Dr Abdunasir Siraj Jilo

Dr Abdunasir Siraj Jilo I just freely share my knowledge about health or health related issue!
(1)

you can follow my page to know more about different disease in simple word(Mainly afaan oromoo)

11/02/2026
Haala ummanni yeroo ammaa itti jiru. Gaafa dhaloonni Intarneetii (Gen Z) dullooman hedduun mormaan gadi cabuufi.Of eegaa...
29/01/2026

Haala ummanni yeroo ammaa itti jiru. Gaafa dhaloonni Intarneetii (Gen Z) dullooman hedduun mormaan gadi cabuufi.
Of eegaa!

 ??Maashinni itti olseenanii qaama namaa guutuu kaasee dhibee namaa adda baasu jiraa?Dhiheenya kana akka haarawaa tahee ...
25/01/2026

??
Maashinni itti olseenanii qaama namaa guutuu kaasee dhibee namaa adda baasu jiraa?
Dhiheenya kana akka haarawaa tahee namni hedduun yaalaafi yoo dhufu maashina qaama kuutuu na kaasi! Maashina qaama guutuu sanitti ol na darbi! dhibee kiyya isatu baasaa! jedhee namni na gaafatu tokkoo lamaamiti.
Ofii dhuguma maashinni itti seenanii dhibee namaa adda baasu jiraa?
Jalqaba irratti ogeessi tokko maashinaa addaa osoo hin fayyadamin qaama miiraa isaa qofa(dhagahee, ilaalee tuttuqee) fayyadamee dhibee jiran gara caalu (80%) bakka dhibeen jiru ykn dhibicha adda baafachuu qaba. Kun afaan fayyatti History and Physical examination jedhama. Waan adda bahuufi dide ykn qulqulleefachuu barbaadu qorannoo dabalataa akka dhiiga fi maashina adda addaa fayyadamee adda baafata.
Maashinni kamuu dhibee tahe ykn qaama tahe tokko rakkoo isaa adda baasuuf tolfame. Fkn nama dhibee dhiibbaa dhiigaa qabu ilaaluuf maashina xiqqoo harkatti hidhan saniin ilaaluun dirqama. Dhibee Sukkaaraa, dhibee HIV fkkf akkasuma maashina xixiqqoon dhiiga ilaaluun dirqama. Maashinni gurguddaan akka CT scan fi MRI Jedhaman hojii kana dalaguu hin dandahan.
Akka waliigalatti maashinni itti seenanii dhibee adda baasuu ammaatti addunyaa irra hin jiru.
Maashinni namootni akka addaatti ilaalan kan isaan qaama guutuu kaasa jedhanii yaadan maashina "CT scan" fi MRI jedhamani.
Maashinni kunniin faaydaafi miidhaa mataa isaanii qabu. Keessattuu maashinni CT San carara cimaa(radiation) qaba. Kun yoo deddeebi'anii ka'an dhibee biraaf nama saaxiluu mala. Dabalataan maashinni kunniin yeroo tokkotti bakkuma tokko kaasu malee qaama mara hin kaasan. Fkn mataa, mudhii, dugda gara olii yeroo adda addaa kaasu. Kana jechuun ogeessi qorannoo ajaje sun dhukkubsataa san sirritti ilaalee eessa akka kaafamuu qabu adda baasuu qaba.
Osoo maachinni olseenanii takkumaan dhibee mara adda baasu jiraate ogeessi kuni marti, qorannoo adda addaa hin barbaachisu ture.
Kanaafuu maashina tokko ofumaa ajajachuu dura ogeessa dhimma keessan irratti hubannoo qabu mariisisanii qorannoon sirrii argachuun barbaachisaadha.
Fayyaa tahaa!

Oduu gammachiisaaYuniversitii Madda Walaabutti Hospitaalli Riifaraala Goobbaa Meeshaa qorannoo yaalaa kan MRI jedhamu ga...
21/01/2026

Oduu gammachiisaa
Yuniversitii Madda Walaabutti Hospitaalli Riifaraala Goobbaa Meeshaa qorannoo yaalaa kan MRI jedhamu galchee waliiti sirreessaa jira. Maashinni MRI jedhamu meeshaa qorannoo yaalaa keessaa isa baayyee ammayyaawaa kan carara adda addaaf nama hin saaxillee fi bu'aa Teeknoojii addunyaan yeroo ammaa irra geesse keessa isa tokko.
Ummanni Baalee lamaaniitiifi naannawa isaa sababa Qorannoo meeshaa kana barbaachaa riifarii gargaraaf, baasii humnaa oliitiif saaxilamaa turan.
Gaafa maashinni kun Hojii eegalu sababa qorannoof jecha baalee deemuun seenaa tahuu mala.
Hoospitaalli Riifaraala Goobbaa Gamoo ijaarsisaa jiru yeroo xumuree hojii eegalutti hoospitaala guddaa ummata Baaleefi naannawa isaa gitu kan akka Itoophiyaatti dorgomaa taasisu tahuu dandaha.

TikTok baayyisanii fayyadamuun miidhaa Akka geessisu qorannoon akeeke.Dhiheenya kana qorannoon nama kuma sagaltamii-sadd...
02/01/2026

TikTok baayyisanii fayyadamuun miidhaa Akka geessisu qorannoon akeeke.
Dhiheenya kana qorannoon nama kuma sagaltamii-saddeet ol irratti godhamu akka muldhisutti namoonni viidiyoo xixiqqoo TikTok fi Instagram irratti gadi dhiifaman yeroo heddu namoonni ilaalan rakkoo sammuu gargaraaf saaxilamu jedha.
Keessattuu waan xiyyeeffannoo barbaadu, waan walxaxaa furuufi, waan yeroo fudhatu hojjachuu ni rakkatu jedha. Namoonni kun miira toohachuufis baayyee rakkatu(poor impulse control) jedha.
Rakkoolee xiinsammuullee irratti baayyata. Kunis ofitti aaruu, mukaa'uu(Depression), cinqamuu(Anxiety) baayyee saaxilamoodha.
Namoota tokko tokko haala, bifaa tolfame(Photoshop) faana of madaaluun fuula ofii jibbuu ofitti amanamummaa dhabu. Jireenya kijibaa kan social media gubbaa ilaalee ofitti aara.
Namoota tokko tokko homa hunda social media irratti (haala jireenya dhunfaa, online jimaa qama'uu fi online janjanaa irra oolan.) yoo istihaarri irraa deemuu, yoo miira toohachuu dhabanii hawaasaafi nama dhunfaan walitti bu'an, yoo amantaan qoosan, yoo biyyaan qoosan guyyaa guyyaan argaa jirra.
Wanti baayyate kamuu gaarii waan hin taaneef(overdose) irraa of qusachaa deemuun barbaachisaadha.
Fayyaa tahaa!

25/12/2025

Nama dhibee sukkaaraa qabu tokko osoo tasa of wallaalee agartanii maal gootu? Sukkaaratu itti ol ka'e jettanii yaadduu?
Nama dhibee sukkaaraa qabu kan beektan ykn dhageessan tokko yoo akka tasaa of wallaalee arge namni hedduun sukkaaratu mataa kore jedhee yaada. Kanaanis dawaa sukkaaraa lilmoon yoo kennan dhagaham Kuni yaada dogongoraati
Namni dhibee sukkaaraa qabu battalatti tasa of wallaalchisee balaa cimaa irraan kan gahu sukkaara ol ka'e osoo hin taane sukkaara gad bu'eedha. Kanaafuu nama dhibee sukkaaraa qabu, kan dawaa fudhatu tokko kiisaatti karamrellaa ykn sukkaara qabatu gorfama. Kun yoo tasa sukkaarri isaa gadi bu'e akka dafee fudhatee bayyanatuufi
Namni biras yoo nama tasa of wallaalee arge waan qoratuun harkaa hin qabaanni waan sukkaara ykn salphumatti sukkaaratti jijjiiramu akka lallaafaa adda addaa kennuufi qaba.
Mallattoon sukkaarri gadi bu'uu
✓ Beelahuu
✓ Dafquu
✓ Lafti maruunii
✓ Qaamni hollatuu
✓ Dhahannaan onnee dabaluu
✓ Cinqamuu fa'i

24/12/2025

Hiddi dhiigaa sammuu keessatti cufamuun Istrookii uumamu (Ischemic stroke)

Address

Robe

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Abdunasir Siraj Jilo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Abdunasir Siraj Jilo:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram