Chala yasin mumad

Chala yasin mumad Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Chala yasin mumad, AIDS Resource Center, Harar, Harer.

‎Hubannoo Digital Marketing — Afaan Oromootiin‎‎Digital Marketing maali?‎‎Mee jalqaba jechoota lama kana addaan baafneet...
31/10/2025

‎Hubannoo Digital Marketing — Afaan Oromootiin

‎Digital Marketing maali?

‎Mee jalqaba jechoota lama kana addaan baafneetuma haa ilaallu:

‎Digital fi Marketing

‎"Digital” jechuun maal jechuudha?

‎“Digital” kan jennuun wantoota harkaan hin tuqamne, kan teknoolojii elektirooniksii irratti hundaa’an jechuudha.

‎Fakkeenyaaf:
‎Wantoota “screen” irratti ilaallu kanneen akka:
‎- Aappii
‎- Website
‎- Miidiyaa hawaasaa (YouTube, Facebook, Telegram, TikTok)

‎Barreeffama, suuraa fi viidiyoo... kan screen irratti arginu hundi dijitaalaa jedhama.


‎“Marketing” jechuun hoo?

‎Jechi “Marketing” jedhu hundeen isaa “Market” dha.

‎“Market” jechuun gabaadha.

‎Kanaaf, Marketing jechuun oomisha ykn tajaajila tokko gabatti beeksisuu, dhiheessuu fi gurguruu irratti xiyyeeffata.


‎Digital Marketing jechuun maal jechuudharee?

‎Erga jechoota lamaan kana (Digital fi Marketing) adda baafnee hubannee,

‎Digital Marketing jechuun oomisha ykn tajaajila tokko karaa teknoolojii dijitaalaa (elektroniksii) beeksisuu fi gurguruudha.

‎Kunis qaamaan osoo hin taane, karaa:
‎- Facebook
‎- YouTube
‎- Google
‎- Telegram
‎- Email
‎- Website
‎fi kkf irratti raawwatama.

‎Wanti hubatamuu qabu:

‎👉 Digital Marketing jechuun miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuu qofa miti.
‎Marketing tarsiimoo bal’aa of keessaa qaba.

‎Namoonni hedduun “Marketing” yoo jedhan, “Advertising” ykn “Promotion” qofa jedhanii yaadu. Garuu, Marketing jechuun hojii tarsiimoo bal’aa kan ta’e, kan oomisha tokko gara maamila barbaadutti geessu irratti hundaa’eedha.

‎Hojiiwwan Marketing keessatti mul’atan muraasa:

‎1. Market Research – Eenyu akka tajaajila keenya barbaadu qorachuu

‎2. Branding – Maqaa fi fakkaattii dhaabbatichaa uumuu

‎3. Pricing – Gatii murteessuu

‎4. Distribution (Place) – Bakka barbaadamutti geessuu

‎5. Customer Experience – Fedhii maamila beekuu fi fooyyessuu

‎Isaan kunneen hundi hojii Marketing keessaa isa ijoodha.




24/10/2025

Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa qormaanni biyyaalessaa 12ffaa bara kanaa waan irratti xiyyeeffatu ibseera.
Barattoonni maloota ittiin qormaataf qophaa'uu qaban ilaalchisee qabxiilee ijoo qorannoon deeggarame kanneen beektuu?
👉🏾👉🏾 https://bbc.in/3L4YQn5

23/10/2025

Yoo Gammaduu Barbaadde:
**********************************************
1. Rabbi, namaafii mataa keetis galaatoomfadhu:
Waan Rabbiifii namni siif godhe, waan ati hojjattes waan si gammachiisu yaadadhu. Ofis namaafii Rabbis galatoomfatuun sammuu tee gara toltuu yaadutti geessa. Kun ammoo madda gammachuuti.

2. Yaada abdachiisaa/abdii gaarii qabaadhu (Optimism):
Rakkoo gara carratti jijjiiri. Yaada abdachiisaa qabaachuun obsaa fi hawwii gaarii siif kenna.

3. Garaa ofii laafi/rahmata ofii godhi:
Garaa ofii laafun/rahmata ofii godhuun yeroo dogoggortetti ofitti si araarsa. Kun gadduu, cinqamuufii of komachuu hir’isa, tasgabbiis siif kenna. Namni gammaduuf matuma isaa waliin nagaya ta'uu qaba. Namni ofii wajji wal dhabe, of dhaba, gammachuu dhaba.

4. Ofitti amanamummaa qabaadhu:
“Yoon carraaqe/laffa'e non fooyyessa” jedhii amani. Kun fedhii kaka’umsa sitti horee milkaa’ina siif dhugoomsa.

5. Waan harkaa qabdurratti xiyyeeffadhu.
Waan yeroo ammaa godhuu dandeessu irratti xiyyeeffadhu. Waan dhabdeefii si harkaa bahe dhiisi. Kun sodaafii yaaddoo hir’isa, gammachuu dabala.

6. Kaayyoo qabaadhu:
Waan gootu kaayyoo cimaa waliin walitti hidhi. Kaayyoon jireenya keetitti kallattii godha, galma siif kaaya kun ammoo hamileen hojjattee akka milkooytuf karaa saaqa. Waan itti laffa'an argachuun ammoo madda gammachuuti. Jireenyi kaayyoo malee hiikan qabu!

7. Waan hin dandeenye itti of hin cinqin:
Waan hin jijjiiruu hin dandeenye ofirraa dhiisi. Kun dhiphina hir’isa, sammuu bilisa taasisa. Fayyaa qaamaafii sammuu eegun gammachuu siif kenna.

8. Nama hin miidhin/hammeenya dhiisi:
Nama miidhuu, jibbuu, qeequu fkkf irraa of qusadhu. Jireenya namaa dhiisi jireenya keetirratti xiyyeeffadhu. Nama si miidhellee dhiifaman bira dabri. Maalif yoo jette, miidhan inni si miidhe of duuba hin deebitu, isa miidhuf yeroofii qabeenyi ati baaftu ammas miidhaa biraa sitti dabaluun aarafii dhiphina biraa siif dabalanii gammachurraa si fageessu.

9. Rakkataa gargaari:
Namoota gargaaruuf yaaduun gammachuu siif kenna, jalalaafii walitti dhufeenya cimsa. Namni akka gaarii siif yaadufii hawwu godha. Kun ammoo gammachuu siif kennee gufuulee milkaa’ina sirraa xiqqeessa.

10. Sammuun tee akka harka kennitu hin godhin.
Waan dandeessurratti xiyyeeffadhu, of hin daangessin. Arra dadhabus borun bira gaha jedhii tattaaffadhu. Gonkumaa dadhabe jettee hin dhiisin. Kun rakkoo moo'attee galma akka gahuu dandeessu siif mirkaneessee, gammachuu siif kenna.
**********************************************
Gammachuun madda fayyaafii milkaa’inaati. Fayyaan dhabinaa! Fayyaa dahaa!
©️ Dr. Hamza Jemal

09/05/2024

Jummaa mubaarak .

09/05/2024
Vocation time ...........
09/05/2024

Vocation time ...........

Address

Harar
Harer

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Chala yasin mumad posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram