09/04/2026
CBPP: DHUKKUBA SOMBAA SODAACHISAA FI BEEKAMAA LOON BIYYA KEENYAA (CONTAGIOUS BOVINE PLEUROPNEUMONIA - CBPP)
Dhukkubni kun baay’inaan somba fi haguuggaa sombaa (pleura) miidhuun beekama. Itiyoophiyaa keessatti dhukkubni kun qabeenya loonii irratti miidhaa dinagdee guddaa geessisaa jira.
Dhibeen CBPP (Contagious Bovine Pleuropneumonia) ykn akka naannoo tokko tokkotti dhukkuba michii sombaa jedhamee kan beekamu, dhibee sombaa loonii kan vaayirasii osoo hin taane baakteriyaa Mycoplasma mycoides jedhamuun dhufuudha.
Dhukkubni CBPP Afrikaa keessatti dhibee loonii lakkoofsa tokkoffaa irra jiru kan "PLEURISY" fidu jedhamuun beekama. Pleurisy jechuun jecha ‘pleura’ jedhu haguuggee sombaa kan tahe irraa kan fudhatame yoo tahu, dhibee CBPP keessatti sombi qoma keessatti iita'uun dhangala'aa kuusuun hargansuu dhowwuu isaa agarsiisa. Haguuggeen sombaa (pleura) kun membireenii haphii somba haguugee fi qoma keessatti akka sombi salphaatti socho'u godhudha.
. MADDA DHUKKUBICHAA
Dhukkubni kun baakteriyaa baay’ee xiqqaa (cell wall hin qabne) Mycoplasma mycoides subsp. mycoides SC (Small Colony) jedhamuun dhufa.
▪️Amala: Baakteriyaan kun qaama beeyladaan alatti yeroo dheeraa hin turu sa'aatii muraasaaf malee; aduu, ho’aa fi qoriicha qulqullinaatiin (disinfectant) dafee ajjeefama.
▪️Garaagarummaa: Loon qofa qaba; gara beeyladoota birootti (hoolaa, reettii) hin darbu.
⁉️. FACAA'IINSA DHUKKUBICHAA
Beeyladoota Qabaman: Loon, Buffalo ykn horii bosonaa miidhuudhaan beekama.
✅️Madda Infeekshinii: Maddi guddaan dhibichaa Loon tokko tokko erga dhukkubicharraa fayyaniis, baakteericha somba isaanii keessatti dhoksanii baatu (Carriers/Sequestra). Kuni immoo yeroo loon sun dadhaban ykn fageenya deeman deebi’ee itti ka'uun kaanitti daddabarsa. Beeyladni akkasii waggoota hanga 3f baakteriyicha facaasuu danda'u.
✅️Akka itti daddarbu: Karaa kallattiin (Direct contact) walitti dhufeenya beeylada fayyaa fi dhukkubsataa jiruun tamsa’a. Karaa Hargansuutiinis (inhalation) ni daddarba.
✅️Miidhaa Diinagdee:
▪️Du’a beeyladaa.
▪️Omisha aannanii gadi buusuu.
▪️Humna qonnaa hir’isuu.
▪️Gabaa biyya alaa cufuu (Export ban).
⁉️. WANTOOTA DHUKKUBICHA HAMMEESSAN
⚡️Sochii Beeyladaa: Loon gabaa ykn dheedichaf fageenya dheeraa sochoosuu.
⚡️Dhiphina (Stress): Keessattuu yeroo hongee fi godaansa dheeraa.
⚡️Kunuunsa: Beeylada baay’ee bakka tokkotti walitti qabanii bulchuu.
⚡️Ittisa Daangaa: Daangaa irratti to’annoo beeyladaa laafaa ta’e.
🔬. MALLATTOOLEE DHUKKUBICHAA🔎
📌Haala Hammaataa (Acute form):
☑️Oowwa qaamaa garmalee ol ka'e (fever).
☑️Beeyladni harganuu dadhabuu, hafuurri itti cicituu (difficulty breathing).
☑️Qufaa gogaa fi dhukkubbii qabu (painful dry coughing).
☑️Iita mormaa fi qoma irratti mul’atu.
☑️Beeyladni akka hargansuu salphifattuuf morma dheeressuu, miila lamaan isa duraa gara alaatti fageessuun dhaabbachuu.
📌Haala turaa (Chronic):
☑️Qufaa yeroo yeroon ka’u.
☑️Beeyladni guddina dhabaa deemuu (unthriftiness).
☑️Beeyladoonni kun "Sequestrum" somba keessatti qabu; yeroo beeyladni dhiphattu dhibichi deebi’ee ka’a.
⁉️. DHUKKUBOOTA ITTIIN WAL-FAKKAATAN🤔
▪️Hemorrhagic Septicemia
▪️Bovine Pasteurellosis
▪️Tuberculosis (TB)
▪️Pneumonic viruses
⁉️. YAALAA💉⚕️
Dhukkuba kanaaf yaalli guutummaatti dhibee balleessu hin jiru.
💉Baakteeriyaan CBPP qorichoota akka Tylosin fi Oxytetracycline jedhamaniin yaalamuu danda'a. Garuu, yaalli kun loon sun akka hin duune gargaaruu danda'a malee, baakteericha guutummaatti qaama keessaa hin balleessu. Loon sun "Carrier" ta'anii hafuu danda'u.
💉Qoriichonni akka Tilmicosin fi Danafloxacin mallattoolee hir’isuu danda’anillee, akkuma jenne beeyladni qabame baattoo baakteriyichaa tahee hafa jechuu.
🛡. ITTISA FI TO’ANNOO 🔱
Ittisni CBPP dhimma dhuunfaa qofa osoo hin taane dhimma mootummaati:
📍Talaallii (💉Vaccination): Karaan inni duraa fi ijoon talaallii dhaabbataa waggaa waggaan kennamuudha (T1/44 ykn T1-SR).
Biosecurity: Loon haaraa bitaman adda baasanii (Quarantine) tursiisuu.
📍Sochii Daangeessu: Yeroo dhukkubni kun mul'atutti loon gara gabaatti geessuu fi dheedumsa waloo irraa ittisuu.
📞Gabaasuu: Akka ogeessi beeyladaa dhufee tarkaanfii qajeelaa fudhatuuf horsiise bulaan mallattoo dhibichaa yoo argu hatattamaan gabaasuu qaba.
📍Qaluu (Slaughter policy): Beeylada dhukkubsate qaluun kanneen hafan talaaluu.
⚠️ Xumura Irratti❗️
Dhukkubni Somba Loonii hiyyummaa horsiise bulaa irratti kan fe’udha. Ogeessonni beeyladaa fi horsiise bulaan harka wal-qabatanii talaallii fi hordoffii gochuun dirqama.
Beeylada haaraa bitattan kamiyyuu loon keessanitti makuun dura guyyoota 30f adda baasaa hordofaa.
✍️ Dr. Galataa, DVM
Ogeessa Fayyaa Beeyladaa
Yaadaa fi Odeeffannoo dabalataaf
Call 📞: 092 185 9393
TG channels:
Https://t.me/drgalataa
Https://t.me/DrofVetMed
WhatsApp group:
https://chat.whatsapp.com/KDj3cL5rWc7IdaKYsIJ3pl?mode=gi_t