Dr. Bahar Abdi

Dr. Bahar Abdi Fayyaan keessan, gammachuu kooti. Fayyaa Dahaa!

✨ Fuula Keenya Akkamitti Kunuunsina? Iccitii Bareedinaa fi Fayyaa▪️Bishan gahaa dhuguu: Kun fuulli keessan akka jiidha a...
21/02/2026

✨ Fuula Keenya Akkamitti Kunuunsina? Iccitii Bareedinaa fi Fayyaa

▪️Bishan gahaa dhuguu: Kun fuulli keessan akka jiidha argatu gochuun, fuulli akka hin gogne fi akka hin shubamne godha.

▪️Alaa yommuu galtan fuula dhiqachuu: Hurkaa, xurii fi dhukkee qilleensa keessa jiru irraa qulqullaa'uuf, halkan osoo hin rafin dura saamunaa lallaafaan fuula dhiqachuu.

▪️Ho'a aduu irraa of eeguu: Aduun gogaa fuulaa gubuu fi bifa isaa jijjiiruu danda'a. Gaaddisa filachuu ykn koofiyyaa fayyadamuu amaleeffadhaa.

▪️Akkasumas, harkaan fuula tuquu xiqqeessaa: Harkka keenyarra baakteeriyaa hedduun waan jiruuf, yeroo baay'ee fuula keenya tuquun finniisni akka baay'atu godha.

▪️Rafuudhaan boqonnaa sammuu argachuu: Hirriibni gahaan (sa'aatii 7-8) seelonni gogaa fuulaa keenyaa akka haaromaman taasisa. Kunis iji keenya akka hin iftooyne fi fuulli keenya akka dammaqu godha.

​Gorsa Dabalataa

▪️Soorata madaalawaa: Kudraa fi mudraa vitaaminii A, C, fi E qaban soorachuun gogaan keessan akka ifu godha.

▪️Dibata: Erga fuula dhiqqattanii booda dibata gogaa keessaniif ta'u (kan zayita baay'ee hin qabne) dibachuun gaariidha.

🤒 Dhibee Taayifoyidii: Maalummaa fi Akkamitti Daddarba?​▪️Taayifoyidiin dhibee daddarbaa baakteeriyaa Salmonella Typhi j...
21/02/2026

🤒 Dhibee Taayifoyidii: Maalummaa fi Akkamitti Daddarba?

​▪️Taayifoyidiin dhibee daddarbaa baakteeriyaa Salmonella Typhi jedhamuun dhufudha.
▪️Baakteeriyaan kun yeroo baay'ee bishaan ykn nyaata faalame keessa turuun gara qaama keenyaa gala.

​Mallattoolee fi Of-eeggannoo Taayifoyidii

▪️Bowwoo mataa cimaa: Mallattoon jalqabaa ho'a qaamaa yeroo dheeraaf turu fi bowwoo mataa cimaan namatti dhagaahamuudha.

▪️Akkasumas, dhukkubbii garaa fi dadhabbi: Dhukkubbii garaa waliin miira dadhabbii fi fedhiin nyaataa hir'achuu.

▪️Hojiin bullaa'insa nyaataa ni jeeqama: Garaan goguu ykn yeroo tokko tokko garaa kaasaa fiduu danda'a. Akkasumas namoota tokko tokko irratti mallattoo shiftee diimaa (rose spots) qoma irratti ni uuma.

▪️Akka gaariittii qulqullina bishaanii fi nyaataa eeguu: Taayifoyidiin baay'inaan kan daddarbu harka osoo hin dhiqatin nyaata tuquu fi bishaan hin qulqullaa'in dhuguudhaani.

▪️Rakkoo kana yoo qabaattan mana yaalaa deemaa: Taayifoyidiin yoo yeroodhaan hin yaalamne marrummaan akka gochuun jireenya gaafachuu danda'a.

​Akkamitti Ittisna?

▪️Bishaan qulqulluu: Bishaan dhugaatii danfisanii ykn keemikaalota qulqulleessan fayyadamanii dhuguu.

