13/10/2025
Alaabaan uummataa fi mootummaa tokko kan bakka bu’u, biyya tokko biyya kan jechisiisu bu’uura hundumaa haala salphaafi iccitii qabuun walitti qabeefi cuunfee kan qabu mallattoo ykn ibsituu biyyummaati.Kunis kan mul’isu jechi Alaabaa jedhu mallattoo adda baaftuu,kan ittiin beekaman,eegduu tokkummaa uummattootaa akkasumas mallattoo adda-baaftuu biyyaafi uummata tokkooti.Karaa biraatiin alaabaan mallattoo biyyoonniifi uummattoonni ittiin beekaman qofa otoo hin taane biyyoonni gulantaafi haala kamiyyuu keessa jiraniif ibsituufi bu’uura eenyummaa isaanii waliigalaa ta’uusaa hubanna.
✍️Seera alaabaa biyya keenyaa keessatti waa'een alaabaa
yammuu ibsamu alaabaan birmadummaan biyyattii kan ittiin
ibsamu yammuu ta’u faajjiin alabichaa saba,sablamootnii fi
uummattootni biyya kanaa fi amantaalee hundi walqixxummaan jiraachuuuf abadii isaanii calqisuuf kan irratti waliigalan ta’uu isaa kan agarsiisuu dha.
'ee_Alaabaa_maal_jedha❓️
seera yakkaa biyya keenyaa bara 1996 bahe Kutaa Xiqqaa Lama mata duree Biyya Sarbuu Keewwata 244fi
245 jala tumaaleen jiranMootummaa Biyyattii,Akkasumas Mallattoolee Biyyattiifi Mallattoolee Mootummaan Beekaman Biroo Sarbuu jedhu jalatti dhoorkii kaaheera. Kunis tumaan
keewwata 244(2) jala jiru Namni kamiyyuu dabaan, tuffiin yookiin yaadota kana fakkaatan kamiiniyyuu ifatti kan beekame mallattoo biyyaa jechuunis alaabaa yookiin asxaa Mootummaa Federaalawaa Itoophiyaa akkasumas, alaabaa yookiin asxaa Mootummaa Naannoo ifatti kan tarsaase, kan gube, kan
balleesse, kan sarbe, kan mancaase, kan arrabse yookiin haala biroo kamiiniyyuu kan salphise yoo ta’e, hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
Dabalataanis,keewwata 245 jala tumaan jiru namni kamiyyuu
dhimma tajaajila kamiifiyyuu yoo ta’e, alaabaawwan yookiin mallattoolee seera kana keewwata 244 jalatti ibsamanitti seeraan kan hayyamamuun alatti kan itti tajaajilame yoo ta’e hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqa