Dr. Mohammed Kedir

Dr. Mohammed Kedir Furtuu Fayyaa
(3)

23/03/2026

Mallatto qaama keenya irrati argine bira darbuu hin qabne

Mucaan umrii 18 ta’e yeroo nyaata nyaatu, lafee lukkuu liqimsee gara keenya dhufe; lafeenis gara ujummoo nyaataa (esopha...
22/03/2026

Mucaan umrii 18 ta’e yeroo nyaata nyaatu, lafee lukkuu liqimsee gara keenya dhufe; lafeenis gara ujummoo nyaataa (esophagus) keessatti maxxanee rakkisaa ture. Gara Hospitaala Meelbaa erga dhufee booda, qorannoon barbaachisaan hundi erga gaggeeffamee, haala salphaa ta’een endoskoopiin milkaa’inaan irraa baafameera.
Hospitaalli Meelbaa dhukkuba kamiyyuu furmaata ogummaa fi tajaajila ammayyaa qaba.
👉 Hospitaala Meelbaa filannoo keessan haa ta’u!

🏥 HOSPITAALA MEELBAA ✨
— Tajaajila amanamaa fi qulqullina olaanaa —
📍 Teessoo:
🏙️ Roobee, Baalee
🛣️ Addabaabayii Waaqoo Guutuu, karaa bahaa
🏢 Marfata Gooroo, gamoo Boing duraanii irratti
📞 Lakkoofsa Bilbilaa:
📲 0222 44 44 44
👉 Fayyaa keessaniif filannoo sirrii!

Yoo fayyaa qaama keetiif kan yaddu tatee, gorsa armaan gadii hubadhu itti fayyadami:✅ Somba kee eegi – Tamboo aarsuu dhi...
22/03/2026

Yoo fayyaa qaama keetiif kan yaddu tatee, gorsa armaan gadii hubadhu itti fayyadami:

✅ Somba kee eegi – Tamboo aarsuu dhiisi. Hawaasa tamboo aarsu keessa turuunis si miidha.

✅ Onnee kee eegi – Ashaboo (salt) baay’ee nyaachuu dhiisi, dhangala’aa qaama keessa turuuf bishaan dhuguu heddummeessi. Dandeettii onnee kee dabaluuf sochii qaamaa hojjadhu.

✅ Tiruu kee eegi – Cooma baay’ee nyaachuu dhiisi, nyaata mi'aawaa (processed food) xiqqeessi. Nyaata soorata qaalii kan ta’e avokado, zayita oofii fi kuduraalee akka harbuu nyaachuu dabali.

✅ Garaacha kee eegi – Nyaata qabbanaawaa baay’isuun xiqqaafi, yeroo nyaataa sirnaan madaali. Yoo dhukkuba garaacha (gastritis) qabda ta’e, nyaata haala sirrii ta’een sooradhu.

✅ Mar’imaan kee fayyaa ta’uuf – Kuduraafi muduraa nyaachuu baay’isi, dhangala’aa sirrii dhuguun garaa goguu ittisi. Nyaata Fiber qaban soraadhu

✅ Kalee kee eegi – Guyyaa guyyaa bishaan dhuguu heddummeessi, garuu halkan dhuguu xiqqeessi. Rafuun dura fincaan dhangalaasi, yoo xiqqoo dhiphattu, soodaa (soda) xiqqeessi.

✅ Sammuu kee eegi – Hirriba gahaa (sa’aatii xiqqaate 8) rafi, suuta suuta ibsa yeroo rafuu xiqqeessi. Jechoota negative fi yaada sodaachisaa irraa of qusadhu.

✅ Ijaan kee eegi – Kompiyuutara fi bilbila dheeraa ilaaluun of qusadhu, yeroo hunda bishaan ija kee irraa hinkaasisin. Qilleensa qulqulluu keessa socho’uun ijaa kee fayyisaa.

✅ Lafee kee eegi – Qaama kee sirnaan sochoosi, sochii qaamaa (exercise) hojjadhu.

✅ Gogaa kee eegi – Bishaan dhuguun gogaa kee miidhageessa, qilleensa qabbanaawaa keessatti of eegi. Lotion ykn dhangala’aa gogaa kee eegu itti fayyadami.

Galatoomaa! Fayyaa fi nagaa hin dhabinaa!

20/03/2026

🔥🔥🔥🔥

20/03/2026

Eid mubarek

Eid mubarek from melba hospital
20/03/2026

Eid mubarek from melba hospital

Ittoo lukkuu fi killee waliin qophaa’e yeroo nyaattan, xiqqoma nyaachuun gaarii dha. Sababni isaas, yeroo dheeraaf qaamn...
20/03/2026

Ittoo lukkuu fi killee waliin qophaa’e yeroo nyaattan, xiqqoma nyaachuun gaarii dha. Sababni isaas, yeroo dheeraaf qaamni keenya nyaata salphaa ykn sooma irra waan tureef, yeroo tokkoon nyaata ulfaataa akkanaatti hedduu nyaachuun miidhaa qaama irratti fiduu danda’a.

Eid Mubarak 🌙✨ hordoftoota amantii Islaamaa hundaaf!Eidni kun kan nagaa 🕊️, gammachuu 😊, jaalala ❤️ fi badhaadhinaa 🌿 nu...
19/03/2026

Eid Mubarak 🌙✨ hordoftoota amantii Islaamaa hundaaf!
Eidni kun kan nagaa 🕊️, gammachuu 😊, jaalala ❤️ fi badhaadhinaa 🌿 nuuf haa ta’u. Rabbiin (SWT) ibaadaa keenya, soomaa fi du’aa keenya haa nuuf qeebalu 🤲

Ayyaanni Eid yeroo gammachuu 🎉, walitti dhufeenyaa 🤝 fi wal gargaarsaa 🤲 itti jabeessinu dha. Yeroo kana keessatti maatii 👨‍👩‍👧‍👦, hiriyoota 👬 fi ollaa waliin gammachuun wal argu, nyaata 🍽️ waliin qooddachuu fi warra rakkatan gargaaruun aadaa gaarii Islaamaa keessaa isa guddaa dha.

Garuu, akka beekamu Ramadaana keessa qaamni keenya yeroo dheeraaf nyaata irraa of qusatee ture 🕰️. Kanaaf yeroo ayyaana kana nyaata baay’ee fi saffisaan nyaachuun qaama keenya irratti miidhaa fiduu danda’a ⚠️
Keessumaa:
🍗 Nyaata zayita baay’ee qabu
🥩 Foon baay’ee (lukkuu, hoolaa, loon)
🍰 Nyaata mi’aawaa fi sukkaara baay’ee qabu
Isaan kunneen garaacha keenya irratti rakkoo akka:
😖 Dhukkuba garaa (gastritis)
🔥 Garaan gubachuu
💨 Baasa (dirrhea)
fiduu danda’u.
Keessumaa ittoon lukkuu 🍗 fi killeen 🥚 waliin hojjetame yoo baay’inaan nyaatame, garaacha irratti ulfaatina uumu danda’a. Kanaafuu of eeggannoo gochuun baay’ee barbaachisaa dha ⚠️

👉 Tarsiimoo of eeggannoo:
🥗 Nyaata xiqqo xiqqoodhaan jalqabuu
💧 Bishaan gahaa dhuguu
🚫 Zayita baay’ee irraa of qusachuu
🍎 Muduraa fi kuduraa dabaluun nyaachuu
🚶‍♂️ Sochii qaamaa salphaa gochuu

Walumaagalatti, ayyaanni kun yeroo gammachuu 🎊 ta’us fayyaa keenya eeguun dirqama keenya dha. Nyaata madaalawaa nyaachuun fi of eeggannoo gochuun nu fayyada 💪
Eid Mubarak 🌙✨
Rabbiin nagaa 🕊️, fayyaa 💊 fi gammachuu 😊 nuuf haa kennu 🤲

19/03/2026

Dhibee kintaarotiif

17/03/2026

Itti fayyadama

17/03/2026

Faayida temira

Address

Bale Robe
Robe

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Mohammed Kedir posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Mohammed Kedir:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category