Dr.Haro Tadele

Dr.Haro Tadele Medical Doctor and Lecturer at Bule Hora University Teaching Hospital.You can DM me for any Health related counselling.

Philanthropist & Entrepreneurship aspirant!

WAA'EE QORICHA SILDANAAFIIL(Viagra or VEGA)**********************************Qoricha kana namoonni hedduun guyyaa aruuza...
05/12/2025

WAA'EE QORICHA SILDANAAFIIL(Viagra or VEGA)
**********************************
Qoricha kana namoonni hedduun guyyaa aruuza(cidha) isaanii kan jalqabaa gootummaa isaanii agarsiisuuf , walitti fufiinsaan walqunnamtii saalaa gochuuf ykn sodaa yeroo walqunnamtii saalaa isa mudattu ofirraa oofuuf liqimsa!. Kana malees rakkina qaamni saala ka'uu dhabuu( erectile dysfunction) yaaluf fayyada. Odoo walqunnamtii saalaa hin eegalle sa'aatii 1 ykn daqiiqaa 30 dursanii fudhachuun barbaachisaadha. Sa'aatii 24 keessatti hoggaa tokkoo ol fudhachuu hin qabdan! Nyaata zayita qabu ykn dhadhaa qabu wajjin hin fudhatinaa!

💥 Of eeggannoo godhamuu qabu!

Qoricha kana akkanumatti lafaa ka'anii ajaja ogeessa fayyaa dhaba fudhachuun miidha qaba. Miidhaalee kannen hirisuuf
• Namni dhukkuba onnee qabu tasuma fudhachuu hin qabu
• Dhibee tiruu
• Dhibee kalee
• Faalij( dhiigni sammuu keessatti jiguu) fi
• Dhiibbaa dhiigaa namni qabu qoricha kana of eeggannoon fudhachuu qaba!

💥 Yeroo akkam mana yaalaa deemtu?
-----
1. Qaamni saalaa ka'ee sa'aatii 4 oliif yoo rafuu diduu
2. Erga qoricha liqimsitanii gurri yoo isinii dhagahuu dide
3. Yoo ijji isinii arguu didde
4. Yoo hafuurri isinitti kutame hatattamaan gara mana yaalaa deemaa!!
*************************************
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!

HIR'INA VITAMIN B12 ***********************MALLATTOO1. Qaama ofii keessumaa harkaaf miilaa miira nama waraanuu, gubuu fi...
05/12/2025

HIR'INA VITAMIN B12
***********************
MALLATTOO
1. Qaama ofii keessumaa harkaaf miilaa miira nama waraanuu, gubuu fi kkf namatti dhaga'amuu.

2. Sammuun ofii daddafee waa hirraanfachuu, waan yaaduu sababaan yaaduu dadhabuu.

3. Salphaatti aaruu, dheekkamuu, of jibbuu gadda garmalee (depression)

4. Dadhabbii garmalee fi waa hojjachuuf yoo yaalan ykn socho'an afuurri nama cituu.

5. Onneen daddafee fi humnaan dha'achuu.

6. Nyaata nama jibbisiisuu, ulfaatina hir'isuu, teessisuu fi balaqqamsiisuu.

7. Dhukkubbii afaanii (afaan keessa madaa'uu) yokaan afaan nama gubuu.

8. Rakkoo deemsa dadhabuu ykn balance eeganii deemuu dadhabuu.

**************
AKKAMIIN NAMA QABAA?
1. Dhukkuboota garaachaa kan xuuxamuu vitamin B12 kana ittisan akka : Atrophic gastritis, crohn's disease fi kkf

2. Rakkoo dhukkuba hir'ina dhiigaa fidu pernicious anemia jedhamu yoo qabaatan.

3. Qorichoota dhukkuba garaachaaf kennaman kan farra asidii garaachaa ta'an yeroo dheeraaf fudhachuu.

4. Sababa dhukkuba garaacha huban kan biraaf jecha baqaqsanii yaaluun garaacha namootaaf yoo godhamu.

5. Umuriin baay'ee namoonni dullooman, yeroo baay'ee bu'aalee biqilootaa qofa nyaatan hir'ina vitamin B12 kanaaf saaxilamoodha.

**************
VITAMIN B12 EESSAA ARGANNAA?
Vitaamin B 12 kan argamu yeroo hedduu bu'aa beeyladaa kan ta'an akka:
-Hanqaaquu
-Foon diimaa
-Qurxummii
-Foon lukkuu fi kk irraa sirriitti arganna.

Hagi vitamin B12 qaama keessaa yoo hedduu gadi bu'e garuu mana yaalaa deemuun vit B12 bifa qorichaan qophaa'e fidhachuun dirqama.
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''"""""""""""""""""
Fayyaan Faaya, Fayyaan hin dhabinaa!

BISHAAN FI FAYYAA ***********************👉 Qaamni namaa harki 60 (60%) bishaani👉 Bishaan jireenya ilma namaaf baay'ee ba...
04/12/2025

BISHAAN FI FAYYAA
***********************
👉 Qaamni namaa harki 60 (60%) bishaani
👉 Bishaan jireenya ilma namaaf baay'ee barbaachisa
👉 Namni ga'eessi tokko guyyaatti bishaan 2--3 L akka dhuguu qaba

👉 Bishaan dhuguun faayidaa heddu qabatuus isaan keessa muraasni kanneen armaan gadiiti

1. Fayyaa Kaleetif
👉Bishaan gahaa dhuguun cirracha kalee fi infeekshinii ujummoo fincaanii ittisuu keessatti gahee guddaa qaba,akkasumas kaleen keemikaalota adda addaan salphaatti akka hin miidhamne godha

2. Gogiinsa Garaa Hir'isuuf
👉Bishaan gahaa dhuguun gogiinsa garaa ittisuu fi yaaluf ni gargaara, akkasumas dhibee Kintaarootii nurraa fooyyessa

3. Fayyaa Sammuutif
👉Bishaan gahaa dhuguu dhabuun sammuun namaa xiyyeeffannaa akka dhabu,dandeettin waa yaadachuu akka hir'atuu fi hojii sammuu waliigalaa irratti dhiibbaa uuma

4. Mataa bowwoo hir'isuuf fi fayyisuuf
👉Wantoota dhukkuba bowwoo kan akka maayigireenii namatti kaasan keessaa tokko dheebuu bishaaniti

5. Gogaan keenya lallaafaa fi midhagaa akka ta'uuf ni gargaara

6. Onneen keenya dalagaa ishee sirnaan akka raawwatu gargaara

7. Dhukkuba garaachaaf ni gargaara

8. Dhukkubbii yeroo marsaa Laguu hir'suuf

9. Furdina gar malee hir’isuuf

10. Dadhabbii irraa dafnee akka boqonnuf

11. Sosochii qaamaa haala gahumsa qabuun akka taasifnu

12. Xura'aa fi keemikaalota adda addaa qaama keessaa dhabamsiisuf

13. Fayyaa buusaa fi maashawaniif

14. Teempireechara qaamaa eeguf

15. Fayyaa sirna hargansuuf- keessattuu asmii fi alarjii nama qabuuf
*************************************
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!
# Dr.Haro Tadele, Follow godhaa barnoota dabalatatiif.

Gosoota Nyaataa Yeroo Hedduu Fayyadamuu Hin Qabne ***********************************⓵. Sukkaaraa fi nyaata mi’aawoo👉 Su...
01/12/2025

Gosoota Nyaataa Yeroo Hedduu Fayyadamuu Hin Qabne
***********************************
⓵. Sukkaaraa fi nyaata mi’aawoo

👉 Sukkaara 'baay'isuun' qaama keessatti wantooti anniisaa nuuf kennan garmalee akka baay'atan taasisu, kunimmoo wantoota gadiif nama saaxila;
âž« Ulfaatina garmalee ykn furdina fi rakkoowwan furdinaan walqabatan

➪ Carraa dhukkuba onnee,gogaa, tiruun fi kaansariin qabamuu ni dabala

➫ Fedhii nyaataa hir’isuu

â“¶. Nyaata Samsaman

➫ Nyaatonni saamsamanii dhiiyatan sukkaaraa fi ashaboo, akkasumas wantoota uumamaan hin argamne halluuf, mi’eessuu fi akka turaniif jecha itti dabalaman adda addaa qaba

