Dr Ilias Abdella

Dr Ilias Abdella Dr Ilias Haakima Fayyaa, Barreessaa fi Barsiisaadha. Telegram channel https://t.me/Dr_Ilias_Abdela
YouTube subscribe godhaa!!
(6)

Deeggaraa Arsenal Injifannoo Manchester United booda Gurra ofii mureOduu Waliif TV ( Amajjii 27/2026) FinfinneeTapha cim...
27/01/2026

Deeggaraa Arsenal Injifannoo Manchester United booda Gurra ofii mure

Oduu Waliif TV ( Amajjii 27/2026) Finfinnee

Tapha cimaa Liigii Ingilaand Dilbata darbe Manchester United fi Arsenal gidduutti taasifameen, Manchester United 3–2’n injifate. Taphi kun Istaadiyeemii Fly Emirates irratti gaggeeffame.

Injifannoo kana booda, viidiyoon tokko TikTok irratti babal’achuun namoota hedduu dinqisiisee fi rifachiise. Viidiyoon sun keessatti, namni akka deeggaraa Arsenalitti himamu, dheekkamsa cimaa keessa seenudhaan gurra ofii isaa muree mul’ata.

Odeeffannoon miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’e akka ibsutti, namichi kun taphaa dura yoo gareen inni deeggaru injifatame tarkaanfii cimaa akka fudhatu waadaa galeera jedhame. Injifatamuu Arsenal booda immoo gocha nama gaddisiisu kana raawwate jedhamee himama.

Yaadonni garaagaraa irratti kenname; Namoonni hedduun gocha isaa balaaleffatanii, tapha kubbaa miilaa irratti dheekkamuun of miidhuun furmaata akka hin taane ibsaniiru. Warri kaan immoo kun akeekkachiisa akka ta’u, dorgommii ispoortii keessatti of to’achuun barbaachisaa ta’uu himan.

Ogeeyyiin fayyaa ammoo yeroo namni miira cimaa keessa jiru murtii ariifachiisaa fi balaa geessisu fudhachuu danda’a. Kanaaf, deeggartoonni tapha akka bashannanaatti ilaaluun, injifannoo fi injifatamuu tasgabbiidhaan simachuun murteessaa ta’uu dhaamu.

Haalli fayyaa namichaa hanga ammaatti ifatti hin beekamne. Ta’us, gochi akkasii akka hin hordofamne hawaasni of eeggannoo gochuu qaba jedhamee akeekkachiifameera.

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf!

  kubbaa miilaa Yeroo ijoollummaa! 😂1. Mucaan inni furdaan yeroo mara goolii eegaadha. Yoo mucaa furdaan hin jirre namni...
07/01/2026

kubbaa miilaa Yeroo ijoollummaa! 😂
1. Mucaan inni furdaan yeroo mara goolii eegaadha. Yoo mucaa furdaan hin jirre namni miili isaa dhukkubsatu kan oliif gadi fiigee taphachuu hin dandeenyes gooli eegaa ta’a.

2. Eenyu akka taphatuuf bakka inni taphatu kan murteessu abbaa kubbaati.

3. Taphataan hin filatamin yeroo itti aanu taphachuudhaaf kubbaa dhiitamtee ala baatu funaanee taphattootaaf dirreetti deebisa.

4. Abbaan kubbaa dallane taanaan taphichi ni dhaabbata ykn ni xumurama😂

5. Yoo akka tasaa osoo taphattuu miilakee dhagaan dhahee akka dhiigu agarte, akka gargaarsa jalqabaatti wanti ati gootu daddaftee bakka dhiigu sanatti biyyee naquudha.

6. Yoo abbaa kubbaa bira geessu kubbaa miliqsuun ykn Loocee Baasuun hin danda'amu Akkas goote taanaan taphichi ni dhaabbata ykn ni xumurama 😂

7. Abbaan seeraa hin jiru Ofiif wal amanuudha
Ykn abbaama kubbaatu seeras eega. Taphaan ala (offside) wanti jedhu hin jiru🚶

8. Adabbiin kan kennamu taphataan kufee dhukkeen haalaan yoo ka'e qofa.

9. Eenyullee waan abbaan kubbaa raawwatu irratti yaada kennuu hin danda'u.

10. Namni tapha hin dandeenye xumurarra filatama!

11. Taphataa cimaan yeroo mara garee abbaa kubbaa keessatti filatama😂

12. Garee faallaa adda baasuuf gareen tokko dirqama qullaa taphata 😂

13. Yeroo rukuttaa adabbii (Penality) gooli eegaan abbaa fedhetti jijjiirrama😂

14. Taphi kan xumuramu yoo dukkanaa'e qofa. kana jechuun hanga kubbaan argamtutti taphi itti fufa.

15. Taphi erga xumuramee booda gareetti wal qoodanii waldhiitaa /waltumaa galu🥹

16. Obbaleewwan lama garee tokko keessa taphachuunilleen dhoorkaadha.
17, Abbaa kubbaa yoo akka carraa maatiin isa barbaadan kubbaa isaa fudhatee sokka. Taphnis ni dhaabbata 😀

Dhageeysanii?Khitaabni Ahmed Mohammed Roba khatabe   Sabtii iftaanii Muddee 25/2018 ykn January 03/2026 eeybifamuu dhage...
01/01/2026

Dhageeysanii?

Khitaabni Ahmed Mohammed Roba khatabe Sabtii iftaanii Muddee 25/2018 ykn January 03/2026 eeybifamuu dhageeysanii? Dhagayaa waldhageeysisaa.

👌👌👌👌👌👌👌👌👌👌👌👌👌

Eeysitti Eeybifama yoo jettan magaalaa Harar ykn Biyyoo Adaree galma waltajjii bulchinsa godina Harargee Bahaa keeysatti.

Galmi kun bakka tamitti argama jennaan, Naannawa Suuraa fardaa dur moor waajjira Bulchinsa Godinaa keessatti.

👌👌👌👌👌👌👌👌👌👌

Quba qabaadhaa!

Sagantaa guddoo tana irratti keessummoota kabajaa gurguddoo waliin kan itti wal agartan qofa osoo hin tahin dhangaalee Boohartii qophaawaniin booharaa hogbarruu Oromoo guddistanii galtu.

👌👌👌👌👌👌👌👌

Kan isin irraa eeggamu argamuun qooda irraa fudhachuu qofa. gatiin seensaa hunda keeysan irraa kafalamee jira waan taheef koottaa Shaashaa ja'aa.

👌👌👌👌👌👌👌👌

Guyyaan Boruu mitii iftaan

muddee 25/2018 ykn January 03/2026

Ganama sa'aa 2:30 sagantaan ni jalqabdi

Filannoo Kantiibaa New York kan injifate namni Muslimaa jalqabaa Zohran Kwame Mamdani seenaa magaalaa guddittii kanaa ke...
31/12/2025

Filannoo Kantiibaa New York kan injifate namni Muslimaa jalqabaa Zohran Kwame Mamdani seenaa magaalaa guddittii kanaa keessatti kantiibaa Qur'aanaa qabatee kakuu raawwatu (waadaa aangoo seenu) isa jalqabaa ta'a.

Mamdaaniin bara faranjootaa haaraa kana (January 1) jechuunis sa'aatiilee booda kakuu raawwachuun waajjira Kantiiba New York seena.

@ Amar Temam

Daa'imni Hirriba Hagam Argachuu Qaba? 💤👶Hirribni daa'imaaf akkuma nyaataa fi bishaanii murteessaadha. Daa'imni tokko yer...
31/12/2025

Daa'imni Hirriba Hagam Argachuu Qaba? 💤👶

Hirribni daa'imaaf akkuma nyaataa fi bishaanii murteessaadha. Daa'imni tokko yeroo rafu qaamni isaa ni guddata, sammuun isaa ni boqota, akkasumas dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu (immunity) isaa ni jabaata.

​Daa'imni tokko guyyaatti sa'aatii meeqa rafuu qaba?

​Umrii daa'immanii irratti hundaa'uun sa'aatiin hirribaa garaagarummaa qaba:

• ​Daa'imman reefu dhalatan (Ji'a 0-3): Guyyaatti sa'aatii 14–17 (Halkanis ta'ee guyyaa hirriba keessa jiru).

• ​Daa'imman ji'a 4-11: Guyyaatti sa'aatii 12–15.

• ​Daa'imman waggaa 1-2: Guyyaatti sa'aatii 11–14.

• ​Daa'imman waggaa 3-5: Guyyaatti sa'aatii 10–13.

• ​Ijoollee mana barumsaa (Waggaa 6-13): Guyyaatti sa'aatii 9–11.

​Mallattoolee Daa'imni Hirriba Hin Quufne Agarsiisu:

​Daa'imni keessan yoo hirriba ga'aa hin arganne ta'e mallattoolee armaan gadii argisiisuu danda'a:

• ​Dafee aaruu fi hiraaruu.

• ​Xiyyeeffannoo dhabuu (keessumaa ijoollee mana barumsaa deemaniif).

• ​Yeroo hunda nuffuu fi dadhabbiin itti dhaga'amuu.

• ​Nyaata dadhabuu.

​Gorsa Maatiidhaaf:

• ​Sagantaa dhaabbataa qopheessaa: Guyyaa guyyaatti sa'aatii walfakkaataa ta'eetti akka rafan gochuun sammuun isaanii akka baratu gargaara.

• ​Naannoo hirribaa mijeessaa: Bakki itti rafan qulqulluu, callisaa fi dukkana'a (dark) ta'uu qaba.

• ​Iskiriinii (Screen) irraa fageessaa: Rafuun sa'aatii tokko dura bilbila, tivii fi taableetii jalaa fageessuun baay'ee murteessaadha.

​Hubachiisa: Daa'imni keessan hirriba ga'aa yoo dhabe guddina isaa irratti gufuu uumuu danda'a. Kanaaf, dhimma kana salphaatti hin laalinaa.

Callee tana lakkooysa isii naaf ergi mee Nasru Kush niin dubbisaa. Kitaaba akkanaa bira hin dabran je'eeti.
27/12/2025

Callee tana lakkooysa isii naaf ergi mee Nasru Kush niin dubbisaa. Kitaaba akkanaa bira hin dabran je'eeti.

👶 Sukkuummaa Daa’imaa: Jaalalaafi Fayyaa Walitti Hidhu!​Sukkuummaan daa'imaa tapha qofa miti; karaa kanaan jaalala kee i...
27/12/2025

👶 Sukkuummaa Daa’imaa: Jaalalaafi Fayyaa Walitti Hidhu!

​Sukkuummaan daa'imaa tapha qofa miti; karaa kanaan jaalala kee itti ibsitee, fayyummaa isaaniis eeguu dandeessu.

​🌟 Faayidaalee Sukkuummaa Daa'imaa

​Daa'ima kee sirnaan sukkuumuun bu'aaleen armaan gadii ni argamu:

• ​Hirriiba Gaarii: Sukkuummaan daa’ima akka boqotu (relax) gochuun hirriiba gaarii akka rafu gargaara.

• ​Dhukkubbii Garaa (Colic) Hir’isuu: Daa’imman hedduu kan rakkisu dhuufuufi waraansa garaati. Sukkuummaan garaa kun akka salphatuufi dhuufuun akka ba’u godha.

• ​Guddina Qaamaafi Sammuu: Dhiigni qaama keessa sirnaan akka dhangala’u gochuun guddina qaamaa ariifachiisa.

• ​Hariiroo (Bonding): Harkaan daa’ima kee yoo tuqxu jaalalli keefi kan daa’imaa gidduu jiru ni dabala.

• ​Dandeettii Dhukkuba Ittisuu: Sukkuummaan sirna ittisa dhukkubaa ni cimsa.

​🧴 Sukkuummaaf Maal Fayyadamna?

​Yeroo hunda zayita uumamaa daa’ima hin miine fayyadamuun filatamaadha:

• ​Zayita Kookonat (Coconut oil): Baay’ee gaariifi lallaafadha.

• ​Zayita Ejersaa (Olive oil): Gogaa isaanii ni gabbisa.

• ​Zayitoota daa'immaniif qophaa'an (Baby oil): Isaan qulqullinni isaanii eegame.

​⚠️ Yeroo Sukkuumitu Maal Of Dagachuu Hin Qabdu?

• ​Yeroo Isaa: Daa’imni kee yeroo quufee jiru ykn yeroo itti hirribni qabe hin sukkuumiin. Yeroo inni dammaqee taphachuuf qophii ta’e filadhu.

• ​Harka Kee: Harki kee qulqulluufi ho’aa ta’uu qaba. Meeshaa qara qaban (fakkeenyaaf qubeellaa ykn qeensa dheeraa) of irraa fageessi.

• ​Tooftaa Keessan: Suuta jedhaatii sukkuumaa. Garaa isaa irratti yeroo sukkuumtan kallattii sa’aatiitiin (clockwise) ta’uu qaba.

​💡 Gorsa Dabalataa
"Sukkuummaan daa'imaa yeroo jaalalli itti ibsamudha. Yeroo sukkuumtanitti itti kolfuu, waliin dubbachuufi itti weeddisuu hin dagatinaa. Kun sammuu isaanii akka dammaqu godha."

❓️Isin hoo daa'ima keessan ni sukkuumtuu? Muuxannoo keessan comment irratti nuuf qooda!

©️ Dr. Bahar Abdi

23/12/2025

Lakkii jechuu bari : Learn to say "No"!Dabalataaf YouTube Dr Ilias Abdella subscribe godhaa!! ...

KINTAAROTII- Hemorrhoid/Pile********************************Kintaarootiin dhiita’a qaama taa'umsaa irratti mul'atu yoo t...
23/12/2025

KINTAAROTII- Hemorrhoid/Pile
********************************
Kintaarootiin dhiita’a qaama taa'umsaa irratti mul'atu yoo ta'u innis hiddi dhiiga-deebistu kan naannoo sanitti gurmuun argamu yoo dhiita'u kan mudatuudha.

Dhiita’a kanaaf wantootni hedduun sababa ta'uu malu. Isaan kessaas:
* Yeroo bobbaaf taa'an baay'isanii ittanuu.
* Qufaa yeroo dheeraaf nama irra ture.
* Furdinna gar-malee guddaa ta'e qabaachuu.
* Saal-qunnamtii qaama bobbaan bahuun raawwachuu.
* Garaa gogsuu ykn baasaa yeroo dheeraaf nama irra ture.
* Yeroo dheeraaf deddebi’anii waan ulfaatu ol-kaasuu
* Dhukkuba tiruu ykn dhukkuba biraa kan dhiitaa garaatiif nama saaxiluu qabaachuu.
* Nyaata akka fuduraa fi kuduraa fayyadamuu dhabuun—wontoota rakkinna kanaaf nama saaxilan keessaa isaan ijoo ta'aniidha.

Kintaarotiin irra jireessaan ga'eeyyiiwwan woggaa 20 ol ta'anifi haadholii ulfaa irratti heddumminnaan mul'ata. Yeroo kaan caalaa yeroo qilleensi ho’aan jiru irra muldhachuu danda’a. Innis sababa hoo’i hidda dhiigaa keenya akka babaldhatu (vasodilation jiraatu) godhuufi.
---

---
Mallattoolee fi rakkinna Kintaarotii irraa dhufuu danda'an:

* Dhiitaa qaama taa'umsaa irratti mula'atu ykn dhiitaa qaama taa'umsaa keessaa gadi bahee mula'tu.

Kintaarootiin keessa qaama taa'umsaa kessatti bahus (Internal Hemorrhoid) ni jira; inni kun sadarkaalee afran armaan gaditti tarreffaman kana qaba:
▪︎Sadarkaa I: Gurmuu hidda dhiiga-deebiftuu keessa qaama taa'umsaatii bokoke dhiita’a uume. Dhiitaan kun alatti hin muldhatu. Inni kun yeroo hedduu miira dhukkubbiis hin qabu.
▪︎Sadarkaa II: Inni kun keessa qaama ta'umsatii kan gad-bahu ta'ee, garuu ofuma isaatii ol deebi'a.
▪︎Sadarkaa III: Kun ammoo dhiitaa gad-bahu kan qubaan ol-deebifamudha. Inni kun nama hoksisuufi dhukkubbiis ni qabaata.
▪︎Sadarkaa IV: Kun kan gad bahee muldhatu, qubaanis kan ol hin deebinee fi keessaa qaama ta'umsaatii ala bahee kan jirudha. Inni sadarkaa III fi IV kun woldhaansa akka opireeshiiniin muranii baasuus kan barbaadudha.

Mallatooleen biroo:
- Yeroo bobbaaf taa'an nama dhukkubuu ykn miirri akkasii namatti dhagahamuu.
- Dhukkubii malee dhiigni sagaraa irratti ykn woraqaa ittiin haxaayannu irratti argamuu.
- Naannoo taa'umsaa nama hooqsisuu/hossisuu/
- Yeroo tokko tokko bobbaan to'annaa malee ofuma gadi bahuu (kun keessattuu yoo dhiitaan sun tuttuqamee jiraate)
- Darbee darbee sirritti dhiiguu waan danda'uuf ykn dhiigni suuta suutaan dhiigu kun hirdhinna dhiigaatiif nama saaxiluu danda'a.
- Dhiitaan kintaarotii micciiramuun ykn guduumfamuun, akkasumas dhiigni ititee hidda dhiigaa naannoo sanii cufuun dhukkubbiin hamaan tasa akka namatti dhagahamu gochuu danda’a. Yeroo dhukkubbiin hamaan akkasi namatti dhagahame, yeroo otoo itti hin kennin, hatattamaan mana yaalaa deemuu barbaachisa.
---

---
Tooftalee armaan gadiitiin fayyadamuun kintaarootii of-irraa hanga isaa xiqqeessuun ykn miira dhukkubbii namatti dhagahamu san salphisuu ykn balleessuun ni danda'ama:
* Bishaan hoo'isanii sooqida moonqaa shaayii lamaa/sadihii itti naqanii daqiiqaa digdamaaf qaama teessumaatiin (iddoo dhiitaan jiruun) keessa taa'uu. Bishaan xiqqoma ha hoo'uu barbaadama malee nama gubuu hin qabu. Kana gochuun dhukkuboota nannoo ta'uumsatti mul'atan hedduuf faayidaa guddaa qaba.
* Bishaan gahaa. Guyyatti litirii sadihii ol dhuguu.
* Fuduralee fi Kudurallee adda addaa (kan akka shaanaa, kaarotii, dinnichaa, atara, muuzii, abukaadoo fi kkf) nyaachuu.
* Sochii qaamaa (deemsa ariifanna, daakkaa, daansii, fiigiicha, kubbaa milaa fi kkf) guyya guyyaan daqiiqaa soddomaafi achi oliif, yoo xiqaate torbaanitti guyyoota shaniif hojjachuu.
* Yeroo dheeraaf baay’isanii taa’uu dhabuu
* Nyaata dibatni itti baay’atan, foon, killee/buuphaa fi isaan irraa tolfaman hirdhisuu
* Cabbii qabanahaa ta'e iddoo taa'umsaatti qabuu. Guyyatti yeroo hedduu akkas gochuun dhiitaa san haalaan ni xiqqeessa.
* Bobbaa dabarsuu dhabuu. Yeroma inni namatti dhufe/mudde taa'uu. Dabarsuu dhabuun faayidaa hedduu qaba.
* Akkasumas, mana yaalaa deemanii rakkina jiru iftoominnaan erga doktoratti ykn ogeessa yaalatti himatan booda qoricha ykn yaala biraa (Opireeshinii sasalphaas ta'uu mala) isaan namaaf ajajan haalaan fudhachu/fayyadamuu

*** Mallatooleen armaan olitti eeraman keessaa tokko tokko malattoo dhukkuba kaansarii mar'umaan guddaas ta'uu waan danda'aniif, keessattu umriin keessan woggaa 50 ol yoo ta'e, mana yaalaa deemtanii qoratamuun adda baafachuu isin barbaachisaa.
---
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa dahaa, fayyaa ta'aa!
--
©Dr Nuredin Luke

Eeyba kitaaba CALLEE CITTEE!Yoom? Guyyaa Sabtii ykn Sanbataa gaafa guyyaa 25/4/2018 ykn January 3/2026 Iddoo : Magaalaa ...
23/12/2025

Eeyba kitaaba CALLEE CITTEE!

Yoom? Guyyaa Sabtii ykn Sanbataa gaafa guyyaa 25/4/2018 ykn January 3/2026

Iddoo : Magaalaa Harar Galma Walgahii Waajjira Bulchiinsa Godina Harargee Bahaa!

Barreeysaan : Ahmed Mohammed Roba
Muummicha keenya qofaa miti, cufti keeysanuu afeeramtanii jirtan!

Maqaan bineensa kanaa akka naannoo keessaniitti maal jedhama?
22/12/2025

Maqaan bineensa kanaa akka naannoo keessaniitti maal jedhama?

Dubartootaf maaltu ka'a?******************************Akkuma yeroo saal-qunnamtii qaamni saalaa dhiiraa ka'uttti dubarto...
22/12/2025

Dubartootaf maaltu ka'a?
******************************
Akkuma yeroo saal-qunnamtii qaamni saalaa dhiiraa ka'uttti dubartoonninis qaamni saalaa isaanii/buqushaan jijjiirama akka dhiigni guutuu (Vasocongestion), kilitoorin dhaabbatuu, hulaan qaama saalaa adda bal'atuu faa agarsiifti. Keessi qaama saalaa dubartootaa yeroo ka'ee jirutti akka suuraa irratti agartan kana fakkaata.
Ulfaadhaa! Fayyaa dahaa!
©️ Dr. Hamzaa Jamaal

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Ilias Abdella posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Ilias Abdella:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category