mallattoolee armaan gadii agarsiisu dandaha
* Dhukkubbii mataa cimaa(severe headache)
* yeroo ilaalan namatti dimimmisuu ykn argaa ijaa irratti rakkachuu
* Funuunuu( funyaan dhiiguu)
* Bitaa namatti galuu( confusion)
* Dhukkubbi laphee, balaqqamsiisu fi nyaata jibbisiisuu faa dha
# Rakkoowwan dhiibbaa dhiigaan
walqabatanii dhufan:
*Dhukkuba onnee:-dabaluun dhiibba dhiiga onnee irrati hojii dabaluudhan onnee dadhabsiisa.
*Sammuu keessatti dhiigni dhiiguu ,kun ammoo qaamni namaa akka lamisha'u/paralyze/ ta'u taasisa.
* Kaleen dadhabuu fi hanga hojii dhaabuu gahu. Dhiibbaan dhiigaa dhukkuba Kalee fiduu akkuma danda'u ;dhukkuba kalee qabachunis dhiibbaa dhiigaatiif nama saxila.
* Dhukkuba hidda dhiigaa keessumatuu kaneen gara lukaa( PAD)

# MAALI GOCHUU QABNA!!
*Nyaata ashaboon itti baay'aterra of qusadha.
*Sochii qaamaa taasisa:-yoo xiqqate guyyati daqiiqaa 30,torbaniti ammo guyya 5 sochii qaama(salpumatti deemsa karaa"walk") gochuun barbaachisaadha.
*Alkoolii dhaabaa ykn hir'isaa
*Hin dhiphatinaa:- dhipinni hamma dhiibba dhiigaa ol kaasuu danda'a. Kanaaf wanta isin dhiphisuu gargar basa furmata itti barbaada malee hin dhiphatiina.
*Tamboo xuuxuurra ykn Nama xuuxuu cinaa taa'urraa fagaachuu
*Furdina hir'isa:-garmalee furdachuun dhukkuboota biraa baay'eedhaafis nama saxila.
*Nyaata kuduraa fi muduraa(biqiloota) baay'inaan sooradha. Nyaata coomaa hir'isa.
*Dhiibbaa dhiigaa akka qabdan yoo bartan yeroo yeroon mana yaala deddebi'uun hordoffii gochuu.
Warreen qoricha fudhachaa jirtan ; qoricha seeran Fayyadama gorsoota armaan olii hojiirra olchuun dhiibba dhiigaa keessan to'achuun rakkoowwan hamaa isinitti fiduu malu irra of eeguu dandeessu.
Fayyaa tahaa!!
Fayyaa hin dhabinaa!!
© Dr Abdurahman Kurcha.

15/09/2023

Mallattoolee dhukkuba kalee fi Waan gochuu qabnu.
*********
1. Naannoo ijaa fi fuulaa, keessumaa ganama ganama dhiita'uu
2. Miilla lamaan naannoo koomee dhiita'uu (hiita'uu)
3. Humna dhabuu, fedhii nyaataa dhabuu, maashaan qaamaa nama dadhabuu/caccabuu, yeroo dheeraaf oldeebisuu (balaqqamuu)
4. Fincaan keessa dhiigni jiraachuu (garmalee diimachuu fincaanii), garmalee koffaa'uu/
hoomachaa'uu, hagi fincaanii kan duraanii irra baay'achuu yookaan xiqqaachuu
5. Hirriba rafuu dadhabuu, gogaan ofii yeroo mara gogaa (dry) ta'uu fi hooksisuu
Mallattoowwan armaan olii kana yoo qabaattan gara mana yaalaa deemuun fayyummaa keessan mirkaneeffachuuf qoratamuun gaariidha.
*********
Qoratamuun alatti maal gochuudhaan kalee keenya eeggachuu dandeenyaa?
1. Bishaan ga'aa ta'e (litira 2 hanga 3 guyyaatti dhuguu. Yoo fincaan nama qabu yeroo dheeraaf ittisuu dhiisuu
2. Qorichoota dhukkubbii/analgesics baay'isanii fudhachuu irraa of qusachuu
3. Ashaboo baay'isanii nyaachuu dhiisuu, Nyaata prootina hedduu qabu yeroo mara soorachuu irraa of qusachuu
4. Alkoolii baay'isanii dhuguu dhiisuu fi tamboo tasuma xuuxuu dhiisuu
5. Hirriba ga'aa ofiif kennuu danda'uu fi Infeekshinoota xixiqqoo osoo hin tuffatiin yaalamuu
*********
Fayyaan Faaya!

15/09/2023

Dhukkuba Sukkaaraa (Diabetes Mellitus)
================================
• Dhukkubni Sukkaaraa dhukkuba daddarboo hin taanee fi rakkoo fayyaa guddaa ta’an keessa tokko ta’ee hangi sukkaara dhiigaa(blood suger/glucose) hanga eegamuun olitti yeroo ol ka’u kan dhufudha.
• Dhukkubni kun miidhama akka: Narvii, Onnee, Ijaa, kalee, hidda dhiigaa fi hanga du’aatti kan geessisuudha.
Gosoota Dhukkuba Sukkaaraa:
• Gosa 1 ( DM type 1 – Daa’imman irratti caalaa kan mul’atu)
• Gosa 2 (DM type 2 – Ga’eessota fi kan daa’imman ulfaatina eegamuun ol qaban)
• Gosa biroo (Other specific types of DM, Gestational Diabetes Mellitus)
Mallattoolee Dhukkuba Sukkaaraa:
• Fiincaan baay’achuu
• Dheebuu fi beela cimaa
• Ulfaatinni qaamaa hir’achuu
• Dadhabsiisuu, of wallaaluu
• Waa arguu dhabuu
• Infekshinii fi gogiinsa gogaa fi kkf
Of eeggannoo fi waan taasifamuu qabu:
• Haala nyaata keenyaa fooyyessuu (Nyaata fiber’n badhaadhan baay’isuu: kanneen akka kuduraa fi fuduraa, garbuu, qamadii, boqqoolloo, ruuzii), fi nyaata coomaa fi sukkaara xiqqeessuu)
• Sochii qaamaa idileessuu
• Tamboo xuuxuu dhiisuu
• Hordoffii fi Yaalii haala gorsa ogeessaan taasisuu

Fayyaan keenya Harka Keenya Jira!

ASMII/ASTHMA              =============Asmiin rakkoo fayyaa Sirna hargansuuti. Ujummooleen qilleensaa(air ways) gara gad...
13/09/2023

ASMII/ASTHMA
=============
Asmiin rakkoo fayyaa Sirna hargansuuti. Ujummooleen qilleensaa(air ways) gara gadiitti argaman keessatti dhiitaa uumamuu fi dhangala'oon 'mucus' baay'inaan oomishamuu irraa kan ka'e ujummooleen qilleensaa yoo dhiphatan rakkoo dhufuudha. Kun ammoo qilleensi gara sombaa seenuu fi bahuu irratti rakkoo waan uumuuf hargansuu irratti nama rakkisa. Asmiin saala lameenu ni huba. Yeroo baay'ee ijoolluummadhaan nama eegala, yeroo dargagummaa mallattoon isaa baduun , uumrii ga'eessummati namatti deebi'uu danda'a.
**MALLATTOOLEE ASMII
√ Hafuura nama kutuu
√ laphee nama cunqursuu fi dhukkubii laphee
√ Qufaa keessumatuu halkan hafuura kutaa wajjiin kan hirriiba nama dhoorku
√ korisuu ykn sagalee akka waa siiksuu yoo qilleensa basan dhageessisuu.
** ASMIIDHAAF MAALTU NAMA SAAXILA?
Asmiidhaan qabamuuf wantootni sababa guddaa ta'an sanyii (genetics) fi naannoo jireenyaa(environmental factor) akka ta'an ragaan qorannoo gara garaa mulli'isa. Kunneen armaan gadii carraa Asmiin qabamuu keenya dabalu:
A. Fira (abbaa,haadha, obbolee/ssa/tti) Asmii qaban yoo qabna ta'e
B.Rakkoo alarjii kan biraa funyaanii fi gogaa irratti mulla'atan yoo qabna ta'e
C. Furdina garmalee
D. Tamboo xuuxuu ykn aara tamboof saaxilmuu(nama tamboo xuuxu irraa)
E. Faalama qilleensaa naannoo jireenyaa
F. Keemikaalota gara garaaf iddoo hojiitti saaxilamuu: warshaalee, mana qoricha fi iddoo qonnaa fa'ati
G. Qoricha akka 'parecetamol' ajaja ogeessaa malee baay'inaan fudhachuu.
** WANTOOTA ASMII NAMATI HAMMEESSAN
Nama Asmii qabu tokkotti wantootni asmii itti kaasanii fi hammeessan lakkoofsan baay'eedha. Namaa-namattis garaagarumaa qabu. Kanneen armaan gadii isaan beekkamoodha
> Alarjiin kan namatti ta'an:
* Dhukkee biqiloota(pollen) fi dhukkee manaa.
* Gogaa fi rifeensa bineensot manaa- adurree,saree, horii fi kaneen biro
> Infeekshinii sirna hargansuu- Qufaa
> Ispoortii ( Exercise induced asthma)
> Qilleensa qoraa ( cold air)
> Qilleensa faallame- aara fa'aan
> Qorichoota tokko tokko: /Beta blokers,aspirin, ibuprofen, naproxen/
> Sammuudhaan dhiphachuu(stress)
> Urgooftuu fi foolii dibaa manaa tokko tokkoo
> Gubaa laphee/heart burn, GERD)
** FAlli ISAA MAALI?
* Asmii irraa guutumatti qorichi nama fayyisu hanga ammaatti hin jiru. Haata'u malee gorsa ogeessaa fi qoricha kennamu fayyadamuun mallatoolee asmii too'annaa jala oolchuun ni danda'ama.
* Qoricha m/yaalaa isiniif kenname haala ajaja ogeessan fayyadamuu qabdu.
* Wantoota asmii yeroo baay'ee isinitti kaasu/hammeessu kaneen armaan olitti tarreeffaman keessaa adda baafatanii irraa of eeguu qabdu.
* Yoo haalli qilleensaa qoraa ta'e funyaani fi afaan hucuudhaan haguuggachuu
* Dhukkee mana keessaa fi biqiloota dallawa keeessatti argamani irraa dhufan dhabamsiisuu
* Rifeensi bineensota mana galan adurree fi saree fa'aa alarjii yoo sinitti ta'e mana galtanii fageessa.
* keemikaloota alarjin isinitti ta'an irraa fagaachuu
* Ispoortii- namoota tokko tokkof ispoortiin asmii itti kaasuu danda'us of eeggannoodhan haalli qilleensa qoraa yoo ta'e afaniif funyaan haguugachuun hojachuun jabina sombaa fi onneef ni barbaachisa.
* Furdina garmalee hiri'isuu
* Gubaa laphee qabna yoo ta'e doktora keenyati himuun too'achuu.
=> Hub: Warri ammaan tana Asmii hin qabne kaneen asmiif nama saaxilan jedhamanii tarreeffaman irraa of haa eegnu. Kaneen ittiin qabamtan ammoo dhukkubichi akka isinitti salphatun hawwa.

GALATOOMAA!! FAYYAA FI NAGAA HIN DHABINAA !!
~~~~Dr. Yona.~~~~

10/09/2023

SAMMUU KEENYA
Sammuun keenya qabeenyaa keenya isa jalqabaati. Qabeenyaa keenya hangafa kanaaf eeggannoo akkamii gochuu qabnaa?

*************
1. YOO DHUKKUBSATAN BOQONNAA FUDHACHUU. Osoo dhukkubsannuu boqochuu dhiisnee sammuu keenyaan hojii hojjachuun illee sammuu keenya hedduu miidha.
*************
2. CIREE SIRRIITTI NYAACHUU. Ciree nyaachuu dhiisuun yeroo baay'ee irra daddarbuun sammuu miidha. Akka research hedduun jedhutti barataan ganama ciree nyaatee manaa ba'e dandeettiin waa qabachuu fi si'aawuu isaa kan warra ciree hin nyaatiin baay'ee caala.
*************
3. HIRRIBA GA'AA RAFUU (guyyaatti sa'aa 6 haga 8). Akka research mirkaneessutti hirriba irraa halkan tokko qofatti daqiiqaa 90 yoo hir'isne boor si'aawummaa (alertness) haga 32% gadi bu'uu danda'a. Yeroo dheeraaf (waggootaaf walitti fufnee) yoo hirriba xiqqaa (ga'aa hin taane) rafne immoo rakkoo waa yadachuu fi yaaduu illee nutti fida.
*************
4. NYAATA ASHABOO fi CARBONATED BEVERAGES , hedduu of keessaa qaban yeroo hedduu soorachuu irraa of qusachuu. Kunis ashaboon dhiibbaa dhiigaa kan yaa'iinsa dhiigaa gara sammuu geessu hir'isuun rakkoo yaadachuu, yaaduu fi kkf sammuu keenyarratti waan fidu waan nu qabsiisuufi.
*************
5. SOCHII QAAMAA GOCHUU (Guyyaatti yoo xiqqaate daqiiqaa 30 torbanitti guyyaa 4 fi isaa ol). Sochiin qaamaa fayyummaa qaama keenyaa kan biroof kennu irratti dabalee prootinotaa fi hormoonota sammuu keenya kakasaan akka gadi lakkifamu waan taasisuufi.
*************
6. DHIPHINA SAMMUU (stress) HIR'ISUU. Wantoota sammu keenya dhiphisan baay'een yoo jiraatan turtii yeroo dheeraa booda carraa dhibee sammuun qabamuu waan olkaasaniif dha.
*************
7. ALKOOLII DHUGUU DHIISUU. Yoo kan dhugan ta'e ammoo baay'isanii dhuguurra xiqqeessanii dhuguu dha. Kunis neurotransmitter miidhuu, vitaamin B1 qaama keessaa gad hir'isuu fi ulfaatina sammuu keenya illee waan hir'isuuf dha.
*************
8. SIGAARAA XUUXUU IRRAA FAGAACHUU. Kunis turtii yeroo dheeraa keessa sammuun keenya akka shuntuuruu (shrinks) fi dhukkuba akka Alzheimer's fi dementia illee waan nutti fiduu danda'uufi.
*************
Fayyaan Faaya

Address

Harar

Telephone

+251934913436

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Abdurahman Kurcha posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Abdurahman Kurcha:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category