29/03/2026
GAGGABAA HO’AA/Febrile Seizures
********************************
Gaggabaan ho’aa ijoollee umurii baatii 6 – 60 jidduutti mul’atu dha.
Sababoota (Causes)
-Ho’ina qaamaa (fever) saffisaan dabalu
-Infekshinii (keessumaa vayirasii):
-Huuba qoonqoo
-Gidduu gurraa (otitis media)
-Infekshinii ol’aanaa qaama keessaa
Baay’ina (Epidemiology)
Ijoollee keessaa ~4% irratti ni mul’ata
Seenaa maatii ~20% ni qaba
Yoo seenaa maatii isaan qaban carraan deddeebi’uun 30–50% ni ta’a
Ulaagaalee (Diagnostic Criteria) gaggabaa ho'aaf barbaachisan
-Umrii: 6–60 ji’a
-Ho’i qaamaa sa’aatii 8–12 keessatti olka’ee dhufuu qaba
-Mallattoon infekshinii sammuu (meningitis/encephalitis) hin jiraatu
-Rakkoon metabolism hin jiraatu
-Seenaa gaggabaa ho’aa ala (afebrile seizure) hin qabnee
Gosoota Gaggabaa Ho’aa
1. Gaggabaa Salphaa (Simple Febrile Seizure)
-Qaama guutuu (generalized) irratti mul’ata
-Yeroo daqiiqaa 15 gadi turuu
-Guyyaa tokko keessatti al tokko qofa
-Ijoollee baay’ee irratti kan mul’atu
2. Gaggabaa Walxaxaa (Complex Febrile Seizure)
-Qaama cinaa tokko (focal) irratti mul’achuu danda’a
-Yeroo daqiiqaa 15 ol turuu
-Guyyaa tokko keessatti si’a 1 ol dhufuu danda’a
Qorannoo Barbaachisu (Investigations)
-Lumbar puncture dhangala’oo-dugda
-EEG
-MRI/CT Scan
Qorannoo dhiigaa:
-Glucose
-Elektiroolayitoota
Sababoota Deddeebi’uu (Risk of Recurrence)
-Umrii waggaa 1 gadiitti yoo jalqabe
-Ho’i qaamaa yeroo gabaabaa (