▪️Harka dhiqachuu: Nyaata dura, mana fincaanii booda fi yeroo nyaata qopheessan harka saamunaan dhiqachuu.

▪️Nyaata bilchaate: Muduraa fi kuduraa qulqulleessanii dhiquu, nyaata ammoo sirriitti bilcheessanii nyaachuu.

▪️Talaallii: Bakka dhibeen kun baay'atutti talaallii Taayifoyidii fudhachuun ittisuun ni danda'ama.

​Goolaba

​▪️Taayifoyidiin dhibee qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguun ittifamuu danda'udha. Mallattoon ho'a qaamaa yoo isan irratti mul'ate hatattamaan gara mana yaalaa deemuun qorannoo dhiigaa gochuun barbaachisoodha.

​Fayyaa Ta'aa!

🤕 Dhukkubbii Mataa Akkamitti ittisuun danda’ama?👉 Dhukkubbiin mataa yeroo Baay’ee dadhabbii, dhiphina Akkasumas HAala ji...
19/02/2026

🤕 Dhukkubbii Mataa Akkamitti ittisuun danda’ama?

👉 Dhukkubbiin mataa yeroo Baay’ee dadhabbii, dhiphina Akkasumas HAala jireenyaa keenya irraa Rakkoo maddu.
​👉 Karaa salphaa ta’een dhukkubbii mataa ittisuuf tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhachuu dandeessa:

​1. Haala Jireenyaa Of Eeggannoo Qabu

▪️Bishaan Ga’aa Dhuguu: Hir’inni dhangala’aa qaama keessaa (dehydration) sababa guddaa dhukkubbii mataati. Guyyaatti bishaan ga’aa dhuguu amaleeffadhu.

▪️Hirriiba Ga’aa Rafuu: Hirriiba dhabuun yookiin sa’aatii hirriibaa jijjiiruun dhukkubbii mataaf nama saaxila. Sa’aatii dhaabbataa ta’etti rafuufi ka'uun gaariidha.

▪️Nyaata Yeroo Isaa Eegii Nyaadhuu: Nyaata irra darbuun dhiiga keessaa sukkara hir’isa, kun immoo mataa nu dhukkubsa.

​2. Dhiphina Hir’isuu

▪️Boqonnaa Fudhadhu: Yoo hojii humnaa ol ta’e hojjetaa jirta ta’e, yeroo muraasaaf boqochuun sammuun kee akka tasgabbaa’u godhi.

▪️Shukkummaa Qaamaa: Shukkummaan naannoo mormaa fi gateettiitti godhamu dhiphina hir’isuun dhukkubbii mataabittisa.

​3. Wantoota Dhukkubbii Mataa Kaasan Irraa Fagaadhu

▪️Sagalee fi Ifa Guddaa: Namoota tokko tokkoof ifni baay’ee calaqqisu yookiin sagaleen wacu dhukkubbii mataa (keessattu Migraine) itti kaasa. Naannoo tasgabbaa’aa ta’e filadhu.

▪️Bunaa fi Tamboo: Buna baay’ee dhuguun yeroo inni qaama keessaa dhumu dhukkubbii mataa fida

👩‍🦱 Forfor (Dandruff) Akkamitti Foyyeessuun Danda’ama?👉 Mala salphaa manatti hojjetamaniin forfor ofirraa salphisuun ni ...
19/02/2026

👩‍🦱 Forfor (Dandruff) Akkamitti Foyyeessuun Danda’ama?

👉 Mala salphaa manatti hojjetamaniin forfor ofirraa salphisuun ni danda'ama.

​1. Qullubbii
▪️Qullubbiin fangasii forforii fidu dhabamsiisuuf dandeettii guddaa qaba.
▪️Akkata itti fayyadamaa: Qullubbii daakuun cuunfaa isaa bishaanitti makuun mataa keetiin miicadhu. Shurufkaa isaa hambisuuf ammoo deeyma itti makuu dandeessa.

​2. Loomii

​▪️Asidiin loomii keessa jiru lallaafina gogaa mataa eeguun forforii balleessa.
▪️Akkaataa itti fayyadamaa: Cuunfaa loomii fi zayita kookonatii (coconut oil) walitti makuun matatti dibadhu. Daqiiqaa 20-30 booda bishaan qabbanaawaan dhiqi.

​3. Bishaan Ruzaa fi Deeymaa (Honey and Rice Water)

​▪️Deeymi gogaa mataa jiidha kennaaf, ruuznii ammoo gogaa irraa qunca’u hir’isa.
▪️Akkaataa itti fayyadamaa: Bishaan ruuziin itti affeelame deeyma waliin makii, mataa kee erga dhiqattee booda dibadhu. Daqiiqaa 10 booda dhiqi.

​👨‍⚕️ Gorsa dabalataa:

▪️ ​BishAan baay'ee dHugi: GogAan kee yoo gogee foRforiin ni baay'ata.
▪️Filtuu tee qulqulleessi: Filtuu namni biraa itti fayyadameen hin fayyadamin.
▪️​Nyaata madaalawaa nyaadhu: Keessumaa nyaata 'Zinc' fi 'Vitamin B' qaban nyaachuun gogaa mataa keetiif gaariidha

🍲 Nyaanni Dhibee Madaa Garaachaa (Peptic ulcer Disease) Ittiisuuf Gargaaru Kami?1. Nyaatawwan Faayidaa Qaban​👉 Nyaatawwa...
19/02/2026

🍲 Nyaanni Dhibee Madaa Garaachaa (Peptic ulcer Disease) Ittiisuuf Gargaaru Kami?

1. Nyaatawwan Faayidaa Qaban

​👉 Nyaatawwan armaan gadii madaa garaachaa ittisuuf dhiibbaa gaarii qabu:

▪️Nyaata FaayiBAra (Fiber) qaban: Kuduraa fi muduraa akka Raafuu, Atara, Kaarotii fi Muduraa (Appilii, Muuzii) faayibara gaarii waan qabaniif asidii garaachaa HiR'isuuf ni gargaaru.

▪️Nyaata ProBAayootikii (Probiotics): Itittuu keessa baakteeriyaa gaariin waan jiruuf, baakteerii H. pylori jedhamu sAn Ittiisuuf ni gaRgaara.

▪️Zayita Ejersaa (Olive Oil): Zayitiin ejersaa madaa garaachaa fayyisuu keessatti gahee qaba.

▪️Nyaata Salphaatti Bullaa'an: Ruuzii, fi Boqqolloon madaa garaachaa irratti dhiibbaa hamaa ta’e hin qaban.

▪️Deeyma: Deeymi uumamaan dandeettii madaa fayyisuu fi baakteerii Ittiisuu waan qabuuf baay'ee gaariidha.

​2. Nyaatawwan Irraa Of Eeguu Qabdu

​👉 Nyaatni asidii baay'isan ykn garaacha miidhan madaa san ni hammeessu:

▪️Nyaata Barbaree: Barbare fi mi'eessituun garaacha ni midhu.

▪️Dhugaatii Kaaffeenii qaban: Buna, Shaayii baay'ee fi dhugaatii lallaafaa (Soft drinks) asidii garaachaa ni dabalu.

▪️Nyaata Asidii qaban: Loomii, Biriitikaana fi kkf yeroo dhibeen kun sitti jiru hir'isuun gaariidha.

▪️Nyaata Zayita Baay'ee qaban: Nyaanni zayita baay’ee qabu bullaa'uuf yeroo dheeraa waan fudhatuuf garaacha irratti dhiibbaa uumu.

▪️Alkoolii fi Sigaaraa: isaan kun madaan garaachaa akka hin fayyine dhowwu.

18/02/2026

Aboo duba😁😁

🌙 Soomana fi Fayyaa: Bu'aa Inni Qaama Keenyaaf Qabu​👉 Soomanni qaama keenyaaf yeroo boqonnaa fi of-haaromsuu kenna. 👉 So...
17/02/2026

🌙 Soomana fi Fayyaa: Bu'aa Inni Qaama Keenyaaf Qabu

​👉 Soomanni qaama keenyaaf yeroo boqonnaa fi of-haaromsuu kenna.
👉 Soomanni yeroo ammaa bu'aa fayyaa keenyaaf qabuun addunyaa irratti xiyyeeffannoo guddaa argachaa jira.

​🌹Faayidaa Fayyaa Soomanni Kennu

▪️Bu'aa guddaa sukkaara dhiigaa sirreessuu irratti qaba: Soomanni dandeettii insuliiniin sukkaara itti to'atu waan dabaluuf, dhibee sukkaaraa (Type 2) ittisuuf ni gargaara.

▪️Akkasumas, seelota qaama keenyaa haaromsa: Adeemsa "Autophagy" jedhamuun, soomanni seelota dullooman ykn miidhaman qulqulleessuun seelonni haarayni akka uumaman gargaara. Kunis dhibee kaansariin akka hin uumamne ittisuu keessatti gahee qaba.

▪️Hubama onnee fi dhiibbaa dhiigaa hir'isa: Soomanni kolesterolii badaa (LDL) fi dhiibbaa dhiigaa hir'isuun fayyaa onnee keenyaa ni eega.

▪️Akka infilaameeshiniin qaama keessaa hir'atu taasisa: 'inflammation' dhibeewwan daddarboo hin taane hedduuf sababa waan ta'eef, soomanni kana ittisuun fayyaa keenya egereef tumsa godha.

▪️Rakkina ulfaatinaa qaamaa fi faatii qaamaa ni hir'isa: Soomanni qaamni keenya cooma kuufame akka gubatu gochuun, ulfaatina qaamaa eegee akka turu godha.

​🧠 Sammuu Keenyaaf Faayidaa Akkamii Qaba?

​👉 Soomanni sammuu keenyaafis dammaqina kenna:

▪️Xiyyeeffannoo: Soomana keessa dandeettiin xiyyeeffannoo fi yaadachuu ni dabala.

▪️Pirootiinii Sammuu: Sammuun keenya pirootiinii 'BDNF' jedhamu akka maddisiisu gochuun seelonni sammuu akka hin miidhamne godha.

​👨‍⚕️ Gorsa Dabalataa

​✅️ Soomana keessa yeroo haafxiraa bishaan baay'ee dhuguu fi soorata madaalawaa nyaachuun bu'aa isaa dachaan dabala.

17/02/2026

Ramadan Crescent Sighted ✨🌙

The crescent moon of Ramadan has been officially sighted.

Ramadan begins tomorrow, in shaa Allah.

A month of mercy, forgiveness, and immense reward is upon us.

May Allah accept our fasting, prayers, and good deeds, and grant us strength throughout this blessed month. 🤲

👩‍🦱 Bubuqqa’uu Rifeensaaf Furmaanni Maali?🤞​👉 "Rifeensa bubuqqa’uf furmaanni maali?" Gaaffii ja'u baayyinaan kaasaa jirt...
16/02/2026

👩‍🦱 Bubuqqa’uu Rifeensaaf Furmaanni Maali?🤞
​👉 "Rifeensa bubuqqa’uf furmaanni maali?" Gaaffii ja'u baayyinaan kaasaa jirtan. Deebiin isaas kunooti:

​1. Nyaata Madaalawaa Nyaachuu
​▪️Rifeensi keessan pirootinii, ayiraanii (iron) fi vitaaminoota akka B7 (Biotin) Argachuu qaba. ▪️HAnqinni nyaataa Rifeensa laaffisee akka bubuqa’u taasisa.

​2. Qulqullina Rifeensaa Eeguu
​▪️Rifeensa keessan bishaan ho’aa garmalee ta’een dhiquu irraa of qusadha.
▪️Akkasumas, rifeensa keessan yeroo jiidha qabutti humnaan hin filatiinaa; kun rifeensa ciruun akka bubuqa’u taasisa.

​3. Keemikaala fi Ho’a Garmalee Irraa If Quusachuu
​▪️Shampoon keemikaala rifeensa miidhu qabuu fi meeshaaleen rifeensa ho’isanii laaffisan (kaawuyyaa) ykn goggooysan rifeensa akka malee miidhu.
▪️Yoo danda’ame ifumaan akka goggogu taasisuun filatamaadha.

