Baraka Medical Center

Baraka Medical Center Baraka Internal medicine speciality center:
Healing hands and caring hearts.

Yaadachiisa ‎Namoota rakkoo fayyaa gogaa qaamaatiin rakkachaa jirtan hundaaf!‎‎Hospitaalli Barakaa tajaajila yaala dhibe...
30/03/2026

Yaadachiisa
‎Namoota rakkoo fayyaa gogaa qaamaatiin rakkachaa jirtan hundaaf!

‎Hospitaalli Barakaa tajaajila yaala dhibee gogaa fi nafa saalaa Dilbaata dhufu 27/7/2028 A.L.I dilbata guyyaa guutuu fi wiixata ganama hanga sa’aatii 3:00 ispeeshaalistiin dhibee gogaa fi nafa saalaa kan ta'an Dr.Adaane Cherinetiin tajaajilli yaala ni kennama.

‎Kanaafuu namoonni rakkoo fayyaa gogaa qaamaatiin wal- qabatuun rakkachaa jirtan carraa kanatti fayyadamuun tajaajila yaala kan argatttan tahuu gamanumaa isin yaadachiisaa gamanumaa galmaa'uun tajaajila argachui ni dandeessu.


‎Iddoon tajaajila Roobee Baalee
‎Lakk. 1: Waajira bulchiinsa Ganda
‎ Baha Biiftuu (03) fuuldura
‎Lakk .2 Mana Barumsa Fiiwuchar, hooppii ,daandii aspaaltii Hamzaa geessu gubbaa gama harka mirgaatti argamna.

‎Oddeffannoo dabalataatiif
‎📞 0903030503//0989053669
‎Sarara gababaa: 6503

https://t.me/+AKZttUoJqwkzYmZk
http://tiktok.com/
Baraka Medical Center

Sababootaa fi haalota dhukkuba onneefi ujummoolee dhiigaa (Cardiovascular Disease Risk) tiif  nama saaxilan ijoo ta'an.‎...
26/03/2026

Sababootaa fi haalota dhukkuba onneefi
ujummoolee dhiigaa (Cardiovascular Disease Risk) tiif
nama saaxilan ijoo ta'an.
‎✓ Tamboo xuuxuu
‎✓ Nyaata cooma baay'ee qabu nyaachuu
‎✓ Sochii qaamaa taasisuu dhiisuu
‎✓ Alkoolii baay'isanii dhuguu
‎✓ Dhibeewwan akka olka'uu dhiibbaa dhiigaa, dhibee sukkaaraafi olka'uu kolestiroolii
‎Maloota ittisa dhibee onneefi ujummoolee dhiigaa
‎✓ Tamboo xuuxuu dhiisuu
‎✓ Kuduraaf muduraa soorachuu amaleeffachuu
‎✓ Soogidda, sukkaaraafi cooma nyaachuu hir'isuu
‎✓Sochii qaamaa gahaafi idileen taasisuu
‎✓Dhugaatii alkoolii hir'isuu
‎✓Ulfaatina qaamaa hir'isuu
‎✓Dhibee olka'uu dhiibbaa dhiigaa, dhibee sukkaaraa, ujummoolee dhiigaafi kolestroolii too’achu
‎✓ Dhiphina sammuu (stress) toa’achuu
‎✓Yeroo yeroon qorannoo fayyaa taasisuu

Teessoon ‎Roobee Baalee naannoo mana
‎Barumsa Fiiwuchar hooppii daandii
‎aspaaltii Hamzaa geessu gubbaa
‎gama harka mirgaatti argamna.
‎Odeeffannoo dabalataatiif
‎lakkofsa bilbilaa
‎0903030503
‎098905366
‎sarara bilbila si'ataa 6503
https://t.me/+AKZttUoJqwkzYmZk
http://tiktok.com/
https://www.facebook.com/100086587209305/posts/909112991984933/?app=fbl


IFA ADUU FAYYAA KEENYAAF  ✓ Vaayitaamin D oomishuuf:-  Ifti aduu qaamni keenya oomisha vaayitaamin D dabaluuf gargaara. ...
24/03/2026

IFA ADUU FAYYAA KEENYAAF
✓ Vaayitaamin D oomishuuf:- Ifti aduu qaamni keenya oomisha vaayitaamin D dabaluuf gargaara. Vaayitaamin D n ammoo guddinaafi jabina lafeef gargaara.

✓ Miira gammachuuf: Oomisha Serotonin qaamaa dabaluun mukuu (depression) ittisa.

✓ Hirriba gaariif:- Sirna hirribaa sirreessa. Guyyaa dammaqiinaan akka oollufi, galgala hirriba gaarii akka argannu gargaara.

✓ Fayyaa onneef: Dhiibbaa dhiigaa hir’isee fayyaa onnee eeguuf nu gargaara.

✓ Fayyaa sammuuf:- Xiyyeeffannoofi dammaqiinsa dabaluun fayyaa Sammuu eeguuf gargaara.

✓ Sirna ittisa dhukkubaa (Madinummaa) qaamaa cimsa.

Hub: Guyyaatti daqiiqaa 15-30 Caama ganamaa fayyadamuun faayidaa asii olii kana argamsiisa. Akkasumas Aduun guyyaa bahu Gogaa keenya waan miidhuf Aduu ganamaa fayyadamuun gaaridha. Keessumaayyuu daa'immaniif!
Maddi Fuula fb. Biiroo Fayyaa Oromiyaati.

20/03/2026

Ergaa Baga geessanii Hojii gaggeessaa ol'aanaa fi hundeessaa Dhaabbata
Fayyaa Barakaa(Wiirtuu Fayyaa Barakaa fi Hospitaala Barakaa) Dr . Awwal Abdulkariim Ayyaana Idal- Fixrii sababeeffachuun
ergaa Baga ittiin isin gahee dabarsan.

Baga Ayyaana Sooma hiikkaa Idal- Fixrii bara Lakkoofsa Hijraa, 1447 nagahaan ittiin isin gahe.

‎Ayyaanni sooma hiikkaa Idal- Fixrii kan gammachuu kan Fayyaa fi kan ‎milkii isiniif haa ta'u .

‎Ayyaana gaarii isiniif haa ta'u Warra baranaa kan bara egeree nu haa taasisu
jechuun ergaa dabarsaniiru. !

‎Baga Ayyaana Sooma hiikkaa Idal- Fixrii bara Lakkoofsa Hijraa 1447 nagahaan ittiin isin gahe.‎‎Ayyaanni sooma hiikkaa I...
20/03/2026

‎Baga Ayyaana Sooma hiikkaa Idal- Fixrii
bara Lakkoofsa Hijraa 1447 nagahaan
ittiin isin gahe.

‎Ayyaanni sooma hiikkaa Idal- Fixrii
‎ kan gammachuu kan Fayyaa fi kan
‎milkii isiniif haa ta'u .

‎Ayyaana gaarii isiniif haa ta'u Warra baranaa kan bara egeree nu haa taasisu !

DHUKKUBA MADAA'UU GARAACHAA (PEPTIC ULCER DISEASE)‎‎Dhukkubni garaachaa kan uummamu 'gastric mucosa'n garaacha haguugee ...
12/03/2026

DHUKKUBA MADAA'UU GARAACHAA (PEPTIC ULCER DISEASE)

‎Dhukkubni garaachaa kan uummamu 'gastric mucosa'n garaacha haguugee argamu, kan garaachi akka asidiin hin miidhamne eegu yeroo qunca'u ykn madaa'uudha. Uumamaan garaachi namaa asiidii 'Hydrochloric acid (HCL) jedhamu maddisiisa.

Asiidiin kun bullaa'insa pirootiniifi baakteeriyaa nyaata waliin garaa seene ajjeesuuf fayyida qabu. Garaacha sababa adda addaatiin madaa'een yoo wal argate asiidiin kun dhukkubicha gara sadarkaa ol aanuuti guddisuu mala.

‎📌 Sababoota dhukkubichaaf nu saaxilan
‎✓ Baakteeriyaa 'Helicobacter pylori' jedhamu
‎✓Qorichoota dhukkubi hir'isuuf kennaman (pain killer) keessumatuu gosa 'NSAID' kan ta'an kan akka Ibuprofen, Asprin, Diclofenac ajaja ogeessaan ala baay'inaan fayyadamuu

‎✓ Alkoolii dhuguu hedduummessuu
‎✓ Tamboo xuuxuu
‎✓ Infeekshinii (vaayirasii, maxxantuu garaachaa (parasites) tokko tokko)
‎✓ Rakkoo sirna ittisa qaamaa (Autoimmune disorders)
‎✓Dhiphachuufi yaaddoo

‎📌 Mallatoo dhukkuba garaachaa
‎👉Gubaa laphee
‎👉Balaqamsiisuu
‎👉Foolii nyaataa nama jibbisiisuu
‎👉Fedhii nyaataa dhabuu
‎👉Garaan bokokuu
‎👉Halluun bobbaa gurraacha'uu
‎👉Deddeeffachiisuu

‎📌 Maloota ittisaa
‎✓Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn hir’isuu
‎✓Tamboo xuuxuu dhiisuu
‎✓Qorichoota ( keessumaayyuu qorichoota dhukkubbii hir'isan) ajaja ogeessaatiin ala fudhachuu dhiisuu
‎✓Nyaata coomaafi zaayitii akkasumas mi'eessituun itti hedduumaatu xiqqeessuu
‎✓Dhiphina sammuufi yaaddoo garmalee hir’isuu
‎✓Bishaan gahaa dhuguu ( guyyaatti liitira 2--3 ol)
‎✓Kuduraaf muduraa soorachuu
‎✓Qulqullinni nyaata soorannuu eeguu.

‎Tajaajila gahaa Ispeeshaalistotaa fi Sab Ispeeshaalistootaan yaala gahaa isiniif kennina .

Teessoon keenya.
‎Roobee Baalee naannoo mana
‎Barumsa Fiiwuchar hooppii daandii
‎aspaaltii Hamzaa geessu gubbaa
‎gama harka mirgaatti argamna.
‎Odeeffannoo dabalataatiif
‎lakkofsa bilbilaa
‎0903030503
‎098905366
‎sarara bilbila si'ataa 6503
https://t.me/+AKZttUoJqwkzYmZk
http://tiktok.com/
https://www.facebook.com/100086587209305/posts/909112991984933/?app=fbl


‎Hospitaalli Barakaa namoota rakkoo fayyaa mormaa oliitiin rakkachaa jiraniif‎furmaata waaraa kennaa jira.‎‎Duula qindaa...
10/03/2026

‎Hospitaalli Barakaa namoota rakkoo
fayyaa mormaa oliitiin rakkachaa jiraniif
‎furmaata waaraa kennaa jira.

‎Duula qindaa'aa yaala dhibee mormaa olii marsaa 2ffaa Hospitaala Barakaatti taasifameen Ispeeshaalistota Finfinneerraa dhufaniin kennameera.

‎Ammas marsaa 3ffaan yeroo itti aanuutti kan kennamu waan ta'eef gamanumaa beellama qabachuun qophiibarbaachisaa akka taasiftan isin beeksifna.

‎Tajaajillooni yaala kennaman
‎•Rakkoo halkan hirriba keessa korrisuu daa'immanii fi kan ga'eessotaa yaaluu
‎• Toonsili baqaqsanii yaaluu
‎• Rakkoo fayyaa gurraa wal qabatuu
fi ‎ dibbee gurraa citee yaaluu
‎• Hidhii fi funyaan baqaqe yaaluu
‎•Laagaa citee fi baqaqe yaaluu
‎•Saayinasii funyaanii yaaluu fi
‎dhibee qoonqoon indoskoppiidhaan deeggaramuun baqaqasuun
‎•dhiita gara garaa mormaa
‎olitti baha baqaqsuun baasuu.

‎Teessoon
‎Roobee Baalee naannoo mana
‎Barumsa Fiiwuchar hooppii daandii
‎aspaaltii Hamzaa geessu gubbaa
‎gama harka mirgaatti argamna.
‎Odeeffannoo dabalataatiif
‎lakkofsa bilbilaa
‎0903030503
‎098905366
‎sarara bilbila si'ataa 6503
https://t.me/+AKZttUoJqwkzYmZk
http://tiktok.com/
https://www.facebook.com/100086587209305/posts/909112991984933/?app=fbl


Oduu Gammachiisaa Marsaa 2ffaa yaala mormaa Olii.Duula qindaa'a  yaala mormaa olii marsaa 2ffaa Hospitaala Barakaatti Gu...
05/03/2026

Oduu Gammachiisaa
Marsaa 2ffaa yaala mormaa Olii.

Duula qindaa'a yaala mormaa olii marsaa 2ffaa Hospitaala Barakaatti Gurraandhala 27-30/2018 ni gaggeeffama.

Hospitaalli Barakaa duula qindaa'aa yaala mormaa Olii marsaa 2,ffaa Ispeeshaalistoota yaala mormaa olii Finfinnee Hospitaala paawuloos irraa dhufan waliin ta'uun Gurraandhala, 27 -30/2018 tti namoota rakkoo fayyaa mormaa oliitiin rakkachaa jiraniif tajaajila waldhaansa yaala
mormaa olii ni kenna.

Tajaajilonni wal'aansa yaalaa irratti kennaman.

➡️ Rakkoo fayyaa hirriba keessaa
korrisuu, ga'eesaotaa fi daa'immanii yaaluu.
➡️ Rakkoo dhagahuu dadhabuu dandeettii gurraa yaaluu
➡️Dibbee gurraa cite waldhaanuu.
➡️Funyaanii fi Hidhii baqaqee waldhaanuu. ➡️ Laagaa baqaqee fi cite yaaluu
➡️ Qorannoo dhukkuboota Funyaan fi Gurra Endooskooppii dhaan adda baasuu.
➡️ Toonsilii yaala baqaqsuutiin yaaluu. (Adenotonsillectomy)
➡️ Qorannoo fi Yaala Mormaa olii Guutuu.
➡️ Dhiita mormaa olii yaala baqaqsuutiin yaaluu.

📍Teessoon
‎Roobee Baalee naannoo mana
‎Barumsa Fiiwuchar hooppii daandii
‎aspaaltii Hamzaa geessu gubbaa
‎gama harka mirgaatti argamna.
‎Odeeffannoo dabalataatiif
‎lakkofsa bilbilaa
‎0903030503
‎098905366
‎sarara bilbila si'ataa 6503
https://t.me/+AKZttUoJqwkzYmZk
http://tiktok.com/
Baraka Medical Center

Oduu_Dinqisiisaa!!‎Hospitaala Barakaatti Xannachi kiilograama kudhan(10)  yaala baqaqsuu sa'aatii lamaa taasifameen  baa...
04/03/2026

Oduu_Dinqisiisaa!!
‎Hospitaala Barakaatti Xannachi kiilograama kudhan(10) yaala baqaqsuu sa'aatii lamaa taasifameen baasuun danda'ame.

‎Haati waggaa 27 taatee waggaa dheeraadhaaf dhibee kanaan rakkachaa
kan turte yammuu ta'u tajaajila yaala baqaqsanii yaaluu taasifameen yaala
gahaa argatteen xannacha
keessaa baasuun fayyyaa argachuun
ishee ibsame.

‎Haati tunis ba'aa ji'a jahaa (6) kan
qabdu yammuu taatu xannachii
oovaarii ishee gama mirgaa irratti
jiraachuu qorannoo taasifameen kan mirkanaa'e fi xannachakg, 10 yaalii
baqaqsuu sa'aatii lama fudhateen
baasuun danda'ameera.

‎Haati tunis erga tajaajila yaala baqaqsuu argataniin booda haalli fayyaa isaanii fi
ba'aa garaa qabaniis haala gaariirra kan jiru yammuu ta'u,Ogeeyyiin Hospitaala Barakaa aantummaan hawaasa isaanii,‎tajaajilaa jiraachuu hoji gaggeessaan ol'aanaa Hospitaala Barakaa Dr. Awwal Abdulkariim ibsaniiru.

Teessoon keenya.
‎Roobee Baalee naannoo mana
‎Barumsa Fiiwuchar hooppii daandii
‎aspaaltii Hamzaa geessu gubbaa
‎gama harka mirgaatti argamna.
‎Odeeffannoo dabalataatiif
‎lakkofsa bilbilaa
‎0903030503
‎098905366
‎sarara bilbila si'ataa 6503
https://t.me/+AKZttUoJqwkzYmZk
http://tiktok.com/
https://www.facebook.com/100086587209305/posts/909112991984933/?app=fbl




💪A 10 kg Benign Ovarian Cyst successfully removed in a two-hours(2 hours) surgery at Baraka Hospital.Baraka Hospital has...
04/03/2026

💪A 10 kg Benign Ovarian Cyst successfully removed in a two-hours(2 hours) surgery at Baraka Hospital.

Baraka Hospital has once again proven its position as a center of excellence in both medical and surgical care by successfully performing a complex surgical procedure on a 27-year-old pregnant mother with a very large ovarian cyst.

This achievement highlights the hospital’s expertise, advanced surgical capability, and exceptional multidisciplinary teamwork in managing high-risk cases with precision and care.

The patient, G6P5 and seven months pregnant (third trimester), presented to Baraka Hospital with gradual abdominal swelling, shortness of breath, and fatigue after visiting several healthcare facilities. Upon thorough evaluation, imaging revealed a huge cystic mass measuring 27 × 24 × 28 cm arising from the right o***y. The mass was causing compressive effects on surrounding organs(causes moderate hydroureteronephrosis).

After detailed evaluation and meticulous surgical planning, considering both maternal and fetal risks, the patient consented to surgical intervention.

Operative Highlights
Procedure performed: Laparotomy with unilateral salpingo-oophorectomy.

The surgery was completed successfully without intraoperative or immediate postoperative complications. The patient improved well and was discharged in stable condition.

Operative Team Members
1.Dr. Dagim Tadesse (MD, Obstetrician and Gynecologist)
2.Dr. Fayera Abetu (MD, General Surgeon)
3.Dr.Gabisa(Anesthesiologist)
4.Gachena Guye (Anesthetist)
5.Abduljelil (Scrub Nurse)
6.Zemzem (Runner Nurse)
7.Sitina (Cleaner)

Written consent was obtained for the use of the patient’s pictures and clinical history. both medical and surgical care by successfully performing a complex surgical procedure on a 27-year-old pregnant mother with a very large ovarian cyst.

This achievement highlights the hospital’s expertise, advanced surgical capability, and exceptional multidisciplinary teamwork in managing high-risk cases with precision and care.

The patient, G6P5 and seven months pregnant (third trimester), presented to Baraka Hospital with gradual abdominal swelling, shortness of breath, and fatigue after visiting several healthcare facilities. Upon thorough evaluation, imaging revealed a huge cystic mass measuring 27 × 24 × 28 cm arising from the right o***y.

The mass was causing compressive effects on surrounding organs(causes moderate hydroureteronephrosis).

After detailed evaluation and meticulous surgical planning, considering both maternal and fetal risks, the patient consented to surgical intervention.

Operative Highlights
Procedure performed: Laparotomy with unilateral salpingo-oophorectomy (USO)
👉 Removal of a 10 kg massive benign cyst from the right o***y
👉Contralateral o***y, fallopian tube, and gravid uterus preserved and healthy

The surgery was completed successfully without intraoperative or immediate postoperative complications. The patient improved well and was discharged in stable condition.

Operative Team Members
1.Dr. Dagim Tadesse (MD, Obstetrician and Gynecologist)
2.Dr. Fayera Abetu (MD, General Surgeon)
3.Dr.Gabisa(Anesthesiologist)
4.Gachena Guye (Anesthetist)
5.Abduljelil (Scrub Nurse)
6.Zemzem (Runner Nurse)
7.Sitina (Cleaner).

Hospitala Barakaatti tajaajilli dahumsaa argatan, kan isaan gammachiise ta'uu  tajaajilamtoonni himan.‎‎ Hospitaalli Bar...
25/02/2026

Hospitala Barakaatti tajaajilli dahumsaa argatan, kan isaan gammachiise ta'uu tajaajilamtoonni himan.

‎ Hospitaalli Barakaa kenniinsa tajaajila dahumsaa qulqullinna qabuu fi fayyaa haadholeef daa'imman kichuutiif xiyyeffannaa addaatiin hojjachaa jira.

‎Hospitaalichi meeshaalee yaala ammayyaa
fi Ispeeshaalistoota muuxannoof gahumsa ol'aanaa qabaniin tajaajila hunda galeessa
‎ qulqullinnaan kennuuratti argama.

‎Kanamalees Hospitaalichi kunuunsa
addaa haadholeef taasisuun cinatti
‎daa'imman dhalataniif gumaacha
‎ uffataa taasiseera.

Odeeffannoo dabalataatiif
‎lakkofsa bilbilaa
‎0903030503
‎098905366
‎sarara bilbila si'ataa 6503
https://t.me/+AKZttUoJqwkzYmZk
http://tiktok.com/
https://www.facebook.com/100086587209305/posts/909112991984933/?app=fbl


Address

Robe

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Baraka Medical Center posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category