Dr. Galataa, DVM

Dr. Galataa, DVM Gorsa Ogeessaa, Milkaa'ina Horsiisaa! Horsiisa milkaa'aaf, fayyummaan Beeyiladaa utubaadha!

CBPP: DHUKKUBA SOMBAA SODAACHISAA FI BEEKAMAA LOON BIYYA KEENYAA (CONTAGIOUS BOVINE PLEUROPNEUMONIA - CBPP)Dhukkubni kun...
09/04/2026

CBPP: DHUKKUBA SOMBAA SODAACHISAA FI BEEKAMAA LOON BIYYA KEENYAA (CONTAGIOUS BOVINE PLEUROPNEUMONIA - CBPP)

Dhukkubni kun baay’inaan somba fi haguuggaa sombaa (pleura) miidhuun beekama. Itiyoophiyaa keessatti dhukkubni kun qabeenya loonii irratti miidhaa dinagdee guddaa geessisaa jira.
Dhibeen CBPP (Contagious Bovine Pleuropneumonia) ykn akka naannoo tokko tokkotti dhukkuba michii sombaa jedhamee kan beekamu, dhibee sombaa loonii kan vaayirasii osoo hin taane baakteriyaa Mycoplasma mycoides jedhamuun dhufuudha.

Dhukkubni CBPP Afrikaa keessatti dhibee loonii lakkoofsa tokkoffaa irra jiru kan "PLEURISY" fidu jedhamuun beekama. Pleurisy jechuun jecha ‘pleura’ jedhu haguuggee sombaa kan tahe irraa kan fudhatame yoo tahu, dhibee CBPP keessatti sombi qoma keessatti iita'uun dhangala'aa kuusuun hargansuu dhowwuu isaa agarsiisa. Haguuggeen sombaa (pleura) kun membireenii haphii somba haguugee fi qoma keessatti akka sombi salphaatti socho'u godhudha.

🫟. MADDA DHUKKUBICHAA
Dhukkubni kun baakteriyaa baay’ee xiqqaa (cell wall hin qabne) Mycoplasma mycoides subsp. mycoides SC (Small Colony) jedhamuun dhufa.
▪️Amala: Baakteriyaan kun qaama beeyladaan alatti yeroo dheeraa hin turu sa'aatii muraasaaf malee; aduu, ho’aa fi qoriicha qulqullinaatiin (disinfectant) dafee ajjeefama.
▪️Garaagarummaa: Loon qofa qaba; gara beeyladoota birootti (hoolaa, reettii) hin darbu.

⁉️. FACAA'IINSA DHUKKUBICHAA
Beeyladoota Qabaman: Loon, Buffalo ykn horii bosonaa miidhuudhaan beekama.
✅️Madda Infeekshinii: Maddi guddaan dhibichaa Loon tokko tokko erga dhukkubicharraa fayyaniis, baakteericha somba isaanii keessatti dhoksanii baatu (Carriers/Sequestra). Kuni immoo yeroo loon sun dadhaban ykn fageenya deeman deebi’ee itti ka'uun kaanitti daddabarsa. Beeyladni akkasii waggoota hanga 3f baakteriyicha facaasuu danda'u.
✅️Akka itti daddarbu: Karaa kallattiin (Direct contact) walitti dhufeenya beeylada fayyaa fi dhukkubsataa jiruun tamsa’a. Karaa Hargansuutiinis (inhalation) ni daddarba.
✅️Miidhaa Diinagdee:
▪️Du’a beeyladaa.
▪️Omisha aannanii gadi buusuu.
▪️Humna qonnaa hir’isuu.
▪️Gabaa biyya alaa cufuu (Export ban).

⁉️. WANTOOTA DHUKKUBICHA HAMMEESSAN
⚡️Sochii Beeyladaa: Loon gabaa ykn dheedichaf fageenya dheeraa sochoosuu.
⚡️Dhiphina (Stress): Keessattuu yeroo hongee fi godaansa dheeraa.
⚡️Kunuunsa: Beeylada baay’ee bakka tokkotti walitti qabanii bulchuu.
⚡️Ittisa Daangaa: Daangaa irratti to’annoo beeyladaa laafaa ta’e.

🔬. MALLATTOOLEE DHUKKUBICHAA🔎
📌Haala Hammaataa (Acute form):
☑️Oowwa qaamaa garmalee ol ka'e (fever).
☑️Beeyladni harganuu dadhabuu, hafuurri itti cicituu (difficulty breathing).
☑️Qufaa gogaa fi dhukkubbii qabu (painful dry coughing).
☑️Iita mormaa fi qoma irratti mul’atu.
☑️Beeyladni akka hargansuu salphifattuuf morma dheeressuu, miila lamaan isa duraa gara alaatti fageessuun dhaabbachuu.
📌Haala turaa (Chronic):
☑️Qufaa yeroo yeroon ka’u.
☑️Beeyladni guddina dhabaa deemuu (unthriftiness).
☑️Beeyladoonni kun "Sequestrum" somba keessatti qabu; yeroo beeyladni dhiphattu dhibichi deebi’ee ka’a.

⁉️. DHUKKUBOOTA ITTIIN WAL-FAKKAATAN🤔
▪️Hemorrhagic Septicemia
▪️Bovine Pasteurellosis
▪️Tuberculosis (TB)
▪️Pneumonic viruses

⁉️. YAALAA💉⚕️
Dhukkuba kanaaf yaalli guutummaatti dhibee balleessu hin jiru.
💉Baakteeriyaan CBPP qorichoota akka Tylosin fi Oxytetracycline jedhamaniin yaalamuu danda'a. Garuu, yaalli kun loon sun akka hin duune gargaaruu danda'a malee, baakteericha guutummaatti qaama keessaa hin balleessu. Loon sun "Carrier" ta'anii hafuu danda'u.
💉Qoriichonni akka Tilmicosin fi Danafloxacin mallattoolee hir’isuu danda’anillee, akkuma jenne beeyladni qabame baattoo baakteriyichaa tahee hafa jechuu.

🛡. ITTISA FI TO’ANNOO 🔱
Ittisni CBPP dhimma dhuunfaa qofa osoo hin taane dhimma mootummaati:
📍Talaallii (💉Vaccination): Karaan inni duraa fi ijoon talaallii dhaabbataa waggaa waggaan kennamuudha (T1/44 ykn T1-SR).
Biosecurity: Loon haaraa bitaman adda baasanii (Quarantine) tursiisuu.
📍Sochii Daangeessu: Yeroo dhukkubni kun mul'atutti loon gara gabaatti geessuu fi dheedumsa waloo irraa ittisuu.
📞Gabaasuu: Akka ogeessi beeyladaa dhufee tarkaanfii qajeelaa fudhatuuf horsiise bulaan mallattoo dhibichaa yoo argu hatattamaan gabaasuu qaba.
📍Qaluu (Slaughter policy): Beeylada dhukkubsate qaluun kanneen hafan talaaluu.

⚠️ Xumura Irratti❗️
Dhukkubni Somba Loonii hiyyummaa horsiise bulaa irratti kan fe’udha. Ogeessonni beeyladaa fi horsiise bulaan harka wal-qabatanii talaallii fi hordoffii gochuun dirqama.
Beeylada haaraa bitattan kamiyyuu loon keessanitti makuun dura guyyoota 30f adda baasaa hordofaa.

✍️ Dr. Galataa, DVM
Ogeessa Fayyaa Beeyladaa

Yaadaa fi Odeeffannoo dabalataaf
Call 📞: 092 185 9393

TG channels:
Https://t.me/drgalataa
Https://t.me/DrofVetMed

WhatsApp group:
https://chat.whatsapp.com/KDj3cL5rWc7IdaKYsIJ3pl?mode=gi_t

DHUKKUBA SIRGOO (COENUROSIS / GID DISEASE)Dhukkubni sirgoo (Coenurosis) dhukkuba sammuu re'ee fi hoolaa miidhu yoo ta'u,...
07/04/2026

DHUKKUBA SIRGOO (COENUROSIS / GID DISEASE)

Dhukkubni sirgoo (Coenurosis) dhukkuba sammuu re'ee fi hoolaa miidhu yoo ta'u, sababa maxxantuu (parasite) cyst keessatti uumamuun kan dhufu dha. Dhukkubni kun dhimma fayyaa beeyladaa qofa osoo hin taane, fayyaa hawaasaa (Zoonotic) waliinis wal qabata.

🫟 KA'UMSA DHUKKUBICHAA
Dhukkubni kun jiisaa (larva) maxxantuu raammoo minnii Taenia multiceps jedhamuun dhufa. Rammoon kun guddatee hoolaa ykn re'ee keessatti bifa cyst (cyst) bishaanii fakkatuun sammuu keessatti uumama. cyst n kun Coenurus cerebralis jedhama.

❇️TAMSA'A FI FACAA'IINSA DHUKKUBICHAA
✅ ️Baattoo dhibee Murteessaa (Definitive Host): Sareewan, weennii fi fangoon raammoo kana garaa keessaa qabu. Isaan kallaattiin itti fayyadamu.
✅ ️Baattoon Giddu-galaa dhibichaa (Intermediate Host): Hoolaa, ree'ee, gaala fi yeroo tokko tokko nama.
✅️ Akkaataa Tamsa'aa: Sareen yeroo albaatu hanqaaquu maxxantichaa marga irratti dhangalaasti. Beeyladni yeroo marga dheedan hanqaaquu kana sooratu. Hanqaaquun sun garaa keessatti ba'ee, dhiigaan gara sammuu deema.

⁉️SABABOOTA SAAXILAMUMMAA (Risk Factors)
▪️Sareewan mana keessaa qajeeltoo dawaa maxxantuu hin fudhatin.
▪️Beeylada dhukkuba kanaan du'an sareef laachuu (foon ykn mataa isaanii).
▪️Lafa dheedummaa beeyladaa fi sareen bakka tokkotti walitti makaman.
▪️Sareewan bosonaa naannoo dheedummaa jiraachuu.

🔎MALLATTOOLEE DHUKKUBICHAA
Mallattoon dhukkubichaa bakka cyst'n sun sammuu keessa jiru irratti hundaa’a:
🔷️Naanna'uu (Circling): Suuta jedhanii gara cyst n jiruutti naanna'uu.
🔷️Jaamummaa (Unilateral Blindness): Ija gama tokkoo qofa jaamuu.
🔷️Mataa Jallisuu (Head Tilt): Mataa gara tokkotti qabuun deemuun ni mul'ata.
🔷️Lallaafina Lafee Mataa (Skull Softening): Re'ee xixiqqoo irratti lafeen mataa naannoo cyst n sun jiru ni lallaafa.
🔷️Amala Jijjiiruu: Of wallaalanii dhaabbachuu ykn mataa keenyanitti dhiibuu.
🔷️Dullummaa (Ataxia): Sirnaan deemuu dadhabuu fi kuffisuu.

🎯DHUKKUBOOTA WALIIN WAL-FAKKAATAN
Dhukkubni kun mallattoon isaa kanneen armaan gadii waliin wal fakkachuu danda'a:
▪️Listeriosis: Inni kun oowwa qaamaa (fever) qaba, sirgoon garuu oowwa qaamaa hin qabu.
▪️Polioencephalomalacia (PEM): Hir'ina vaayitaaminii B1.
▪️Brain Abscess: Madaa sammuu keessatti kuufamu.
▪️Otitis Interna: Infeekshinii gurra keessaa.

⚕️ YAALA (Treatments)
Baqaqsanii Yaaluu (Surgery): Yaalli bu'a-qabeessi cyst sana baqaqsanii baasuu dha (Ogeessa muuxannoo gahaa fi meeshaalee gahaa qabu qofaan raawwatama).
💉 Dawaa (Chemotherapy): Dawaaleen akka Praziquantel fi Albendazole hamma guddaan (high dose) yeroo dheeraaf kennaman cyst sana ajjeesuu danda'u, garuu bu'aan isaa dhibbeentaa dhibba miti.

🛡ITTISA FI TO'ANNOO 👋
Ittisni yaala irra baay'ee bu'aa qaba:
🔶 ️Dawaa Sareef Kennuu: Sareewan mana keessaa ji'a sadi sadiin dawaa Praziquantel kennuufii.
🔶 ️Mataa Beeyladaa Gatuu: Beeylada du'an ykn qalaman mataa isaanii sareef laachuu dhiisuu (Gubuu ykn boolla gad-fagoo keessatti awwaaluu).
🔶 ️Qulqullina Marga fi Bishaan: Hanqaaquu sareen dhangalaastu irraa marga eeguu.
🔶️ Saree Bosonaa To'achuu: Saree bosonaa naannoo beeyladaa irraa fageessuu.
🔶 ️Hubannoo Hawaasaa: Horsiisee bulaan akka foon mataa beeyladaa dhukkubbiin du'ee sareef hin laanne barsiisuu.

⚠️ Dhukkubni sirgoo (Coenurosis) cyst sammuu keessatti uumamu waan ta'ee fi cyst n sun bifa qola karkuroo qabuun lafee mataa keessatti waan guddatuuf, foon mataa beeylada dhukkubsatee sareef laachuun deebisanii dhukkuba kana naannoo ofiitti affeeruu dha. Of eeggannoo haa goonu!

✍️ Dr. Galataa, DVM

Yaadaa fi Odeeffannoo dabalataaf
Call 📞: 092 185 9393

TG channels:
Https://t.me/drgalataa
Https://t.me/DrofVetMed

WhatsApp group:
https://chat.whatsapp.com/KDj3cL5rWc7IdaKYsIJ3pl?mode=gi_t

GARAAGARUMMAA DHIBEE ABBAA-SANGAA (Anthrax) fi ABBAA-GORBAA (Blackleg) gidduu jiru haala salphaa ta'een yeroo ilaallu:Ab...
05/04/2026

GARAAGARUMMAA DHIBEE ABBAA-SANGAA (Anthrax) fi ABBAA-GORBAA (Blackleg) gidduu jiru haala salphaa ta'een yeroo ilaallu:

Abbaa-sangaa fi Abbaa-gorbaanis dhibeewwan waqtii roobaa keessa ka'uun beekamaniidha. Akkasumas isaan lachuu harka caalaatti dhukkuboota biyyeerraa ( soil-borne diseases) ka'uun beekamaniidha. Garuu dhibeewwan kun lamaan dhibee baakteriyaatiin dhufanii fi loon battalumaatti ajjeesuu kan danda'an ta'aniis, gosti baakteriyaa isaan fiduu, akkaataan itti dhufanii fi mallattooleen isaaniis garaagara.

🅰️Abbaa-sangaan (Anthrax):
Dhibee baakteriyaa Bacillus anthracis jedhamuun dhufu yoo ta'u, beeylada fedhe umrii fedhe irratti qabuu danda'a. Contagious dha moo miti kan jettuuf? Lakki, contagious miti. Sababniis dhukkubichi kun beeylada dhukkubsate irraa gara beeylada fayyaatti kallattiin hin daddarbu (animal-to-animal). Hata'u malee, beeyladni ispoorii (spores) baakteerichaa biyyeerraa, bishaanirraa ykn dheedumsa irraa argamuun qabamu. Garuu beeyladarraa gara namatti ni darba (zoonotic). Dhibeen kun dhiiga keessa faca'uun (septiceamic) loon akkuma qabeen battalumaan kan ajjeesu yoo tahu, mallattoon isaa inni guddaan dhiiga gurraacha/qaqaa hin ititne (unclotted blood) funyaan, afaan fi qaawa sagaraa beeyladichaa irraa yaasuudhaan beekama. Beeyladaa dhibee kanaan du'e gonkumaa baqaqsanii (necropsy) laaluun dhorkaa dha; sababni isaas baakteriyaan kun yoo qilleensa argate killee (spores) waggaa 40 ol dachee keessa turuu danda'u uummata. Beeylada dhibichi irratti shakkameef qoricha Penicillin ykn Oxytetracycline doozii guddaan Ogeessan kennuun ni danda'ama. Waggaatti al-tokko naannoo dhibichi jirutti beeylada hunda tallaallii (Sterne strain vaccine) kennisiisuu.

🅱️Abbaa-Gorbaan (Black Quarter):
Immoo dhibee baakteriyaa Clostridium chauvoei jedhamuun kan dhufu yoo tahu, yeroo baay'ee loon umrii waggaa walakkaa hanga waggaa lamaa gidduu jiran miidha. Akkuma abbaa-sangaatti infectious dha; beeyladarraa beeylada biraattis kallattiin hin daddarbu. Dhibeen kun akka Abba-Sangaatti dhiiga yaasuu irratti osoo hin taane, maashaalee qaamaa gurguddaa (sarbaa, gateettii fi morma) irratti xiyyeeffata. Mallattoon isaa inni guddaan naafachuu (lameness) fi iddoo maashaa iita'e sana harka keenyaan yoo dhiibnu sagalee "qaj-qaj" jedhu (crepitus) dhageessisuudha; kunis gaazii baakteriyaan sun maashaa keessatti uumuun kan dhufuu dha. Yoo maashaan dhukkubsate kun baqaaqfame, halluun isaa gurraacha’ee foolii akka dhadhaa raamma’ee (rancid butter) qabaata. Talaallii (Vaccination): Waggaatti al-tokko beeyladoota umrii ji'a 3 ol jiran hunda talaalchiisuun dirqama. Looniif 2ml (S/C), Hoolaa fi Re'eef 0.5ml (S/C).

​Fayyaan beeyiladaa, bu'ura dinagdee horsiiseen bulaati!

✍️ Dr. Galataa, DVM

Yaadaa fi Odeeffannoo dabalataaf
Call 📞: 092 185 9393

TG channels:
Https://t.me/drgalataa
Https://t.me/DrofVetMed

WhatsApp group:
https://chat.whatsapp.com/KDj3cL5rWc7IdaKYsIJ3pl?mode=gi_t

DHUKKUBA BUSAA RE'EE  (CONTAGIOUS CAPRINE PLEUROPNEUMONIA - CCPP)Dhukkubni CCPP dhukkuboota sombaa re'ee keessatti baay'...
04/04/2026

DHUKKUBA BUSAA RE'EE (CONTAGIOUS CAPRINE PLEUROPNEUMONIA - CCPP)

Dhukkubni CCPP dhukkuboota sombaa re'ee keessatti baay'ee hamoo fi daddarboo ta'an keessaa isa tokkodha. Dhukkubni kun baay'ee ariifataa (acute) waan ta'eef yeroo gabaabaa keessatti re'ee baay'ee fixuu danda'a. dhukkubni kun dhukkuba re'ee manaa qofa osoo hin taane gosoota sanyii re'ee bosonaa hundaati kuruphoo, niyaalaa, fi kkf hunda qabuus danda'a.

‼️. KA'UMSA DHUKKUBICHAA (ETIOLOGY)
Dhukkubni kun orgaanizimii maayikoopilaazmaa (Mycoplasma) jedhamuun dhufa. Innis gosa Mycoplasma capricolum subsp. capripneumoniae jedhamuun kan fiduudha.
◼️Amala Isaa: Orgaanizimiin kun ala ykn qaama beeyladaa malee yeroo dheeraaf jiraachuu hin danda'u. Kanaafuu, daddarbiinsa isaa keessatti beeylada dhukkubsatutu gahee guddaa taphata.

🔆. TATAMSA'INAA FI FACAA'IINSA DHIBEE
✅ ️Bakka Itti Mul'atu: Dhukkubni kun addunyaa irratti biyyoota 38 ol keessatti kan gabaafame yoo ta'u, keessattuu Afrikaa fi Eshiyaa keessatti baay'inaan mul'ata.
✅ ️Miidhaa Isaa: Dhukkubni kun re'ee keessatti hamma 100% qabachuu (morbidity) danda'a. Re'oota dhukkubichaan qabaman keessaa parsantaa 60% hanga 100% kan ta'an du'uu danda'u (mortality).
✅️ Akkaataa Itti Daddarbu: Dhukkubni kun karaa qilleensaa (inhalation) daddarba. Re'een fayyaan takka qilleensa re'ee dhukkubsatte irraa bahu harganuun qabamti. Beeylada dhukkubicha baatu (carrier) gara kutaatti galchuun madda daddabarsuu jalqabaati.

🔎. MALLATTOOLEE DHUKKUBICHAA
Mallattoon dhukkubichaa irra caalaan sirna hargansuu irratti xiyyeeffata:
🔶️ Qufaa hamaa fi harganuun itti ulfaachuu (dyspnea).
🔶 ️Gubaa qaamaa (fever) cimaa.
🔶 ️Beeyladni qabame qufaan waan itti jabaatuuf deemuu dadhabuu, ciisuu baay'isuu fi kophaa bahee dhaabbachuu filata.
🔺️ Sadarkaa dhumaa irratti:
Afaan bananii harganuu, arraba gadi baasuu, fi hoomacha afaaniin baasu jalqabu.
Beeyladni mallattoon kun irratti mul'ate guyyoota muraasa keessatti du'uu.

⚕️. WAL'AANSA
Milkaa'insi yaala dhibee kanaa yeroo dhibichi irratti argame irratti hundaa’a. Carraan fayyuu Re'ee sanii gadi bu'aa (poor prognosis) yoo tahe yaala kennuufin qisaasama qorichaa taha. Kanaaf hordoffii sirrii taasisuun carraa beeylada bararuuf murteessaadha. Qorichoonni
💉 Tylosin tartrate ykn Oxytetracycline fayyadamun wal'aanuun bu'aa qaba.
⚠️Hubachiisa: Beeyladoonni wal'aanaman mallattoon irraa badus, garuu dhukkubicha baachuu (carriers) waan danda'aniif madda tatamsa'inaa ta'u. Kanaaf tarkaanfii sirrii fudhachuu qabdu warra fayyaa eeguuf.

🛡. ITTISA FI TO'ANNOO
🔷️Bio-security: Beeyladoota haaraa bitaman kamiyyuu gara tuuta beeyladaa duraanitti galchuun dura guyyoota 21-30f addaan baasanii (quarantine) eeguun gaarii taha.
🔷️Talaallii: Talaalliin 'Inactivated Mycoplasma F38' jedhamu dhukkubicha ittisuuf baay'ee gargaara.
⚠️Hub: Humna ittisa qaamaa (immunity) yeroo gabaabaaf waan kennuuf waggaa waggaan irra deebi'amee kennamuu qaba.

✍️ Dr. Galataa, DVM

Odeeffannoo dabalataaf
Call 📞: 092 185 9393

TG channels:
Https://t.me/drgalataa
Https://t.me/DrofVetMed

WhatsApp group:
https://chat.whatsapp.com/KDj3cL5rWc7IdaKYsIJ3pl?mode=gi_t

RAKKOO DHIBEE RAAMMOO TIRUU (FASCIOLIOSIS) FI TOOFTAA ITTISAADHUKKUBOOTA YEROO ROOBAA PART 4Waqtiin roobaa bakkeewwan ci...
02/04/2026

RAKKOO DHIBEE RAAMMOO TIRUU (FASCIOLIOSIS) FI TOOFTAA ITTISAA

DHUKKUBOOTA YEROO ROOBAA PART 4

Waqtiin roobaa bakkeewwan ciisicha bishaanii fi dhoqqee uumuun, Cilaalluun (Snail) bakkeewwan kanatti baay'inaan akka argamuu godha. Marga jiidhaa caffee keessaa irratti maxxanuun ykn rarra'uun jiraatu. Horii, hoolaa fi re'een marga cilaalluun irra jirtu dheedun waliin liqimsuu ykn basheeysuun marga waliin nyaatu kallattii kanaan beeyladni dhibee kanaan qabama.

❓️ ETIOLOGY (MADDA DHIBICHAA)
Dhibee kana kan fidu raammoo baxxee (flatworm) sanyii Fasciola jedhamuun beekamuudha. Sanyiwwan gurguddoon beekaman:
Fasciola hepatica: Naannoowwan qabbanaawaa fi ol-ka'insa qaban irratti mul'ata. Kana jechuun naannoo lafa baddaatti haalan mul'ata jechuudha.
Fasciola gigantica: Naannoo ho'aa fi bishaan jiruutti baay'ata. Lafa bishaan caffee ykn marga caffee keessaatti mul'achuun beekama. Naannoo badda-dareettis argamuun ni beekama.

