Dr Ilias Abdella

Dr Ilias Abdella Dr Ilias Haakima Fayyaa, Barreessaa fi Barsiisaadha. Telegram channel https://t.me/Dr_Ilias_Abdela
YouTube subscribe godhaa!!
(6)

QORICHOOTA YEROO ULFAA FUDHATAMUU HIN QABNE*************************Qorichi yeroo ulfaa dhibbaa dhibbatti ulfa irratti g...
01/12/2025

QORICHOOTA YEROO ULFAA FUDHATAMUU HIN QABNE
*************************
Qorichi yeroo ulfaa dhibbaa dhibbatti ulfa irratti guutummaa guututti rakkoo hinqabu jedhamu waan hin jirreef haati tokko yeroo ulfaa qoricha kamiyyuu osoo ogeessa fayyaa hin mariisisiin fudhachuu hinqabdu!

Qorichootni baayyeen yeroo ulfaafudhatamuu hin qabne hedduutu jiru. Haa ta’u malee kanneen gurguddoon kan armaan gadiiti.
1.NSAIDS ( Aspirine, Diclofenac, Ibuprofen, Indome thacin….etc): keessumaa torbee28 booda(3rd trimester). Kale fi onnee daa’imaa irratti miidhaa qaba!
2.Statins (Atrovastatine,Simvastatine,Levostatine…etc): qorichootni kun kolestrolii haadhaa gadi buusu, kolestrooliin ammoo guddina daa’imaaf barbaachisaadha.
3.Warfarin: rakkoo dhalootaa fiduu danda’a( multiple birth defects)
4.Testestrone: rakkoo dhalootaa fiduu danda’a
5.Misoprostol: ulfa irraa baasa( miscarriage)
6.Sulfamethoxale/trimethoprim(Bactrim): keessumaa torbee 28 boodafudhatamuu hin qabu
7.Nitroimidazole(Metronidale and Tinidazole): keessumaa torbee 12 jalqabaa irratti(1st trimester) fudhatamuu hin qabu.
8.Griseofulvin: ulfa irraa baasa( spontanous abortion)
9.Methotrexate: rakkoo dhalootaa fida. Fkn ‘cleft palate’
10.Thalidomide: rakkoo dhalootaa fida. Fkn harkaa fi ykn miilli uumamuu dhabuu ykn gabaabbachuu.
11.Estradiol
12.Clomiphene citrate: dawaan kun haadholii daa’ima godhachuu dhaban yaaluuf kan gargaaru dha. Haa ta’u malee erga ulfi gadameessatti uumamee fudhachuun qaama ddaa’imaa irratti rakkoo dhalootaa fida!
13.Medroxyprogestrone acetate: qaama saalaa daa’ima gadameessa jiruu akkaata sirrii hintaaneen akka uumamu gochuu mala.
14.Danazol: uumama sirna qaama walhormaata daa’imaa dhalaa(durbaa) irratti rakkoo fida
15.Finasteride: guddina sirna walhormaata daa’ima dhiirarrtti rakkoo fida
16.Tetracycline: rakkoo lafee fi ilkaan daa’imaa fida
17.Chloramphenicol: dhukkuba ‘gray baby syndrome’ jedhamu daa’imatti fida
18.Isoniazid: daa’imatti gaggabdoo fi miidhaa tiruu fida.
Fayyaan Faaya, share,like godhaa!

NAMA TALAALLII HEPAATAAYITAS B FUDHACHUU QABU*******************************Hepaataayitas B (Dhukkuba shimbirroo) dhukku...
21/11/2025

NAMA TALAALLII HEPAATAAYITAS B FUDHACHUU QABU
*******************************
Hepaataayitas B (Dhukkuba shimbirroo) dhukkuba haalaan namarraa namatti daddarbuudha. Haalli tatamsa'ina isaa kan HIV tiin wal bira qabnee yoo ilaallu kan hepaataayitas B tu irra hamaadha. Dhangala'aa (hancufa, dhiiga, dhangala'aa qaama saalaa dubartii fi mi'oo) nama dhibee kanaan qabameetiin wal tuttuquudhaan namarra namatti daddarba. Kana malees yeroo da'umsaa haadharraa gara ilmootti ni dabra. Dhukkubni kun yoo tallaalamne guutumaa guututti kan ofirraa dhoorkuu dandeenyuudha
Eenyuutu tallaalamuu qaba?
---------------------------------------------
✍ Daa'imman hunda
✍ Nama yeroo hedduu dhiiga namaa fudhatu
✍ Maatii keeysaa namni dhukkuba kana qabu yoo jiraate
✍ Daa'ima haadha dhibee kana qabdu irraa dhalate
✍ Ogeeyyii fayyaa hunda

Kanaafuu carraa argattanitti fayyadamtanii of tallaalchisuun baayyee bareedaadhaa
《Dhukkubsatanii dawaa barbaaduurra, dursanii of eeguutu wayya》
***********************************
Fayyaa hin dhabinaa, fayyaan faaya!!
Hajjii Nagawoo'tiin

𝗗𝗵𝘂𝗸𝗸𝘂𝗯𝗮 𝗕𝘂𝘀𝗮𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝗿𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗛𝗮𝗮 𝗜𝘁𝘁𝗶𝘀𝗻𝘂𝘂!𝗛𝗮𝘄𝗮𝗮𝘀𝗻𝗶 𝗞𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗗𝗵𝗶𝗯𝗲𝗲 𝗕𝘂𝘀𝗮𝗮𝗻 𝗱𝗵𝘂𝗳𝘂 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗮𝗿𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 ,𝗪𝗮𝗻𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗗𝗵𝘂𝘂𝗻𝗳𝗮𝗮𝗻𝗶𝘀...
17/11/2025

𝗗𝗵𝘂𝗸𝗸𝘂𝗯𝗮 𝗕𝘂𝘀𝗮𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝗿𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗛𝗮𝗮 𝗜𝘁𝘁𝗶𝘀𝗻𝘂𝘂!
𝗛𝗮𝘄𝗮𝗮𝘀𝗻𝗶 𝗞𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗕𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗗𝗵𝗶𝗯𝗲𝗲 𝗕𝘂𝘀𝗮𝗮𝗻 𝗱𝗵𝘂𝗳𝘂 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗮𝗿𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 ,𝗪𝗮𝗻𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗗𝗵𝘂𝘂𝗻𝗳𝗮𝗮𝗻𝗶𝘀 𝘁𝗮'𝗲𝗲 ,𝗚𝗮𝗺𝘁𝗮𝗮𝗻 𝗔𝗮𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝗥𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗤𝗮𝗯𝘂.

•✓ 𝗕𝘂𝘀𝗮𝗮𝗻 𝗠𝗮𝗮𝗹𝗶?

Busaan dhukkuba maxxantuu Bookee busaa ykn paaraasaayitii 'piasmodiam 'jadhamuun dhiiga namaa dhukkuba sanaan qabamee ciniinuun gara nama fayyaa qabutti dhukkuba daddarbudha.

•✓ 𝗠𝗮𝗹𝗹𝗮𝘁𝘁𝗼𝗼 𝗗𝗵𝘂𝗸𝗸𝘂𝗯𝗮 𝗕𝗼𝗼𝗸𝗲𝗲 𝗕𝘂𝘀𝗮𝗮
•☞︎︎︎dhagna gubaa,
☞︎︎︎qorrisiisuu,
☞︎︎︎dafqisiisuu,
☞︎︎︎mataa bowwuu,
☞︎︎︎qaama caccabsuu garaa hammeessuu fi hoqqisuu kan dabalatudha.

Mallattoowwan kun akkuma gosa dhortuu fi hamma yeroo namni sun dhukkubichaan qabamee ture irratti hundaaʼuudhaan saʼaatii 48 hanga saʼaatii 72 gidduutti deddeebiʼanii mulʼachuu dandaʼu.

𝗠𝗮𝗹𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗜𝘁𝘁𝗶𝘀𝗮 𝗗𝗵𝘂𝗸𝗸𝘂𝗯𝗮 𝗕𝗼𝗼𝗸𝗲𝗲 𝗕𝘂𝘀𝗮𝗮
•✓ Bakka busaan dafee dafee itti kaʼu kan jiraattu yoo taʼe ,Saaphana siree ykn saaphana Bookee busaatti fayyadami. Saaphanni kun qorichi farra ilbiisaa kan itti biifame,qaawwa ykn tarsaʼaa kan hin qabne,guutummaatti firaashii ykn afattoo jala kan galfame taʼuu qaba.

✔︎Qoricha farra ilbiisaa mana keessatti biifamutti fayyadami.Balbalaa fi foddaan yeroo dhiha aduu irraa eegalee sirritti cufamuu qaba. Maatiis tahee; Namoonni saaphana ittiftuu bookee Busaa qaban hunduu; yeroo rafan hunda Saaphana ittiftuu bookee hidhatanii jala rafuu qaban.

•✔︎Uffata guutummaatti qaama kee haguugus uffachuu qaban .

•✔︎Naannoo manneen jireenyaa bishaan kuufame akka hin turre taasisuu, Iddoo walhormaata Bookee kana balleessuuf wantooni raawwatamuun barbaachisuus hojiilee akka;Meeshaa cacaphaa fi meeshaan Bishaan itti kuufamu kamuu maksuu fi qadaaduu. Iddoo boollaa kan bishaan itti kuufamuu malu xixqoos tahee gurguddaan, walhormaata bookee busaaf carraa uumu akka hin jiraane taasisuudha.

✔︎Namootni Mallattoon Dhukkuba Bookee Busaa isinirratti argamnaan daftanii mana yaalaa deemtanii ilaalamuun yaalamuun salphaatti fayyuun ni danda'ama .

•✔︎Bakka seera qabeessa taʼe qofaa qoricha bitadhaa. Qorichi sirrii hin taane ykn fakkeeffamee hojjetame dhukkubichi akka si irra turu ykn duʼaaf akka si saaxilu isin gochuu dandaʼa.

•✔︎ Namootni mallattoon Kun isin irratti argame Dhagna gubaa cimaa,Dafqaa Qorraan hollachuu Mataa bowwuu,Dhukkubbii maashaalee Dadhabbii cimaa,Garaa hammeessaa ,Hoqqisuu ,Garaa kaasaa Isinirratti argamnaan dafaa gara mana yaalaa deemtanii wal'anamuu qabdan.Keessumaa ijoollee fi dubartoota ulfaa irratti mallattoon isaa utuu itti hin hammaataa deemanii dafanii akka yaalaman gochuu akka qabdan Ragaan Waajjira Fayyaa Godina Harargee Bahaarraa argame ni ibsa.

☯︎Waliin Taanee Dhukkuboota Daddarbaa Dursinee Ittisnee,Hawaasa Fayyaalessa horachuun Badhaadhinaa maatii haa Mirkaneessinuu
☟︎︎︎
➪𝗙a𝘆𝘆𝗮𝗮𝗻 𝗙𝗮𝗮𝘆𝗮❣︎

12/11/2025

OF-EEGGANNOO! 🚨🚨🚨

Ibsa galgala kana baaseen Ministerri Fayyaa dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hinbaane Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti mudatuu ibsee jira.

Dhukkubichis mallattoolee akka hoo’a qaamaa, qola ijaa diimessuu, baasaa dhiiga makate, dhiigni irga, afaan, funyaanii fi qaama biraatii dhangala’uu fa’a qaba.

Akka ogeeyyonni Hospitaala Jinkaa himanitti: torbee kana namoonni shan dhukkubichaan qabamanii lubbuun isaanii dabartee jirti. Isaan lubbuu dhaban keessaa lama ogeeyyota fayyaa (doktara tokkoo fi narsii tokkoo) kan dhukkubsattoota waldhaanaa turaniidha. Kun ammoo dhukkubichi nama irraa namatti haalaan daddarbaa ta’uu isaatiifi kan yeroo gabaabaa keessatti lubbuu galaafatu ta’uu agarsiisa.

Dr. Nuredin Luke

Bilbila yeroo bilbillu gurra mirgaatti qabatuun sammuu keenya miidha. Fageenyi gurri mirgaa sammurraa qabu baay'ee gabaa...
10/11/2025

Bilbila yeroo bilbillu gurra mirgaatti qabatuun sammuu keenya miidha. Fageenyi gurri mirgaa sammurraa qabu baay'ee gabaabaa waan ta'eef electromagnetic radiation bilbilarraa ba'u salphaatti sammuu teenya dhaqqabuun sammuun teenya rakkoowwan fayyaa wal-xaxaaf saaxila. Kanaaf yeroo bilbilaan haasoytan gurra bitaa fayyadamaa.
Ulfaadhaa! Fayyaa dahaa!

Dr. Hamza Jemal

Yoo fayyaa qaama keetiif kan yaaddu taate, gorsa armaan gadii hubadhu itti fayyadami.1. Fayyaa Somba keetif 🚭Tamboo aars...
09/11/2025

Yoo fayyaa qaama keetiif kan yaaddu taate, gorsa armaan gadii hubadhu itti fayyadami.

1. Fayyaa Somba keetif 🚭
Tamboo aarsuu dhiisi. Namni tamboo si cinaatti aarsuus hin hayyamin.

2. Fayyaa Onnee keetif ❤️
Ashaboo/soogidda xiqqeessi, bishaan heddummeessi, sochii qaamaa hojjadhu.

3. Fayyaa Tiruu keetif 🩺
Cooma, alkoolii, nyaata mi’aawaa xiqqeessi. Kudura fi muduraa baay’isi. Keemikaala fi dawaa habashaa irraa fagoo dhaabbi.

4. Fayyaa Garaacha keetif 🤰🍽️
Nyaata qabbanaawaa xiqqeessi, yeroo nyaataa sirnaan hordofi. Yoo gastritis qabdu taate nyaata sirrii filadhu.

5. Mar’imaan kee fayyaa akka ta’uuf 🌿
Kudura, muduraa fi fiber baay’ee nyaadhu. Bishaan gahaa dhugi.

6. Fayyaa Kalee keetif 💧
Guyyaa bishaan hedduu dhugi, halkan xiqqeessi. Rafuu dura fincaani.

7. Fayyaa Sammuu keetif 🧠
Hirriba sa’aatii 8 rafi. Yaada negative irraa of qusadhu.

8. Ija keetif 👀
Kompiyuutara fi bilbila yeroo dheeraa hin ilaali. Qilleensa qulqulluu keessa socho’i.

9. Jabina Lafee keetif 🦴
Kaalshiyemii, maagmizhiyeemii fi zinkiin badhaadhe nyaadhu. Exercise godhi.

10. Gogaa bareedaa qabaachuuf ✨
Bishaan baay’ee dhugi, vitamin C & E nyaadhu. Aduu irraa of eegi, lotion fayyadami.

★★★★★★★★★★★★★★★★★★

Galatoomaa!
Horaa Bulaa Deebanaa!
Fayyaa fi Nagaa hin dhabinaa!
© Dr Abdi K Gada

Altiraasaawundii (Maashinii) karaa qaama saalaan godhamu (Transvaginal Ultrasound).《《《《《《《《《《《》》》》》》》》》》》Altiraasaawundi...
08/11/2025

Altiraasaawundii (Maashinii) karaa qaama saalaan godhamu (Transvaginal Ultrasound).
《《《《《《《《《《《》》》》》》》》》》》
Altiraasaawundiin meeshaa ogeessi fayyaa fayyummaa fi rakkoolee keessoo qaamaa bifa viidiyoon kallattiidhaan iskiriinii irratti ykn bifa fakkiitiin ilaaluuf dhimma itti bahuudha. Meeshaan kunis faayidaa kana kan kennu dambalii sagalee fayyadameeti. Altiraasaawundiin haala itti fayyadamaa irratti hundaa'uudhaan gosoota garagaraa qaba. Faayidaalee altiraasaawundii keessaa tokko fayyummaa fi rakkooleen qaama walhormaata dubartootaa yoo jiraate maal akka ta'e ittiin ilaaludha. Yeroo kanas, ogeessi fayyaa garaadhaan ykn qaama saalaan seensisee ilaaluu danda'a. Ogeessi fayyaa yeroo kana, fayyummaa qaama walhormaata dubartootaa (ulaa/fiixee gadameessaa, gadameessa, oovarii, ujummoo oovarii fa'a) ittiin ilaaluuf gargaarama. Akkasumas, yeroo ulfaa ulfi jiraachuu fi jiraachuu dhiisuu, yoo jiraate immoo guyyaa isaa (umrii ulfaa) beekuuf, fayyummaa ulfaa, saala daa'imaa fi kkf ittiin ilaaluuf ni gargaara. Yeroo kanas, ogeessi karaa garaatiin ykn qaama saalaan fayyadamuu danda'a. Yeroo baay'ee waa'ee sirna walhormaataa sirriitti ilaaluuf altiraasaawundiin karaa qaama saalaan godhamu ni filatama. Yeroo kanas miirri dhukkubbii namatti dhagahamuu danda'a. Miira dhukkubbii yeroo kana muudatuun ala yeroo baay'ee rakkoo biraa inni geessisu hin jiru. Dubartoota durbummaa qabaniif illee hojjatamuu danda'a. Haa ta'u malee, yeroo kana membireenii durbummaa tarsaasuu danda'a waan ta'eef of eeggannoo gochuun baay'ee barbaachisaadha. Akkasumas, eyyamni (consent) dubartii hojjatamuuf san irraa argamuu qaba. Meeshaan kun durbummaan jiraachuufi jiraachuu dhiisuu adda baafachuudhaaf hin gargaaru.
Galatoomaa!!!
©Dr Caalaa Didhaa

Gad fageenyi qaama saalaa dubartootaa namaa namatti garaagarummaa qabaatus, jiddu galeessan 7.6cm hanga 17.8 cm fagaatti...
08/11/2025

Gad fageenyi qaama saalaa dubartootaa namaa namatti garaagarummaa qabaatus, jiddu galeessan 7.6cm hanga 17.8 cm fagaatti. Yeroo fedhiin walqunnamtii saalaa itti kaate/ miira keessa galte, gadaamessaan gad fagaatee afaan buqushaa bal'atee ykn afaan bantee gad fageenya dabaluun 10.2 cm hanga 20.3 cm gad fagaatti.
Ulfaadhaa! Fayyaa dahaa!
©️ Dr. Hamzaa Jamaal

01/10/2025

Of Eeggannoo Ilkaanif Godhamuu Qabu:
*****************************************
‣ Ilkaan keessan yeroo kamiyyuu akka meeshaatti tasumaa hin fayyadamiinaa (fkn, Waa baqaqsuuf, qaruuraa banuuf, qeensa qubaa ittiin kutuuf fi kkf).
‣ Rigaa (brush) ilkaanii jajjabaataa hin fayyadamiinaa. Rigaan ilkaanii jajjabaataan ilkaan sirritti qulqulleessa jedhanii yaaduun fayyadamuun dogoggora. Kanaaf rigaa ilkaan lallaafaa fayyadamaa.
‣ Ilkaan ofii sirnaan miicachuun dirqama, wanta ilkaan keessatti hafan akka foonii fi kan biroo dafanii keessaa baasuun dirqama.
‣ Wantoota akka karameellaa, Loomii hedduu nyaachuu, buna sukkaaraan, alkoolii fi waan sukkaarri itti baay’ate hedduu nyaachuu/dhuguu dhiisuu.

Ilkaan Rigachuun Fayyaa Onneetif ni Faayyada.
Dhiheenya qorannoon bahee tokko akka mul’iseetti ilkaan rigachuun fayyaa onnee namaaf akka gaaritti gargaara jedha. Akka qorannoo kanaatti warri guyyaatti yeroo 3 ilkaan rigatanii qulqullessaan fayyaan onnee isaanii haala gaariin nagaa ta’a. Akka qoratoonnii waan kana qorataan jedhanitti gosoonni baakteeriyaa afaan nama keessa jiran rakkoo fayyaa hedduuf nama saaxiluu danda’u.

Qorannoowwan kanaan dura dhimma kanarratti turan akka mirkaneessanitti, gosonni baakteriyaa afaan nama keessatti argamaan dhukkuboota ‘Kaanseerii’ adda addaaf nama saaxilu. Keessaayyuu rakkoon fayyaa qamoolee hargasuu namarraan gahaan baay’ee gudda akka ta’e ni eeru.

Qorannoon ammaa tasifamees qorannoo armaan duraa caalatti cimsuun, dabalataan immoo hidhata qulqulliina ilkaanii fi onnee nama gidduu jiru bal’inaan qorachuu ibsan. Qorannoo kanaanis wanti isaan arganneerra jedhanii ifoomsan qulqullina ilkaanii sirriitti eegachuun dhukkuba onnee mudachuu danda’uu hedduu hambisa. Akka bu’aa qorannoo kanatti, namoonni guyyaatti yeroo 3 ilkaan isaanii rigataan namaoota ilkaan isaanii hin riganneen yoo madalamaan, harka 12 ol dhukkuba onneef hin saaxilaman.
*****************************************
Ulfaadhaa! Fayyaan dhabinaa! Fayyaa dahaa!

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Ilias Abdella posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Ilias Abdella:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category