07/01/2026
Hospitaalota fi Buufataalee fayyaa Godina Harargee Bahaa fi lixaatti argamanif Deeggarsa Meeshaalee wal'aansa taasifame.
Deeggarsa Birri Billiyona 1.7 tilmaamamu karaa dhaabbata Pirojekti C.U.R.E,dhaabbata gargaarsaa fi misooma (Lammiif Relief and Development organization) fi Islamic Reliefin deeggarsa meeshaalee yaala fayyaa gara garaa Hospitaaloota 28 fi Buufataalee fayyaa 9 godina Harargee Bahaa fi lixaatti argamanif taasifamaa jira.deeggarsichi gara biyya keessa akka galuu taasisuf Hawaasa Diyaaspooraa Jaarsoo (Jarso Diaspora Community) deeggarsa baasii geejjibaa taasisaniru.
Yuunivarsiitiin Haramaayaa konteenaroota gara biyya keessa galan adeemsa seeraa barbaachisuu akka guutan taasisuu fi taaksii irraa bilisaan dhaabilee fayyaaf akka gahuu taasisuu irratti gumaacha olanaa taasisu isaa ibsamera.
Daayreektara olaanaa Yuunivarsiitii Haramaayaa kolleejji saayinsii fayyaa fi wal'aansa kan ta'an Dr.Ahmad Mahammad yaada kennanin yuunivarsiitiin Haramaayaa Hawaasni diyaaspooraa dhaabilee fayyaaf deeggarsa akka taasisan karaa garsisuuf marii gara garaa taasisa akka ture eerani,deeggarsichi hawaasni bakkuma jirutti tajaajila fayyaa fooyya'a akka argatu kan deeggaru ta'u dubbataniru.
Sirna walharkaa fuudhinsa meeshaalee wal'aansa fayyaa kanarratti I/Gaafatamaan waajjira fayyaa Godina Harargee Bahaa Obbo Abdulaziz Abdurahman,kantibaa Bulchinsa Magaalaa Baabbilee obbo Ahmadnajaash Abduraman,I/Gaafatamaa waajjira fayyaa Bulchinsa Magaalaa Baabbilee obbo Dachaasaa Damee argamaniru.
I/Gaafatamaan waajjira fayyaa Godina Harargee Bahaa Obbo Abdulaziz Abdurahman yaada kennanin wal gargaarun waliin jireenya ilma namaa keessatti hojii gaarii akka ta'e eerani,deeggarsi taasifame tajaajila fayyaa si'ataa fi dhaqabamaa ta'e hawaasa Aanichaaf akka kennu kan deeggaruu ta'uu dubbataniru.
Gabaasaan: Bahaayiluu Mokonin
Suuraa: Bahaayiluu Girmaa
Mudde 28/4 /2018
kutaa sab-qunnamti Yuunivarsiitii Haramaayaa koolleejjii saayinsii fayyaa fi wal'aansa