19/10/2022
DADHABUU ONNEE - Heart Failure
************************************
Onneen qaama(orgaanii) dhiiga hidda dhiigaa keessaan qaamota keenya garagaraatiif raabsuuf tajaajiltu dha. Dhiigni ammoo Oksijiiniifi wontoota biroo kan dalagaa qaama keenyaatiif barbaachisoo ta'an of keessatti qabatee deema; wontoota qaama keenyaaf hin barbaachifnes qaamota irraa fuudhee deebi'a.
Onneen dalagaa ishee kana hojjachuuf cinaa(side) lamatti fi kutaa(chamber) afuritti qoodamti. Cinaan mirgaa dhiiga deebi'uu fudhachuu fi sombaaf dabarsuu irratti dalaga. Cinaan bitaa ammoo dhiiga sombi oksijiinii itti goote fudhatee qamoota keenya hundaaf raabsa.
Kutaan arfan jenne ammoo lama cinaa mirgaatiin lamaan ammoo cinaa bitaatin argamu. Isaan cinaa gara tokkoon argaman waan xiqqoo akka arrabaa jirtu tan cufamtuufi banamtu tan 'Valve' jedhamtuun adda bahu.
Akkuma qaamota keenya kan biroo dalagaa ishee dalaguuf Onneenis dhiiga karaa hidda dhiiga onneetiin (coronary artery jedhamuun) dhiiga maashaa onnetiif raabsiti. Kanaaf dadhabuun onnee rakkinnoota/dhukkuboota akkasumas uumamaan sirrii ta'uu dhabuu qaamota onnee kanniin armaan olitti eeraman (Maashaa onnee, Valvii/'valve' onnee, hidda dhiigaa onnee/'coronary artery' fi kkf ) keessaa tokko irraa ta'uu danda'a.
---
---
Mee dadhabuu onneetiif maaltu sababa ta'a?
* Dhukkuba dhiphachuu hidda dhiiga onnee (coronary artery disease). Inni kun yeroo dheeraa (woggoota) keessatti coomni/kolestirooliin/ hidda dhiigaa keessatti kuufamaa deemu dhiphachaa deemuu hidda dhiigaa onnee yeroo fidu irrayi. Kuufama koolestrolli San irrayis fottoquun hiddi dhiigaa kun tasa cufamuu danda'a. Yeroo kana dhukkubbiin hamaan lubbuu namaa tasa du'aaf saaxiluu danda'u nama mudachuu danda'a. Dhiigni ititees hidda kanniin cufuudhaan dhukkubii hamaa san (Dhukkuba onnee akka tasaa- heart attack) namatti fiduu danda'a.
---
* Dhiibbaa dhiigaa (Hypertension): yoo dhiibbaa dhiigaa qabaanne onneen teenya dhiibbaa hiddoota dhiigaa keessa jiran irra aantee dhiiga qaamota keenyaaf raabsuuf dalaga guddaa hojjachutu irraa eegama. Turtii yeroo woghootaa booda maashaan onnee yabbachuufi dhawaata dhawaataan kutaan onnee cinaa bitaa jiru akka bal'atu gochuudhaan onneen teenya dalagaa ishee akka dadhabdu godha. Dhiibbaa dhiigaa keenya to'achuun ykn yaala isaa hordofuun carraa kana haalaan xiqqeessa.
---
* Rakkinna Valvii onnee: Valviin onnee cufamaa fi banamaa kallattii sirrii/barbaachisaa ta'een dhiigni onnee keenya keessa deemuun akka qaamota biraatiif tamsa'u tajaajilti. Rakkinni ykn dhukkubni valvii kana miidhan valviin kun akka dhippatu ykn guutuun guututti akka barbaadamutti cufamee akka hin banamne gochuun onneen dalagaa ishee haalaan akka hin dalagne godhu. Kunis dhawaataan dadhabinna onnee fida.
---
* Rakkinna/dhukkuboota maashaa onnee (cardiomyopathy): maashaan onnee infeekshiinii garagaraatiin, alkoolii baay'isanii dhuguunifi dawaa garagaraa fudhachuudhaan miidhamuu danda'a. Uumamni maashaan kun namoota tokko tokko irratti qabu rakkinnota kanaf yoo saxilaman salphaan akka miidhaman gochuu danda'a.
---
* Uumamaan sirrii ta'uu dhabuu qaamoota onnee (Congenital Heart Disease); uumamni qaamota onne (vaalvi, hiddi dhiigaa fi kkf) umaamni isaanii sirrii ta'uu dhabuun onneen dalagaa ishee haalaan akka hin dalagneefi dadhabdu gochu danda'a. Hallii uumamaan sirri ta'uu dhabuu onne (Congenital Heart Disease) gosaa garagaraa kan qabuufi miidhan isaan dalaga onneefi qaamaa irratti qaban akkasuma garagarummaa guddaa qaba.
---
* Dhukkuboota biroo kan akka Dhukkuba Sukkaraa, dhukkuba baay'achuu hormoonii Xannacha Tayirooyidiitiin omishaman, dhiigni itite hidda dhigaa onnee irraa gara sombaa deemu cufuun fi Hanqinna dhiigaa baay'ee gadi bu'aa ta'e isaan dadhabuu onnee fidan keessaa ijoo kan ta'aniidha.
---
---
Mallatooleen yeroo onneen dadhabdu mul'atan:
Mallatooleen kunniin turtii yeroo dheeraa keessatti jabaataa dhufuu ykn haala dhibee irratti hunda'uun yeroo gabaduu keessatti mul'achuu danda'u.
* Hafuurri nama hanqatuu
* Boraatii malee yoo ciisan hafurri nama hanqatuu ykn nama hargansiisu
* Halkan erga rafanii booda qilleensi nama hanqate ykn ukkamsee hirriba ka'uufi qilleensa argachuuf gara foddaa deemuu ykn foddaa banachuu
* Nama dadhabsiisuu
* Lukni/lutti keenya i'ita'uu ykn fuffuruu
* Dhahannaan onnee keenya ol ka'u fi tartibaan dhahachuu dhabuu
* Yoo dalagnu/hojii irratti dafne dadhabu.
* Qufa'u keessattuu galgala galagala. Yeroo tokko tokko aakeen qufaa wojjiin bahu dhiiga makachuu.
* Garaan iita'uu/iita garaa.
* Dhangala'on qaamoota keenya irratti waan kuufamaniif ulfaatinnan dabalu.
* Fedhiin nyaataa gadi bu'uu
* Dhahannaan onnee/yoo onneen dhahattu namatti beeksisuu.
* Dhukkubbiin naannoo onneefi qoma gara bitaafi ceekuu bitatti namatti dhagahamuu.
-
Mallatoolen kun hundi yeroo tokkotti mul'achuu dhabuu danda'u. Namni mallatoolee kunniin irratti mul'ate hundi dadhabinna onnee qaba jechuullee miti.
---
---
Maal haa goonu?
* Mallatoolee armaan olitti eeraman keessaa hedduu isaanii yoo of irratti agarre mana yaalaa demnee qorannolee barbaachiso kan Doktorri keenya nuuf ajaju dalagsiisuu.
******************************************************
Akkuma wolii galaatti fayyummaa onnee keenyaaf:
¶- Tamboo ykn sigaaraa aarsuu dhabuu.
¶- Sochii qaamaa ( deemsa ariifanna, daakkaa, daansii, fiigiicha, fi kkf) guyya guyyaan daqiiqaa soddomaafi achi oliif yoo xiqaate torbaanitti guyyoota shaniif hojjachuu- Yoo dhukkubbiin hamaa ta'e naannoo qomaa fi ceekuu bitaatti nutti dhagahamaa jiraate sochii qaamaa addaan kutuu qabna.
¶- Ulfaatinna qaamaa hojjaa/dheerinna keenyaan wol hin madaalle yoo qabaanne ta'e ulfaatinna san hirdhisuu.
¶- Nyaata sirrii ta'e filachuu; jechuun fuduraaf kuduraa nyaachuu. Soqida nyaataf dhugaatii keessattis xiqqeessanii fayyadamuu. Nyaata akka foon diimaa, cooma, killeefi dhadhaa daran xiqqeessuu.
¶- Dhukkuba dhiibbaa dhiigaatiif dhukkuba sukkaaraa yoo qabaanne haalaan to'achu. Yaalaa isaani haalaan hordofuu.
¶- Dhukkuba dadhabuu onnee qabaachuun keenya mirkanaaye qoricha fudhanna taanaan qoricha nuuf ajajame san haala Doktorri keenya nuuf ajajeen fudhachuu. Hordoffii yaalaafi qorichaa addaan kutuu dhabuu.
----
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
----
©Dr. Nuredin Luke