âž« Nyaata akkanaa yeroo hedduu soorachuun;
👉 Hariiroo sammuu fi garaacha keenya jidduu jiru jeeqa
👉 Sammuun keenya akkataa beelaa ykn quufa itti hubatu jeequn kan barbaadameen ol akka nyaannu godha
👉 Dhibee kaansariifi nama saaxiluu malu
👉 Suusii/araada namatti ta'u

â“·. Nyaata Atattamaan Hojjetaman

➫ Nyaata akka chiipsii, saambusaa fi buskutoonni mi’aawoon biroo
âž« Gosootni nyaataa akkanaa keessumaa kan akka chiipsii zaayita Palm Oil jedhamuun waan qophaa'u fi zayitni kun irraa deddeebin waan fayadamuuf fayyaaf gaarii miti

⓸. Nyaataa Zayita (Dhadhaa fi Zayitii)

âž« Nyaatni zaayita akka coomaa of keessaa qaban yeroo hedduu soorachun miidhaa hedduu nurraan ga'uu mala!

⓹. Ashaboo nyaataa

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) namni ga’eessi guyyatti ashaboo giraamii shan ykn fal’aana shaayii tokkoo ol akka hin fattadamne gorsa

âž« Qaama keessatti ashaboon yoo baay'ate raakkoolee adda addaaf nama saaxila , isaan keessaa muraasni

👉 Dhiibbaa dhiigaa sirrii hin taane
👉 Dhibee Istirookii
👉 Dhibee Kalee
👉 Dhibee Onnee
👉 Kaansarii .....
*************************************
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!

30/11/2025
"Yeroo Dhukkubbiin Kalee Nu Eegaltu Maal Gochuu Qabna?"*************************************1. Boqonnaa Godhuu fi Tasgab...
30/11/2025

"Yeroo Dhukkubbiin Kalee Nu Eegaltu Maal Gochuu Qabna?"
*************************************
1. Boqonnaa Godhuu fi Tasgabbaa'uu.
- Waan hojjachaa jiruu dhaabun ciisuu ykn taa'uu.
- Hafuura dheeraa baafachuu.
- Miira dhiphinaa hir’isuuf tasgabbaa’uu.
2. Bishaan Dhuguu (yoo hin dhoowwamne):
- Bishaan qulqulluu xiqqo xiqqo dhuguun kalee qulqulleessuuf gargaara.
- Garuu yoo fincaan fancaa'uuf kan rakkanu ta'e ykn rakkoo onnee qabaanne, bishaan baay’ee dhuguun balaa ta’uu danda’a — kanaaf ogeessa fayyaa mariisisuun gaaridha.
3. Fincaan Ilaalu:
- Fincaan dhiiga qabu, foolii qabu yookiin fincaan yoo xiqqaate, mallattoo dhukkuba kalee ta’uu danda’a.
- Fincaan nama gubuun yookin dhiiga makatuun yeroo bayyee mallattoo dhukkuba kalee agarsiisa. Kanaaf dursanii odoo dhukkubbiin hin eegalin adda baafachuun barbaachisaadha.
4. Dawaa Ajaja Ogeessa Fayyaatiin Ala Liqimsuu Dhiisuu:
- Dawaan tokko tokko kalee miidhuu danda’a, fakkeenyaaf ibuprofen, paracetamol fi aspirin yeroo kaleen nu dhukkubde akka dhukkubbii nurraa dhaabuf liqimsuun rakkoof nu saaxiluu danda'a.
5. Nyaata Keenya Sirreessuu:
- Nyaata soogidda xiqqaa qabufii mi'eessituu baay'ee hin qabne nyaachuu.
- Nyaata akka baaduu, karootii, fi kudraafii mudraa bilcheessinee fayyadamuu.

Mallattoolee Yeroo Dhukkubbiin Kalee Kaatuu:
- Gubaa cimaa garaa fi dugdaa.
- Fincaan dhiiga qabu fncaa'uu.
- Dadhabbii cimaa.
- Harkaa, miilaafii fuulli iitawuu.

Mallattoo kana yoo ofirratti agartan, hatattamaan gara hospitaala deemuun dirqama:
Dhukkubbiin kalee yeroo baay’ee sababa infection, cirracha kalee, ykn miidhaa kalee irraa ka'uu danda’a. Dhukkuba kalee dursuu fi ittisuun dhukkuba hamaa akka dialysis irraa nu baraara. Bishaan dhuguu, nyaata sirrii nyaachuu, fi qorannoo yeroo yerootti gochuun fayyaa kalee keenyaa eeguf nu gargaara.
*************************************
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!

27/11/2025

Qulqullina Hirribaa
********************
Hirribni jireenya namaaf dirqama barbaachisa.Haala to’atamaa si’aayinaan sammuu fi qaamni namaa itti of haaressudhas. Hirribni ga’aa,fi qulqullina gaarii qabu fayyaa qaamaa,hojii sammmuu fi miiraa ofii sirnaan geggeessuuf baay’ee barbaachisaadha.Yeroo dheeraaf hirriba gaarii hin argatan yoo ta’e,balaa garaagaraa fi dhukkuboota addaa addaaf nama saaxiluu danda’a.

Barbaachisummaa hirribaa
-------------------------------------------
✓Sammuun akka of haaressu(brain restoration ) fi Waanti xura’aan qaama keessaa akka dhabamsiifamu (waste/metabolic waste clearance) gargaara
✓Dandeettii yaaduu fi yadachuu fi barachuu dabala
✓Miira to’achuu(emotional regulation) fi fayyummaa samuuf ni gargaara.
✓Dandeettii qaamaa dhukkuba ofi irraa ittisuu ni dabala
✓Ulfaatinni qaama akka eegamu/akka malee akka hin daballe godha,kun immoo carraa dhibee sukkaaraan,dhibee onnee,fi Istirookiin qabamu ni hir’isa.
✓Hormoniin guddinaa caalatti yommu namni rafu waan madduuf,hirribni guddina ijoollee fi qaamni akka of haaressu gargaara
✓Dandeettii rawwachisumma namaa ni dabala(xiyyeefannoo,yeroo fudhachuun itti yaadu namaa,murtoo sirrii murteessu fi balaa iddoo hojii hir’isuuf ni gargaara

Hirriba gaarii rafneerra kan jedhamu:-

✓Erga rafuuf siree keenya irra ciifnee daqiiqaa 15-30 gidduutti hirribni nu qaba yoo ta’e
✓Halkan guutummaa isaa rafaa bulla yoo ta’ee fi halkan sana keessatti yeroon dammaquu/of baruu keenyaa Yeroo gabaabdiudha yoo ta’e.
✓Yommuu hirribaa kaanu,boqonaa ga’aa akka argannetti nutti dhaga’ama yoo ta’ee fi guyyaa guutuu immo hojii keenya sirnaan akka hojjennu yoo mirkaneefanne
✓Guyyaa mugaatiin nu hin qabu yoo ta’ee fi siyessituu waanta akka bunaa irratti baay’ifnee hin hirkannu yoo ta’e.
✓Yeroo ga’aa rafneerra yoo ta’e. Sa’aa 24 keessatti sa’aa hangam akka rafuu qabnu umurii irratti hunda’a,
•0-ji’a 3-sa’aa 14-17
•Ji’a 4-12-sa’aa 12-16
•Waggaa 1-2 sa’aa 11-14
•Waggaa 3-5 sa’aa 10-13
•Waggaa 6-12 sa’aa 9-12
•Waggaa 13-18 sa’aa 8-10
•Waggaa 18-64 sa’aa 7-9
•Waggaa 65 ol sa’aa 7-8

Miidhaa hirriba gaarii rafuu dhabuun fidu
----------------------------------------------------------------
°Miidhaa battala itti mul’atu

√Mataa dhukkubbii
√Guyyaa yeroo hojii itti muguu
√Xiyyeffannoo dhabuu(impaired concentration)
√Dandeettiin yaadachuu keenyaa hir’achuu(impaired memory)
√Muudiin jijjiiramuu
√Murtoo sirrii murteessuu dhabuu
√Carraan balaan tasaa uumamuu dabaluu

° Yeroo dheraaf yoo itti fufe

√Carraan dhiibbaa dhigaa,dhibee ujummoo dhiigaa onnee(coronary disease),istrookii,ulfaatina garmalee(obesity),dhibee sukkaara gosa 2(type 2 DM),mukaa’ummaa(depression) qabamuun dabaluu
√Dandeettiin qaama dhukkuba ofirraa loluu ni hir’ata
√Umuriin namaa amma jiraachuu qaban irra ni gabaabbata

hirribaa eegeuuf:-

✓Yeroo itti Sosochii qaamaa/ ispoortii hojjennu qabaachuu
✓Guyyaa hundaa Yeroo wal fokkaata itti rafanii yeroo wal fokkaataatti dammaquu
✓Gola rafiitii qabbana’aa,ifa xiqqaa/dukkana’aa,sagaleen kan hin jirre fi hirribaaf kan mijatu ta’uu qaba
✓Osoo hin rafiin sa’aa 1-2 ija keenya ifa(Iskirinii mobaayilii,TV,) irraa dhorkuu
✓Osoo gara hirribaa hin dhaqiin sa’aa 6 dursanii buna,shayii fi timboo fayyadamuu dhiisuu
✓Hirriba dura nyaata ulfaataa nyaachuu dhiisuu,
✓Guyyaa yeroo dheeraa naappii fudhachuu dhiisuu(nappiin sa’a booda dura daqiiqan 20-30 ga’aadha)
✓Bakka siree ofii hirriba qofaaf itti fayyadamuu(achittii nyaachuu,TV ilaaluu fi k k f dhiisuu qabna)
Galatooma
Dr Jiregna Gemechuu

27/11/2025

Dhibeen akka haara'aatti biyya keenyatti ka'e (Marburg virus) hanga ammaatti namoota qorannoon godhameef keessaa 12 irratti muldhachuu Ministeerri fayyaa beeksisee jira. Namoota 12 keessaa 7 lubbuudhaan darbanii jiru. Kun kan agarsiisu dhukkubni kun hangam akka hamaa ta'eedha. Har'a ammoo dhukkubni kun magaalaa Hawaasaatti muldhachuu Ministeerri fayyaa beeksisee jira. Of eeggannoo cimaa gochuun baay'ee barbaachisaadha.

MARBURG VIRUS—Ittisaa fi Tooftaa Inni Daddarbuun: **********************************Dhukkubni vaayirasii kanaan dhufu yo...
27/11/2025

MARBURG VIRUS—
Ittisaa fi Tooftaa Inni Daddarbuun:
**********************************
Dhukkubni vaayirasii kanaan dhufu yoo nama qabe carraan lubbuu namaa galaafachuu isaa ol’aanaadha. Hanga %88 gahuu danda’a.

Wanti gaariin dhukkuba kanaa ammoo nama mallattoo dhukkubichaa muldhisuu jalqabe irraa malee nama mallattoo hin muldhisne irraa namatti hin darbu.

Baattuun vaayirasii kanaa sinbira halkanii fuduraalee fi abaaboo soorattuudha. Sinbirroon halkanii akkasii sun ammoo holqa keessa jiraatu. Gaafa namni holqa uumamaas ta’ee holqa namtolchee namoonni albuuda fa’a baasuuf qotan seenanii tasa fincaan, bobbaa, ykn hancufa sinbira halkaanii kanaaf saaxilaman vaayirasichi gara namaa dhufa.

San booda nama irraa namatti daddarba. Karaan inni daddarbuun illee tuttuqii qaamaa fi dhangala’oo qaamaatiin. Dhiiga, hancufa, fincaan, furrii, imimmaan, dafqa, isparmii, haqqee fi dhangala’oo kan biroo kan qaama dhukkubsataatii bahuuf saaxilamuun daddarba. Uffata walii uffachuun, siree tokko irra ciisuunis ni daddarba. Waldhungachuu fi saalqunnamtiin ni daddarba. Qilleensaan ykn hafuuraan fagoo irraa hin daddarbu. Walitti dhiheenya qaamaa dhihoo irraa yoo dhangala’aan yeroo haxxifatamu biifamuun daddarbuu danda’a.

Karaan inni ijoon biraa ammoo dhaabbilee fayyaa keessatti dhukkubsataa irraa gara ogeessa woldhanutti—ofeeggannoon cimaan yoo hin godhamnee daddarba. Yeroo sirna awwalchaa nama dhukkuba kanaan du’eef godhamu—yoo janaayiza (reeffa) wajji tuttuqii qabaatan—daddarbuu danda’a.

Namoonni dhukkubicha kan daddabarsan yeroo mallattoo muldhisuu jalqabaniidha. Kanaaf, namoota mallattoolee dhukkubichaa qaban irraa qaamaan fagachuu fi tuttuqqii dhangala’oo qaamaa ofeeggannoon hirdhate irraa of qusachuun barbaachisa.

KAANSARII MAR'IMAAN GUDDAA FI BUUBBUU(COLORECTAL CANCER)**************************************Kaansariin kun nama bayyee...
13/11/2025

KAANSARII MAR'IMAAN GUDDAA FI BUUBBUU(COLORECTAL CANCER)
**************************************
Kaansariin kun nama bayyee qabuudhaan sadarkaa 3ffaa irratti kan argamuufi waggaatti namoota miliyoona tokkoo fi isaa oliitu kaansarichaan qabama.
kansariin kun yeroo seelonni marriman guddaa fi buubbuu keessa jiran too'annaan ala baay'atani fi booda gara kutaa qaama keenya kan biraattillee tatamsa'anii miidhaa fiduu danda'u.gabaabsinee "colon cancer or re**al or bowel cancer" jennee yaamuullee dandeenya.yeroo takka takka seelonni kunneen osoo kaansariitti hin jijjiiramne dura polyp(abnormal growth) sadarkaa jedhamanitti meeshaa colonoscopy jedhamuun screen godhamee (akka Joe BIDEN dhiyoo laalame sanitti ) yoo arkame polyp kun muramee osoo inni kaansaritti hin jijjiiramne baasuun ni danda'ama.

✓Haa tahuu maaltu akka kaansariin kun akka nama qabuuf nama saaxiluu dandaha.
-umriin dulloomuu keeysaahuu waggaa 50 ol (garuu kanaa gadittiis dhufuu dandaha common tahuu baatullee)
-maatii ofii keeysa namni isaan qabame yoo jiraate(kuni muraasa

FAYYUMMA GARAACHAA AKKAMITTI EEGGANNA  ~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~ 1. Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn dhugaatii hir’isuu    ...
13/11/2025

FAYYUMMA GARAACHAA AKKAMITTI EEGGANNA
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
1. Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn dhugaatii hir’isuu
2. Tamboo/sigaaraa xuxuu dhiisuu
3. Buna garmalee baay’isanii hin dhuginaa (yaadadhaa bunni faayidaa qaba yoo hin baay’isne)
3. Qorichoota akka Ibuprofen, Aspirin, Diclofenac hin baay’isinaa
4. Hin dhiphatinaa... rakkoo jiruuf furmaata barbaadaa malee
5. Nyaata coomaa fi zaayitiin itti baay’ate hir’isuu
6. Nyaata daabboo, paastaa fi sukkaaraa hir’isaa
7. Nyaata kuduraa fi muduraa sirritti sooradhaa
8. Qullubbii diimaa fi adii, timaatimii, baaqelaa, raafuu (spinach) hir’isuu — namoota tokko tokko irratti rakkoo uuma
Qurxummii sooradhaa
9, Bishaan guyyaatti hanga kubbaayyaa 6–8 dhugaa
10. Damma nyaadhaa ... warri dhukkubicha qabdan ganama garaa duwwaatti fallaana 2–3 osoo nyaattanii, madaa garaachaa fayyisuuf ni gargaara
11. Sochii qaamaa guyyaatti daqiiqa 30, torbanitti guyyaa 5 hojjachuun fayyaa garaachaa fi qaama maraaf gaariidha
12. Cuunfaa Jinjibilaa (ginger) fi dammaan walitti makanii dhuguun garaachi madaa’e akka fayyu ni gargaara
13. Muuzii yeroo yerootti soorachuun garaachaaf ni tola
***********************************
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!

13/11/2025

Address

Harekello
Negele

Telephone

+251926491774

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Haro Tadele posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Haro Tadele:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram