Baraka Medical Center

Baraka Medical Center Baraka Internal medicine speciality center:
Healing hand and caring heart.

Mallattoolee ijoo dhukkuba Jaardiyaa (Giardiasis symptoms)*Sagaraa (Bowlii) lallaafaa qaqqallatee haala  bishaan fakkaat...
04/01/2026

Mallattoolee ijoo dhukkuba Jaardiyaa (Giardiasis symptoms)

*Sagaraa (Bowlii) lallaafaa qaqqallatee haala bishaan fakkaatu yeroo bobbaa mul'achuu
*Fooliin sagaraa baayyee xiraawu
*Dadhabbiin qaamaa fi dafqi baayyachuu
*Gaasiin Garaachaa keessatti baay’achuu
* Dhukkubbiin Garaachaa namatti dhagahamuu
*Miirri garaa nama muruu namatti dhagahamuu
*Ulfaatinni qaamaa ariitiin hir’achuu

# Mallattoon dhukkuba Jaardiiyaa yeroo baay’ee torban 2 hanga 6tti turuu danda’a.
Garuu namoota muraasa biratti, mallattoon sun yeroo dheeraa turuu fi deebi’anii mul’achuu danda’a.

03/01/2026

Wiirtuun Fayyaa Barakaa Imaltoota Hajjii bara 2018/1447 tiif beekkamtii Mana marii ol'aanaa dhimmoota islaamummaa irraa argateen qorannoo yaalaa guutuu fi ragaa yaalaa imaltoota hajjiitiif maashinootaa fi ogeeyyii gahumsa Ol'aanaa qabaniin deeggaramuun qulqullinnaa tajaajiluurratti argama.

Kanuma hubachuun imaltoota Hajjii
bara kanaatiif tajaajila qorannoo guutuu si'aataaf qulqullunni isaa eeggate waraqaa ragaa waliin kan isiniif kenninu tahuu isin
beeksifna.

Hajjii qeebalamtuu isiniif akka taatu gammachuu guddaan isiniif hawwina.

Wiirtuu Fayyaa Barakaa.

02/01/2026
Oduu Gammachuu  Imaltoota ‎Hajjii bara 2018/1447 / hundaaf!‎‎Wiirtuun Fayyaa Barakaa  Mana Marii O'laanaa dhimmoota Isla...
31/12/2025

Oduu Gammachuu Imaltoota
‎Hajjii bara 2018/1447 / hundaaf!

‎Wiirtuun Fayyaa Barakaa Mana Marii O'laanaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa waliin ta'uun imaltoota Hajjii bara 2018/1447/
‎taasisaniif qorannoo fayyaa meedikaala si'oomina fi qulqullinnaan kennuurratti argama.

‎Maarree imaltoonni Hajjii Godina Baalee fi magaalaa Roobeef naannawa ishee hundi keessanuu wiirtuu Fayyaa Barakaa
dhuftanii qorannoo fayyaa guutuu taasisuu
kan dandeessan tahuu gamanumaa isin
beeksifna.

Qorannoo yaalaa guutuu maashinoota ammayyaatiin deeggaramnee isinif taasifna.

Teessoon keenya Roobee Baalee waajjira bulchiinsa ganda Baha biiftuu fuul duratti argamna.

Odeeffannoo dabalataatiif Lakkoofsi Bilbila 0903030503/0989053669Fast call 6503

‎Mallattoolee dhiibbaa dhiigaa cimaa (Hypertensive Emergency) ‎‎ _Dhukkubbii mataa cimaa_‎ Naannoo lapheetti miirri dhuk...
28/12/2025

‎Mallattoolee dhiibbaa dhiigaa cimaa (Hypertensive Emergency)

‎ _Dhukkubbii mataa cimaa
_‎ Naannoo lapheetti miirri
dhukkubbii cimaa namatti dhagahamuu
(chest pain)
_ ‎Hafuurri addaan ciccituu haafura baafachuuf
Rakkachuu
‎_Dhiphinni cimaa qabaachuu
‎_ Mataan namatti naanna'uu
‎Ijaan sirritti argu dadhabuu
‎dhahannaan onnee daran dabaluu
‎Qaamni nama dhiita'uu (miila, harka ykn fuula)
‎Lafee qaamaa tokko tokko dadhabuu ykn hadooduu fi kk fadha.

Yammuu ofirratti argitan mana yaalaa deemuun laalamuun barbaachisaadha.

Mallattoolee dhibee  Daranyoo Sombaa (የሳንባ ምች/Pneumonia)-Healthy habits, healthy lungsDaranyoon Sombaa_ infeekshinii som...
26/12/2025

Mallattoolee dhibee Daranyoo Sombaa (የሳንባ ምች/Pneumonia)-Healthy habits, healthy lungs

Daranyoon Sombaa_ infeekshinii sombaa qufaa salphaarraa kaasee hanga du'aatti geessisu tahee, dhibee dhukkubbota sirna hargansuu Kamiiyyuu faana dhufuu danda'uudha.
Adunyaarratti dhukkuboota infeekshinii dararaa fi du'a fiduun beekaman keessa dursarratti argama.

Mallattoolee dhibee daranyoo sombaa . Qufaa torbee lamaaf Sanaa ol namarraa turuu.
• Afuura baafachuu dadhabuu, waraansa laphee yoo jiraate
• Dafanii dafanii harganuu, hafuura hanqisuun yoo jiraate
• Nafa hoo'isuun hin wayyoofne yoo jiraate
• Of wallaaluun, akkasumas daa'immaniif
yoo harma hodhuu ykn nyaachuu dadhaban
• dadhabbii qaama cimaa namatti dhagahamuun
• Mallattoolee armaan olii ofirraatti yoo argitan yeroodhaan wal 'anamuun barbaachisaadha.

Soonogiraafii (Ultrasonography).* Soonogiraafiin kenniinsa tajaajila fayyaa keessatti qorannoo namoota hedduuf godhamu k...
24/12/2025

Soonogiraafii (Ultrasonography).
* Soonogiraafiin kenniinsa tajaajila fayyaa keessatti qorannoo namoota hedduuf godhamu keessaa isa tokko. Tajaajila qorannoo fi yaalaaf ni oola. Soonogiraafiin (qorannoon altiraasaawundii) kan hojjatu danbalii sagalee dhageetti gurra namaatii ol ta’e fayyadamuuni.

❖ Qorannoon Altiraasaawundii caarallaa qaama miidhuu danda’an (ionizing radiations) hin fayyadamu. Kanaaf, qorannoo ulfaa (daa’ima gadaamessa keessa jiru) irratti immeejiingii filatamaa ta’eedha. Qorannoo haadha ulfaa iratti, altiraasaawundiin: haala uumamaa fi taa’umsa daa’ima ulfaayamee, lubbuun jiraachuu fi dhiisuu isaa, tilmaama guyyaa daa’imaa, baay’inna (tokko, lakkuu ykn sanii ol ta’uu), hamma bishaan ulfaa fi haala hobbaatii fa’a ittiin qorachuuf ni tajaajila.

❖ Qaamota akka tiruu, rajiijii (pancreas), ispiliinii, kalee, hadhooftuu, afuuffaa fincaanii, piroosteetii, fi gadaamessa fa’a ittiin ilaaluuf kan fayyadu yoo ta’u, bu’aan isa irraa argamu (rakkoo jiru adda baasuun) dandeettii nama maashinichaan ilaaluu ykn qoratuu san irratti kan hundaa’uudha.

❖ Altiraasaawundiin onnee (echocardiography) ammoo sosochii maashaa fi valvii onne, baldhinna chaambarii (kutaalee onnee), hamma dhiigaa onnee seenuu fi bahu, dhiita’aa fi dhiigni kantare yoo onnee keessa jiraate ittiin qorachuuf nu gargaara.

Altiraasaawundiin woldhaansa (yaala) irrattis, faayidaalee akka:
➢ Meeshaalee yaalaaf oolanii fi qorichoota adda addaa, qaama keessatti iddoo barbaadamanitti, altiraasaawundiin ilaalaa kaayuuf ykn kennuuf.
➢ Osoo opireeshiiniin (baqaqsanii) hin banin, qaamota keessaa irraa waan akka siriinjii (lilmee) fa’a fayyadamuun altiraasaawundiin deeggaramaa samuuda qorannoof fuudhuuf,
➢ Danbalii sagalee cimaa ta’e fayyadamuun, tishuuwwan sochosuu fi hoo’isuuf, dhiiga kantare bittinsuuf (facaasuuf) tajaajiluu danda’a.
Maddi fuula fb
Dr. Nuredin Luke
wabeeffanne.

19/12/2025

Tajaajila Ambulaansii
si'ataa sa'aatii 24/7(torbee guutuu )
isiniif kennina lakkoofsa Bilbilaa kanaan
nuuf bilbiluu ni dandeessu.

0903030503/0989053669
Fast Call 6503
Hospitaala Barakaa

stroke symptoms
18/12/2025

stroke symptoms

የዲስክ መንሸራተት ምንድን ነው?የዲስክ መንሸራተት (Disc slippage) ማለት በአከርካሪ አጥንቶችዎ መካከል የሚገኙት ለስላሳ ትራሶች (ዲስኮች) ከመቀመጫቸው ሲንቀሳቀሱ ወይም ሲቀደዱ የሚ...
17/12/2025

የዲስክ መንሸራተት ምንድን ነው?

የዲስክ መንሸራተት (Disc slippage) ማለት በአከርካሪ አጥንቶችዎ መካከል የሚገኙት ለስላሳ ትራሶች (ዲስኮች) ከመቀመጫቸው ሲንቀሳቀሱ ወይም ሲቀደዱ የሚፈጠር ነው። ይህም በአቅራቢያው ባሉ ነርቮች ላይ በመጫን ህመም ወይም መደንዘዝ ሊያስከትል ይችላል።

*ምልክቶች
የእጅ/እግር ህመም እና መስነፍ
1.የመደንዘዝ ወይም የመጠቅጠቅ ስሜት
2.የጡንቻ ህመም
3.አንዳንዴ ምልክቶች በግዜ ራሳቸው ሊቀንሱ ይችላሉ

*መንስኤዎች
✓እድሜ መጨመር
✓ከፍተኛ ክብደት
✓ስራ ሁኔታ
✓በዘር የሚመጣ ተጋላጭነት

#መከላከያ
✓ እረፍት እና ቀላል እንቅስቃሴ ማድረግ
✓ የአካላዊ ህክምና (Physical therapy)/ ፊዚዮቴራፒ
✓ጥሩ የአቋቋም ልምዶች
✓ህመሙ ከቀጠለ የህክምና ክትትል (Medical treatment)የዲስክ መንሸራተት ምንድን ነው?

የዲስክ መንሸራተት (Disc slippage) ማለት በአከርካሪ አጥንቶችዎ መካከል የሚገኙት ለስላሳ ትራሶች (ዲስኮች) ከመቀመጫቸው ሲንቀሳቀሱ ወይም ሲቀደዱ የሚፈጠር ነው። ይህም በአቅራቢያው ባሉ ነርቮች ላይ በመጫን ህመም ወይም መደንዘዝ ሊያስከትል ይችላል።

*ምልክቶች
የእጅ/እግር ህመም እና መስነፍ
1.የመደንዘዝ ወይም የመጠቅጠቅ ስሜት
2.የጡንቻ ህመም
3.አንዳንዴ ምልክቶች በግዜ ራሳቸው ሊቀንሱ ይችላሉ

*መንስኤዎች
✓እድሜ መጨመር
✓ከፍተኛ ክብደት
✓ስራ ሁኔታ
✓በዘር የሚመጣ ተጋላጭነት

#መከላከያ
✓ እረፍት እና ቀላል እንቅስቃሴ ማድረግ
✓ የአካላዊ ህክምና (Physical therapy)/ ፊዚዮቴራፒ
✓ጥሩ የአቋቋም ልምዶች
✓ህመሙ ከቀጠለ የህክምና ክትትል (Medical treatment)

Address

Robe

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Baraka Medical Center posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category