Barumsa Fayyaa

Barumsa Fayyaa Gorsaa fi barumsaa fayyaa afaan oromoottin

Baayyina: 60Muuxannoo:0 yearBiiroo Fayyaa Bulchiinsa Dirree DaawwaaDigirii jalqabaan:👉 Nurse👉OR Nurse👉 Emergency critica...
26/08/2025

Baayyina: 60
Muuxannoo:0 year
Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Dirree Daawwaa
Digirii jalqabaan:
👉 Nurse
👉OR Nurse
👉 Emergency critical care Speciality Nurse
👉 General Child Nurse
👉 Midwifery
👉 Psychiatry
👉Anesthesia
👉Physiotherap
Level IV
👉Nurse
👉 Laboratory
👉 Biomedical
👉HIT
👉 Health Extension
Galmeen:19-23/12/2017
Bakki Galmee: Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Dirree Daawwaa tti galmaa'uu dandeessu
Qulqullinaan Ilaaluuf.

Dhiibbaa Dhiigaa olkahaa (Hypertension) (Lubbuu abbootii, harmoolii fi dargaggoota baay'ee nu jalaa dabarsaa jira.) Dhii...
17/08/2025

Dhiibbaa Dhiigaa olkahaa (Hypertension)
(Lubbuu abbootii, harmoolii fi dargaggoota baay'ee nu jalaa dabarsaa jira.)
Dhiibbaan dhiigaa dhibee akka tasaa utuu hin beekiin duhaaf nama saaxilu keessaa isa tokkodha.
Dhiigni keenya onneerra maddu gara kutaawwan qaama keenyaa ujummoowwan dhiigaan raabsamuuf dhiibbaa ykn pressure barbaada. Dhiibbaan dhiigaa kun humnaa ol yoo tahe ujummoowwan dhiiga keenyaaf qaamolee keessa keenyaa kan biraarratti miidhaa geessisuu nii danda'a. Dhiibbaan dhiigaa inni sirriin ykn normal in 90/60-120/80 ti.
Wantootni Dhiibbaa dhiigaa olkahaaf nu saaxilan:
🌱ulfaatina qaamaa garmalee
🌱tamboo xuuxuu
🌱nyaata coomni ykn zayitni itti baayyate baayinaan soorachuu
🌱nyaata soogiddi itti baayyate baayinaan nyaachuu
🌱alkoolii baayinaan dhuguu
🌱Dhukkuba sukkaaraa
🌱sochii qaamaa gochuu dhiisuu
🌱Dhukkuba kalee fi akkasumas genetically maatii irraalee dhaaluun nii dandahama
Yeroo baayyee Dhiibbaan dhiigaa olkahaa qaama keenyarratti mallattoo hin agarsiisu. Kanaaf namootni umuriin isaanii waggaa 18 ol tahe too xiqqaate waggaa 2tti si'a tokko dhiibbaa dhiigaa isaanii ilaalamuu qabu.
Mallattoowwan dhiibbaa dhiigaa olkahaa;;
🌱mataa dhukkubbii hamaa, keessumaa ganama ganama yeroo hirribarraa kaatan naannoo mataa gara duubaa bowwaafachuu.
🌱Mataan namatti salphachuu(yeroo baayyee namootni tokko tokko Mataan kiyya narra hin jiru jechuun dubbatu)
🌱dacheen namaan shir jechuu(lafaan nama maruu)
🌱iji keenya nutti dimimmisaahuu
🌱fuununa funyaaniifaadha
Miidhaan dhiibbaa dhiigaa olkahaa nurraan gahu:
🌱Ujummoowwaan dhiigaa sammuu keessatti dhohuun akka sammuu keenya keessatti dhiigu godha(stroke).
🌱kalee keenyarratti miidhaa geessisa
🌱dadhabbii onnee fida
🌱ija, sombaaf qaamolee keenya biraarratti miidhaa geessisa
Akkamitti ofirraa ittisuu dandeenya
🌱sochii qaamaa gochuu
🌱ulfaatina qaamaa garmalee hirisuun
🌱aarii baayisuu dhiisuu
🌱nyaata madaalamaa soorachuu
🌱yeroo yerootti ilaalamuu
fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu

Follow,share and like
Barumsa Fayyaa

Waa'ee Qoricha Tranexamic acid 500mg  ~~||~~~~1.Qorichi Tranexamic acid maali?🔹️Tranexamic acid~jechuun qoricha garee fa...
17/08/2025

Waa'ee Qoricha Tranexamic acid 500mg
~~||~~~~
1.Qorichi Tranexamic acid maali?
🔹️Tranexamic acid~jechuun qoricha garee farra dhiiguu dhiigaa kan antifibrinolytic jedhamuu ta'ee kan sababa adda addaatiin dhiigni akka malee baay'atee qaama keessaa akka hin dhangalaane hir'isuuf gargaara.

2️⃣.Qorichi Tranexamic acid rakkoo fayyaa akkamii yaaluuf gargaara?
* Dhiigni akka malee baay'atee Yeroo marsaa laguu dubartootaa ji'a ji'aan akka hin dhangalaane hir'isuuf.
* Dhiigni baay'een sababa balaa adda addaatiin akka hin dhangalaane hir'isuuf.
* Yeroo Ilkaani Baqaqsanii buqqaasan dhiigni baay'een akka hin dhangalaane hir'isuuf.
* Dhibee rakkoo dhiiguu dhiigaa qaban (hemophilia) fi kkf yaaluuf gargaara.

3️⃣.Qoricha Tranexamic acid yaalaaf fayyadamuun durati maali godhuu qabna?
🔹️Namoonni alarjii qoricha Tranexamic acid qabu ykn keemikaalota isa keessa jiru qabu gonkuma qoricha kana yaalaaf fayyadamuu hin qabuu.
🔹️Akkasumas namoonnii rakkoo ujummoo dhiigaa ija keessaa,rakkoo arguu ijaa ,seenaa dhibee istirookii,dhibeelee kantaruu dhiigaa,rakkoo dhiiguu sammuu keessaa,dhibee kalee,Inifeekshinii afuuffee fincaanii,dhibee onnee fi kkf qabu ykn qabaachaa ture Rakkoolee kanneen ogeessa fayyaatiif himu malee qoricha Tranexamic acid yaalaaf jalqabuu hin qabuu.
🔹️Yeroo qoricha Tranexamic acid yaalaaf fayyadamaa jirru haala qoricha kanaa adda baafannu malee konkolaataa konkolaachisuu fi hojiilee ciccimoo hoojjachuu irraa of qusachuu qabna.
🔹️Akkasumas yeroo qoricha Tranexamic acid yaalaaf fayyadamaa jirru qorichoota biroo keessa'uu qorichoota gosa qorichoota rakkoo fayyaa dhiiguu ykn kantaruu dhiigaa yaaluuf gargaaru fi kkf ogeessa fayyaa gaafannu malee qoricha kamiyyuu qoricha Tranexamic acid waliin yaalaaf fayyadamuu hin qabnuu.
🔹️Qorichoota hormoonii irraa hoojjataman kan progestin fi estrogen of keessaa qabu kan ulfa ittisuuf gargaaran yoo fayyadamaa jiraanne qoricha Tranexamic acid yaalaaf waliin fayyadamuu hin qabnuu.
🔹️Qoricha Tranexamic acid dhaabbiilee fayyaa keessati ogeessa fayyaatiin qoratamuun rakkoon keenya erga adda baafamee booda yoo nuuf ajajame malee qoricha kana fayyadamuu hin qabnuu.
🔹️Qoricha Tranexamic acid yeroo yaalaaf fudhachaa jirru qorannoo fayyaa ija keenya fudhachuun deddeebinee ofi ilaaluu qabna.
🔹️Dubartiin ulfaa ykn ulfaa'uuf karoora qabdu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana yaalaaf jalqabuu hin qabduu.
🔹️Haati hoosiftuu ykn hoosisuuf karoora qabdu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana yaalaaf fayyadamuu hin qabduu.
🔹️Qoricha kana daa'immani irraa fageeysinee bakka isaan hin geenye kaa'uu qaba.
🔹️Qoricha kana tempireechara dareetti kuusuu qabna.

4️⃣.Qoricha Tranexamic acid akkamiti yaalaaf fudhachuu qabna?
🔹️Akkaatuma ogeessi fayyaa nuuf ajajeti sirriti dhageeffannee hubannee fayyadamuu qabna.
🔹️Qoricha Tranexamic acid 10mg/kg gara hidda dhiigaatiin yeroo ilkee buqqisuuf deeman dhiigni baay'een akka hin dhangalaane ittisuuf guyyati yeroo 3 hanga guyyaa (2~8) gidduuf ogeessa fayyaatiin ni kennama.
🔹️Qoricha Tranexamic acid 1300mg bifa kiniiniitiin jiru nyaata waliin ykn nyaatan maleesi dubartii marsaa laguun ji'a ji'aan akka malee dhiigni baay'een irraa dhangala'u hir'isuun yaaluuf guyyati yeroo sadi hanga guyyaa shaniitiif fayyadamuu ni dandeenya.
🔹️Qoricha Tranexamic acid marsaa laguu dubartii yaaluuf guyyaa 5 olii fi akkasumas sa'atii 24 keessati kiniinii isaa 6 oli fayyadamuu hin qabnuu.
🔹️Qoricha Tranexamic acid kiniinii guutuu isaa osoo hin alanfannee ykn hin caccabsiin e dhangala'oo qulqulluu waliin liqimsuu qabna.

5️⃣.Qorichi Tranexamic acid miidhaalee akkamii fiduu mala/danda'aa?
* Gaggabdoo.
* Hooksisuu.
* Garaa kaasaa.
* Haqqisuu/Lolloocuu.
* Dhukkubbii mataa.
* Dhukkubbii dugdaa.

* Dhukkubbii garaachaa.
* Dhukkubbii lafee,cabsannaalee fi maashaa qaamaa.
* Harganuu fi Liqimsuuf rakkachuu.
* Rakkoon halluu sirriti arganii adda baafachuu dadhabuu mul'achuu.
* Yeroo fincaanani dhukkubuu ykn rakkachu.
* Mallatooleen Istirookii kan akka tasa dadhabii Cinaacha moggaa tokkoo,dhukkubbii mataa cimaa,rakkoo madaala qaamaa eeggachuu fi kkf mul'achuudha.
* Mallattooleen dhiigni somba keessati kantaruu kan akka dhukkubbii qomaa,tasuma qufa'uu,sardaan qufa'uu,dhiiga qufa'uu fi kkf mul'achuudha.
* Mallattooleen dhiigni miila keessati kantaruu kan akka dhiita'uu,hoo'uu,miilli ykn harki diimachuu fi kkf mul'achuu fa'adha.

✍kanaafuu yeroo mallattoolee armaan olii kana ofirrati arginee qoricha kana yeruma san fudhachuu dhaabnee hatattamaan gara mana yaalaa deemnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna.

Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.

WAA'EE QORICHA AMPICILLIN  ^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^1.Qorichi Ampicillin maalii?♦️Ampicillin--jechuun qoricha g...
17/08/2025

WAA'EE QORICHA AMPICILLIN
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
1.Qorichi Ampicillin maalii?
♦️Ampicillin--jechuun qoricha gosa garee farra bakteeriyaa pensillin (antibiotic) ta'ee kan dhukkuboota baay'ee sababa bakteeriyaatiin dhufan irraa wal'aanuuf nu gargaaruudha.

2. Ampicillin maalif fayyadamna?
♦️Dhukkuboota baay'ee kan sababa bakteeriyaatiin dhufan kan akka......
*Dhibee michii sombaa (pneumonia).
*Dhibee maninjayitis(meningitis).
*Dhibee cophxoo(gonorrhea).
*Dhibee mar'iimaanii (intestine infection).
*Dhibee garaachaa (stomach infection) fi kkf wal'aanuuf nu gargaara.

3. Qoricha Ampicillin fudhachuun durati maali gochuu qabnaa?
♦️Namoonni alargii qorichoota gosa garee p***siliin ta'e kan qorichoota akka ampicillin, dioxacillin, oxacillin,penicillin, Augmentin fi ticarcillin jedhamu qabu gonkuma qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.
♦️Namoonni dhibee hoo'a qaamaa dabaluu(fever),sukkaaraa,kalee,tiruu, asmii,garaa yaasaa sababa qoricha antibiotic jedhamuun dhufuu qabuu fi namooni allarjii qoricha gosa garee cephalosphorin antibiotic jedhamuun dhufu qabu ogeessa fayyaa gaafatuu malee fayyadamuu hin qabuu.
♦️Dubartiin qorichaa ulfaa ittisu (birth control pills) fayyadamaa jirtuu Qoricha Ampicillin walin fayyadamuu hin qabduu, ulfaa ittisuu irrati bu'aa qoricha sanii gadi buusa wan ta'eef.
♦️Haati hoosistuu qorichaa kana fayyadamuu hin qabduu.
♦️Qoricha kana iddoo hoo'aa fi jiidhaa irraa fageeysinee kuusuu qabna.

4. Qoricha kana akkamiti fudhachuu qabnaa?
♦️Akkaatuma ogeessi fayyaa ajajeti fudhachuu qabnaa.
♦️Qoricha kana garaa qullaati yoo xiqqaate daqiiqaa 30 soorataan durati ykn sa'atii 2 soorataan boodatii fayyadamuu qabnaa.
♦️Qoricha kana ergaa jalqabnee booda yeroo hamma fudhatamuu qabu hamma xumurruu jidduun dhaabuu hin qabnuu dhukkubichii wan cimuu danda'uuf.
♦️Qoricha kana bishaan burcuqoo 1 guutuu walin fudhachuu qabnaa.
♦️Qorichii bifa dhangala'ootiin(syrup) yoo ta'ee sirriti raasnee fudhachuu qabnaa.
♦️Qoricha kana yeroo dheeraaf yoo fayyadamnee qaamota keenya kan akka kalee, tiruu fi seelii dhiigaa akka sirriti hojjachaa jiraachuu of laaluu qabnaa.

5. Qorichii Ampicillin miidhaalee(side effects) akkamii fiduu danda'aa
♦️Sababaa miidhaa(side effects) qoricha kanaatiin qaama kenya irrati mallatoolee mul'achuu danda'an muraasa........
*Dhukkubbii garaachaa cimaa(severe stomach pain).
*Garaa yaasaa bishaan ykn dhiiga of keessaa qabu yaasuu.
*Afaan keessaan madaa'uu(ulcer mouth).
*Rakkoo gogaa (skin rash) fiduu.
*Hoo'a qaamaa dabaluu (fever).
*Dhukkubbii cabsannaalee qaamaa(joint pain).
*Miilaa fi harkii qabbanaa'uu.
*Hafuurri ciccituu (shortness of breath).
*Haqqisuu (vomiting).
*Lolloocuu (nasea).
*Arrabni gurraacha'ee dhiita'uu,fi kkf mul'achuu ni danda'aa yeroo mallatoolee kanneen ofirrati arginee qoricha kana yeruma san fayyadamuu dhaabnee gara mana yaalaa deemuu qabna.

Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.
C.pharmacist. Rayid jibril.

QUUNCA'UU/MADAA'UU QAAMA SAALAA - Ge***al Ulcer Syndrome******************************************Qaamni saalaa dhiiraa ...
16/08/2025

QUUNCA'UU/MADAA'UU QAAMA SAALAA - Ge***al Ulcer Syndrome
******************************************
Qaamni saalaa dhiiraa ykn kan dubaraa sababa baakteeriyoota (akka Treponema pallidum, Heamophilus ducreyia, Chlamydia trachomatis, Klebsiella granulomatis ) ykn Vaayirasii [Herpes simplex virus(HSV-1 fi HSV-2)] jedhaman kan wolqunnamtii saalaatiin daddarbaniin quunca'uu ykn madaa'uu danda'a. Quunca'uun qaama saalaa kun ammoo sababa garagaraatiin carraa Vaayirasiin HIV nama isa qabuu irraa gara nama isa hin qabnetti daddarbuu dachaa shanii hanga saddeetii dabaluu akka danda'u qorannooleen hedduu ni addeessu. Sababoota carraa daddarbuu kana dabalan keessaa:
- Quunca'uun qaama saalaa carraa vaayirasiin HIV madaa saniin seenuu dabala
- Baakteeriyaa ykn vaayirasii madaa ykn quunca'uu san fide ittisuuf sirni ittisa qaamaa waan seelii dhiiga adii achitti bobbasuuf HIV-in seelii dhiiga adii haala salphaa ta'een achitti argachuun gara qaamaa seenuu danda'u
- Akkasumas nama Vayirasicha wojjiin jiratu irratti naannoo madaa sanitti vaayirasichi laakkofsaan waan heddummaatee argamuuf carraa nama kaanatti daddarbuu olkaasa.
---
Maal haa goonu?
* Iftoominnaan rakkinna jiru ogeessa yaalaatti himachuun yaala argachuu.
* Dhukkubni kun saal-qunnamtiin waan daddarbuuf hiriyyaa dhiiraa ykn dubaraa keenyas qorachiisuufi yaalachisuu. Yeroo tokko tokko isaan keessaa tokko baakteriyicha ykn vaayirasicha madaa qaama saalaa fidu qabaatee mallattoo dhukkubichaa mul'isuu dhabuun isa kaanitti daddabarsaa jiraachaa waan jiruuf isaan lachuu yaalamuu qabu jechuudha.
* Wolqunnamtii saalaa of eggannoon xiqqaate gochuu dhabuu.
* Hanga madaan fayyuuf wolqunnamtii saalaa dhaabuu/dhiisuu.
* Koondomii fayyadamuu.
* Ogeessa yaalaa wojjiin mari'achuun qorannoo HIV gochuu.
* Jijjirraa amalaa barbaachisoo ta'an kan carraa dhukkuba saalqunnamtiin daddarban guddisan irraa fagaachuu (fkn hiriyyaa saalqunnamtii heddu yoo qabaanne kana dhiisuu).
---
* Xaxaa yaalamuu dhabuu irraa dhufan keessaa tokko madaan kun namatti deddebi'uu, yeroo tokko tokko ammoo madaan sun haalaan guddachaa deemuun hanga qaamni saalaa sun nama irraa cituu fi akkasumas turtii yeroo dheeraan booda qaamota akka sammuu, manjalloo fi narvii ijaa irrattis rakkoo fiduu danda'a.
---
Hub: Suuraa iddoo 'comment' jalqaba irraa ilaluu dandeessu
---
Fayyaa ta'aa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

Turtii walqunnaamtii saalaa dheeressuu:👉 https://t.me/hgfcmnetxoWalqunnaamtiin saalaa gaa’ela keessatti ga’ee ol’aanaa q...
15/08/2025

Turtii walqunnaamtii saalaa dheeressuu:
👉 https://t.me/hgfcmnetxo

Walqunnaamtiin saalaa gaa’ela keessatti ga’ee ol’aanaa qaba. Dhiironni turtii walqunnaamtii saalaa akkamiin dheeressuu danda’uu?

1. Afuura dheeraa (deap breath ) fudhachuu. Yoo xixiqqeessanii afuura baafatan gara dafanii sanyii kormaa dhangalaasuutti geessa.
2. Yoo qunnaamtii saalaa godhan yoo miirri olka’ee sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu bakka qaamni saalaa dhiiraa (p***s) qaamarraa itti ka’u jalaaan jabeessanii gadi qabuu (Squeezing) akka dafee hin dhangalaane gargaara. Kanas qofaa ofii shaakaluun gaariidha.
3. Qofaatti shaakaluu. Kun mala tuttuquu (ma********on) fayyadamuun yoo sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu gidduutti dhaabuudha. Ammas irra deddeebi’anii hojjachuudhaan of shaakalsiisuudha. Yoo kana godhan yoo qaamaan haadha manaa yokaan jaalallee isaanii bira deeman illee qabachuu danda’an.

4. Yoo qunnaamtii saalaa goodhamu guutummaa guutuutti yaada keenya qaama saalaa keenyarra kaa’uu dhiifnee bakka biraa yaadaa raawwachuun hedduu gargaara.
5. Jarjaruu fi ariifannaa, sodaa fi miirota kana fakkaatan haga dandeenye ofirraa fageessuu qabna.
6. Namootni walqunnaamtii saalaa yeroo dheeraaf hin godhiin yoo turan waan kun akka mudatu ni taasisa. Akkuma deddeebineen raawwanneen garuu fooyya’aa deema.
7. Yoo qunnaamtii saalaa goonu akkuma miirri olka’aa deemee gara dhangala’uutti dhiyaateen sochii gadi xiqqeessuudha. Yoo garmalee sosocho’an dafee akka dhangala’u waan taasisuuf.

Gaaffii kana bara darbe gaafadhee nama 200 keessaa nama 51 qofaatu argate.Baay'ee salphaadha garuu namni heedduun herreg...
14/08/2025

Gaaffii kana bara darbe gaafadhee nama 200 keessaa nama 51 qofaatu argate.
Baay'ee salphaadha garuu namni heedduun herrega kutaa 7 gaditti barate dagateera.
Hundaafuu mee yaalaa ammas.
Namichatu Suuqii deemee aabbaa suuqii jalaa Qarshii 200 hate.
Deebisee suuqiima sanaa Qr 200 itti kennee meeshaa Qr 150 fudhate. Abbaan suuqiis meeshaa kenneefii kan irraa hafe deebbii namichaa Qr 50 deebiseef.

Abbaan suuqii qarshii meeqa Kasaare?
Deebii liinkii kana tuquun deebisaa, badhaasa qabdu...💯

Barumsa Fayyaa follow Like Fi share walif godha
10/08/2025

Barumsa Fayyaa
follow Like Fi share walif godha

Kiniiniin Postpill ( Ulfa ittisuu) irra deddeebiin yoo fudhatame ulfi gadameessaa ala ta'e uumamuu akka danda'u himamee....
10/08/2025

Kiniiniin Postpill ( Ulfa ittisuu) irra deddeebiin yoo fudhatame ulfi gadameessaa ala ta'e uumamuu akka danda'u himamee.

Namoonni hedduun qoricha Postpill yeero Walqunnamtii sala tasa rawwatan Booda guyyaa guyyaan fudhachaa akka jiran himamaa.

Ityoophiyaa keessatti dargaggoonni hedduun yeroo ammaa kana qoricha ulfa ittisuu hatattamaatiif oolu kan ganama boodaa mala hin malle fayyadamaa akka jiran gabaafameera.

Kiniiniin kun ulfa ittisuu hatattamaatiif kan oolu ta’us, lakkoofsi dargaggoota yeroo yeroon fi wal irraa hin cinne fudhatan xiqqaa waan hin taaneef miidhaa cimaa fiduu akka danda’u

Qorichi kun irra deddeebiin yoo fudhatame ulfa gadameessaan alaa fiduu akka danda'u ibsuun, walitti dhufeenya yeroo dheeraa keessatti fayyadama kondomii dhaabuunis ulfa malee dhukkuboota adda addaatiif akka saaxilamtu taasisa jedhameera.

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Facebook- Dr.Chala

09/08/2025

Gaaffii
1 yeroo dheeraadhaaf karoora maatii bifa lilmoon kennamuu fudhachuun koo maseenummaa naa fiduu ni dandayaa?

Deebisaa
(diipoon) karoora maatiif jecha garagarummaa ji'aa sadii sadihitti kan diratamuu yoo ta’uu lilmeen tunis maseenummaaf nama hin saxiltuu. Haa ta’u malee garuu akka ragaaleen adda addaa ibsutti erga lilmee dhuma diraattanii (waraanaatanii) booda yoo xiqatee ulfaa’uuf( gara hormaata deebi’uuf) haadholiin gara parsantii 68% tahan ji'aa 14 yookaan giddugalleessan gara waggaa tokkoo itti fudhachuu ni danda’a.

Page Barumsa Fayyaa kana follow godha waa’ee fayyaa irraa baradhaa hiriyoota keessanifis share godha. Galatoma dubbisa gaarii.

17/10/2024
17/10/2024

Garaa ciniinnaa daa'immanii! (Infantile colic, baby colic)

Daa'imman guyyaatti hanga sa'aatii 2 boohuu ni malu. Kuni nagaadha. Daa'imman guyyaa tokkotti osoo adda hin muriin sa'aatii 3 ol yoo boohan Cininnaa garaa kan agarsiisu taha. Innis akka tasaa (suddenly) kan eegaluu fi yeroo hedduu halkan baayyata. Yeroo hedduu dhalatanii baatii 1 irraa eegaluun hanga baatii 4 turuu mala. Daa'imman muraasa irratti hanga baatii 6 turuu mala. Garuu ofumaan dhaabata.

Boohicha garaa ciniinnaa fi kan nagaa akkamiin adda baasnaa?

☆ol ka'uu sagalee
☆Sossobamanis (soothing) dafanii hin dhaaban
☆harka fi miila diriirsuun akkasumas dugda duubatti deebisuun hiixatanii boohu.

Yogguu sanatti maal gochuu qabnaree?

☆Hoosiftuu afaan kaahuun akka tasgabbaa'an gochuu
☆Irree ofii irratti baadhachuun ofitti qabuu
☆Duugdaan ciibsuun garaa isaanii suuta sukkuumuu
☆Bakka callisaa geessuu n sossobuu
☆Bishaan ho'aan qaama dhiquu
☆Uffata furdaan maruun ol fuudhanii sossobuu
☆Yoo sa'aatii lamaa ol tahee fi mallattoolee biraa qabaatan hakiima bira geessuun ilaalchiisudha.



Fayyaan daa'immaniif!

Dr. Sabona

Eban Speciality Center

Address

Oromia
Harer

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Barumsa Fayyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Barumsa Fayyaa:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram