Dr Mahdii Badhaasoo Medium Clinic

Dr Mahdii Badhaasoo Medium Clinic Fayyaan cululleedha
Tan namaan birriftu!!

Oduu gaariiKilinikni jiddu-galeeysa Dr Mahdii Baadhaasoo tajaajila idilee hawaasa naannootiif kennaa jiru daran jabeeysu...
08/08/2025

Oduu gaarii

Kilinikni jiddu-galeeysa Dr Mahdii Baadhaasoo tajaajila idilee hawaasa naannootiif kennaa jiru daran jabeeysuudhaan oogeysa dhibee coraa fii coraan hidhata qabanii (Dermato-Venerologist) Dr Magarsaa Ahmad, asitti afeeruudhaan hawaasa keenya tajaajiluu eegalee jira. Tajaajilli kun marsaa tana torbee sadihiif tura. Kottaatii ilma keeysaniin yaalamaa.

Teeysoon: Buufata fayyaa bulchiinsa magaalaa Baabbilee xiqqo irraa ol

Fayyaan Cululleedha
Tan namaan birriftu!!

17/04/2025

Qabxiin dorgomtoota keenyaa ifoomee jira.

Akkaataa ulaagaa dorgommiitiin namoonni sadarkaa 1ffaa hanga 5ffaa bahaanii abbaa carraa tahan;

A. Muaz Abdellaa-1ffaa
B. Issa Mumed-2ffaa
C. Bakri Abdi-3ffaa
D. Æniir Møhammed-4ffaa
E. Olana Bedri-5ffaa

Congratulations!! Baga gammaddan!!Badhaasaan keeysan kara inbox nu qunnamuudhaan fudhachuu dandeeysu.

Fayyaan Cululleedha Tan namaan birriftu

Kilinika jiddu-galeeysaa Dr Mahdii

Baabbile

17/04/2025

Yeroon dorgommii xumuramee jira. Hanga sadarkaa dorggomtoota keenyaa baafnutti daqiiqaa muraasaaf obsaan nu eega.

Fayyaan Cululleedha Tan namaan birriftu!!

Atiis dorgomii badhaafamiTapha halkaan arraa kilabni Madrid fii Arsenal qaban sababeeyfachuudhaan Kilinikni jiddu-galeey...
16/04/2025

Atiis dorgomii badhaafami

Tapha halkaan arraa kilabni Madrid fii Arsenal qaban sababeeyfachuudhaan Kilinikni jiddu-galeeysa Dr Mahdii Baadhaasoo badhaasaa qopheeysee jira.

Ulaagaa dorgomii
1. Namoonni badhaafaman, namoota shan post kana jalatti waa'ee kilinika jiddu-galeeysa Dr Mahdii Badhaasoo comment godhanii like fi reply hedduu arkataniidha.
2. Namni comment'iin isaa like fi reply hunda caalaa argate shanan badhaasa kaardii qarshii 300, 250, 200, 150 fii 100 wal-duraa-duubaan argatu.
3. Yeroon turtii dorgomii hanga boru galgala sa'aatii afuritti.

Carraa gaarii.

Kilinika jiddu-galeeysaa Dr Mahdii Baadhaasoo
Fayyaan Cululleedha Tan namaan birriftu!!

28/02/2025

Ramadan Mubarak

Dhiiga haqqisuu/hoqqisiisuu (hematemesis) upper GI Bleeding.Dhiiga haqqisiisuun kan dhufu yeroo hiddii dhiigaa sirna nya...
24/11/2024

Dhiiga haqqisuu/hoqqisiisuu (hematemesis) upper GI Bleeding.

Dhiiga haqqisiisuun kan dhufu yeroo hiddii dhiigaa sirna nyaataa kan woonqoo, garaachaa fi marrimaan garachatti aanee argamu miidhamuudha. Wantoonni dhibee kana fidan baayyeedha. Isaan keessaa gurguddoon:-

1. Madaa'uu garaachaa (peptic ulcer disease) fakkeenyaaf baakteriyaa H. Paayilorii jedhamu kan qaban.

2. Dhukkuba tiruu isa turee fi xaxaa qabu (chronic liver disease)

3. Yeroo humnaan haqqisan( Mallory Weis syndrome)

4. Kaansarii sirna nyaataa kaansarii sirna nyaataa
5. Goggoguu sinra nyaataa sababa Hanqina dhiigaa fi cinqamuu(stess) faadhaan dhufan usaan muraasa.

Namni tokko dhiiga yoo haqqisiise agarsiistuu hamaa ta'uu hubachuu qaba. Dhibee yaala hattatamaa barbaadan keessaas isa tokko fakkeenyaaf dhiiga dafanii kennuufii. Sababni isaa qaama keenna keessaa dhiiga liitirii 5tti tilmaamamutu jira isa keessaa sababa dhiiga haqqisuutiin hanqinni dhiigaa akka uumamuuf karra saaqa. Hanqinni dhiigaa immoo muudannaan dhiigni gara sammuu, kalee fi qaamota biroo deemu ni xiqqaata. Kun immoo hanga of wollaalchisuu nama geessuu fi xaxaa biraa dabalatee lubbuu namaallee gaaga'uu mala.

Dhiiga nama haqqisiisnaan dafanii mana yaalaa deemuu fi dhukkuboota isa fidan qabaannaan immoo hordoffii sirnaan taasisuun faayidaa guddaa qaba.

Fayyaan Faaya.

YaadachiisaYeroo manni barumsaa cufamee jiru kanatti daa'imman dhiiraa haa kittaannuu/absumaa haa goonu. Tajaajila Absum...
18/07/2024

Yaadachiisa

Yeroo manni barumsaa cufamee jiru kanatti daa'imman dhiiraa haa kittaannuu/absumaa haa goonu.

Tajaajila Absumaa joollee dhiiraa manaa manaatti kennamu dabalatee, Kilinikni keenya hojii kana ogeeyyii muxannoo yeroo dheeraa qabaniin, qulqullina olaanaa fii gatii madaalawaadhaan kenna!

Dhukkubuu, dhiiguu fii madaawuun lammada yaaddoo hin taatu.

Kilinika jiddu-galeeysaa Dr Mahdii Baadhaasoo
Baabbile
Bil: 0923952397

Thank you doctor Liz for visiting us. Your visit was a compliment to everyone in our office. I wish we would have had mo...
23/05/2024

Thank you doctor Liz for visiting us. Your visit was a compliment to everyone in our office. I wish we would have had more time to talk, but perhaps that will happen another day. Thanks for your kindness and generosity.

Barattoonni kutaa 6ffaa fii 8ffaa qormaata moodeelii fudhachaa jirtaniif yeroo qormaataa gaarii isiniif haa tahu, jabaad...
22/05/2024

Barattoonni kutaa 6ffaa fii 8ffaa qormaata moodeelii fudhachaa jirtaniif yeroo qormaataa gaarii isiniif haa tahu, jabaadhaa.

Oduu gammachiisaa Hawaasa bal'aa magaalaa Baabbileetii fii naannaawa isii jiraatu cufaaf Kilinika jiddu-galeeysaa Dr Mah...
21/05/2024

Oduu gammachiisaa Hawaasa bal'aa magaalaa Baabbileetii fii naannaawa isii jiraatu cufaaf

Kilinika jiddu-galeeysaa Dr Mahdii Baadhaasootti tajaajila baqeeysanii waldhaanuu sasalphaa kan akka absumaa dhiiraa, kalladoo fii muurxoo baasuu eegallee jirra.

Mallattoon teenya, qulqullina ol'aanaa fii gatii madaalawaadha !!

Galata Sagantaan eeyba kilinika jiddu-galeeysa Dr. Mahdii Baadhaasoo gaafa yuyyqq 20/8/2016 bifa nama gammachiisuun raaw...
28/04/2024

Galata

Sagantaan eeyba kilinika jiddu-galeeysa Dr. Mahdii Baadhaasoo gaafa yuyyqq 20/8/2016 bifa nama gammachiisuun raawwatame jira. Namoonni milkaahina sagantaa tanaatiif tumsa taatan, sheekkoonni, manguddoon biyyaa, hoggantoonni mootummaa, hiriyyootaa fii aalii ollaan hundi alla-magan taha. Silaa sababa keeysaniin tahuu baatte, sagantaa tun akkanatti halluu bareedduu fii miraa gammachuu qabaachuun achi fagoodha. Rabbi isin haa kabaju. Du'aa'iin teeysan qeebaltiidha.

Nutiis, gorsa fii dhaamsa kheeysan qalbitti fudhannee hawaasa keenya qulqullinaa fii kabajaan tajaajiluuf qophiidha! InshaAllaah.

Eid Mubarak
09/04/2024

Eid Mubarak

Address

Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Mahdii Badhaasoo Medium Clinic posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category