13/09/2025
Guyyaa Arraa wallaansa Baqaqsanii yaaluu cirracha kalee Milki Multi-Specialty center milkiidhan xumurameera !
Wa'ee XIRRACHA KANAA MAAL IRRA AKKA DHUFU fi yaalaa isaa barruu asiin gadii kana Dubbisaa !
CIRRACHA KALEE (KIDNEY STONE)
1. Maalummaa Cirracha Kalee
Cirrachi kalee dhukkuba qaama keenya keessatti keemikaalota garaagaraa walitti qabaman irraa kan dhufu dha. Keemikaalotni kunis kanneen akka:
Kaalsiyeemii (Calcium)
Amooniyaa (Ammonia)
Yuuriik asiidii (Uric Acid)
Sistee'iinii
2. Sababoota Cirracha Kalee Uumuu
Sababoota cirracha kalee uumu keessaa:
1. Bishaan gahaa dhuguu dhabuun qaamni dhangala’aa dhabuu
2. Nyaata pirootiinii (protein) heddummaatee soorachuu, fkn. foon diimaa
3. Nyaata fiber irratti badhaadhan dhabuu
4. Sochii qaamaa (physical exercise) gochuu dhabuu
5. Infeekshinii ujummoo fincaanii irra deddeebi'ee dhufu
6. Maatii keessatti namni cirracha kalee qabu yoo jiraate
7. Kalee tokkoon dhalachuu ykn kalee tokko warra biroo gumaachuu
8. Baqaqsanii hodhuu mar’immaanii yoo taasifame
9. Qoricha akka aspirin, antacids, akkasumas qoricha HIV/AIDS fi maraammartoo fayyadaman hedduu fudhachuun carraa cirracha kalee ni dabala
10. Cirrachi kalee dhiira irratti harka 4 caalaa baay'ata
3. Mallattoolee Cirracha Kalee
Namni cirracha kalee yoo qabaate mallattoolee armaan gadii ni mul’isa:
Dhukkubbii tasaa cimaa cinaacha ykn dugda irratti dhagahamuu
Fedhii nyaata dhabuu
Fincaan diimaa ykn dhiigaan wal makuu
Fincaan dhangala'aa gadi bu'aa dhabuu
Dadhabbii fi ho'aa qaamaa (fever)
4. Furmaata
Mallattoolee armaan olii yoo ofirratti argine, gara buufata fayyaa deemuun qorannoon akka taasifamu godhuun barbaachisa. Yoo qorannoon taasifame:
A. Hanga Cirracha Kalee Xiqqaa Ta'e (< 0.5cm)
Yoo ultrasound ykn CT-scan irratti hanga cirracha kalee sun 0.5cm gadi ta'e, bishaan hedduu dhuguun, qoricha dhukkubbii hir’isu fudhachuun, fi fincaan waliin akka ba’u eeggachuun furmaata ta'a.
B. Hanga Cirracha Kalee Guddaa Ta'e (> 0.5cm)
Yoo 0.5cm ol ta’e, mala hedduu fayyadamuun cirracha kalee diiguu danda’ama:
1. Lithotripsy – Annisaa ifaa (shock wave) qaamatti gadi lakkisuun cirracha akka caccabu taasisa.
2. Yaala baqaqsanii hodhuu (Surgery) – Cirracha kalee guddaa ta’e balleessuuf fayyadama.
5. Ittisa Cirracha Kalee
Bishaan gahaa dhuguu (guyyaa litira 2-3)
Nyaata soodiyeemiin (milixii, qorii) fi oksaalaatiin (shaayi, siinqee, shokolaataa) badhaadhe xiqqeessuu
Qaama sochoosuu fi dhangala'aa qaama keenyaa fooyyessuu
Maatii keessatti namni cirracha kalee qaba yoo jiraate yeroo yeroon qorannoo fayyaa gochu qabdan
Ofirraa baasuuf ammoo dhaabata Milki Multi-Specialty center koottaa
ሐረር፣ አራተኛ፣ ግብርና ማዞርያ
📲 0968686821/0968686822
☎️ 0254660801
Tessoon teenya Harar. Meeyxuu Biroo qonnaa 20 m Ol-seentanii nu arkattan
Odeefannoo dabalataaf chaanaali kanaan hordofaa
https://t.me/Milkimultispecialitycenter
https://www.facebook.com/profile.php?id=100093374203081&mibextid=ZbWKwL
https://youtu.be/bqws8jvNL5o