09/04/2026
Osoo halkaniin yeroo feetanitti ,bakka feetanitti aduu baafatuu dandeessanii akkami?
Qorattoonni halkaniinis akka aduu fedhii keessaniin ibsattan goona jedhaa jiru.
Wantootni waggaa 100 dura dhugaa hin fakkaanni amma jireenya guyya guyyaa nama hundaa keessa gale heddutu jiru. Akka fakkeenyatti, Osoo waggaa 100 dura nama baayyee sirraa fagoo jiru ijaan ilaalaa itti dubbadha jettee namni dhugaa jedhee sirraa fudhatu hin jiru. Hardha hojii namni marti guyya guyyaan hojjatu.
"AI Artificial intelligence" yoo fudhatte waan namni amanuuf rakkatu dalaga jira.
Amma ammoo waan biraatiinis isinii dhufaa jirra jedhaa jiru. Waan akka daawwitii calaqqisaa samitti ol erginee achii gad isinii ibsina(Artificial Moon) jedhu. Daawitiin kun aduu biyya biraatii iftu irraa ifaa fudhattee ajajaan lafa Km 5 tahu saa'atii barbaaddetti ibsatta. FKN osoo lafa qotaa jirtu yoo sitti halkanaawe ifaa guyyaa fakkaatu oorruu teetitti ibsattee qonna kee itti fufta jechuudha. Yoo osoo ijaarsa irra jirtuu aduun dhiitee aduu ibsattee ijaarsicha itti fufta. Ifaan kun xiqqeessuufi dabaluu dandeessa. Eelee soolaaraa illee ni guuttachiisa jedhan.
Ogeeyyiin fayyaa namarratti dhiibbaa fayyaa fiduu mala jedhanii yaaddawu. Sirna hirriiba namaa kan hormoonii ifaafi dukkanaan hoogganamtu jeequu dandandaha, Sirnakkoo(Ecosystem) lubbuu qabeeyyii kan ifaafi dukkanaan socho'anii miidhuu mala jedhu.
Isin ajajaan guyyeeffatuuf qophiidhaa?
Dhugaa taha moo? Yoo umrii dheeranne waa heddu arguu malla. Bullee laalla.
Fayyaa tahaa!
Dr Abdunasir Siraj Jilo