​4. Dhiphina Sammuu To’achuu
​▪️Dhiphinni cimaan rifeensi akka harca’u taasisa.
▪️Boqonnaa gahaa fudhachuu fi sochii qaamaa gochuun fayyaa rifeensaatiif baay'ee barbaachisaadha.

​5. Kuduraa fi Muduraa Baay’isuu
​▪️Soorata magariisa ta’an kan akka raafuu fayyadamuun rifeensa keessan ni cimsa.

​Hubachiisa: Yoo bubuqa’uun rifeensa keessanii hammaate fi kan isan yaaddessu ta’e, mana yaalaa deemun qorannoo taasisuun sababa isaa hubachuun furmaata dhumaati.

🤕 Dhukkubbii Mataa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Baay'inaan Ka’anii fi Deebii Isaanii.  👉 Maaltu dhukkubbii mataa fida?​✅️ Sab...
15/02/2026

🤕 Dhukkubbii Mataa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Baay'inaan Ka’anii fi Deebii Isaanii.

👉 Maaltu dhukkubbii mataa fida?

​✅️ Sababoonni garaa garaa jiraatanis, isaan armaan gadii baay'ee beekamoo dha:

▪️Dhiphina (Stress) fi dadhabbii qaamaa.

▪️Hirriba gahaa dhabuu.

▪️Bishaan gahaa dhuguu dhabuu (Dehydration).

▪️Nyaata yeroo isaa eeggatanii nyaachuu dhabuu.

▪️Ija keenya irratti dhiibbaa uumuu (fkn: Sa'aatii dheeraa bilbila ilaaluu).

😣 Dhibee Garaachaa ykn Gaastirikii (yspepsia) Ilaalchisee Gaaffiiwwan Baay'inaan Ka’anii fi Deebii Isaanii.😟✅️ Maaltu Dh...
15/02/2026

😣 Dhibee Garaachaa ykn Gaastirikii (yspepsia) Ilaalchisee Gaaffiiwwan Baay'inaan Ka’anii fi Deebii Isaanii.😟

✅️ Maaltu Dhibee Garaachss Kana Fida?

​👉 Sababoonni dhibee kanaa baay'ee ta'anis, isaan gurguddoon:

▪️Infeeshii Baakteeriyaa (H. pylori): Kun sababa guddaa madaa garaachaati.

▪️Qorichoota: Qorichoonni dhukkubbiin hir'isan (kanneen akka Diclofenac, Ibuprofen, Aspirin) garaacha irratti rakkoo ni uumu.

▪️Akkaataa jireenyaa: Nyaata zayitii baay'ee qabu nyaachuu, alkoolii dhuguu, sijaaraa xuuxuu fi dhiphina sammuu.

Rifeensa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Baay'inaan Ka’anii fi Deebii Isaanii:    💇‍♀️✨​❓️ Rifeensi kiyya maaliif Bubuqqa'a? Rak...
14/02/2026

Rifeensa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Baay'inaan Ka’anii fi Deebii Isaanii: 💇‍♀️✨

​❓️ Rifeensi kiyya maaliif Bubuqqa'a? Rakkoon kun baay’ee keenya ni yaaddessa. Sababoonni isaa baay'ee ta'uu danda'u:

​📍 1. Hanqina Soorataa: Keessattuu hanqina Ayiraanii (Iron), Pirootiinii fi Vitaaminoota Adda addaa. 🥗

​📍 2. Dhiphina (Stress): DHiphinni sammuu garmalee ta'e guddina rifeensaa ni dhaaba, akka buqqa’us ni taasisa. 🧠

​📍 3. JijjiiramA Hormoonii: Fakkeenyaaf yeroo deessuu booda ykn dhukkuba xannacha taayirooyidii (Thyroid) waliin wal qabatee dhufuu danda'a. 🧬

​📍 4. Fayyadama Keemikaalaa: Fayyadama keemikaala fi ho'aa baay'inaan fayyadamuun Rifeensi keessan akka buqqa'u taasisa.🔥

​👉 Isiniif sababa kan ta'u isa kami?

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Bahar Abdi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Bahar Abdi:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category