Dr Surafel

Dr Surafel This is page you can get medical information on different languages

21/03/2024

Ilaalcha gaarii mataa ofif 🫡

Eenyummaan kee uumaa keen gaditti harka kee jira. Eenyu illee si irraa fudhachuu yookiin jijjiiruu hin danda'u. Kan ati nama biraaf gochuu hin dandeenyes eenyummaa isaa jijjiiruudha. Kanaaf inni dursu waa'ee mataa keenyaati. Kan nuyi namoota dhuunfaa bira darbinee biyya keenya jijjiiruu dandeenyu yoo dursa ofii keenya jijjiiruu dandeenyedha. Kunis hojii gaarii yoo dalagneefi ilaalchaa gaarii qabaachuudhaani. Ilaalchi gaariin kan nuyi ofiif qabnu, kan nuyi namoota biraaf qabnuun garaagarummaa hin qabaatu. Kunis kan mataa isaaf waan gaarii yaadu nama biraafis gaarii yaaduun itti waan hin ulfaanneefi. Garuu hanga ilaalcha gaarii ofiif hin qabaannetti milkaa'insi hin jiru. Namoota biraafis gaarummaa hin qabaannu. Kanaaf ilaalcha gaarii ofiif Haa qabaañu👌!!

21/03/2024

Dubartiin ulfaa yoom Altiraasawundii ka'uu/ilaallamuu qabdi?
***************
1. Ulfaan dura

- Otoo hin ulfaayin dura altarasawudii qamoota wolhormaata gadii ilaalchisuun rakkoo gadaamessi ulfarratti uumuu danda'u yoo jiraate bartee yoo barbaachisaa ta'e akka yaalamtuuf gargaara.
---
---
2. Laguun/dugdi hafee guyyaa 10-15 booda.

- Yeroo kanatti ulfi jiraachuu isaa addaa baasuufi tola.
- Akkasuma taa'insi ulfaa gadaamessaa keessamoo gadameessaan ala ta'uu addaan baasuufi.
- Yoo laguun yeroo eeggatee Kan hindhufne ta'e umri ulfaa/daa'imaa tilmaamuuf.
- Ulfi tokko moo lakkuu ta'uu addaan baasuufi yeroon filatamaan yeroo kana.
---
---
3. Ji'a 1 hanga 3

- Yeroon kun ji'a ykn umrii ulfaa/daa'imaa beekuufi isa filatamaadha. Dogongoraa guyyaa 3-5 caalaa hinqabu.
- Daa'imni/ulfi lubbuun jiramoo hinjiruu addaan baasuuf
- Rakkoon uumamaa tokko tokkolle yeroo kana keessatti muldhatuu danda'a
---
---
4. Ji'a 4 hanga 5

Yeroon kuni baay'ee murteessaadha
- Dubartiin takka yoo altrasawundii yeroo takka malee ka'uu hindandeenne ta'e yeroo kana filachuu qabdi.
- Yeroon kuni rakkoon uumaan walqabatee dhufuu danda'u yeroo kana sirrtti addaan baya. Kunimmoo yeroon murteessufi baay'ee gaariidha.
- Ammas bishaan daa'imaa, socho'iinsa daa'imaa, dhawatiinsa onnee akkasumas
- Umrii ulfaa/daa'imaa tilmaamuuf. Garuu altirasawundiin yeroo kana ilalamu umrii ulfaa/daa'imaa hanga guyyaa 10 dogongoraa qabaachuu danda'a.
---
---
8. Ji'a 8 hanga 9

Yeroon kuni:
- Taa'insaa daa'maa/haala taa'umsa daa'imni gadaamessa keessatti qabu.
- Baay'inna/hamma bishaan daa'imaa
- Bakka hobbaatiin jirtu laaluuf; keessumaanuu yoo hobbatiin fuuldura dhufe dawumsi oporeeshina ta'uu waan qabuuf yeroon beekuun murteessaadha.
- Socho'iinsa daa'imaa sakata'uuf
- Umri daa'ima ilaaluuf. Garuu yeroo kanatti umrii daa'imaa irratti dogongoraa hanga torbaan 2-3 agarsiisuu waan danda'uuf ji'a/umrii baruufi baay'ee nu hingargaaru .
---
---
* Kanaan ala yoo socho'iinsi/sosochiin daa'imaa hirdhate, yoo dhiigni yaa'ee/gadameessa keessaa dhiigni jige, yoo bishaan daa'imaa gadameessa keessaa jige yookiin yoo dhukkubni dubartii ulfaa itti dhagayamee yeroo kamuu ka'uu qabdi.
* Altrasawndiin caraarii/caarallaa waan hinqabneefi yeroo hedduu irra deddeebi'uun kaatullee rakkoo hinqabu.
---
---
Maddi odeeffannoo:
©Dr. Jamal Burra, Radiologist (Ispeshaalistii Raajii)

21/03/2024
https://t.me/drsura23
18/11/2023

https://t.me/drsura23

FANXOO《SYPHILIS 》
------------------------------------------------------------------
Fanxoon dhukkuba walqunnamtii saalaatiin daddarbuu fi baakteeriiyaa "Tirooppooniimaa paalidam" jedhamuun kan namatti dhufuudha.
Dhukkubni kun madaa Dhukkubbii hin qabne tan qaama saalaa , munnee, ykn afaan irratti baatuun nama eegala. madaa sanaa waliin waltuttuqnaan dhukkubichi haaluma salphaa ta'een daddabruu danda'a.
Dabalataan mallattoolee akka
• Dhukkubbii mataa
• Madaa qoonqoo(laagaa)
• Iita mudaamuddii
• Dadhabsiisuu
• Leeydaa ykn hoo'a qaama
• Huqqisuu
• Rifeensi namarraa harca'uu fi kkf agarsiisuu danda'a

* Mallattooleen asiin olitti dubbanne kun odoo qoricha tokkolleen fudhanne ofumaan baduu ni danda'a. Asirratti dhukkubsataan dhibicharraa fayyee jedhee of gowwomsuu danda'a. Garuu dhukkubichi of dhoksee isa isa keessatti wal horaa jira jachuudha
Kana booda dhukkubni kun nama keessa callisee ykn riphisee taa'uudhaan odoo mallattoo tokkollee hin agarsiifne waggaa 10 fi sanaa oliif taa'uu danda'a. Erga nama keessa callisee taa'ee namatti ka'ee booda miidhaa hamaa kan akka miidhaa onnee , sammuu fi qaamoolee biraa namarraan gahuu danda'a!
Yoo yaala argate fayyuu ni danda'a?
-----
Eeyyee!!:Qoricha sirrii fi yeroo jalqaba dhibichi nama qabe ilaalamanii qoricha isaa fudhachuudhaan fayyisuun ni danda'ama!
MIIDHAA FANXOO HORDOFEE DHUFU
-----
* Haadharra garaa ilmoo darbuu
Kun akka daa'imni garaa haadhaa keessa jiru qaama hir'uu ta'ee dhalatu ykn xaaxa heddu qabaatee akka dhalatu godha
* Carraa dhibee HIV tiin qabamuu olkaasa
✍Walumaa galatti namni mallattoolee asiin olitti qabdan odoo isinitti hin barfanne mana yaalaa deemaa wal'aanama.

Fayyaa hin dhabinaa
Eba Pediatrics Specialty Center
Teessoon keenya hoospitaala Hiwot Faanaa bira kilinika ijaa Dr Nuuraddiin gama gubbaatiin

Beauty at it's best ❤️❤️Bareedina aadaa ❤️
02/10/2023

Beauty at it's best ❤️❤️
Bareedina aadaa ❤️

17/08/2023

DHALA DHABUU - Infertility
****************************
Wol qunnamtii saalaa hin ittifamne (fkn koondomii malee) kan gahaa ta'e qabaatanii haatiifi abbaan worraa tokko woggaa tokko keessatti otoo hin ulfaa'in yoo hafan 'dhala dhabuu' jedhamuu danda'a. Haa ta'u malee kanneen woggaa jalqaba keessatti hin milkaayin keessaa wolakkaan isaanii (Parsantii 50) kan ta'an woggaa itti aanu /woggaa lamataa irratti ni ulfaa'u. Saalqunnamiti gaha ta'e jechuun ammoo yoo xiqqaate guyyaa lamaa sadihiin kan turtiin yeroo qunnamtii tokkoos daqiiqaa sadihii hanga torbaa kan ta'eefi keessattu yeroo marsaa xurii laguu irratti carraan ulfayuu baldhaa ta'etti godhamu jechuudha.
---
---
Dhala dhabuun iddoo lamatti qoodamuu danda'a:
I- Gonkumaa dhala argatanii (ulfaa'ani) kan hin beekne (Primary Infertility) fi
II- Isaan yoo xiqqaate yeroo tokko ulfaa'anii/dhala argatanii achi booda argachuu dhaban (Secondary Infertility) jedhamee iddoo lamatti qoodama.
---
---
Dandeetiin ulfaa'uu/qabachuu (fecundebility) shamara tokkoo marsaa xurii laguu tokkoon parsantii 25, ji'a sadihii keessatti ammoo parsantii 50, Ji'a Jahatti parsantii 75 fi woggaa tokko keessatti isaan parsantii 85 ol ta'an ni qabatu ykn ulfaa'uu danda'u.

Kanneen hafan parsantii 10- 15% kan ta'an woggaa jalqabaatiin ulfaa'uu dhabuu danda'u. Haa ta'u malee isaan kanniiniin jala sararree dhala-dhaban jechu keenyaan dura yeroo gahaa ta'e (woggaa dabalata tokko) fi qorannoo gahaa ta'e dalagsiisuun barbaachisaa ta'a.
---

---
Dhala dhabuun rakkinna shamaraa irraa qofa ta'uu dhabuu danda'a. Akkuma woliigalaatti cimdiiwwan dhala dhaban keessaa parsantii 25 kan ta'an rakkina dhiiraa/abbaa worraa irraa yoo ta'u, parsantii 15-20 kan ta'u ammoo sababa hin beekamneen/ adda bahuu hin dandeenyeen, kan hafe ammoo (% 60) sababa rakkinna shamaraa/haadha worraa irraa ta'uu danda'a. Kanaaf yeroo mana yaalaa qorannoo dhala dhabuutiif deeman isaan lachuu (abbaan worraatiif haati worraallee) argamuu qabu jechuu dha.
---
---
Gabaabumatti shamarri takka ulfaayuuf Oovaariin Oovuleeshiiniidhaan killee oomish*tee, killeen sun ammoo ujummoo gadaamessaatiin ufiti fudhatamee, achitti (ujummoo gadaameessaa keessatti) isparmiidhaan wolitti dhufee fartilaayizeeshiini godhee, achi booda makaan isparmiif kille (Zaayigootiin) gara gadaameessa deemee, kessaa gadamessaa irratti biqilee, san boodaa gadaameessa keessatti guddachuu qaba jechuudha. Kanaaf dhala dhabuun rakkinna ta'iiwaan (taatewwan) kanneen armaan olitti kaasne keessaa tokko irraatti mudatuun/uumamuun ta'uu danda'a.
---
---
Kanaaf:
¶ Ovariin Ovuleeshiinii/ killee oomishuu dhabuu ykn otoo umriin hin geenye dhaabuu.
¶ Ujummoon Gadaamessaa (kan Ovariif gadamessa jiddutti argamu) sababa garagaratin (fkn Infeekshinii gadaamessaa yeroo dheeraaf turen, TB qaamaa hormaataa hubeen, Opireeshiinii naannoo saniif taasifame fa'aan) cufamuun killeen akka isa keessa darbee isparmiin wolitti hin dhufne gochuun.
¶ Zaayigootiin (ida'amni isparmiif killee) sun sababa gara garaatiin keessa gadameessaa irratti biqiluu dhabuun (Fkn haxawamuu gadamessaa yeroo ulfi dhanagala'u godhamuun, ulfa gadaamessa keessa baasuuf yeroo gadaamessa haxawan gadameessi sun godaannisa uumuu, uumamaan halli uumaa gadaameesaa sirrii ta'uu dhabuun, iitaan biraa keessa ykn gadaameessa irratti bahee jiraachuun).
¶ Akkasumas dhiira irratti ammoo dhangala'aan dhiiraa sun seelii isparmii dhabuun, seelii isparmii gahaa ykn sirrii ta'e of keessaa qabaachuu dhabuun (sochiin isaa, bocni isaa, hammi isaa, baay'inni ykn laakkofsi isparmii sun gahaa ta'uu dhabuun) sababalee dhala dhabuu dhiiraa keessaa isaan ijoo ta'aniidha.
---

---
Kanaaf jaalalleewwan lama woggaa tokkoo oliif wolqunnamtii saalaa gahaa ta'e (yeroo marsaa xuriin laguu dhufu irraa laakkayanii guyyoota ulfaayuu carraan jiru san irratti salqunnamtii saalaa godhanii) otoo hin ulfaayin yoo hafan isaan lameenuu mana yaalaa deemanii qorannoolee barbaachisoo ta'an garagaraa hojjisiifachuu qabu.
---

---
Haa ta'uu malee kanneen armaan olitti ibsaman ijoo sababa dhala dhabuu ta'anillee, sigaaraa ykn kan biroo aarsuun, Alkoolii heddummeessuun, dhiphinnaaf cinqaan hamaan jiraachuun, wolqunnamtii saalaa gahaa ta'e gochuu dhabuun, ulfaatinna garmalee guddaa ta'e qabaachuun, ispoortii garmalee heddummeessuu irraa cooma qaamaa dhabuun (fkn isaan atleetiksii heddummessan), marsaa xurii laguu guyyaa isaa hin eegganne, akkasumas dhukkuboota sirni ittisa qaamaa keenya qaamuma keenya rukutu tokko tokko (autoimmune diseases) hubamuun carraa dhala dhabuu dubartii takkaa kan olkaasaniidha. Kanaaf wontoota as gubbatti eeraman kanaaf jijjirra amalaa gochuufi qoratamanii yaala argachuunis barbaachisaadha.
---
---
Waaqni ilmaa ilmee teessan isinitti haa muldhisu!
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

09/06/2023

Obboleessa kiyya waan ta'eef, natti hin ulfaatu!!
Akkuma suuraa irratti argitan kana, mucaa tokkotu iddoo waraanaatti dugda irratti nama biraa baatee deema. Gocha mucaa kanaa kan arge loltuun tokko, mucaan inni baatee jiru lubbuudhaan akka hin jirre hubatee maaliif akka inni du'aa baatee deemuufi akka of irra buusee gatee dadhabbii of irraa hambisuuf gorsa. Mucaaniis gorsa loltuu kanaaf deebii akkas jedhu deebiseefi. "Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu. Baattadhee deemeen iddoo gaariitti awwaalladha jedheen." Loltuun deebii mucaan deebiseef kana hin eegne waan ta'eef imimmaan buusee boo'e. Erga yeroo saniitii suuraan kun biyya Jaapaaniitti mallattoo tokkummaafi jabinaa ta'ee siidaan dhaabbate.
Nutis mee :-
Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu, obboleettii tiyya waan taateef natti hin ulfaattu yaa jennu.
Obboleessi keenya yoo kufe yaa kaasnu!!!
Obboleettiin teenya yoo dadhabde yaa gargaarru!!!
Inni yoo dogongore yaa sirreessinu!!!
Isheen yoo balleessitee dhiifama yaa goonuuf!!
Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu yaa jennu!!!

04/06/2023

INFEKISHIINII UJUMMOO FINCAANII (IUF) -
Urinary Tract Infection (UTI)
**************************************
Qaamni(Orgaaniin) dhiiga keenya dhimbiibee fincaan baasu (Kaleen) yookiin orgaanonni fincaan qaama keenya keessaa gara alaatti baasuuf tajaajilan kan akka afuuffee fincaanii yoo jarmoota dhukkuba fidaniin hubaman infekishiin Ujummoo fincaaniitiif nama saaxilu ykn Infeekishiinii Ujummoo Fincaaniitin qabaman jenna.
---
---
Infekishiiniin Ujummoo Fincaanii (IUF jedhaa isiniif ibsa asi gaditti);-

Infekishiinii ujummoo fincaanii iddoo lamatti; IUF gara gubbaa (kan Kalee) fi Infekishiinii ujummoo fincaanii gara jalaa/gara godaa (kan afuuffee fincaanii) jedhamuun iddoo lamatti qoodama.
---
---
â—Ź Mallatoolee Infeekishiinii Ujummoo Fincaanii:
* Fincaan nama gubuu ykn yeroo fincaanan miirri akkasii namatti dhagahamuu
* Fincaan nama mudduu
* Fincaan dafee dafee dhufuu
* Fincaan akka malaa (bifa booraa) jiru fincaanuu
* Fincaan nama ariifachiisuu
----
â—Ź Kana malees Infekishiinii ujummoo fincaanii gara gubbaa (Infeekishiiniin Kalee) malattoolee asiin olitiin dabalataan mallatoolee armaan gadii qabaachuu mala:
* Bowwoo (dhukkubii mataa)
* Qaama nama hoo'isu
* Nama lollojjessuu ykn haqqisiisuu
* Nama qorrachiisuu, hollachiisu, ykn haxaxxeessuu
* Cinaacha jalatti dhukkubbiin namatti dhagahamuu
* Nama dadhabsiisuu fa'atu jiraata.
---
---
â—Ź Wontoota Infekishiinii ujummoo fincaaniitiif nama saaxiluu danda'an keessaa:
- Yeroo dheeradhaaf namoota tubboodhaan fincaan isaanii baafamaafii ture.
- Ujummoolee fincaanii ykn kalee keessa cirrachi jiraachuu.
- Namoota qaamni isaani dhibee haalaan ittisuu hin dandeenye fkn worroota dhibee akka Sukkaraa, Kaansarii fi HIV fa'a qaban.
- Uumamaan ujummoo fincaanii sirri hin tahin qabaachuu.
- Dhiira caalaa durba kan hubu yoo ta'u, durba keessaas isaan wolqunnamtii saala heddumeessan hubuu danda'a.
- Akkasumas Opireeshiini yeroo dhihootti ujummoo fincaaniitiif godhame yoo jiraate Infeekishiinii kanaaf carraan nama saaxiluu olka'aadha.
---

---
â—Ź Miidhaawwan/xaxaawwan IUF yeroodhaan yaalamuu dhabuu irraa nama mudachuu danda'an keessaa:
* Infeekishiinichaan deddeebi'anii hubamuu
* Haadholii ulfaa irratti ammoo:
- Ciniinsuun otoo yeroon isaa hin gahin dhufuu,
- Daa'imni guyyaa isaa malee dhalachuu.
- Ulfaatinni daa'imaas haalaan xiqqaachuu danda'a.
â—Ź IUF otoo hin yaalamin woggoota dheeraaf dhiifame, Ujummoon fincaanii akka dhiphatu gochuun fincaan akka gadi hin baane (fincaan akka nama ukkaamsu) godha.
â—Ź Darbee darbee, kessattu dhukkubsattoota dandeetti dhibee ittisuu isaanii halaan xiqqaa ta'e irratti ammoo infeekishiiniin kun karaa dhiigatiin qaama keessa tamsa'ee lubbuudhaaf sadarka sodaachisu irra gahuu mala.
â—Ź Namoota dhukkuba sukkaara qabaniifi madiinummaan isaanii gad bu'aa ta'e irratti irratti kalee fi naannoo kaleetti malaan akka uumamu sababa ta'uu malu.
---

---
â—Ź Haala Infeekishiinii kana ittiin dhoorkinu Kessa:
- Qulqullina qaama taa'umsaa eeguu(kessattuu dubartootaaf)
- Tubboo fincaanii yeroo dheeraadhaaf ujummoo fincaanii keessa tursiisuu dhabuu.
- Wol qunnamtii saalaa of-eegannoon hanqate raawwachuu dhabuu.
- Wol qunnamtii saalaa booda fincaanuu.
- Bishaan gahaa ta'e dhuguu.
---

---
â—Ź Namni mallattolee armaan olitti eeraman ufi irratti arge gara mana yaalaa deemuun qorannoo fincaaniif kan biroo erga taasifameef booda haala Doktorri ykn ogessi fayyaa isaaf ajajeen/himeen qoricha fudhachuu qaba.
---
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

04/06/2023

KINTAAROTII- Hemorrhoid/Pile
********************************
Kintaarootiin iitaa qaama taa'umsaa irratti mul'atu yoo ta'u innis hiddi dhiiga-deebistuu kan naannoo taa'uumsaatti gurmuun argamu yoo iita'u kan dhufu dha. Iitaa kanaaf wontootni hedduun sababa ta'uu malu. Isaan keessaas:
* Yeroo bobbaaf taa'an baay'isanii ittanuu
* Qufaa yeroo dheeraaf nama irra ture.
* Furdinna gar malee guddaa ta'e qabaachuu.
* Wol qunnamtii saalaa qaama taa'umsaatiin raawwachuu.
* Garaa gogsuu ykn baasaa yeroo dheeraaf nama irra ture
* Yeroo dheeraaf deddebi’anii waan ulfaatu fuudhuu/kaasuu
* Dhukkubni tiruu ykn dhukkubni biraa kan iitaa garaatiif nama saaxiluu jiraachu
* Nyaata akka fuduraaf kuduraa fayyadamuu dhabuun wontoota rakkinna kanaaf nama siixilan keessaa isaan ijoo ta'aniidha.
* Irra jireessaan ga'eeyyiiwan woggaa 20 ol ta'anifi haadholii ulfaa irratti hedduminnaan mul'ata.
* Yeroo kaan caalaa yeroo qilleensi ho’aan jiru irra muldhachuu danda’a. Innis sababa hoo’i hidda dhiigaa keenya akka babaldhatu (vasodilation) jiraatu godhuufi nama hooksisuufi.

----

----
Mallattoofi rakkinna Kintaarotii irraa dhufuu danda'an:
- IItaa qaama taa'umsaa irratti mula'atu ykn iitaa qaama taa'umsaa keessaa gadi bahe mula'tu. Kintaarootiin keessa qaama taa'umsaa kessatti bahus (Internal Hemorrhoid) ni jira; inni kun sadarkaalee afran armaan gaditti tarreffaman kana qaba:
▪︎Sadarkaa I: Gurmuu hidda dhiiga-deebiftuu keessa qaama taa'umsaatii bahe. Kun alatti hin muldhatu. Inni kun yeroo hedduu dhukkubbiis hin qabu.
▪︎Sadarkaa II: Inni kun keessa qaama ta'umsatii kan gadbahu ta'ee, garuu ofuma isaatii ol deebi'a.
▪︎Sadarkaa III: Kun ammoo iitaa gad bahee, harkaan/qubaan oldeebifamudha. Inni kun nama hoksisuufi dhukkubis ni qabaata.
▪︎Sadarkaa IV: Kun kan gad bahee muldhatu, qubaanis kan ol hin deebineefi keessaa qaama ta'umsaatii ala bahee kan jiru dha. Inni sadarkaa III fi IV kun woldhaansa akka opireeshiiniin muranii baasuus kan barbaadudha.

Mallattooleen biroo ammoo:
- Yeroo bobbaaf taa'an nama dhukkubuu ykn miirri akkasii namatti dhagahamuu.
- Akkasumas dhukkubii malee dhiigni sagaraa irratti ykn woraqaa ittiin haxaayannu irratti argamuu.
- Naannoo ta'umsaa nama hoqsisuu/hossisuu/
- Yeroo tokko tokko sagaraan/bobbaan to'annaa malee ofuma gadi bahuu (keessattuu yoo tuttuqamee jiraate)
-Darbee darbee sirritti dhiiguu waan danda'uuf ykn dhiigni suuta suutaan dhiigu kun hanqinna dhiigaatiif nama saaxiluu danda'a.
- IItaan kunis micciramuun ykn guduumfamuun, akkasumas dhiigni ititee hidda dhiigaa naannoo saanaa cufuun dhukkubbiin hamaan tasa akka nutti dhagahamu gochuu mala. Yeroo dhukkubbiin hamaan akkasi namatti dhagahame hatattamaan mana yaalaa deemuu.
----

----
Tooftalee armaan gadiitiin fayyadamuun Kintaarootii of irraa hanga isaa xiqqeessuun ykn dhukkubbii namatti dhagahamu San balleessuun ni danda'ama:
* Bishaan hoo'isanii sooqida moonqaa lama/sadihii itti naqanii daqiiqaa digdamaaf qaama teessumaatiin keessa taa'uu. Bishaan xiqqoma ha hoo'uu barbaadama malee nama gubuu hin qabu. Kana gochuun dhukkuboota nannoo ta'uumsatti mul'atan hedduuf faayidaa guddaa qaba.
* Cuunfaa loomii itti dibuu.
* Fuduraleef Kudurallee adda addaa (kan akka shaanaa, kaarotii, dinnichaa, atara, muuzii, abukaadoo fi kkf) nyaachuu.
* Sochii qaamaa ( deemsa ariifanna, daakkaa, daansii, fiigiicha, fi kkf) guyya guyyaan daqiiqaa soddomaafi achi oliif yoo xiqaate torbaanitti guyyoota shaniif hojjachuu.
* Yeroo dheeraaf baay’isanii taa’uu dhabuu
* Nyaata qibaatiin itti baay’ata, foon, killee/buuphaa fi isaan irraa tolfaman hirdhisuu
* Cabbii qabanahaa ta'e iddoo taa'umsaatti qabuun. Guyyatti yeroo hedduu akkas gochuun iitaa san haalaan ni xiqqeessa.
* Bobbaa dabarsuu dhabuu. Yeroma inni namatti dhufe/mudde taa'uu, dabarsuu dhabuun faayidaa hedduu qaba.
* Akkasumas mana yaalaa deemanii rakkina jiru iftoominnaan erga Doktoratti ykn ogeessa yaalatti himan booda qoricha ykn yaala biraa (Opireeshinii sasalphaas ta'uu mala) isaan namaaf ajajan haalaan fudhachu/fayyadamuu
* Mallatooleen armaan olitti eeraman keessaa tokko tokko malattoo dhukkuba kaansarii mar'umaan guddaas ta'uu waan danda'aniif, keessattu umriin keenya woggaa 50 ol yoo ta'e mana yaalaa deemanii qoratamanii adda baafachuun barbaachisaadha.
---
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa dahaa, fayyaa ta'aa!
--
©Dr Nuredin Luke

31/05/2023

Yeroo ulfaa wol-qunnamtii saalaa gochuun miidhaan hammaataan inni ulfa irratti fidu hin jiru. Kanaaf haati ulfaa takka yeroo ulfaan jirtu kamiin irrattuu, miirri dhukkubbii yoo hin jiraannee fi fedha yoo qabaatte, qunnamtii saalaa gochuu ni dandeetti. Haa ta'u malee yoo dhiigni ykn dhangala'aan gadaamessaa bahu/jiguu jiraatee fi ciniinsuu irra jiraatte qunnamtii gochuu hin qabdu.
---
Fayyaa dahaa, fayyaa ta'aa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
Dr. Nuredin Luke

29/05/2023

Saayinasii mana keenyatti akkamitti ofumaan of yaaluu dandeenya?
****************
👉 Guyyaatti bishaan baayyee dhuguu
👉shaayi jinjibiila /zanjabiila of keessaa qabu dhuguu
👉Bishaan ashaboo/soogidda itti godhuun erga hoo'ifamee afaan ittiin lulluuqqachuu . yoo laagaan madaa'e ittiin fayyisuu fi miirri dhandhamaa akka fooyya'u taasisa.
👉nyaata furrii burqisiisan akka chokalaataa, killee/hanqaaqu,fi nyaata sukkara of keessaa qabu irraa of qusachuu
👉 Zayita baargamoo/baarzaafii bishaan hoo'etti naquudhaan hurkaa bishaan hoo'aa kanarraa bahu gara keessaatti harganuu. Kuniis akka funyaan cufame banamuuf fayyada
Nyaata asiin gaditti caqasaman nyaachuun of yaaluu
👉Qullubbii nyaachuu
👉nyaata barbaree qabu nyaachuu
👉Anaanaasii(pineapple)
👉Fuduraalee adda addaa soorachu
👉Qurxummii soorachuun of yaaluun ni danda'ama
Nyaata kulkula saayinaasii namatti hammeessan irraa fagaachuu.isaaniis :-
👉 Daabboo
👉paastaa
👉 baaduu
-----
Akkamitti ofirraa dhoorkina?
------
* Waan nama hooqsisuu kanneen akka keemikaala ykn sigaaraa irraa fagaachuu

* wanta infeekshina sirna hargansuu keenya kan gara olii nutti fidan irraa fagaachuu. Harka keenya yero yeroon dhiqachuu fi nama utaallon /diifafaan qabame irraa fagaachuu

*meeshaalee dhunfaa kanneen akka fooxaa fi manzaraa(eyeglasses) namaa waliin fayyadamuu dhiisuu
* nyaata dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu dabalan nyaachuun
* meeshaa qilleensa qabbaneessu(humidifier) fayyadamuu

Maloota asiin olitti eeraman fayyadamtanii yoo isinirraa wayyaa'u dhabe gara mana yaalaa deemaa.
Sheer waliif godhaa hiriyyoota keessaniin gahaa.
Galatooma
Bu'aa fayyaan qabdu ,nama dhukkubsateetu beeka!!
Dr Abdulfetah Ibrahim
Eba PediatricEba Pediatrics Specialty CenterpEba Pediatrics Specialty CenternEba Pediatrics Specialty CenterfEba Pediatrics Specialty Center

Address

Harar
Harer

Telephone

+251904140776

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Surafel posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Surafel:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category