Dr Mohammed Ibrahim

Dr Mohammed Ibrahim free education
(1)

Meet Dr  Nasradin Ahmed(Assistant Professor of Orthopedic and trauma surgery )   giving an orthopedic service at  GOVERN...
03/04/2026

Meet Dr Nasradin Ahmed(Assistant Professor of Orthopedic and trauma surgery ) giving an orthopedic service at GOVERNMENT hospital and also in dire dawa at different private hospital like Qadade family general hospital , Delt general hospital and Central City Hospital.

Arra nama tokko ka irraa fayyadamuu qabdanii waliniin wal isiin barsiisa inninis Dr Nasraddin Ahmed jedhama dhalate kan guddate Dire dhawaatti yoo tahu achumatti barumsa isaa hanga kutaa 12 xumuree sana booda barnoota mummee meedisinii haramayaa yuuniveersititti barate achumatti barsiisaa fi haakima walii gala tahuun tajaajilaa ture .sana booda koolleejji fayyaa fi meedikaalaa qidduus paawloositti ispheeshaalistii lafee fi kan isaa wajjiin wal qabatan barate xumuree amma hawaasa isaa kan Karaa baha biyyatitti argaman tajaajilaa jira keeysattu warra dirree dhawaa irraa fayyadamaan isiniin jedha.
Galatoomaa!
✍️ Irfan Ibrahim(Dr Mohammed Ibrahim)

Shanyiin kormaa xiqqaachuu |Low s***m count|******Namni fayya qabeessi tokko yeroo sanyii kormaa miliyoona 15 hanga 200 ...
02/04/2026

Shanyiin kormaa xiqqaachuu |Low s***m count|
******
Namni fayya qabeessi tokko yeroo sanyii kormaa miliyoona 15 hanga 200 gad lakkisa . Shanyiin kormaa namni tokko yeroo walqunnamtii saalaa godhu gad lakkisu yoo miliyoona 15 gad kan ta'u ta'e sanyiin kormaa xiqqaate jedhama. Sanyiin kormaa xiqqaachuun akka carraa dubartii takka ulfeessuu ni xiqqeessa. Garuu dabree dabree sanyii kormaa xiqqoo qabaatee kan ulfeessuus ni jira.
----
----
Akkamitti shanyiin kormaa xiqqaachuu beekna?
Yeroo garii namni sanyii kormaa xiqqaa qabu mallattoo tokkollee qaama irratti hin agarsiisu. Dhiroonni tokko immoo rakkina kiroomoozomii, rakkina hormooniin wal madaaluu dhabuu, hiddi dhiigaa cidhaanii iitaawuu fi ujummoon sanyii kormaa gara alaatti cufamuu qabaachuu malu. Namoonni sanyii kormaa xiqqaa qaban mallattoo asiin gadii agarsiisuu malu.
• Walqunnamtii saalaa irratti rakkina qabaachuu. Fkn walqunnamtii saalaatiif fedhii dhabuu, qaamni saalaa ka'uu dadhabuu
• Dhukkubbii, iiita naannoo cidhaaniitii qabaachuu
• Rifeensi fuula irratti ykn qaamaa irratti biqiluu dhabuu ykn xiqqaachuu. Kana hoggaan jedhu dhiirti areeda hin qabne hin dhalchitu jechuu koo miti. Rifeensi haphaatee biqiluun sababa rakkinna hormooniitiin yoo ta'edha.
---
---
Maaltu namatti fida?
1. Hiddi dhiigaa cidhaanii iitaawuu
2. Infeekshiinii tokko kan naannoo qaama saalaa hubu fkn cophxoo
3. Yeroo walqunnamtii saalaa godhan is***miin gara afuuffee fincaaniitti dhangala'uu
4. Kaansarii qaama walhormaataa
5. Yaalaa baqaqsanii yaaluu qaama saalaa qabaachuu
6. Qorichoota tokko fkn qoricha kaansarii
7. Ulfaatina garmalee
8. Sigaaraa aarsuu
9. Mukaa'uu -depression
10. Paantii nama qabdu kaayyachuu fi kkf
Hub: Wanti rakkoo kana fidaa kaniin asiin olitti tarreesse kana qofa odoo hin ta'in hedduutu jira. Namni tokko waggaa tokko guutuu walqunnamtii saalaa daangaa hin qabne haadhaa manaa wajiin godhee kan yoo ulfaa'uu didde mana yaalaa deemee of laalchisuu qaba!
✍✍✍Dr.Abdulfetah Ibrahim.
----
Follow me Dr Mohammed Ibrahim.

