Dr.jemal Ahmed mume

Dr.jemal Ahmed mume Veterinary medicine, msc Veterinary epidemiology

13/11/2025

Karaallee Of eeggannoo
Dhibeen kun maqaa 'hemorrhagic fever' jedha
Dhukkuba kana ittisuuf Vaayirasiicha dhukkuba kana fide adda baasanii beekuun baay'ee barbaachisaa ta'us, maloonni akka walii galaatti gargaaran kanneen akka:-
1. Dhangala'aa (hancufa, dhiiga fi kkf) dhukkuba kanaan faalame gilaavii malee xuxuquu dhiisuu.
2.Gaafa nama dhukkuba kanaan qabame yaalan maaskii, gilaavii, gaawunii uffachuu.
3. Namas ta'ee bineensa dhibee kanaan du'e harka qullaa xuxuquu dhiisuu.
4. Harka saamunaadhaan yeroo yeroodhaan dhiqachuu.
5. Bineensota akka Dalleecha, Qamalee, hantuuta, simbira halkanii fa'a wajjin xuxxuqqii gochuu dhiisuu.
6. Agoobara siree fayyadamuu.
7. Nyaataafi bishaan dhugaatii hantuutni iddoo hin xuqne olka'uu.
8. Nama dhukkuba kanaan qabame qophaatti adda baasuu.
9. Nama dhukkuba kanaan qabame dafanii
beeksisuu.
10. Nama dhibee kanaan boqate seeraan awwaaluu fi kkf gochuun baay'ee gargaara.
11. Akka amantaa ofiitti kadhachuu

Prevention is great than cure Ergaa Ariifachiisaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) irraa!!Itoophiyaa keessatti dhukkubbi ...
13/11/2025

Prevention is great than cure
Ergaa Ariifachiisaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) irraa!!

Itoophiyaa keessatti dhukkubbi haaraan argamuun dhagahame! Dhaabbanni fayyaa Addunyaa Nannoo Kibba Itoophiyaa, dhukkubni maalummaan isaa ammatti guutuutti mirkanaan hin beekamneefi garuu gurmuu dhukkuboota vaayirasiin dhufanii (Haemorrhagic Fever) ta'uu mala jedhe mudachuu Ministeerri Fayyaa ibseera! Dhukkuboonni kuni dhukkuboota bineeldotarraa gara namaatti daddarban keessaa adda dureedha. Yeroo baayyee naannoo qilleensa gammoojjii keessatti kan mudatani. Dhukkuboonni kuni carraa nama ajjeessuu hanga harka 90 warra qabani" jedhan.

mallattoolee namni dhubbuba kanaan qabame argisiisu keessaa muraas.

"Dhibeen kuni yeroo baayyee mallattoo dhiiguu qaamaa agarsiisa. Dhiigni funyaaniin, afaaniin, gogaa jalatti dhiiguu mul'isa.

Kana malees, ho'a qaamaa olaanaa, dadhabbii qaamaa, dhiiga deebisiisuu, qaama caccabsuu mul'isa" jedhan Doktaroonni.

Akkasumaas dhiibbaan dhiigaa gadi bu'uun namni dhibee kanaan qabame lafatti isaan maruufi of wallaalchisuunis mudachuu mala jedhan Doktaroonni. Kanaaf namoonni mallattooleen kun irratti argame hatattamaan gara mana yaalaa naannoo isaa jiru deemuun of ilaaluu akka qabu ibseera. Dhaabbanni fayyaa Addunyaa (WHO) akka jadhetti ogeeyyii fayyaa fi ministeera fayyaa Itoophiyaa hatattamaan odeessalee dabalataa akka erganiif gaafateera. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhukkuba kanaan namni lubbuun dabrees jiraachuu ibsuun akkasumaas namoonni 3 ammatti dhubbuba haaraa kanaan qabamanii akka jiran ibsuun deeggarsa namoomaa doolaarii 300,000 godhuu ibseera. Kana malees WHO deeggarsa dabalataas akka godhu ibsuun dhukkubicha to'achuuf deeggarsa barbaachisu akka godhuus mirkaneessee jira. Kanaaf odeessa kana godhuun waliif dabarsaa!! Fayyaan faaya!!

 ❓🩸Waa'ee weerara dhukkuba haarayaa amma mudate kana waan muraasa!*******************************************Dhibee yero...
13/11/2025

❓🩸
Waa'ee weerara dhukkuba haarayaa amma mudate kana waan muraasa!
*******************************************
Dhibee yeroo ammaaf Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti mul'ate
Dhibee Hamaa Ta’e Garuu Ofirraa Ittisuun Danda’amudha.

Maaliif Heemoreejik Fiiverii jedhame? Hoo'insa qaamaa fi Dhiiga qaama keessa dhangalaasuun waan mul'atuuf.
Kanaafuu Namni tokko yoo ho’a qaamaa fi dhiiguu qabaate, gara buufata fayyaa saffisaan geeffamuu qaba.
Maalitu namatti fidaa❓ Yeroo hedduu vaayirasiin dhufa.

Fakkeenya vaayirasoota kana keessaa:
❌️Ebola Virus
❌️Lassa Fever
❌️Crimean-Congo Hemorrhagic Fever
❌️Yellow Fever
❌️Dengue Fever
❌️Rift Valley fever
❌️Marburg Virus fi kkf
Dhibeen kunneen biyyoota Afrikaa, Eeshiyaa fi naannoo ho’a qaban keessatti argamu — akkasumas biyyoota akka Itoophiyaa fi naannawa ishee keessatti illee ni mul’atu.

⚠️ Akkamitti Dhibeen Kun Tamsa’a?
Vaayirasoonni garaagaraa karaa garaagaraatiin tamsa’u, garuu haala waliigalaa karaan tamsa’uu danda’u:
🔸️Bineensaa/Wantoota nama hin taane irraa gara namaatti: fkn jaaldeessa, Simbirroo, hantuutaa fi kkf
🔸️Foon bineensota dhukkuba kana qaban nyaachuun yookaan harkaan qabachuun.
🔸️Ilbiisotaan ciniinamuutiin fkn Mosquito kan jedhamtu
🔸️ Nama irraa gara namaatti:
dhiiga, yookaan dhangala’aa qaamaa dhukkubsataa qaqqabuun.
🔸️Aadaa/sirna awwaalaa gorsa fayyaa hin eegne, nama dhukkuba kanaan du’e harkaan qabachuun.

🧠 Mallattoo fi Alamoota Dhibee
Mallattoon Heemoreejik Fiiverii kanaa yeroo hedduu:
🔅Ho’a qaamaa olka’e fi hollachiisuu altokkotti jalqabuu
🔅Mataa dhukkubbii jabaa, qaama caccabsuu
🔅Humna dhabuu, dadhabbii akka malee ykn fedhii nyaata dhabuu
🔅Garaa kaasaa, oldeebisaa fi garaa dhukkubbii
🔅Dhiiguu afaan, funyaan yookaan gogaa irraatti argamu
🔅Ija diimessuu, yookaan keelloo taasisu (jaawundisii)
🔅Yoo didee hammaate : shookii, of wallaalchiisuu, yookaan qaama keessa tokkoo fi isaa ol dadhabuu/organ failure

🏥 Yaalaa fi Qoricha
Dhukkuba Heemoreejik Fiiveriif yerooo hedduu qorichi addaa hin jiru, garuu yaaliin hatattamaan kennamu lubbuu oolchu danda’a.
Yaalaa isaa maal irratti xiyyeeffata:
🔹️Dhiigaa fi dhangala'aa qaama keessaa yaa'ee deebisanii bakka buusuu
🔹️Qorichaan hoo'insa qaamaa to’achuu
🔹️Dhukkuboota biroo dabalataan dhufu malaan ittisuu
🔹️Nama dhukkubsataa sana kophaatti baasuun namoota birootti akka hin dabarreef eeguu.
🔹️Dhukkuboota muraasaaf talaalliin (vaccine) ni jira.

🛡️ Ittisaa fi To’annoo
Ofii fi maatii keetii akkasumas hawaasa kee eeguuf tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhadhu:
1. Of eeggannoo dhuunfaa
✅ Dhiiga yookaan dhangala’aa qaamaa nama dhukkubsataa waliin wal hin tuqiin.
✅ Harka kee yeroo hunda bishaan qulqulluu fi Saamunaan (soap) dhiqi.
✅ Yoo nama dhukkubsataa gargaartu giloovii harkaa fi uffata ittisaa/protective clothing fayyadami.

2. Naannoo qulqulleessuu
✅ Mana fi naannoo kee qulqulleessi.
✅ Nyaataa bakka sirriitti cufaa qabu keessa kaa'i
✅ Agoobaraa fi qorichoota ilbiisota balleessan fayyadami.
✅ Biyyee fi bishaan dhaabbataa naannoo kee qulqulleessi.

3. Ittisa hawaasaa
✅ Dhukkuba ho’aa qaamaa fi dhiiguu yoo mul’ate, dafii gara mana yaalaa deemi ykn ministeera fayyaa beeksiisi.
✅ Qajeelfama ministeera fayyaa/Biiroo eegumsa Fayyaa hordofi.
✅ Sirna awwaalchaa yeroo taasisamu ofiikee eegi — qaama du’ee harkaan hin tutuqiin .

Credit:- Dr. Gadaa(Ispeeshalistii Dhibee Keessaa)

  Oromoon Biyya Bulchaa jiraachuu isaa Amma hubattee?kan dura oromoon killee fi aannan gurguruuf dirree dhufte yeroo gur...
09/11/2025


Oromoon Biyya Bulchaa jiraachuu isaa Amma hubattee?
kan dura oromoon killee fi aannan gurguruuf dirree dhufte yeroo gurguratte galti. Dirree irra humaa hin qaban. Jedhee arrabsee ture tohannoo seeraa jala oolfamee jira.
Ilaali mee Suuta jedhii iddoo inni keessa taa'u
Dhugaa ollantumaa seera jaala nuuf galuu qabaa

Dargaggoo  qaxalee Godinaa hararge bahaa Aanaa qumbii  Injinar Caalaa Abroo Abdalla  ittigaafatamaa Wajjiraa Dandii fi l...
28/10/2025

Dargaggoo qaxalee Godinaa hararge bahaa Aanaa qumbii Injinar Caalaa Abroo Abdalla ittigaafatamaa Wajjiraa Dandii fi lojestikii Aanaa qumbii tahuun muddamanaa bara hojii garii siif ha ta,uu

10/10/2025

👉Oduu Gammachiisaa‼️
Mootummaan konkolaattota uummataafi fe'isaa gaazii uumamaa fayyadaman qaraxa irraa bilisa akka galfaman eeyyame.

Mootummaan har'a irraa kaasee konkolaattota uummataafi fe'isaa gaazii uumamaa fayyadaman qaraxa gumurukaa irraa bilisa akka galfaman eeyyamuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.

Husseen H Waayyuu ✍️

Kunii kayyoo diinumaa Amantaa moo?
06/10/2025

Kunii kayyoo diinumaa Amantaa moo?

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.jemal Ahmed mume posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category