◼️ EPIDEMIOLOGY (FACA'IINSA DHIBICHAA)
Dhibeen kun naannoo bishaan ciisu, haroo, fi lolaan jiruutti baay'inaan faca'a.
🔷️Baattoon Giddu-galaa dhibichaa (Intermediate Host): Cilaalluun bishaan keessaa sanyii “Lymnaea” jedhamtu soorataa fi faydaaf waan barbaaduuf, yeroo roobaafi gannatti daddarbiinsi isaa ni dabala.
🔷️Adeemsa Daddarbiinsaa: Raammoon kun hanqaaquu isaa garaa beeyladaa keessatti yeroo isaa eeguun dhoqqee beeyladaa waliin gadi lakkisa. Hanqaaquun kun bishaan keessatti Cilaalluu seenee erga guddatee booda marga irratti rarra'a. Beeyladni yommuu marga jiidhaa dheedan ykn bishaan faallame dhugan qabamu.

◼️ RISK FACTORS (WAAN DHIBICHA HAMMEESSAN)
▪️Bishaan Ciisu: Bakka Cilaalluun itti wal-hortu uuma.
▪️Marga Jiidhaa: Marga lolaa ykn dhoqqee keessaa dheeduu.
▪️Beeylada Dadhaboo: Beeyladni nyaata madaalawaa hin arganne dhibee kanaan salphaatti miidhamu.

🔎CLINICAL SIGNS (MALLATTOOLEE DHIBICHAA)
Dhibeen kun gosa lamaan mul'achuu danda'a:
🅰️Hammaataa (Acute): Baay'inaan hoolota irratti mul'ata. Beeyladni hatattamaan du'a, dhiigni keessoo keessatti dhangala'uu danda'a (internal hemorrhage).
🅱️Tutturaa (Chronic): Beeyladni suuta suutaan huqqachaa deemuu.
▪️Bottle Jaw: Afaan jalaan ykn areeda jalaan iita bishaan naqate uuma (Edema).
▪️Harcaa'u Rifeensaa: Rifeensi ni buqqa'a, gogaan looniis ni goggoga.
▪️Anemia: Beeyladni dhibee kanaan qabame hir'ina dhiigaa keessa galuu, iji isaanii ni addaata.
▪️Aannan Hir'isuu: Loowwan aannanii hamma aannanii haalan hir'isu.

◼️ DIFFERENTIAL DIAGNOSIS (DHIBEEWWAN WALIIN WAL FAKKAATAN)
Ogeessi fayyaa beeyladaa dhibee kana kanneen armaan gadii irraa adda baasuu qaba:
🎯Haemonchosis (Raammoo Garaa): Bottle jaw qabaatus, tiruu irratti miidhaa hin fidu.
🎯Malnutrition: Hanqinni nyaataas huqqina fida, garuu iita areeda jalaa hin qabu.
🎯Paratuberculosis: Garaa kaasaa cimaa qaba.

💉TREATMENTS (YAALA)⚕️
Dhibee kanaaf qorichoota raammoo (Anthelmintics) tiruu irratti xiyyeeffatan fayyadamuun ni danda'ama:
▪️Triclabendazole: Inni kun raammoo tiruu guddattuus ta'e ishee guddatte ajjeesuuf filatamaa dha.
▪️Albendazole / Oxyclozanide: Raammoo tiruu guddatte qofaaf tajaajilu.
⚠️Hubachiisa: Yaalaa fi Qoricha kan kennu ogeessa qofa sababniis kennuun dura madaallii (dose) sirrii ogeessa Qofaatu beeka. Akka seerattis ogeessa fayyaa beeyladaa qofa kan yaalu. Mallaqa ogeessaaf kafaluun qusadha jettani kasaaraa fi rakkoo keessa hin galinaan dhaamsa kooti.

🛡CONTROL AND PREVENTION (ITTISAA FI TO'ANNOO)
▪️Dheeda To'achuu: Beeylada bakka bishaan ciisuu fi lolaan jiru akka hin dheedne dhowwuu.
▪️Cilaalluu Dhabamsiisuu: Bakka bishaan ciisu gogsituu ykn qoricha Cilaalluu ajjeesu (Molluscicides) fayyadamuu.
▪️Beeyladni bishaan qulqulluu akka dhugan gochuu.
▪️Qoricha Raammoo (Strategic Drenching): Jalqaba gannaa, giddu-gala gannaa fi dhuma gannaa irratti beeylada hundaaf qoricha raammoo tiruu kennuu.
▪️Marga Goggogaa: Beeyladaaf marga goggogaa (Hay) yoo kennitan rakkoo kana ni hir'isa.

✍️ Dr. Galataa, DVM

Odeeffannoo dabalataaf
Call 📞: 092 185 9393
Email📧: drgeletadvm@gmail.com

TG channels:
Https://t.me/drgalataa
Https://t.me/DrofVetMed

WhatsApp group:
https://chat.whatsapp.com/KDj3cL5rWc7IdaKYsIJ3pl?mode=gi_t

DHUKKUBOOTAA YEROO ROOBAA PART 3: (FOOT ROT) DHUKKUBA MADAA MIILAA BEEYLADAADhukkubni Madaa Miilaa (Foot Rot) dhibee baa...
02/04/2026

DHUKKUBOOTAA YEROO ROOBAA PART 3: (FOOT ROT) DHUKKUBA MADAA MIILAA BEEYLADAA

Dhukkubni Madaa Miilaa (Foot Rot) dhibee baakteriyaa kotteen (qubni) beeyladaa akka madaa’u, iita'u fi tortoree xuraa'uu kan godhudha. Dhukkubni kun hoolota, ree'ootaafi horii irratti miidhaa guddaa geessisa.

🤔 ETIOLOGY (Madda Dhukkubichaa)
Dhukkubni kun walitti makamiinsa baakteriyoota lamaan dhufa:
🔺️ Dichelobacter nodosus: Baakteriyaa dhibee kana jalqabsiisuu fi kotteen beeyladaa akka badu (decay) godhu.
🔺️ Fusobacterium necrophorum: Baakteriyaa naannoo dhoqqee keessa jiruun madaan sun akka iita'uu fi tortoree xuraa'uu (inflammation) kan godhu.

🎯 EPIDEMIOLOGY (Tamsa’a Dhukkubichaa)
◼️Haala Qilleensaa: Yeroo baay'ee yeroo roobaa fi dhoqqeen jiru keessatti ka'a. Jiidhi baakteriyoonni kun akka lubbuun jiraatani turuu danda'an gargaara.
◼️Tamsa'a: Beeylada dhukkubsate irraa gara beeylada fayyaatti karaa dhoqqee fi marga jiidhaatin daddarbuu ni danda'a.
◼️Turtii: Baakteriyichi dhoqqee keessa torban 2-3 turuu danda'a, garuu kottee beeyladaa keessa waggaa tokkoof turuu danda'a.

⚠️ RISK FACTORS (Wantoota Dhukkubicha Dadammaqsan)
🔷 ️Dhoqqee fi Jiidha: kotteen beeyladaa yeroo dheeraaf dhoqqee keessa yoo ture ni lallaafa; kun immoo baakteriyichi salphaatti akka seenu karaa saaqaaf.
🔷️ Waraannoo (Injuries): Citaa, dhagaa ykn qoree wantoonni kottee beeyladaa waraanan hundi baakteriyichaaf karaa bana.
🔷️ Kunuunsa Kottee: kotteen beeyladaa yoo garmalee dheerate dhoqqee walitti qaba.
🔷️ Sanyii (Breed): Hoolonni sanyii gara garaa saaxilamoodha. Fknf kan sanyiin isaanii "Merino" jedhaman hunda caalaa saaxilamoodha.

🔎CLINICAL SIGNS (Mallattoolee Dhukkubichaa)
🔶 ️Okkola (Lameness): Mallattoo jalqabaa fi hunda caalaa mul'atudha. Beeyladni miila tokkoon ykn lamaan okkolu.
🔶 ️Madaa fi Iita'uu: Naannoo kottee gidduu madaan jiraachuu; tortoruudhaan foolii namattin tolle (fol smelling) qabaate dhibee kana ta’uun isaa mirkanaadha.
🔶 ️Jilbeenfachuu: Hoolonni yoo miilli isaanii lamaan qabame nyaata nyaachuuf jilbeenfatu.
🔶 ️Hoo'a: Miilli dhukkubsate yoo qabame ni hoo'a.
🔶️ kotteen irraa Ba'uu: Yoo dhibichi hammaate kotteen sun guutummaatti irraa ba'uu danda'a.

❓️DIFFERENTIAL DIAGNOSIS (Dhukkuboota Ittiin Wal-fakkaatan)
🤔 Foot and Mouth Disease: FMDn madaa afaanii fi harmaas qaba, dhukkubni miilaa (Foot rot) garuu miila qofa.
🤔 Foot Abscess: Kun iita'a naannoo kottee jiru yoo ta'u, madaa xuraa'aa quba gidduu hin qabu.
🤔 Injuries: Dhagaa ykn waraannoo qoree qofa ta'uu danda'a.

⚕️TREATMENT (Yaala)⚕️
Yaalli dhibee kanaa tartiiba armaan gadii hordofuu qaba:
▪️kottee Qulqulleessuu (Hoof Trimming): kotteen dheerate hatattamaan muramuu fi madaan sun qulqulleeffamuu qaba.
▪️Foot Bath (Miila Cuuphuu): Miila beeyladaa dhangala'aa Zinc Sulphate (10%) ykn Copper Sulphate (5%) keessatti cuuphamu taasisu.
◼️Antibiotics:
▪️Oxytetracycline (Long acting) kennuun baay'ee gaariidha.
▪️Penicillin fi Streptomycin walitti makuun kennuun ni danda'ama ykn pen*strip.
▪️Spray: Oxytetracycline spray madaa san irratti facaasu.

🛡CONTROL AND PREVENTION (Ittisa fi To’annoo)🛡
✅️ Bakka Gogaa: Beeyladoonni bakka gogaa fi dhoqqee hin qabne akka bulan gochuu.
✅ ️Adda Baasuu: Beeylada okkolu hatattamaan adda baasanii yaaluu.
✅ ️kottee Ciruu: Yeroo yeroon kotteen beeyladaa akka hin dheeranne ciruu.
✅️ Foot Bath: Yeroo gannaa beeyladoonni yeroo mooraa galan dhangala'aa/keemikaalaa madaa ittisu keessa akka deeman gochuu.
✅ ️Beeylada Haaraa: Beeylada gabaa irraa bitame dafanii loon keessatti makuu dhiisuu (Quarantine for 14 days).

Yaadachiisa: Gannni osoo hin galin kotteen beeylada keessanii akka sirriitti cirame mirkaneeffadhaa.

✍️ Dr. Galataa, DVM

Odeeffannoo dabalataaf
Call 📞:
➡️Ethio: 092 185 9393
➡️Safari: +251707710587
Email📧: drgeletadvm@gmail.com

TG channels:
Https://t.me/drgalataa
Https://t.me/DrofVetMed

WhatsApp group:
https://chat.whatsapp.com/KDj3cL5rWc7IdaKYsIJ3pl?mode=gi_t

XIYYEEFFANNOO WAQTII ROOBAAF KENNUU QABNU​Waqtiin roobaa (gannaa) badhaadhina margaa fi bishaanitiin beeyladaaf kennaa t...
01/04/2026

XIYYEEFFANNOO WAQTII ROOBAAF KENNUU QABNU

​Waqtiin roobaa (gannaa) badhaadhina margaa fi bishaanitiin beeyladaaf kennaa ta'us, gama biraatiin dhibeewwan baakteeriyaa, vaayirasii, raammoo fi dhibeewwan xixiqqoo biroof mijeessituu dha. Jiidha (humidity) ol'aanaa, bishaan ciisu fi baay'achuun ilbiisotaa dhibee fidan waliin wal-qabatee, hojiin eegumsa fayyaa beeyladaa waqtii kanaa xiyyeeffannoo addaa barbaada.

Gaaffiilee keessan hunda of biraahin qaba. Isiniifis deebisuufin taa'a. Garuu haala yeroo waliin socho'aa hubannoo waliif kennuu qabna jedhen amana. Hawaasni keenya horsiisee bulaan hundi isaanii carraa hubannoo kana kallattiin midiyaa hawaasaa kana irraa argachuu baatanis ogeeyyiin keenya kan isaanitti dhiyaatan hubannoo kana akka dabarsaniif abdii guutuu qabna. Ogeeyyiin keenya xiyyeeffannoo haala yeroo kanaas ni beeku garuu wal yaadachiisuun bareedaadha jechuuf malee.

Kanaaf dhukkubootaan wal qabatee kallattii kaayyannee tartiibaan hubannoo gahaa yoo waliif kennine maal isinitti fakkaata?
Achiin booddee waa'ee horsiisatti as deebina akkam jettu?
Dhukkuboota Waqtii roobaa/gannaa kam fa'i beektu?

Dr. Galataa, DVM

Dhibee Somba Beeyladaa: "Shipping Fever" (Pneumonic Pasteurellosis)Dhibeen kun dhibee sombaa hatattamaan beeylada miidhu...
01/04/2026

Dhibee Somba Beeyladaa: "Shipping Fever" (Pneumonic Pasteurellosis)

Dhibeen kun dhibee sombaa hatattamaan beeylada miidhu yoo ta'u, keessattuu beeylada imala dheeraa deeman, gabaa irratti walitti makaman fi dhiphinni (stress) irra gahe irratti baay'inaan mul'ata. Horsiise bulaan keenya dhibee kana "Dhibee Imalaa" ykn "Qufaa Sombaa" jedhee beekuu danda'a.

🎯Madda Dhibichaa (Etiology)
Dhibee kana kan fidu baakteeriyoota gosa Mannheimia (Pasteurella) haemolytica fi Pasteurella multocida jedhaman.
🔶️Baakteeriyaa Qofa Mitii:
Baakteeriyaan kun yeroo baay'ee somba beeyladaa keessa ni jiraata, garuu dhibee kan fidu yeroo vaayirasoonni fi dhiphinni (stress) madaallii qaamaa dadhabsiisanidha.
🔶️Sababoota Dhiphinaa (Stressors):
Fe'umsaa fi geejjiba dheeraa.
Beeylada bakka garaagaraa dhufan walitti makuu.
Mana beeyladaa qilleensa gaarii hin qabne keessa tursiisuu.
Jijjiirama qilleensaa (baay'ee qorraa ykn rooba).

🤔 Akkaataa Itti Tatamsa'u (Epidemiology)
🔷️Beeylada Miidhaman: Jabbiilee harma bu'an (ji'a 6-8) irratti baay'ata, garuu loon gurguddaa irrattis ni mul'ata.
🔷️Tamsa'a: Beeylada dhukkubsate irraa karaa hargansuu (qufaa fi afuura) kanaan gara beeylada fayyaatti darba.
🔷️Miidhaa Diinagdee: Beeylada keessaa dhibbeentaa 35% qabachuu danda'a; yoo hatattamaan hin yaalamne loon qabaman keessaa 5-10% du'uu danda'u.

🔎 Mallattoolee Dhibichaa (Clinical Findings)
Beeyladni tokko dhibee kanaan qabamuu isaa mallattoolee kanaan adda baafachuu dandeessu:
▪️Hoo'a (Fever): Qaamni beeyladaa garmalee hoo'uu.
Hargansuu Dadhabuu: Afuura gabaabaa fi ariifataa baafachuu.
▪️Qufaa: Qufaa yeroo dheeraa fi yeroo beeyladni socho'u dararu.
▪️Dhangala'oo Funyaanii: Funyaan keessaa dhangala'aan xuraawaa ta'e yaa'uu.
▪️Nyaata Lagachuu: Beeyladni nyaata dhiisuu fi baay'ee dadhabuu.
▪️Iita'uu Ijaa: Ijji xuraawaa madii fakkaatu yaasuun naannoon isaa goguu.

⚕️ Yaala (Treatment)💉
Yoo dhibeen kun mul'ate hatattamaan yaala jalqabuun barbaachisadha. Beeyladni 85-90% ta'an sa'aatii 24 keessatti dandamachuu danda'u.
💉Qorichoota Baakteerii Ajjeesan (Antibiotics): Oxytetracycline, Tilmicosin, Penicillin fi Sulfonamides dhimma kanaaf ni tajaajilu.
Qorichoota Iita'uu fi Dhukkubbii Hir'isan (Anti-inflammatory): Qorichoota akka NSAIDs ogeessi yoo itti dabale dandamachuu beeyladaa ni ariifachisa.

🛡 Ittisa fi To'annoo (Control and Prevention)
Ittisni dhibee kanaa harka horsiise bulaa fi ogeessa fayyaa keessa jira:
◼️. Bulchiinsa Gaarii (Management)
✅️Loon Gabaa irraa Bitan: Loon haaraa bitaman guyyaa 15-21f qofatti adda baasanii tursiisuu (Quarantine).
✅️Geejjiba: Beeylada yeroo fageenya dheeraa deemsistan, gidduutti boqochiisuu, bishaan fi nyaata gaarii kennuufii.
✅️Harma Baasuu: Jabbiilee imalaaf osoo hin deemin torban 2 dura harma irraa baasuu fi akkataa nyaataatti madaaksuu.
◼️. Talaallii (Vaccination)
🔺️Jabbiilee: Ji'a 3-4 tti talaallii akka fudhatan taasisuu.
🔺️Loon Rimaya: Loon rimayaatiif talaallii kennuun dandeettii dhibee ittisuu (antibody) handhuuraan gara jabbitti akka darbu godha.
◼️. Qorichaan Ittisuu (Chemoprophylaxis)
Beeylada bakka biraa dhufan tokko tokkoon qoricha Long-acting Oxytetracycline kennuun dhibichi akka hin kaane ittisuun ni danda'ama.

⚠️Dhaamsa:
Beeyladni keessan yeroo imala irraa deebi'an ykn gabaa irraa dhufan xiyyeeffannoo guddaa barbaadu. Dhiphina (stress) irraa isaan eeguun dhibee sombaa kana ittisuuf furtuudha. Dhukkubbiin yoo mul'ate 'Pharmacy' deemanii qoricha bituu osoo hin taane, dura ogeessa fayyaa beeyladaa mariisisuudha dhibee addaan baasani yaaluuf isaantu issin barbaachisa yookaan tilmama Dogoggoraa keessaniin beeylada keessan hin dhabina.

Fayyaan Beeyladaa Wabii Keenya!

Dr. Galataa, DVM

Odeeffannoo dabalataaf
Call 📞:
➡️Ethio: 092 185 9393
➡️Safari: +251707710587
Email📧: drgeletadvm@gmail.com

TG channels:
Https://t.me/drgalataa
Https://t.me/DrofVetMed

WhatsApp group:
https://chat.whatsapp.com/KDj3cL5rWc7IdaKYsIJ3pl?mode=gi_t

TO'ANNOO FI ITTISA DHIBEEWWAN MAXXANTOOTA KEESSAA BEEYLADAA KEESSATTUU YEROO ROOBAA KANA.​Beeyladni keenya madda diinagd...
31/03/2026

TO'ANNOO FI ITTISA DHIBEEWWAN MAXXANTOOTA KEESSAA BEEYLADAA KEESSATTUU YEROO ROOBAA KANA.

​Beeyladni keenya madda diinagdee fi jireenya keenyaa waan ta'aniif, fayyaa isaanii eeguun dhimma dursa kennamuufidha. Maxxantoonni keessaa (Internal Parasites) osoo nu hin beekamin beeylada keenya huqqisanii, oomisha hir'isanii, akkasumas du'aaf saaxiluu danda'u.

​1️⃣. Maxxantoota Keessaa Beekamoo fi Miidhaa Isaanii
​Maxxantoonni keessaa bakka gurguddaa sadiitti qoodamu:
◼️​Raammoo Sombaa fi Mar'ummanii (Nematodes): Keessattuu loon, hoolota fi ree'ee irratti baay'inaan mul'atu.
◼️​Dhibee Tiruu (Liver Fluke/Fasciola): kun bakka ciisni bishaanii jiruutti beeylada keenya miidha.
◼️​Maxxantoota Garaacha/Sombaa (Cestodes/Trematodes): Nyaata beeyladni nyaatu irraa qooddachun beeylada huqqisu.

​2️⃣. Mallattoolee Maxxantoota Keessaa🔎
​Beeyladni keessan maxxantuun miidhamuu isaa mallattoolee kanaan adda baafachuu dandeessu:
▪️​Beeyladni nyaata gaarii nyaatus huqqachuu.
▪️​Dhuufaa (diarhea) ykn bifa boombii qabuun sagaraa gadi lakkisuu.
▪️​Rifeensi beeyladaa luqqa'uu, haphatuu fi bifa qulqulluu dhabuu.
▪️​Areeda jalaan madaa'uu ykn iita'uu (Bottle jaw).
▪️​Garaan beeyladaa dhangala'aan guutamuu (Iita'uu garaa).
​▪️Hanqinni dhiigaa mudachuu (Anemia) fi kkf

​3️⃣. Mala Ittisaa fi To'annoo (Prevention and Control)🛡
​Akkuma beekamu "Ittisni yaala irra wayya." Kanaafuu, tarkaanfilee armaan gadii fudhadhaa:
​🎯. Qulqullina Mooraa fi Nyaataa
Iddoo nyaataa qulqullinaan eeguu. ​Mooraa beeyladaa yeroo hunda qulqulleessuun, akkasumas dhoqqee loonii yeroo yeroon gogsuu ykn akka hin tuulamne gochuu. ​Bakka bishaan ciisaa jiru irraa beeylada dhowwuu (keessattuu dhibee tiruuf). ​Beeylada dhibee qaban warra fayyaa irraa adda baasanii eeguu.
​🎯. Dabareen Dheechisuu (Rotational Grazing)
​Bakka dheedumsaa tokko irratti yeroo dheeraaf beeylada dhowwuu dhiisuu. Iddoo dheedumsaa yeroo yeroon jijjiiruun akka killeen raammoo dachee irratti hin baay'anne gochuu. Torban 2-3 booda bakka dheedumsaa jijjiiruun raammoon akka hin qabanne gargaara.
🎯Dheedumsa Gargar Qooduu
Horii gurguddaa fi yaraa (looni fi jabbilee) iddoo tokkotti dheechisuu dhiisuu, sababni isaas jabbileen baay'ee saaxilamoo dha.
​🎯. Qulqullina Bishaan Dhugaatii
​Beeyladni bishaan qulqulluu akka dhugan gochuu. Bishaan raammoon itti baay'atu (laggeen dadhabaa) irraa of eeggachuu.

​4️⃣. Yaala Ogeessaan Deeggarame⚕️
✅️​Qoricha Farra Raammoo (Deworming): Waggaatti yoo xiqqaate si'a lama (yeroo gannaatti fi yeroo bonaa jalqabaa) Qorichoota farra raammoo (Anthelmintics) yeroo isaanii eegee kennuu.

✅️​Qoricha Jijjiiranii Kennuu: Yeroo hunda qoricha tokko qofa fayyadamuu dhiisuu. Kun immoo raammoon akka qorichatti hin bariine (Drug Resistance) gargaara.

✅️​Beeylada Adda Baasuu (Quarantine): Beeylada haaraa bitame gara beeyladoota duraan jiraniitti makuun dura qoricha farra raammoo kennuufii fi guyyoota muraasaaf adda baasanii hordofuu.

⚠️​Dhaamsa:
Yoo mallattoolee kanaan olii argite, hatattamaan ogeessa fayyaa beeyladaa naannoo kee jiru qunnami.

​Fayyaan Beeyladaa Fayyaa Hawaasaati!

✍️ Dr. Galataa, DVM

Odeeffannoo dabalataaf
Call 📞:
➡️Ethio: 092 185 9393
➡️Safari: +251707710587
Email📧: drgeletadvm@gmail.com

TG channels:
Https://t.me/drgalataa
Https://t.me/DrofVetMed

WhatsApp group:
https://chat.whatsapp.com/KDj3cL5rWc7IdaKYsIJ3pl?mode=gi_t

Address

Oromia, Hararghe
Hirna

Telephone

+251921859393

Website

https://t.me/DrofVetMed, https://whatsapp.com/channel/0029VbCAyXTHwXbJRBHs3I37

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Galataa, DVM posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Galataa, DVM:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category