Telegram channel kana tuqaa https://t.me/DrmohammedIbrahim

Kedir keenya mangistii histii hin qabne
02/04/2026

Kedir keenya mangistii histii hin qabne

Happy Doctor’s day Guyyaa arraa kun guyyaa Dokotorootaati ja’an.Baga itti geeysan Photon tun seena hedduu qabdi jireenya...
30/03/2026

Happy Doctor’s day
Guyyaa arraa kun guyyaa Dokotorootaati ja’an.
Baga itti geeysan
Photon tun seena hedduu qabdi jireenya internship life keeysa yeroon itti pedi attach godha tureetti dhimmilleen himamuu baatu Namni tokko tokko bakka Inni gahee waan hin geenye kan itti fakkaatu jira ,akkasuma ka harka qabee ol si kaasuus jira halkan tokkotti yeroo sadiif anti pain yoo diradhee hojjadhe ja’e eenyuutu amana. Dhugaan Doktorummaadhaa of dhiisanii namaaf jiraachu jechudha. Hundumaafuu waliif yaadu,namaaf yaadu nuhaa barsiisuu.
Galatoomaa!
Ana Dr Mohammed Ibrahim(Irfan Ibrahim)

29/03/2026

Namni dhukkuba coggarraa ykn gastrikiin qabamee mana isaa keeysatti maal godhu qaba
Part 1

Eid mubarek Design by :Mehadi studio
19/03/2026

Eid mubarek
Design by :Mehadi studio

Kabajamtoota hordooftoota fuula Facebook kiyya fi ummanni muslimaa kan iddoo adda addaatti argamtan hundinuu Baga Iidaal...
19/03/2026

Kabajamtoota hordooftoota fuula Facebook kiyya fi ummanni muslimaa kan iddoo adda addaatti argamtan hundinuu Baga Iidaal fixriin isiin gahee.
Ayyaana gaarii!

Oduu AagaaIidalfixiriin guyyaa jimmata tahuun mirkanaweeraa Warra baranaa kana bara hegeree nuhaa godhu.
18/03/2026

Oduu Aagaa
Iidalfixiriin guyyaa jimmata tahuun mirkanaweeraa
Warra baranaa kana bara hegeree nuhaa godhu.

15/03/2026

Qophii fayyaa dhimma Dhukkuba HiV AIDS wajjiin wal qabatu irratti.

𝗗𝗵𝘂𝗴𝗮𝗮𝗻 𝗗𝘂𝗯𝗯𝗮𝗱𝗵𝗮!𝐒𝐚𝐠𝐚𝐧𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐫𝐢𝐢𝐭𝐢.Dhugumaanuu dhugaa dubbatanii bakka namatti dhiite buluutu wayyaadha. Dhugaa walitti h...
15/03/2026

𝗗𝗵𝘂𝗴𝗮𝗮𝗻 𝗗𝘂𝗯𝗯𝗮𝗱𝗵𝗮!
𝐒𝐚𝐠𝐚𝐧𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐫𝐢𝐢𝐭𝐢.
Dhugumaanuu dhugaa dubbatanii bakka namatti dhiite buluutu wayyaadha. Dhugaa walitti himaniiti dogoggora jiru sirreeysan. Sagantaan Marii guddoon namoota hedduu hirmaachiftuu fi namuu keeysatti if laalu tuni guyyaa Saftii (Sanbata) Ebla 26 gama Miidiyaa Hawaasaa 𝑻𝒊𝒌𝒕𝒐𝒌 Mohammed Siraj Ali tiin taasifamti. Sagantaan tuni galgala za'aa 3:00 akka Itoophiyaatti, warra UAE Za'aa 4:00 irratti haala barnootaafi gorsi irraa fudhatamuun gaggeeyfamti. Link Tiktok Koomeentii jalaan isiniif kaaya. Seenaatii 𝒇𝒐𝒍𝒍𝒐𝒘 godhaatii hordofaa.❤️

12/03/2026

Dhukkuba onnee firraa ittisuuf maal godhu qabna.

Address

Harar Hararge
Harar
6444

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Mohammed Ibrahim posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Mohammed Ibrahim:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category