29/11/2025
Dhukkubbii Dugdaa fi Furmaata Salphaa! 🤕
"Mudhii na dhukkube" jechuun himannaa (complaint) namoota baay’eeti. Tarii isinis yeroo ammaa kana dhukkubbii kanaan rakkachaa jirtu ta'a.
Mee har’a sababoota gurguddoo fi furmaata isaa haa ilaallu.
❌ Maaltu Dugda Keenya Miidha?
• Akkaataa Taa'umsaa (Poor Posture): Yeroo dheeraaf kompiyuutara ykn bilbila irra yeroo teessan gadi jallachuun (slouching) lafee dugdaa miidha.
• Wantoota Ulfaataa Kaasuu: Osoo jilba hin cabsiin dugdaan gadi jallatanii waan ulfaataa lafaa ol kaasuu.
• Firaasha (Siree): Firaashiin irra raftan garmalee kan lallaafu ykn garmalee kan jabaatu yoo ta'e dugda miidhuu danda'a.
• Ulfaatina Qaamaa: Garaan(borciin) yoo baay'ee guddate, lafee dugdaa irratti dhiibbaa (pressure) uumuun dhukkubbii fida.
• Sochii Dhabuu: Maashaan dugdaa yoo laaffe, lafee dugdaa sirriitti deggaruu hin danda'u.
✅ Furmaanni Salphaan Maali?
Yoo dhukkubbii cimaa hin qabdan ta'e, waantota kana yaalaa:
• Taa'umsa sirreeffadhaa: Yeroo teessan dugdi keessan qajeelaa ta'uu qaba. (Waan deggaru dugda duubaan kaa'adhaa).
• Socho'aa: Sa'aatii tokkoo ol bakka tokko hin taa'inaa. Ka'aa xiqqoo deddeebi'aa.
• Akkaataa itti waa kaastan beekaa: Waan ulfaataa yeroo kaastan, jilba keessan cabsaa malee dugdaan gadi hin jallatinaa.
• Haaa itti ciistan sirreeffadhaa: Yeroo cinaachan raftan, boraatii xiqqoo jilba keessan gidduu kaa'achuun dhiphina dugdaa hir'isa.
⚠️ Mallattoolee Of-eeggannoo (Red Flags):
Yoo mallattoolee kana argitan ogeessa hatattamaan argadhaa:
• Yoo dhukkubbiin dugdaa gara miilaatti gadi bu'ee, miilli isin hadoodee (Numbness).
• Yoo fincaan ykn boolii to'achuu dadhabdan.
• Yoo dhukkubbichi balaa/kufaatii booda dhufe.
Fayyaa dugdaa keessaniif of eeggadhaa!
Yoo barreeffamni kun isin fayyade, namoota biroof godhaa.
Dr. Bahar Abdii