Dr.Jiregna

Dr.Jiregna Fayyaan Qabeenya! fayyaa keenya haa eeggannu!
(1)

Qulqullina Hirribaa********************Hirribni jireenya namaaf  dirqama barbaachisa.Haala to’atamaa si’aayinaan sammuu ...
26/11/2025

Qulqullina Hirribaa
********************
Hirribni jireenya namaaf dirqama barbaachisa.Haala to’atamaa si’aayinaan sammuu fi qaamni namaa itti of haaressudhas. Hirribni ga’aa,fi qulqullina gaarii qabu fayyaa qaamaa,hojii sammmuu fi miiraa ofii sirnaan geggeessuuf baay’ee barbaachisaadha.Yeroo dheeraaf hirribaa gaarii hin argatan yoo ta’e,balaa garaagaraa fi dhukkuboota addaa addaaf nama saaxiluu danda’a.

Barbaachisummaa hirribaa
-------------------------------------------
✓Sammuun akka of haaressu(brain restoration ) fi Waanti xura’aan qaama keessaa akka dhabamsiifamu (waste/metabolic waste clearance) gargaara
✓Dandetetii yaaduu fi yadachuu fi barachuu dabala
✓Miira to’achuu(emotional regulation) fi fayyummaa samuuf ni gargaara.
✓Dandeettii qaamaa dhukkuba ofi irraa ittisuu ni dabala
✓Ulfaatinni qaama akka eegamu/akka malee akka hin daballe godha,kun immoo carraa dhibee sukkaaraan,dhibee onnee,fi Istirookiin qabamu ni hir’isa.
✓Hormoniin guddinaa caalatti yommu namni rafu waan madduuf,hirribni guddina ijoollee fi qaamni akka of haaressu gargaara
✓Dandeettii rawwachisumma namaa ni dabala(xiyyeefannoo,yeroo fudhachuun itti yaadu namaa,murtoo sirrii murteessu fi balaa iddoo hojii hir’isuuf ni gargaara

Hirriba gaarii rafneerra kan jedhamu:

✓Erga rafuuf siree keenya irra ciifnee daqiiqaa 15-30 gidduutti hirribni nu qaba yoo ta’e
✓Halkan guutummaa isaa rafaa bulla yoo ta’ee fi halkan sana keessatti yeroon dammaquu/of baruu keenyaa xiqqaadha yoo ta’e.
✓Yommuu hirribaa kaanu,boqonaa ga’aa akka argannetti nutti dhaga’ama yoo ta’ee fi guyyaa guutuu immo hojii keenya sirnaan akka hojjennu yoo mirkaneefanne
✓Guyyaa mugaatiin nu hin qabu yoo ta’ee fi siyessituu waanta akka bunaa irratti baay’ifnee hin hirkannu yoo ta’e.
✓Yeroo ga’aa rafneerra yoo ta’e. Sa’aa 24 keessatti sa’aa hangam akka rafuu qabnu umurii irratti hunda’a,
•0-ji’a 3-sa’aa 14-17
•Ji’a 4-12-sa’aa 12-16
•Waggaa 1-2 sa’aa 11-14
•Waggaa 3-5 sa’aa 10-13
•Waggaa 6-12 sa’aa 9-12
•Waggaa 13-18 sa’aa 8-10
•Waggaa 18-64 sa’aa 7-9
•Waggaa 65 ol sa’aa 7-8

Miidhaa hirriba gaarii rafuu dhabuun fidu
----------------------------------------------------------------
°Miidhaa battala itti mul’atu

√Mataa dhukkubbii
√Guyyaa yeroo hojii itti muguu
√Xiyyeffannoo dhabuu(impaired concentration)
√Dandeettiin yaadachuu keenyaa hir’achuu(impaired memory)
√Muudiin jijjiiramuu
√Murtoo sirrii murteessuu dhabuu
√Carraan balaan tasaa uumamuu dabaluu

° Yeroo dheraaf yoo itti fufe

√Carraan dhiibbaa dhigaa,dhibee ujummoo dhiigaa onnee(coronary disease),istrookii,ulfaatina garmalee(obesity),dhibee sukkaara gosa 2(type 2 DM),mukaa’ummaa(depression) qabamuun dabaluu
√Dandeettiin qaama dhukkuba ofirraa loluu ni hir’ata
√Umuriin namaa amma jiraachuu qaban irra ni gabaabbata

Qulqullina hirribaa eegeuuf:-

✓Yeroo itti Sosochii qaamaa/ ispoortii hojjennu qabaachuu
✓Guyyaa hundaa Yeroo wal fokkaata itti rafanii yeroo wal fokkaataatti dammaquu
✓Gola rafiitii qabbana’aa,ifa xiqqaa/dukkana’aa,sagaleen kan hin jirre fi hirribaaf kan mijatu ta’uu qaba
✓Osoo hin rafiin sa’aa 1-2 ija keenya ifa(Iskirinii mobaayilii,TV,) irraa dhorkuu
✓Osoo gara hirribaa hin dhaqiin sa’aa 6 dursanii buna,shayii fi timboo fayyadamuu dhiisuu
✓Hirriba dura nyaata ulfaataa nyaachuu dhiisuu,
✓Guyyaa yeroo dheeraa naappii fudhachuu dhiisuu(nappiin sa’a booda dura daqiiqan 20-30 ga’aadha)
✓Bakka siree ofii hirriba qofaaf itti fayyadamuu(achittii nyaachuu,TV ilaaluu fi k k f dhiisuu qabna)
Galatooma
Dr Jiregna Gemechuu

Dhibee  Vaayiresii Marbargi(Marburg Virus Disease(MVD)**********************************Vaayiresiin ‘marbargi’ jedhamu k...
24/11/2025

Dhibee Vaayiresii Marbargi(Marburg Virus Disease(MVD)
**********************************
Vaayiresiin ‘marbargi’ jedhamu kun bara 1967 Awuroppaa,Jarmanii magaala ‘Marbargi’ jedhamtu keessatti si’a jalqabaatiif argame.vaayiresiin kun maatii vaayiresii warra dhagna ho’isaa fi qaamnii dhiiguu fidan kan akka vaayiresii Ibola faa keessaa isa tokkkodha.Yeroo garaa garaa fi bakka garaagaraattis bifa weeraratiin ka’ee mul’ata,keessumaayyuu ardii Afrikaa biyyoota garaa garaa keessatti(yugaandaa,Angoola,DRC,keniyaa). Dhibeeen kun yoo nama qabe 24%-88% du’aatii fiduu ni danda’a.Vaayiresiin kun bineeldota fi ilbisota garaa garaa keessatti ni argama.

Karaalee itti daddarbuu danda’u
-------------------------------------------
✓Nama irraa namatti karaalee tuttuqqaa dhiiga ykn dhangala’aa qaama kamiiyyu(hancufa,fincaan,bobbaa,dafqa,balaqqama,dhangala’aa qaama saala keessaa ba’u sanyii kormaa dabalatee) darbuu ni danda’a
✓Waantoota, vaayiresii kanaan faalame tuttuquudhaan
✓Bineeldota vaayiresii kana qaban kan akka simbira halkani naannoo bosonni itti heeddummatu jiraatan(Fruit bat) fi ilbisoota waliin tuttuqqaa qabaachuudhaan

Maaltuu vaayiresichaaf nama saaxila?
----------------------------------------------
✓Naannoo bowwaa fi bosonni itti baay’atu gosti simbira halkanii kunii fi ilbiisotni itti heddummatan jiraachuu/yeroo dheera achi turuu
✓Dhibamaa vaayiresiin kun qaama isaa kessatti argame ykn dhibicha qabachuun isaa shakkame waliin tuttuqqaa qabaachuu
✓Namaa dhibichaan du’e ,ykn dhibicha dhukkubsachaa jiru osoo waanta ittiin ittifnu(personal protective equipments) hin godhatiin tuttuquu

ykn qilleensaan hin daddarbu

Mallatttoolee dhukkubichaa
------------------------------------
✓Vaayiresiin sun qaama namaa erga seene guyyaa 2-21 gidduutti mallattoo agarsiisuu danda’a,
✓Mallattoon jalqabaa dhaqna gubaa olaana tasa mul’atu,mataa dhukkubbii cimaa,dhadhabbii qaama humnaa oliii
✓Itti aansuudhaan garaa kaasaa bay’ee bishaan ta’e,garaa dhukkubbii,balaqqamsiisa
✓Dhukkubichi ittuma fufaa yoo adeemu qaamni namaa(funyaan,afaan,gurra keessaa) dhiiguu fida
✓Itti fufuun sabaabii dhangala’aan qaama keesaa hir’achaa deemuuf yoo gargaarsa yaala hin argatan ta’e dhukkubichi mallattoole agarsiisu jalqabee guyyoota 8-9 gidduutti ajjeesuu danda’a.

Karaalee ittiiin of irraa ittisuun danda’amu
----------------------------------------------------
✓Aadaa harka dhiqannaa qabaachuu
✓Harka keenyaan waan tuttuqaa oolle dagachuu dandeenya waan ta’eef,osoo harka keenya saamunaan dhiqachuu keenya hin mirkaneeffatiin afaan,ija,gurra fi funyaan keenya tuttuquu dhiisuu
✓Nama dhibee kana qabu ykn dhibee kanaan shakkame qofaatti adda baasuu
✓Gosa Sinbira halkanii kana irra of eeguu ykn balleessuu
dhibeee kana ittisu ammaf hin mirkanoofne,qorannoorra jirama.
Dr Jiregna Gemechu

Sagalee guddisanii iyyuun miidhaa Fayyaa keenya irratti qabu qabaa?-----------------------------------------Larneksiksii...
21/11/2025

Sagalee guddisanii iyyuun miidhaa Fayyaa keenya irratti qabu qabaa?
-----------------------------------------

Larneksiksii/Laanqaa Keessatti Hiita’uu(Laryngeal Polyp)
_________________________________
Sirni argansuu namaa funyaan,farnaksi(kan funyaaniif laagaa wal qunnamsiisu),laagaa(oropharynax),laanqaa
(larnaksii),tiraakiyaa fi somba of keessatti qabata.
Larnaksii/laanqaa keessatti hiita’uun dhibee yeroo baay’ee mul’atu miti, darbee darbee garuu inuma jira. Dhiiti kunis kan uumamu larnaksii keessaa bakka dibbee sagalee (voice box) ta’ee cinaa dhooqa isaa(edge of vocal fold) bakka yommuu dubbannu sagaleen itti uumamu irratti dha.

Akkamittii dhiiti kun uumamuu danda’a?
**********************************
Madaa’uun sababa garaagaraan naannoo ribuu sagalee(vocal cord) irra yommuu ga’uu,xiqqoo xiqqoo dhiiguun ni jiraata,dhiigni kun baqqaana ribuu sagalee kana jalatti kuufama,si’a kana,ni kulkula achumaan dhiita’uu jalqaba suuta suuta guddachaa adeema.

Maaltuu Dhibee Kana namatti Fiduu danda'a?

✓Baayyisanii humnaan sagalee baasuu/iyyuu,kan akka yeroo sportii deggeraniifaa
✓Qufaa humnaan gar malee qufa’uu
✓Yerooo dheeraaf sagalee akka malee itti fayyadamuu(long term misuse or abuse of the voice) fkn sagalee ofii akkaata qooqa(pich)sirrii hin taaneen osoo nutti ulfaatuu,akka malee iyyuu ykn immoo osoo boqonaa hin fudhatiin yeroo dheeraaf haasaa gochuu
✓Timboo haarsuu
✓Dhibee garaachaa,amala qabiyyeen garaachaa gara qoonqoottii asii ol dhufuu
✓Haara/awwaarri qoonqootti nammuuu fi sababootni biraas ni jiru.

Mallattoolee isaa hoo maali?

✓Sagaleen dubbi keenyaa jijjiiramuu kan akka koorrisuu
✓Dubbachuu dadhabuu
✓Sagaleen takka qala’atee takkaa immooo furdatee ba’uu/sagaleen ciccituu
✓Waanti tokko akka qoonqoo cufee jirutti waan namattii dhaga’amuuf haakkifatanii baasuuf yaaluu
✓Hiiti sun guddaa yoo ta’e guutummaatti larnaksii yoo cufe:-
• harganuu dadhabuu
•sagalee hoomayyuu dubbachuu dadhabuu,
•hafuura kutaa
Hub:-Mallattooleen armaan olii Kun kan dhibee biraa illee ta'uu danda'u.

Yaalli isaa maali?

Namni mallattoo armaan olii qabu hakiima speshalistii mormaa oliitiin yaalli isaa keennamaaf,meeshaa yaalaa larenjoskoppii jedhamuun haalli hiita sanaa erga ilaalamee
booda,yoo guddaadha ta’ee fi ujummoo qilleensaa kana kan cufee jiru ta’e,ogeessichi hiita sana yaala Oppirashinii gochuufii danda'a, yoo bay’ee xiqqo ta’ee immo hordoffii fi gorsa barbaachisuu dhibamaa sanaaf kenna jechuudha.

Ittisuuf
✓Waantoota dhibee sana fidaan armaan olitti ibsaman sana irraa of eeggachuudha.
Galatoomaa
Dr Jiregna Gemechuu

Inaaffaa(Envy)------------------1.Inaaffaan miira jibbaa namni biroon nama sana caalee argamuu ykn  waan namichi qabu,of...
16/11/2025

Inaaffaa(Envy)
------------------
1.Inaaffaan miira jibbaa namni biroon nama sana caalee argamuu ykn waan namichi qabu,ofii kan hin qabne(Fknf :fixaan ba’umsa,qabeenyaa ,angoo fi kkf) hawwuu irraan kan ka’e namoota keessatti kan uumamudha.
2.Inaaffaan inni biraa immoo afaan ingiliffaan isa ‘Jealousy’ jedhamudha.Inni kun nama jaallannu tokko ykn jaalalle keenya walitti dhufeenya waliin qabnu akka hin dhabne barbaaduu keenya irraa kan ka’e nama kan biroo waliin walitti dhufeenya isa nu waliin qabdu/qabu sana nama biraa waliin uumuu danda’a/dandeessi ta’a jennee yaaduun miira sodaa nu keessatti uumamudha.
Mee ammaaf isa 2ffaa kana dhiifnee isa jalqabaa haa ilaallu
Maaltuu inaffaan(Envy) akka nama keessatti uumamu godha
1. mataa ofii nama kan biroo waliin dorgomsiisuu(comparison)
Inaaffan kan nama keessatti jalqabu yommuu nama biraa waliin ofii keenya wal bira qabuu jalqabnudha.Kun immo yeroo hundumaa waan arganne osoo hin taane waan hin qabne irratti akka xiyyeeffannu nu taasiisa,kun demee demee sammuun akka nu dhukkubu taasiisa(miira dhukkubbii fida )
2. Ilaacha ofiif qabnu gadi bu’aa ta’uu(low self-esteem) fi Sodaa ofiif qabnu
Sodaa kessoo ofii: inaaffaan nama dhukkubsa, sababni isaa fiixaan ba’umsi nama isa inaafamuu isaa inaafu nagaa dhoorkata,Fixaan ba’umsi isa itti inaafamuu inni inaafu ofii isaa akka kufaatii keessa jiru itti of fudhata.Yeroo baay’ee namni ofitti amanamummaa hin qabne ykn namni ofii isaa baay’isee ceepha’u inaaffaa hamaa keessatti kufuu isaa hin oolu,sababni isa tilmaama inni ofiif kenne kana nama biraa gaditti,nama isa kaan ofi irra caalsiisee waan ilaaluf,
3.Haqaa fi wal qixxummaan dhibuunis inaaffaa fiduu mala.Namni itti inaafamu sun fiixaan ba’umsi isaa karaa haqa qabeessaan miti yoo ta’e,inaaffaa fiduu danda’a.Namotni tokko tokko karaa jal’inaa ykn karaa haqaa fi wal qixxummaan hin jirreen badhaadhuu/duroomu/aangoo argachuu danda’u,namootni isaan kaan immoo maaliif kun ta’a jedhanii itti inaafu.Macaafni qulqulluun garuu ‘jal’oota itti hin inaaffin isaan akka margaa dafani hin coolliguu” in jedha.
Gosoota inaaffaa(Envy)=Gaarii fi Hamaa

Inaaffaa Gaarii
***************
Kaka’umsa godhachuu;Nama isa sadarkaa gaarii irra ga’e sana(amalaan,beekumsaan,barnootaan,dinagdeen,fi kkf) ilaaluun ykn fakkeenya(model) godhachuun ,muuxannoo iraa fudhachuun of fooyyessuuf tattaafachuun inaaffaa gaariidha.

Inaaffaa Hamaa/kan hin mallee
********************************
Inni kun immoo namichi inaafuu kaka’umsa godhatee of jijjiiruuf inaafa osoo hin taane,sodaa fi miira gadantummaa isa keessatti waan uumameef,dhukkubii afuuraa laphee isaa itti seene kana irraa obbaafachuuf, namichi akka isa boodatti hafu fi isaa gadi ta’u hawwuun,karaa isaa danda’ame hundumaan namichi akka fiixaan ba’umsa hin arganne irratti hojjechu ykn namicha dhabamsiisuuf hojjeta.kanaafuu inaaffan hamaadha.Idda hadha’aa laphee namoota keessatti biqiluun nama galaafatudha jechuu ni danda’ama.

√Namni tokko inaaffaa haamaa qabachuu isa maaliin beekuu dandeenyaa yoo jeettan;Yeroo baay’ee nama itti inaafan sana itti haaruu ni lolu,deddeebi’anii himachuu,miira gaddaa,mukuu fi dhiphuu qabaatu,akkasumas wa’ee namichaa hamaa isaa malee hin hasaa’an,waan inni karaa sirrii hargate akka inni karaa haqaa hin taneen argate itti haasa’u,itti dabalees dhukkubbii isaanii irraanfachuuf namicha inaafan of irraa fageessu,ta’e jedhanii namicha xiqqeessuu,namicha hammeessuu ykn fixaan ba’umsa isaa tuffachuu ykn xiqqeessuu.

√Akkamitti inaaffaa(envy) hambisuu fi gara isa gaariitti jijjiiru dandeenya?

Inaaffaan(envy) miira uumaman dhalli namaa qabudha,kanaafuu inaaffaa dhabamsiisuun hin danda’amu,garuu inaaffaa isa gaarii sana qabaachuutu nurra jiraata malee.Inaaffaan keessa keenyaa kan nu jijjiiru;amala gaarii,aadaa hojii gaarii,walitti dhufeenya gaarii,fi muuxannoo gaggaarii akkaa qabaannu kan nu taasiisu ta’uu qaba malee kan obboleessa ykn obboleettii keenya miidhu ta’uu hin qabu.kanaafuu laphee/yaada keessa keenyaa eeggachuutu nuuf mala jechuudha.

Maloota muraasa ittiin inaaffaa gaarii qabaatan;

✓Inaffaan si keessa jiraachu isaa amanii fudhadhu,uumama waan ta’eef(amala dhalli namaa waan gaarii jaallchuu fi caalamuu barbaaduu dhiisuu isaa rraa maddudha)
✓Xiyyeeffannoo kee namicha waliin of dorgomsiisuu irra ykn firii(fiixaan ba’umsa)inni argate sana irraa ossoo hin taane adeemsa(process) inni ittiin deemee firii(fiixaan ba’umsa)sana argate irratti xiyyeeffadhu,atis adeemsa sanaan deemnaan ni milkoofta ta’a.
✓Maaliif namichi yommuu milkaa’e anaan immoo keessikoo na jibbee? jedhii of gaafadhu,waantichi siif barbaachisaadha ?yoo nama gaarii taate ‘jibba’ si keessatti umame sana akka xiiqitti qabattee of jijiiruuf hojjedhu nama sana miidhuuf yaduu dhiisi
✓Nama isa fiixaan ba’umsa argate sana itti inaafuu irra gammadiif,gorsaakee godhadhuu,itti firoomi wajjiin hojjedhu,walitti dhufeenya uummadhu,gargaarsa gaafadhu,atis akka isaatti yoo hojjette milka'uu dandeessa ta'a.
Galatooma
Dr Jiregaa Gemechu

Dagatamuu daa’imaa(child negelect)****************************Dagatamuu daa’imaa jechuun gosa miidhaa al malee da’ima ir...
14/11/2025

Dagatamuu daa’imaa(child negelect)
****************************
Dagatamuu daa’imaa jechuun gosa miidhaa al malee da’ima irra ga’uu keessaa tokko ta’ee amala dhibaa’ummaa maatii daa’ima sanaa ykn maatii dhabuu irraan kan ka’e daa’imni sun waantoota bu’uuraa daa’imichaaf barbaachisan kanneen akka hordoffii ga’aa ,eegumsaa fayyaa,uffannaa,nyaata,fi barnoota dhabuu jechuudha.Kun daa’imni sun osoo garaa keessa jiruu kan jalqabu ni jiraata kan akka daa’ima sanaaf of eeggachuu dhabuudhan qoricha ,dhugaatii alkooli fi timboo aarsuufaa.
Sababoota dagatamuu da’aammaniiti jedhamee kan ka’aman sadiitti hiramu;
1. Nama daa’ima godhate sana mataa isaa(intrapersonal)
Karoorsuu dhabuu,wa’ee fulduree isaaf ofitti amanamummaa dhabuu,itti fayyadamaa fi qabinsa maallaqaa wallaaluu,xiin sammuun bilchaachuu dadhabuu,daa’immaniif maaltu akka barbaachisu beekuu dhabuu,daa’ima sana osoo itti yaadin argachu,galii dhabuu,daa’ima baay’isaanii godhachuu,haati umurii ijoollummaatti mucaa godhachuu,dhibee sammuu fi haati fi abbaan sabaabaa garaagaran walin hin jiran yoo ta’e(single parenthood)
2. Maatii/namaa fi nama gidduu(interpersonal)
Bultii jeequmsa qabu,amala maatii fi akkaata ofii isananii itti guddatan,fi kkf
3. Hawaasummaa/dinagdee
Maatiin harka qalleeyyii yoo taa’an fi akkasumas daa’ima sana saala fi miidhama qaamaa inni qabu fi amala isaa irraatti hunda’amee ilaalcha maatiin ykn hawaasni qabuuf daa’imni sun akka dagatamuuf sababa ta’uu danda’a.
Akaakuu
1. Qaama isaaf waan barbaachisu dagachuu(physical neglect)
Nyaata ga’aa kennuufii dhabuu,uffata uwwisuu dhabuu,mana jireenyaa dhabuu,qulqullina da’imichaa eeguu dhabuu,eegumsaa fi kunuunsa ga’aa gochuufii dhabuun,daa’imni sun dagatamuu mul’isa.
2. Hordofuu dagachuu(supervisory neglect)
Yeroo dheeraaf daa’imicha qofaattii dhiisuu fi maal akka hojjetaa oolu ,eessa akka oolu quba qabaachuuu dhabuun tariii daa’imni sun balaa garaagaraaf akka saaxilamu gochuu danda’a.
3. Fayyaa isaa eguu dagachuu(Medical neglect)
Daa’imni sun yommuu yaala fayyaa barbaaduu yaalsisuu dhiisuu ykn yaalsiiisuu turuu;yeroodhaan yalsiisuu dhabuun daa’imichi midhaa irraa buusuu danda’a.Qabatamaadhumatti yeroo baay’ee kan arginu maatiin dafaanii dhukkubni sun osoo irra hin turiin daa’ima sana mana yaalaa hin fidan.kun hafuu qabaan dhaamsa keenya.
4. Dagatamuu barnootaa(educational neglect)
Warrii daa’imaa mana barnootaatti yeroo egaanii daa’ima isaanii galmeessisuu dhabuu,maatii ykn guddiftootni daa’imaa tokko tokko immo baddu baasa kan akka isaan hin baranne godhanis jiraachuu danda’u. Daa’imman barnoota sirrii yeroo sirriitti argachuu qabu.
5. Miira daa’imaa dagachuu(emotional neglect)
Kun immoo,miira daa’ima keenyaa hubachuu dhabuu fi miidhuu jechuudha Fknf;Walitti dhufeenya gaarii daa’ima keenya waliin dhabuu,haala daa’imni keenya nageenyi isaa amansiisaa ta’uu isaa fudhachuu danda’u uumu dhabuu(birrataa akka jiraatu gochuu jechuudha),jaalaala isin irraa argachuu dhabuu,warri isaa/ishee akka isaan hin jaallanneetti fudhachu fi k k f dha.

Mallattoole daa’mman dagataman kana irratti mil’atan;

✓Guddinni boodatti hafuu,
✓qulqul’ina dhabuu(poor hygiene),
✓uffata hin malle uffachu/dhabuu
✓Eeyyama malee nyaata/mallaqa nama jalaa fudhachu/hatuu,
✓mana barnoota sirnaan hin hordofan,
✓Talaalsifamuu dhabuu,
✓hordoffii yaala hin qaban,
✓balaa garaagaraa kan akka kufanii madaa’uu,gubachuu,bala konkolaata karaa irraa fi kan boroof saailamoodha.

Maal gochuu qabnaree egaa?

√Daa’imman keenya kunuunsuu,Uummata keenya barsiisuu fi Aadaa wal gargaarsaa qabaachuudha.

Galatooma
Dr Jiregna Gemechuu

14/11/2025
SUMMAA’UU (POISINING)*****************************Summaa’uun balaa tasaa beekanii ykn osoo hin beekin summii fayyaa ykn ...
11/11/2025

SUMMAA’UU (POISINING)
****************************
*Summaa’uun balaa tasaa beekanii ykn osoo hin beekin summii fayyaa ykn lubbuu dhala namarratti gaaga’ama fidaniif saxila bahuu jechuudha.Kunis karaalee garaagaraa yoo tahu liqimsuu ykn dhuguun , qaamatti facaa’un , karaa hargansuu galuun fi kkf dha.
Summiiwwaan bebbekamoon:
1.Qorichoota aadaa (Herbal medicines) hammi fi akki isaa hin beekamne
2.Qorichoota farra aramaa
3.Qoricha farraa ilbiisaa Fkn malataayinii
4. Qoricha hantuutaa
5.Karboon monoksaayidii kunis wantoota gubatan akka manaa , konkolaataa
6.Asidii fi beezii
7.Qorichoota mana yaalaa hamma ajajamee ol fudhachuu
Kanniin aramaan olii keessaa biyyaa keenya keessatti bekamoon qoricha farra hantuutaa , malataayinii fi qoricha farra aramaadha.

NAMA SUMMAA’EEF MAAL GOONA?
***************************************
1. Akka namichi of beekuu fi kaan adda baasuu
2. Yoo of wallaale ta’e, ulaa hargansuu isaa banaa tahuu ilaali kunis arrabni isaa akka duubatti dacha’e hin ukkamsine ilaaluu
3.Afaan isaa fi qoonqoo isaa keessa akka homtuu hin jirre ilaali
4. Namichi harganaa jiraachuu isaa ilaaluu , yoo harganaa hin jiru tahe afaan itti qadaadun qilleensa kennuufi
5. Onneen rukutaa jiraachuu isaa ilaaluu, yoo hin jiru tahe sukkuummii onnee (Heart massage) hojjachuu ???????? Akkamittii???? Mata duree bal’aa waan taheef mata duree biraan itti deebina
6. Namichi of hin beeku yoo tahe cinaacha tokkootti fuula isaa gad garagalchinee kaa’uu
7. Summichi ijatti faca’ee yoo tahe bishaan qulqulluun daqiiqa 15 dhiquu, uffata irraa baasuu
8. Nama asidii dhugeef beezii hin kenninaa akkasumas nama beezii dhugeef asidiin hin kennamu.
9. Kana booda gosa summiichaa kan agarsiiisu danda’u raga ykn meeshaa summichi keessaa hunda qabannee saffisaan mana yaalaa dhaquu!

HUBACHIISA: . Kana hunda yeroo goonu ofii keenyaaf eeggachuu kunis summiiwwan tokko tokko karaa gogaa ykn hargansuu xuuxamuun nama gargaaraa jiru faaluu danda’u.

Horaa bulaa……..deebanaa
Page kana like fi share gochuu hin dagatiamna
Dr Oliyad Shegenetin

Miidhaa daa'immanii haal malee (child abuse)  ************************Daa’imman umurii waggaa 18 gadi jiran kunuuunsa ma...
10/11/2025

Miidhaa daa'immanii haal malee (child abuse)
************************
Daa’imman umurii waggaa 18 gadi jiran kunuuunsa maati,guddistuu,ykn fira irraa kunuunsaa fi egumsa tokkoyyuu yoo hin argatan ta’e fi akka malee dhiibbaan addaa addaa kan irra ga’u yoo ta’e, daa’ima haal malee miidhaman jechuu ni danda’ama. Daa’imman irra miidhaa hal malee kan geessisu ,maatii/warra ykn ga’essota biro ta’uu mala.
Hanga bara 1800 itti da’iimman qabeenyaa abbaati jedhamee yaadamaa ture,seerri waa’ee isaanif ba’e hin jiru ture. xiyyeeffannos hin arganne ture.Miidhaan daa’imman irra ga’u kun jalqaba bara 1870 ALA itti karaa seera xiyyeeffannoo argachuu jalqabe.Seera biyya keenyaa keessattis katabameera(fknf,keeyyatni 36 mirga daa’immani keyyata xiqqaa 1-5 tarreessee kaa’eera).
Miidhaan haal malee daa’imman irra ga’u rakkoo daa’imman addunyaa hundaati,akka ggabaasa DHA itti adunyaa irraa daa’imman umurii 15 gadii tilmaaman 13% ta’an rakkoo kanaaf kan saaxilaman.
Yeroo baay’ee miidhaa kanaaf kan isaan saaxilu;amala maatii sanaa,amaala daa’imaa fi amala ykn aadaa baratamaa naannoo isaan jiraataniiti.
1. Amala daa’imaaa(child’s characteristics)
Daa’imman baay’ee siyaa’oo(hyperactive),finciloo,akka warri barbaadan sana kan hin taaneef,guddifachaa fi daa’imman fira bira jiratan chaalatti rakkoo kanaaf saaxilamoodha.
2. Amala warraa(parents) ykn amala nama da’ima sana guddisuu
Jalqabuma irraa daa’ima sana waliin walitti hidhaminsi jiraachuu dhabuu,ofitti amanamummaa dhabuu,ofii isaanii rakkoo akkasii keessatti guddatan yoo ta’e,dhibee sammuu qabu yoo ta’e,yakkka addaa addaa irratti irra deddeebiin nama hirmaatu yoo ta’an,dhugaatii aalkoolii fi qorichoota sammuu namaa midhaan kan fayyadaman yoo ta’an,hubanna ykn muuxannoo daa’ima kunuunsuu kan hin qabne yoo ta’an,fi dinagdeedhaanis laafoo yoo ta’an rakkoo akkasii daa’ima irra geessisuu danda’u
3. Aadaa baratamaa naannoo isaani
Bakka tokko tokkotti,aadaan baratamaa haawasaa sanaa daa’imman miidha haal malee kan irra geessisu ta’uu danda’a;fkn bakka tokko tokko da’imman yoo dogongoran uffata irra baasani hidhanii kan reeban ni jiraa akkasumas umurin isaanii gaa’elaf osoo hin ga’iin kan gaa’ela raawachisn ni jiru.
Gosoota Midhaa
1.Miidhaa qaamaa haal malee(physical abuse)
Qaama daa’ima rukkutanii cabsuu ykn madeessu ykn dirmammeessuu ,akka malee sunxuuxuu,,ciniinuu,dhiituu,hurgufuu,micciiruu,darbachuu(kun qaama hunda tasa balaaf saaxilu mala keessuma mataan yoo lafa/dhagaa irratti rukkutame hanga du’aa illee ga’uu danda’a),gubuu(abiddaan,bishaan danfaan,keemikaalan ta’uu danda’a),ukkaamsuu,summii nyaachisuu fi kkf
2.Miidhaa saalaa haal malee(sexual abuse)
Gosa miidhaa hal malee daa’immanii keesaa isa tokko ta’ee yommuu ga’eessotni ykn namootni gurguddaa gochaa saala waliin wal qabatu kamiyyuu haa ta’u daa’imman umuuriin isaani waggaa 18 gadi ta’e irratti raawwatan jechuudha.fkn ;daa’imni sun gara gocha saala waliin wal qabatutti akka seentu sodachisuu/doorsisuu,qaama saalaa daa’imaa tuttuquu,daa’ima qullaa buusanii qaama saalaa isaanii ilaaluu,gudeeduuf yaalu,gudeeduu,fi fiilmii saalaa(pornography) akka ilaalan gochuu
Mallattolee daa’imni miidhaan saala kun irra ga’ee
- qaama saalaa ykn nannoon qaama saala isaanii dhiiguuu,nama irraa qofaa of baasuu,jeeqamuu samuu,barachuu dadhabuu,guddinni sammuu/qaama isaanii duubatti deebi’uu,ulfaa’uu,deemee deemee daa’imni kun safuu fi saalfii waa’ee saalaa ilaalchisee jiru hin qabaatan .
Ittisuuf….
Namnii kami iyyuu bakka qaama isaanii dhokatoo(private body part) kan akka qaama saalaa fi naanoo qaama saala ,arma,teessoo isaanii,tuquu akka hin qabne barsiisuu fi haala daa’ima sana daangessuu,akkasumas eegumsa ga’aa gochuufiin barbaachisaadha.
3. Miidhaa haal malee xiin sammuu ykn miira daa’immanii(emotional abuse)
Kun itti fufinsaan gochaa miira daa’ima sanaa miidhu dalaguun guddina xiin samuu irratti miidhaa cimaa fi kan hin fayyine daa’ima sana irraan ga’uu jechuudha.fkn;akka malee arrabsuu,jibbuu,itti qoosuu,daraaruu,naasiisuu,qofaa baasuu,gar malee humna isaanitti fayyadamuu,daa’ima biroo waliin wal caalsisuu(isa tokko kaan irraa caalsiisanii kunuunsuu,waanti kun maatii tokko tokko keessatti darbee darbee ni mul’ata,keessumaayyuu daa’imman haadhaa fi abbaa biratti guddifamaa hin jirre.),fkkf.Daa’imman akkasii sodaa keessatti kufu,ni muka’uu,adda of baasu,amala mana keessaa baduu horatu,soorata sirnaan hin sooratan fi akkasumas araada dhugaatii fi qorichoota garaagaraa horatu
Maal haa goonure egaa
-Daa’imman keenya eeguu,hordofuu,kunuunsuu,miidha daa’ima biroo irra osoo ga’uu yoo argine qaama seeraf heeruu kennuu,sababni isaa Daa’imman abdii egeree maatii fi kan biyyaatti waan ta’eef.
Mirga daa’immaniif haa dhaabbannuu!
Galatooma
Dr Jiregna Gemechu

Dhiiga Gumaachuun miidhaa qabaa?Dhiigni dhangala'aa qaama keenya keessa ujummoo dhiiga keessa sosocho'uu qabiyyewwan add...
09/11/2025

Dhiiga Gumaachuun miidhaa qabaa?

Dhiigni dhangala'aa qaama keenya keessa ujummoo dhiiga keessa sosocho'uu qabiyyewwan adda adda kan of keessaa qabuu Fi nyaata Fi oksijiniin qaamota keenya hunda akka qaqqabu kan godhudha.Dhiiga malee namni jiraachuu hin danda'u.dhiigni sababaa adda addaan hammaatan isaa Fi qabiyyeen isaa hir'achuu danda'a.
Sababaa hir'ina dhiigaa kanaan waggaatti namoota miliyoonan lakka'amantu dhiiga fudhata.

Dhiigni eessa fidamee dhibamaaf laatama?

Dhiigni amma yoonatti waarshaa itti oomishamee dhibamaaf laatamu hin jiru, nama keessa fuudhamee namoota hir'ina kanaan dhibamaniif kennama.Namni tokkollee osoo nu hin dirqamsiisin bifa tola ooltummaan isaa nuti laannu sanatu ulaagaa keessa darbuu qabuu keessa darbee lubbuu baraara.

Dhiiga Gumaachuun ykn kennuun nu miidhaa?

Ogeessotaan ilaalamnee ulaagaa nama dhiiga kennuun danda'uu guunnee ,kennuu ni dandeessu yoo jedhamne miidhaa nurraan ga'u bayee hin qabu.Namootni tokko ilaalcha dogongoraa qabaachuu ni malu ta'a,sababoota addaa addaa dhiyeessu.Kun namoota gargaaruuf ,lubbuu baraaruuf,keessumaa haadholii Fi daa'imman addatti ddhibee kanaaf saaxilamoodha.Kanaafiu ,tola keenyaan waan goonu kanaan isaan gargaaruun barbaachisqadha.Halaalatti baqachuu irra itti dhiyaanne erga of ilaalchifne ogeessotni fayyaan sun kennuu akka dandeenyu yoo nu beeksiisan ,yoo kennine bayeessadhan jedha ani karaa gamakootiin.

Ulaagaa nama kennuun danda'uu muraasa...

✓Fayyaan isaa haala gaari irra jira yoo ta'e
✓Umuriin waggaa 16 Fi isaa ol
✓Ulfaatina kilogramii 50 Fi isaa ol
✓Qorannoo ogeessa fayyaan isaaf godhame kan darbe....

Dhiiga yeroo Gumaachuuf karoorsinu alduree nuti gochuu qabnu...

1.Of tasgabeessinee hirriba gaa'aa rafuu
2.Nyaata gaa'aa Fi fayya qabeesaa Fi bishaan ga'aa fudhachu
3.qoricha kaminuu fayyadamaa jiraachuu dhisuu keenya mirkaneeffachuu

Erga gumaachinee maal gochuu qabna?
1.dhangala'aa bayifnee fudhachuu
2.plastera bakka lilmoon nu waranee dhiiga kennine sanaa hanga sa'aa 5 of irra akka turu gochuu
3.nyaata albuuda ayirenii of keessaa qaban kan akka foon diimaa,hanqaaquu,fudura Fi muduraa fikkk soorachuu
4.yoo akka carraa mallattoon akkka mataan namatti salphachuu,lafan maruu,joonjii Fi kkf nutti dhaga'amu,bakkuma jirru dafnee gadi teenyee gargaarsa barbaaduutu nurra jira

Dhiiga gumaachifne qaamni keenya bakka ni buusaa?

Qabiyyeen isaa Isa dhangala'aa(fliud lost) guyyota muraasa keessati yeroo bakka buusu,seeli dhiiga diimaa ammoo torban lama gidduutti omishee bakka akka buusu hima saayinsiin fayyaa

Carrara arganneen dhiiga Gumaachuun lubbuu haadholii Fi daa'immani haa baraarruun dhaamsa isa dhumaati.
Galatoomaa
Dr Jireenya Gammachu

Dhibee kaanserii Sammuu **************************Dhibee ykn dhukkubni kaanserii Sammuu yommuu gurmuu tiishuu Sammuu (br...
09/11/2025

Dhibee kaanserii Sammuu
**************************
Dhibee ykn dhukkubni kaanserii Sammuu yommuu gurmuu tiishuu Sammuu (brain tissue mass) al malee bifa xannachaa (hiixii)tiin Sammuu keessattii biqiluun guddatan ykn seeliwwaan Sammuu al malee yommuu of baayisan jennee hiikuu dandeenya
-kaanseriin Sammuu achuma Sammuu keessattii tiishuu Sammuu irraa kan uumamu ykn kaanserii qaamoota biroo kan akka kaanserii Sombaa, kaanserii Armaa,fi kan biroo irraa gara sammuutti kan faca'u ta'uu danda'a
Dhibee kanaaf kana nama saxilan yoo sirriitti hin hubatamne ta'e iyyuu , qorannoon Akka jedhutti dhibichaaf kan nama saaxilu,
1.Umuri
Dhibee kaanserii Sammuu garaa garaatu jiru,kaneen tokko tokko daa'mman kaan immo nama guddaa keessatti bay'atu
2.saala ,kan isaani dhalaa keessatti kaan isaani immo dhiira keessatti bay'atu
3.Seena maati.maati ykn hidda dhaloota tokko keessatti namni tokko yoo qabaate carraa matii kan biraan qabamuu ol anaadha
4.Cararii(radiation )addaa addaaf saaxilamuu
Gosoota cararii(radiation types)
A.Ionization radiation fkn
- yaala addaa addaaf kan itti gargaaramnu
-Atomic bombs
B.Electromagnetic radiation
c.radiofreququency radiation
Fkn
Cellular telephone are a source of -radiofrequecy radiation exposure that have received coverage in the popular media as potential risk factors for brain tumors presumably due to exposure of the head of the user to radio frequency energy

Other sources of radio frequency include
✓ microwaves,radar equipment and ✓occupational exposure like,sealer, plastic welder, Amateur radio operators,medical personnel, telecommunication workers,

5.Kemikaala addaa addaaf saaxilamuu(chemical exposure)
Fkn √ vinyl chloride,
√qorichoota farra aramaa fi ilbosotaa

6.Sorata,kan fatty itti baay'tu

• kan Akka foonii yeroo hundaa soorachuu, waantoota N.nitroso compound (Nocs) jedhamu of keessatti qaban kan Akka sigaara aarsuu, cosmetics adda addaa knk f fayyadamuu

7.dhugaati alcohol bay'anaan fayyadamuu
8.Namoota qaamni isaani Dhibee of irraa ittisu laafa ta'e,fknf dhukkubsattoota HIV/ AIDS fi kk f

10.sababaa balaa garagaran,miidhamuu Sammuu

11.infectioni garaa garaaf saaxilamuu

Mallattoole kaanserii Sammuu
*******************************
-Mataa dhukkubbii
-gaggabdoo/seizure
-dhiphina Sammuu
-waan godhanii fi waan dubbatan wallaaluu
-qaamni gar tokkoo lamsha'uu
-iji sirriitti arguu dadhabuu
-Arrabni sirriitti dubbachuu dadhabuu
**"
Ittisuuf
-soraata kuduraa fi muduraan itti bay'atu soorachuu
-kan dhibichaaf nama saxilan irraa of eeggachuu
-mallattoleen kun yoo mul'atan atattamaan mana yaala deemuun sakatta"amuu
*****
Galatooma!
Dr Jireenya Gammachu

Dhiittaa saalaa(sexual violence)************************Dhiittaa  saalaa kana bakka 3 itti qoodnee haa ilaaluu 1. Midhaa...
08/11/2025

Dhiittaa saalaa(sexual violence)
************************
Dhiittaa saalaa kana bakka 3 itti qoodnee haa ilaaluu
1. Midhaa saalaa geessisuu(sexual Assualt),2. Gudeedda dirqii(Rape),3. Miidhaa saalaa haal malee(sexual abuse)
Rakkoon kun rakkoo addunyaa guutuuti. Keessumaa immoo naannoo wal waraansi(war) itti baay’atu fi naannoon militerii(armed force) jirutti ni hammaata.Qorannoon bara 2015 tokko akka ifoomsetti dubartootni 43%,dhiirotni 25% jireenya isaanii keessatti addunyaa kana irraa rakkoo kanaaf ni saaxilamu.Dhalaa 43.28% fi dhiira 51.3% ta’an umurii 18 osoo hin ga’iin,fi dhalaa 81.3% fi dhiira 70.8% waggaa 25 osoo in ga’iin jalqabaaf rakkoon kun isaan ni quunnama. Keessumaa immoo ,ijoolleen umuriin isaanii 10-18(adolescents) bay’ee rakkoo kanaaf saaxilamoodha.Akka gabaasa dhabbata fayyaa addunyaattis immoo rakkoo kana irraa kan ka’e waggaatti dubartoota 5%-16% ta’an tu addunyaa kana irraa lubbuun darba.
Dardarawwan(adolescents)/dargaggota maaltuu rakkoo kanaaf akka saaxilaman isaan taasiisaa?*****
-umuriin isaanii yeroo itti of danda’anii maatii ala walitti dhufeenya nama biraa walin uuman waan ta’eef,meeshaalee electirooniksii kan akka bilbilaa fayyadamuun dhoksaatti walitti dhufeenya nama biraa waliin uumuu.
-social midiaa si’a jalqabaaf yeroo itti fayyadamuu eegalanidha waan ta’eef
-dhugaatii alkoolii fi qorichoota sammuu namaa miidhan fayyadamuu
-guddina sammuu fi guddina qaamaan boodatti hafuu
-nama hin beekamnee waliin walitti dhufeenya uumuu fi amananii itti of laachuu
1. Midhaa saalaa geessisuu(sexual Assault):-kun gochaa saalaa waliin wal qabate fedha malee nama irraan ga’uu ykn fedha malee walitti dhufeenyaa saalaa uumuuf yaaaluudha.fknf:fedha malee humnaan gudeeduuf yaalu ykn gudeeduu,fedha malee qaama nama sanaa tuttuquu ykn haammachuu,doorsiisanii ykn sodachisanii dirqamaan gara gocha saalaa waliin wal qabateetti akka namni sun galu gochuu fi k,k,f dha.
2.Dirqiin gudeeduu(rape):-kun immoo miidhaa saalaa ta’ee,fedha malee dirqiin kallattiiman walquunnamtii saalaa raawwachuudha(penetration).Kanaafuu miidhaan saala hundi gudeeddi miti,garuu hunduu seera biratti yakka guddaadha.
Dirqiin gudeeddiin kun bakka lamatti qoodama;
A.Nama hin beekamneen ykn keessumaa(stranger rape),kun nama walitti dhufeenya waliin hin qabaaneen tasa kan ta’udha.
B.Nama beekamuun kan ta’u(Acquaintance rape)-kun kan raawwatu namoota nutti dhiyaatan;hiriyaa,hollaa,hiriyoota maatii,miseensa maatii fi fira illee ta’uu ni mala.Namootni miidhaa akkasii geessisan ofii isaanii qorichoota akka alkoolii,tetrahydrocannabinoid(THC),Opoids,barbicturates fi kan biro baay’inaan fayyadamu.Miidhamtoota(victims) /nama gudeeduu barbaadan sana dursanii qorichoota gudeeddi kanaaf haala mijeessan dirqamaan ykn osoo isaan hin beekiin kennuufii danda’u,qorichootni kun(Gamahydroxybutric acid(GHB),ketamin hydrochloride,flunitrazepam),amala of wallaalchisuu fi amala miira saalaa kakaasuu qabu waan ta’eef isaanitti fayyadamanii miidhaa kana geessiisuu danda’u.
3. Miidhaa saalaa haal malee(sexual Abuse)-kun miidhaa haal malee daa’imman irra ga’uu keessaa isa tokkodha.Akka dhaabbata akkadamii yaala daa’immanii Ameerikaatti, da’imman ykn dadarrawwan(adolescents) gochaa saala waliin wal qabate kan isaan umuriin isaanii sanaaf hin geenye itti dirqamaan akka seenan gochuu fi akkasumas yommuu dhiittan seera(legal violence) fi dhiittaan aadaa fi duudhaa raawwatudha.
Gaaffii guddaan rakkoon akkasii ga’uu isaa akkamiin beeknee dafnee akka isaan yaalaman gochuu dandeenya?
Yeroo baay’ee dadarawwan(adolescents) himachuuf ni saalfatu.Garuu sammuun isanii hin tasgabbaa’u,of ceepha’u ni dhiphatu,kanaafuu yeroo akkasii rakkoo isaanii gaafachuu qabna.sabaabni isaa qorannoo fi yaalli yeroo gabaaba keessatti hin godhamuuf taanan,rakkooleen akka ulfaa’uu,dhibee walqunnamtii saalaan daddarbaan HIV FI VIRUSII TIRUU dabalatee fi akkasumas dhibee sammu(post traumatic stress didorder) fi barnoota isaanii seran hordofuu dhabuun fi kkf dhufuu danda’a.Kanaafuu battala rakkoon kun umamee booda sa’aa 72 osoo hin darbiin mana yaala geessuun qorachiisuu fi yaalsisuun dhibee baay’ee irraa isaan baraaruun barbaachisaadha.Mana yaalatti qorqnnoo qofaa osoo hin taane ittisa dhibee adda addaattif ,HIV,vayiresii tiruu,ulfaa fi k k f ittisuuf qorichi fi talaalliin kennamu jiraachuu isaa fi itti fufees manuma yaalatti deddeebiin hordofamuu akka qaban quba qabaachuun gaariidha.
Akkamittiin Gocha badaa kana ijoollee keenya irraa ittisuu dandeenya?
-barsiisuu qabna :-maaltuu dirqiin gudeeddiif akka nama saaxilu,waa’ee walitti dhfeenyi isaanii,Interneetii irraa balaa jireenya namaatti kan fidu isa kam akka ilaaluu hin qabne,waa’ee qorichoota sammuu namaa midhanii fi alkooli,qodaa hin beekamne keessaa fi nama hin beeknee fi hin amanamne irra waa tokko iyyuu fuudhanii akka hin dhugne fi k k f barsiisuun ni fayyada.
-hiriyaa isaanii amananii bakka fi sa’aa hin eegamne itti bira deemuun dura dhugummaa isaa adda baafachuu fi kan biroonis ni jiru.
Galatooma
Dr Jiregna

Address

Nekemte
Nek'emte
0000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Jiregna posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Jiregna:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category