28/05/2025
Biyya jechuun, walitti ida'amuu Uummata Naannoo, Godinaa, Aanotaa, Gandootaa fi uumama teessuma Lafaatiin kan ibsamu ta'uu mala, Akkasuma, bu'uura kana kan ibsu hunda dura, Maatiin jiraachuu qaba. "Maatii jechuun, wajjiin jiraachuu Ijoollee, Haadha Manaa fi Abbaan Manaatiin ta'uu danda'a..."
Maatiin fayyaa qabeessa yoo ta'e, Misooma biyyaafiis, ta'ee biyya ijaaruuf Murteessaa dha...Biyya ijaaruun dura, dhimma Maatii fi Waa'ee fayyaa Maatiitiif dursa kennuun barbaachisaa dha.
Kanaaf, Dhimmi Haadholee fi Daa'immannii sagalee guddiftuudhaan yoo lallabame, Nama hin kommachiisu. Hunda caalaa fudhatama qabaachuus mala... Akka Namaatti, kabajaa fi dinqisiifannaan, Doktoorota keennaaf haa ta'uu jechuu barbaanna ...!
Oromiyaa, Godina Gujii Bahaa Hospitaala Adoolaa Woyyutti, Ispeeshaalistii, Ulfaa fi Gadaamessaa, kan ta'an; (Senior) Doktoor, Solomon Kabtaamuu. (Gadaa) kabaja guddaa Hawaasa Naannoo biraa qabdu ...! Galatooma!
Doktor Solomon, (Gadaa) Nama Uumama isaaniitiin rakkinna Ilma Namaa arganii bira darbuu hin dandeenye, Yeroo dhukkubsatooti qorichi ajajameef, qarshii qorichaa ittiin bitatan yeroo dhabaniti, Nama kiisa isaanii keessaa baasani dhukkubsatoota gargaaraa jiranii dha. Wanti isaanii himamee hin dhumu...
Akkasuma, Haati Manaa isaaniis namoota harka qalleeyyii, ta'aniif, dhukkubsatanii, yaalamuuf qoricha (dawaa) bitachuu dadhabaniif gargaarsa namoomaa qarshii kiisa isaanii keessaa baasanii yeroo gargaarsa Kennan, ni argama. Waaqayyo issan haa eebbisu!