Dr Hunde M

Dr Hunde M Helping people volunteery

Kaansarii HarmaaKaansariin Harmaa Akka Addunyaatti Kaansarii Heeddumminaan Sadarkaa 2ffaa irratti Argamuudha.Yeroo Heedd...
23/05/2025

Kaansarii Harmaa

Kaansariin Harmaa Akka Addunyaatti Kaansarii Heeddumminaan Sadarkaa 2ffaa irratti Argamuudha.
Yeroo Heedduu Dubartii Umrii 50 Olii irratti Kan Argamuudha, haa ta'u malee Umrii Kanaa Gadittis ni Argama.
Dubartii Qofa Osoo hin Taane warrii Dhiiraatiis Carraan Kaansarii Harmaan qabamu ni jira.

Maaltu Kaansarii Harmaatiif Sababa Ta'uu Danda'a?

1.Umrii:
Hanguma Umriin namaa Waggoota 10niin(kudhaniin) Dabalaa Deemuun Carraan Kaansarii Harmaan qabamu Dachaadhaan Dabalaa Deema.

2. Hidda dhaloota ykn sanyii (genetic)
namni Tokko Maatii isaa Keessaa(fkf Haadha, Obboleettii, Haadha abbaa / Haadha Haadhaa(Akkoo) Yoo kan Kaansarii Harmaan Qabamte Ta'e Carraan namni kansariin qabamu Ni Dabala.

3.Nama Amma Dura Kaansarii Harmaan Qabamee ture:
namni Tokko Harma Lamaan irraa Tokko amma Dura Yoo Kan dhibee kanaan qabame ta'e Carraan Kaanitti Dabruu ni Dabala.

4.Dubartii ilmoo jalqabaa Umrii waggaa 30 Booda Deesse.
Eega Dubrummaa Guutanii Waggaa Dheeraa Turanii Dhaluu/dahuu Carraa Kaansarii Harmaan Qabamu ni Dabala.

5.Daa'imman Harma Hoosisuu Dhabuun Carraa Kaansarii Harmaan qabamu ni Dabala.
6. Raajii fi Cararii Adda Addaatif irra daddebi'iin Saaxilamuu

7.Sigaaraa XuuXuu

8.AlKoolii Dhuguu

9.Harmii Umamaan Bayyee Guddaa Ta'uu.

Mallattoolee Kaansarii Harmaa:

1.iita/dhiita'u Harma fi naannawa harmaatti bahuu.
2.Fiinxi(Xarafni) Harmaa Gama Keessaa ol Deebi'u
3.Harmi Tokko Kan Lammaffaa irraa Guddachuu
4.Harmaa irratti Wanti Yeroo Harkaan Xuxxuqan Jajjaboo Fakkaatu Argamuu
5.Dhukkubbiin Harma irratti namatti Dhagahamuu.
hub. Yeroo Heedduu Dhukkubbiin Harmaa irraatti Kan Argamu Eega Sadarkaan Kaansarii Hamaa irraa gahe Waan Ta'eef Hamma Dhukkubbiin Namatti Dhuufu Eeguun Sirrii Miti.

Mallattoo Armaan Olii Fi namni Matii Keessaa Dhukkuba Akkanaa Qabu Hatatamaan Mana Yaalaa Dhaquun Dirqama.

Whenever you lead, there is a victory
28/07/2022

Whenever you lead, there is a victory

https://www.facebook.com/101824722390810/posts/113434351229847/?app=fbl
02/06/2022

https://www.facebook.com/101824722390810/posts/113434351229847/?app=fbl

Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaanii(urinary tract infection).

Caasaaleen Sirna Fincaanii maali??

Caasaalee Sirna Fincaanii jechuun gurmuu qaamoolee xixiqqoo qaama keenya keessatti argaman Kan hojiin isaanii Fincaan oomishuu, geejjibuu, Kuusuufi gara alaatti baasuu ta'aniidha.

Isaaniis: Kalee, yuuriterii, Afuuffee fincaanii Fi Yuuritiraadha.

Dhibeelee Dadarboo (infection) jechuun maali??

Dhibeelee Dadarboo jechuun dhukkuboota organizimoota xixiqqoo ijaan hin mullanneen (microorganisms); kanneen akka baakteeriyaa, vaayrasii, fangasii fi paaraasitiitin dhufanii fi namarraa namatti dadabruu kan danda'aniidha.

Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaanii jechuun maali??

Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaanii (urinary tract infection) jechuun Dhibee yeroo orgaaniziimin xixiqqoon; kanneen Akka baakteeriyaa, Caasaalee Sirna Fincaanii keenya (keessattuu Kalee Fi Afuuffee fincaanii) huban namatti dhufu jechuudha.

Mallattooleen isaa maali??

Qaamoolee hubamaan irraatti hundaa'un Bakka Gurguddoo lamatti qoodaman.

1. yeroo Afuuffee fincaanii Fi Yuuritiraan hubamaan (Kalee osoo hin dabalatin).

- Fincaan nama; gubuu, jerjersuu/mudduu, Fi amma ammatti nama qabuu.
- fincaan dhiiga makate fincaanuu

2. yeroo kaleen hubamte.

mallattoolee akkami argina??

- Ho'i qaama keenya dabaluu(Harargeetti 'Leeydaa' jedhama).
- Hooqisiisuu/haaqisiisuu.
- Dhukkubbii dugda/duuyda.
- Dhukkubbii cinaachaa Fi
- Dabalataan mallattooleen akka fincaan nama gubuu, jerjersuu/mudduu fi amma ammatti nama qabuutis jiraachuu danda'u.

Yoon mallattoolee kana ofirratti arge maaliin godhuu qaba? Yaalli isaa hoo maali??

Gara mana yaala deemuu qabda. ogeessi fayyaa mallattoolee sirratti mullatanii fi Fincaan kee laabraatooni ilaalee Qoricha sirrii ta'e siif ajaja.

Qoricha akkaataa siif ajajametti qixa sirriin xumurraan ni fayyita.

Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaaniitiif akkamitti saaxilamuu ykn qabamuu dandeenya??

Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaanii kana akkamitti ofirraa ittifna??

Itti fufa...

Hunde.

29/05/2022
10/04/2022

Medical words in Afaan oromo
Inflammation = kulkula

10/04/2022

Medical terminology
Chills = laqaduu

Daa'immaan reefuu dhalatan kan dhibeelee akkanaatiin hubamaan baayyeetu Jira.Waantoota dhibee kanaaf nama saaxilan keess...
02/03/2022

Daa'immaan reefuu dhalatan kan dhibeelee akkanaatiin hubamaan baayyeetu Jira.
Waantoota dhibee kanaaf nama saaxilan keessa tokko hanqina fooliki aasitii (folic acid).
Kuniis haadhooliin yeroo ulfa Turan Yoo Qoricha kana fudhatan carraa dhibeeleen kun daa'immaan isaanii qabuu hirrisuu ni danda'u

22/01/2022

Fayyaan farda coolleedha.

Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaanii(urinary tract infection).Caasaaleen Sirna Fincaanii maali??Caasaalee Sirna ...
18/01/2022

Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaanii(urinary tract infection).

Caasaaleen Sirna Fincaanii maali??

Caasaalee Sirna Fincaanii jechuun gurmuu qaamoolee xixiqqoo qaama keenya keessatti argaman Kan hojiin isaanii Fincaan oomishuu, geejjibuu, Kuusuufi gara alaatti baasuu ta'aniidha.

Isaaniis: Kalee, yuuriterii, Afuuffee fincaanii Fi Yuuritiraadha.

Dhibeelee Dadarboo (infection) jechuun maali??

Dhibeelee Dadarboo jechuun dhukkuboota organizimoota xixiqqoo ijaan hin mullanneen (microorganisms); kanneen akka baakteeriyaa, vaayrasii, fangasii fi paaraasitiitin dhufanii fi namarraa namatti dadabruu kan danda'aniidha.

Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaanii jechuun maali??

Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaanii (urinary tract infection) jechuun Dhibee yeroo orgaaniziimin xixiqqoon; kanneen Akka baakteeriyaa, Caasaalee Sirna Fincaanii keenya (keessattuu Kalee Fi Afuuffee fincaanii) huban namatti dhufu jechuudha.

Mallattooleen isaa maali??

Qaamoolee hubamaan irraatti hundaa'un Bakka Gurguddoo lamatti qoodaman.

1. yeroo Afuuffee fincaanii Fi Yuuritiraan hubamaan (Kalee osoo hin dabalatin).

- Fincaan nama; gubuu, jerjersuu/mudduu, Fi amma ammatti nama qabuu.
- fincaan dhiiga makate fincaanuu

2. yeroo kaleen hubamte.

mallattoolee akkami argina??

- Ho'i qaama keenya dabaluu(Harargeetti 'Leeydaa' jedhama).
- Hooqisiisuu/haaqisiisuu.
- Dhukkubbii dugda/duuyda.
- Dhukkubbii cinaachaa Fi
- Dabalataan mallattooleen akka fincaan nama gubuu, jerjersuu/mudduu fi amma ammatti nama qabuutis jiraachuu danda'u.

Yoon mallattoolee kana ofirratti arge maaliin godhuu qaba? Yaalli isaa hoo maali??

Gara mana yaala deemuu qabda. ogeessi fayyaa mallattoolee sirratti mullatanii fi Fincaan kee laabraatooni ilaalee Qoricha sirrii ta'e siif ajaja.

Qoricha akkaataa siif ajajametti qixa sirriin xumurraan ni fayyita.

Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaaniitiif akkamitti saaxilamuu ykn qabamuu dandeenya??

Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaanii kana akkamitti ofirraa ittifna??

Itti fufa...

Hunde.

03/01/2022

Garaagarummaan dhibee kalee Fi infeekishinii ujummoo fincaanii maali?
Ibsa isaaf dhiyootti nu eeggadha.

Address

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Hunde M posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your practice to be the top-listed Clinic?

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram