03/05/2022
Peptic Ulcer Disease (PUD) __ Dhibee Garaachaa
Dhibeen kun naannoo kanatti "Gaastirik" , jedhaniin. Garuu hiikkaan kallattii afaan oromootti ulfaataa tahuus "Madaa'uu garaachaa" yo jenne wayya na fakkaaatta
MAALIRRAA NAMA QABA?
Garaachi keenya miidhaa walirraa hin cinne ; kan keessaa (HCl- asiidii cimaa garaacha keessa jiru, inzaaymoota nyaata
daakuuf gargaaran fi hadhooftuu/bile) fi
Wantoota alaa seenan ( baakteeriyaa, qorichoota adda addaa, dhugaatii alkoolii fi kkf) kan saaxilameedha.
Miidhaa kanneen hunda dandamachuuf uumamaan wantoonni gargaaran/Defence mechanism/ hedduutu jiru. Yeroo tokko
tokkoo haalonni kunniin sababa gara garaatiin garaacha keenya midhaa irraa ittisuu dadhabuun garaachi keenya
madaa'uu danda'a.
Madaa'uun/Ulcer kun yoo > 5mm caale "PUD" jedhama.
PUD - Maalirraa nama qaba?
1 .Baakteeriyaa - kan H.Pylori jedhamu
2 .Qorichoota dhukkubbii kennamanan kan NSAIDs jedhaman
(fkn Aspirin, diclofenac, ibuprofen, naproxen.......)
olitti ibsaman kun dhibee kana fiduudhaan wal duraa duubaan sadarkaa duraarratti argamu.
Sababoota biroo kan PUD fiduu danda'an
3 COPD/rakkoo sirna hargansuu
4 CKD/rakkoo kalee
5 Sigaaraa aarsuu.
6 Umriin dabaluu
7 CHD/rakkoo onnee
8 Alcohol dhuguu
9 Obesity
10 Dhukkuba sukkaraa
11 Gosa dhiigaa/Blood group O.......Kkf
nyaataa ifiin dhibee kana fiduu hin jiru. Garuu, nyaanni mi'eessittuun itti baayyate, dhugaatiin lallaafaan, bunnii..kkf;
Asiidii dabaluun, nama dhibee kana qabutti dhukkubbii dhageessisuu malu.
dhibee kanaa - .....
》Nyaannii namarraa dalaguu diduu/dyspepsia
》Dhukkubbii garaa/gubaa garaa kan gara oliitti namatti dhagahamu fi nyaatanii ergaa turan fkn halkan erga rafan kan
namatti dhagahamu/hunger pain. Namni tokko tokkoo iddoo madaa'e irratti hundaa'uun yeroo nyaatan dhukkubbiin itti
dhagahamu mala.
namoota mallattoole kana qaban kan qorannaan Endoscopy godhamuuf kessaa kan paarsantii 30% hin geenyeetu PUD qaba. Warreen hafan " Functional Dyspepsia" ykh "Non Ulcer Dyspepsia (NUD)" kan qabaniidha. Inni kun maal irraa akka dhufu beekkamuu baatuus, dhiphachuun/depression/ fi rakkoon sammuu biroo, waliin walqabata.
H.pylori illeen sababa tahuu mala.
Yeroo tokko tokko dhibeen kun hammaachuun/complication/uumamuu danda'an: fkn
1 -DHIIGA ol dachaasuu/ haqqisiisuu
2 -Perforation/urachuu garaachaa-dhukubbii hamaan wal irraa hin cinne namatti dhagahama, batalumatti nama
galaafachuu kan dandahuu fii baqaqsanii yaaluu barbaada
3 -Gastric outlet obstruction - kun sababa irra deddeebi'ee madaa'uu fi scar/godaannisni uumamuun nyaanni akka
garaacha bira gad hin dabarre karaan cufamuu agarsiisa, yeroo kana nyaata hin daakamin ol nama deebisiisa. Kuniis
baqaqsanii yaaluu barbaada.
4 - kaansarii Garaachaa. ......Madaan garaachaa ykn H.pylori mataansaa kanaaf sababa tahuu danda'u.
Wallaansa PUD waliti deebin
hin dhabinaa
faaya