12/01/2026
🚨💉 “Diclo + Dexa” – Balaa Suuta Nama Ajjeesu!
Waamicha Of-Qabuu Hawaasa Keenyaaf
1️⃣ Seenaa Dhugaa – Barnoota Guddaa Nuuf Ta’u
👨🦳 Obbo R, nama ganna 37, furdina qaamaa (obesity) qaba. Qufaa salphaa fi dhukkubbii garaa xiqqoo qabaachuun gara Hospitaala Meelbaa dhufe.
Yeroo dheeraaf kilinika dhuunfaa tokko irraa qorichoota armaan gadii sirinjii tokkoon walitti makanii itti kennamaa ture:
Ceftriaxone
Diclofenac
Dexamethasone
Yeroo sirnaan fayyaa isaa itti dhaga’amu hundatti immoo:
“Lilmoo sana naaf kennaa, inni na fayyisa” jedhee ofii isaatiin gaafata ture.
❗ Kun mallattoo rakkoo guddaa dha — qoricha sirinjii akka qoricha aadaaatti fayyadamuun amala hawaasa keenya keessatti babal’ataa jiraachuu agarsiisa.
2️⃣ Haala Fayyaa Isaa – Dhugaa Dhoksaa Hin Jiru
Qorannoon Hospitaala Meelbaatti taasifame akka agarsiisutti:
🩸 Dhiibbaa dhiigaa: 180/90 mmHg (Hypertension cimaa)
🩸 Sukkaara dhiigaa (HbA1c): 10.3% (Sukkaara to’annaa ala)
🤕 Dhukkubbii garaachaa cimaa – mallattoo madaa garaachaa (peptic ulcer)
➡️ Xiinxalli ogeeyyii:
Isteeroyidii (Dexamethasone) yeroo dheeraaf fayyadamuun
Diclofenac waliin walitti makuun ➡️ miidhaa garaachaa, sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa hammeesseera.
Kanaaf:
Fayyaa saffisaa argachuuf, balaa yeroo dheeraa of irratti uumeera.
3️⃣ “Diclo + Dexa” – Maaliif Hawaasa Keenya Keessatti Beekkamaa Ta’e?
Hawaasni keenya bakka hedduutti lilmoo kana:
dhukkubbii lafee
dhukkubbii dugda
hargansuu
qufaa
alerjii furuuf ni fayyadama.
Maqaa adda addaan waamama:
💬 “መድሀኒት ንፋስ”
💬 “መድሀኒት መገጣጠሚ”
💬 “መውገብ ማንኪያ”
❗ Garuu kun hundi maqaa dhokataa dha — dhugaan isaa isteeroyidii fi NSAID dha!
4️⃣ Dhugaa Saayinsii – Maaliif Hin Hayyamamne?
🚫 Diclofenac + Dexamethasone sirinjii tokko keessatti walitti makuun:
Qajeelfama FDA hin eegne
Qajeelfama EMA hin eegne
Ragaa nageenyaa hin qabne
Balaa fayyaa guddaa qaba
🚫 Qorichi wal makame akkanaa:
dhibeewwan hin barbaachifne ni uuma
mallattoo dhukkubaa dhoksa
dhukkubsataa fayyaa fakkeessa
5️⃣ Ragaa Qorannoo – Rakkoon Kun Hammam Bal’ataa?
📊 Qorannoo 2024 (Finfinnee):
Namoota 5 keessaa 1 👉 lilmoo ajaja ogeessaa malee fayyadama
Isaan keessaa hedduun isteeroyidii of keessaa qabu
📊 Qorannoo 2023:
Dhaabbilee fayyaa sadarkaa duraa 37% keessatti 👉 lilmoo nageenya hin qabne kennamaa jira
➡️ Kun rakkoo nama dhuunfaa osoo hin taane rakkoo sirnaa (systemic problem) dha!
6️⃣ Miidhaa Dexamethasone – Kan Hunda Caalaa Balaa Qaba
💢 Isteeroyidii (Dexamethasone): 1️⃣ Sukkaara dhiigaa olkaasa → DM uuma/ykn hammeessa
2️⃣ Dhiibbaa dhiigaa ni dabala
3️⃣ Dhangala’aa qaamaa (moon face, edema)
4️⃣ Lafeen ni laaffata → osteoporosis
5️⃣ Humna qaamaa ni hir’isa → sarkoopeeniyaa
6️⃣ Garaachaa ni miidha
7️⃣ Miira jijjiira → yaaddoo, hirriba dhabuu, aarii
7️⃣ Miidhaa Diclofenac – Kan Yeroo Dheeraa Sodaachisaa
💢 Diclofenac:
1️⃣ Madaa garaachaa fi dhiiguu
2️⃣ Miidhaa kalee (AKI / CKD)
3️⃣ Rakkoo onnee (heart attack, stroke)
4️⃣ Dhiibbaa dhiigaa dabala
😣 Yoo lamaanuu walitti makamani: ➡️ Miidhaan isaanii wal dabaluu qofaa osoo hin taane wal hammeessuu (synergistic toxicity) qaba!
8️⃣ Ergaa Guddaa – Hawaasaaf
🚫 “Diclo + Dexa”
➡️ Qoricha fayyaa osoo hin taane
➡️ Qoricha miidhaa suuta jechuudha!
Yeroo gabaabaa: ✔ dhukkubbii ni balleessa
Yeroo dheeraa: ❌ jireenya ni miidha
❌ dhukkuba cimaa uuma
❌ baasii fayyaa ni dabala
9️⃣ Furmaata – Maaliin Itti Fayyadamuu Qabna?
✅ Lilmoon ajaja ogeessaa qofaan
✅ Dhukkubsataa waliin marii bal’aa gochuu
✅ Qoricha afaaniin fudhatamu filachuu
✅ Fiiziyooteraapii, boqonnaa fi jijjiirama jireenya fayyaa fayyadamuu
✅ Dhukkubsataa hordofuu fi to’achuun murteessaa dha
✅ Kilinika fi farmasii keessatti:
odiitii
leenjii
to’annoo cimaa
🔟 Waamicha Ogeeyyii Fayyaa!
🙌 Ogummaa keenya haa kabajnu!
🙌 Ragaa saayinsii irratti haa hundaaynu!
🙌 Maamila gammachiisuuf fayyaa hin gurgurru!
Fayyaa yeroo gabaabaa osoo hin taane
Jireenya guutuu haa eegnu! ❤️🩹