Dr Oliyad Shegene

Dr Oliyad Shegene Medical Doctor, Lecturer and Public Health advocate

DHUKKUBA GUBAA GARAACHAA (Dyspepsia)*************************************************  *Dhukkubni garaachaa rakkoo nama ...
08/12/2025

DHUKKUBA GUBAA GARAACHAA (Dyspepsia)
*************************************************
*Dhukkubni garaachaa rakkoo nama baayyee muudatu tahe mallattoolee fi sababa garaagaraa kan qabuudha. Kunis kan muudatu keenyaan garaachaa gaafa waan garaagaraan miidhamu asidii garaacha keessa jiruuf saaxilamuudha.

MALLATTOOLEE:
*****************
*Gubaa laphee gadii dhagayamuu fi darbees dugda gara gubbaatti dhagayamuudha
*Nyaata booda nyaatni dafee gadbu’uu dhiisuu
*Garaa bokoksuu
*Dafanii osoo homaa hin nyaatin quufuu
*Deeffuu garmalee
*Afaan keessatti nama hadhaa’uu
*Darbee darbee bowwoo mataa fi dadhabbii qaamaa!

SABABOOTA FIDAN :
********************
*Namoonni 70% dhukkuba garaachaa qaban sababa adda tahes tahe laboratoorii irratti argamu hin qaban
*Qorichoota mana yaalaa kennaman tokkio tokko
*Bakteeriyaa H. pylori jedhamu qabaachuu
*Madaa’uu garaachaa ykn mar’umaanii (PUD)
*Cinqama sammuu
*Dafanii ykn garmalee nyaachuu
*Buna ykn alkoolii baayyisuu
*Dhukkuboota cimoo akka onnee , Sukkaraa fi kale kkf.

MAAL GOCHUU QABNA?
**************************
*Dhugaatii akka lallaafaa , alkoolii fi kanneen asidii of keessa qaban biroo dhiisaa
*Nyaata akka coomaa , barbaree , timaatima , daabboo , ruuzii , nyaata racitii qaban , atara fi misira faa hir’isaa
*mana yaalaa dhaquun ilaalamuu

Dr Oliyaad Shagganaa tin!

Garmalee dubara sodaachuu ( Gynophobia)**********************************************Rakkoon xiinsammuu kun yeroo itti d...
06/12/2025

Garmalee dubara sodaachuu ( Gynophobia)
**********************************************
Rakkoon xiinsammuu kun yeroo itti dhiironni sababa tokko malee hamma jireenya guyyuu isaanii irratti rakkoo uumutti dubara humnaa ol sodatan jechuudha.

MALLATTOOLEE ISAA
***********************
• Yeroo dubara argan ykn waa’ee dubaraa yaadan dhiphachuu fi shororkaa’uu
• Yeroo durboonni qaaman itti dhihaatan of to’achuu dadhabuu
• Taateewwan ykn iddoo itti durboonni argaman lagachuu
• Hojjii guyyuu seeraan rawwachuu dadhabuu sababa kanaaf bellama ykn hojiirraa hafuun faa
• Naannoo dubaraatti mallattoolee qaamaa akka dafquu, rukuttaa onnee dabaluu ,hargansuu dabaluu , lafi itti naanna’uu fi kufuu (faint) faa dha.

SABABOOTA ISAA:
*******************
*Muudannoo hamaa ykn badaa durboota waliin qabaachuu fkn miidhama qaamaa yookin sammuu , tuffatamuu , gudeedamuu fi fedhaan ala roorrifamuu.

*Haala guddisa mana keessaa gaarii hin taane yookin naannoo irratti waan badaa ilaalaa guddachuu fi kkf

Mee isin dubaraa sodaattanii maal faatu isin muudatee beeka? Yookin maal taatanii beektu?

Fuula Facebook kana like, share fi invite gochuun hiriyoota keessan bira akka gahuu godhaa!

Galatoomaa
DR OLIYAAD SHAGGANAA tin.

BOFAAN HIDDAMUU (Snake bite)*************************************Addunyaa  keenyarraa  gosoota bofaa 3500 ol kan jiran y...
05/12/2025

BOFAAN HIDDAMUU (Snake bite)
************************************
*Addunyaa keenyarraa gosoota bofaa 3500 ol kan jiran yoo tahu kannneen summii qaban hanga 600 tahu jedhamee yaadama.Kanneen summii qaban kunis baayyinaan kibba Ameerikaa kanneen akka meeksikoo fi Biraazil keessatti argamu.

Bofti Afrikaa keessa baayyeen isaanii kunis 95% ol summii cimaa hin qaban , garuu bofa summaawaa fi hin taane osoo hin hiddamin adda baasuun ulfaatadha.

MALLATTOOLEE SUMMII QABAACHUU
******************************************
*Bofti yeroo baayyee kunis 75% kan nama hiddu miila, itti aanseemmoo harka irra dha. Bakka hiddame irraa madaa xixiqqoo lama wal bukkeetti qabaata. Kunis caasaa itti nama hiddu hiddituu ( fangs) isa summii bofa irra namatti dabarsitu kan bofti yoo afaan bane laagaa isa gara gubbaatti argaman agarsiisa. Inni bofti yeroo baay’ee gadi baasun mirmirsu sun arrabadha.

*Nama baayyee irratti dhiitaa , diimachuu, dhukkubbii ykn gubaa bakka hiddame iraa dhufu.

*Bofti sun yoo summaawaa tahe qaamni hiddame sun humnaa ol bokokuun(compartment sydrome) ujummoo dhiigaa cufee miilli ykn harki hiddame sun akka gogu achinis luka yookin harka sana mursiisuu geessisuu danda’a.

*Summiin sun karaa hidda dhiigaa yoo qaama keessa faca’e immoo dhahannaa onnee saffisaa , haqqisiisaa , albaasuu , mataa bowwoo , ija dura maruu ,dafqisiisuu , maashaa qaamaa laamsheessuu , hargansuu dadhabuu fi of wallaalchisuun amma ajjeesutti deemuu danda’a.

NAMA BOFAAN HIDDAMEEF MAALTU GODHAMUU QABA?
*************************************************************
Wanti guddaan summiin sun dafee gara onnee fi sammuutti akka hin facaane gochuudha. Kunis:

*Iddoo sanaa fageessuu
*Wanta qaama walitti qabuu danda’u akka qubeelaa , sa’aatii fi faaya biroo miila ykn harka hiddame irraa baasuu
*Miila ykn harka hiddame sochoosuu dhiisuu
*Lafa hiddaamee gara onneetti ykn mataatti olkaasuu dhiisuu
*Iddoo hiddame sana tasuma hin murinaa kunis summiin bofa dhiiga kantarsuu dhorka waan tahee dhiigni dhaabbachuu dhiisuu danda’a.
*Iddoo hiddame huccuu qulqulluun sirritti maruu fi miila ykn harkicha akka hin sochonetti hidhuu
*Dafanii mana yaalaa geessuu

Page Dr Oliyad Shegene jedhu kana like fi share gochuun namoota biroon gahaa!

Dr Oliyaad shagganaa tin

TAAYIFOOYIDII fi TAAYIFASII*******************************Taayifooyidii fi taayifasiin dhukkuboota baakteeriyaan dhufani...
05/12/2025

TAAYIFOOYIDII fi TAAYIFASII
******************************
*Taayifooyidii fi taayifasiin dhukkuboota baakteeriyaan dhufanii fi yeroo baayyee maqaan isaanii waliin kahuudha.

Taayifooyidiin dhukkuba baakteeriya salmoneellaa tayifee jedhamun nama qabuu fi kan daddarbummoo nyaata fi dhugaatii bobbaa( udaan) fi fincaan nama isa qabuun faalame nyaata waliin soorachuudhani.

Taayifasiin immoo dhukkuba baakteeriyaa rikkeetisiya jedhamaniin kan nama qabuu. Bakteeriyan kunis beekamoom gosa lamadha. Inni 1 ffaa rikkeetisiya injiraanin namatti darbu , inni 2ffaa immoo tafkii irraati. Kanaafis taayifasiin naannoo nama amala sirreessaa , buqqaatota fi kkf heddumaata.

MAALLATTOOLEE:
********************
1.Taayifooyidii….Qaama ho’aa dabalaa adeemuu , bowwoo mataa , ol ol jechuu ykn haqqisiisuu , garaa dhukkubbii fi qorra qorra jechuu kkf dha. Sammuutti ol bahuudhanis mallattoolee akka of wallaluu fi qalbii darbuu fakkatan faa fiduu danda’a.

2.Taayifasii…..Ho’a qaamaa tasa jalqabu , bowwoo mataa , of dadhabuu , qorra qorra jechuu , ol ol jechuu ykn haqqisuu fi kkf

HUB: Dhukkubboonni kun lamaan dhukkuba garaagaraa fi walitti dhufeenya hin qabneedha mallattoon isaanii garuu walitti dhihaatu.Qorannoo malee adda baasuun cimuu danda’a.

YAALA
********
*Dhukkuboonni kun lamaan yerootti ilaalamnaan salphaatti yaalamanii fayyuun ni danda’ama.

ITTISA:
********
*Akkuma olitti argitan lamaan isaanii hanqina qulqullina nyaataa fi qaama keenyaa irraa kan dhufaniidha. Kanaafis:

*Nyaata qulqullina qabu nyaachuu keessattii dheedhii nyaachuu irraa of qusachuu

*Bobbaa bakkuma arganitti bobba’uu dhiisuu fi

*Qulqullina qaamaa fi huccuu keenya eeggachuu dha.

Mee sin namoonni taayifooyidiin natti ka’e yoo jedhan dhegeessanii beektuu? Yaada sirrii moo sirrii miti jettenii yaaddu?

Page Dr Oliyad Shagganaa like fi share gochuu hin dagatinaa!
Dr Oliyaad Shagganaa tin

FOOLII BOBAA BADAA (SMELLY ARMPIT)***************************************A. Sababoota foolii garmalee baduu bobaa *Hanqi...
04/12/2025

FOOLII BOBAA BADAA (SMELLY ARMPIT)
***************************************
A. Sababoota foolii garmalee baduu bobaa

*Hanqina qulqullinaa
*Dafqanii dhiqachuu dhiisuu
*Cinqama ykn dhiphina , sodaa fi jeeqamuun qaamni keenya dafqa baayyee akka oomishu godha kunis bakteeriyaa gogaarra jiruun foolii badaa godhata
*Dhukkuba garmalee dafquu (Hyperhydrosis) jedhamu qabaachuu kunis barruu harkaa , miilaa fi bobaan baayyee dafquudha.

MIIDHAA ISAA:
****************
isa foolii afaanii armaan olitti kaase kunis waa’ee ofiitif ofitti amanamummaa miidhuun hariiroo nama wajjin qaban hubun jireenya namaa miidha.
xiinsammuu akka kophummaa hunda fiduu danda’a.

B. FURMAATA :

*Qulqullina eeguuf yaaluu kunis gaafa dafqan dafanii dhiqachuu
*Dhiphina fi sodaa garmalee dhiisuu
*Urgooftuu fayyadamuu ( hamma dafqaa hin hir’isu garuu foolii isaa hir’isa.)
*Yoo tarkaanfilee kanneenin sirrachuu baate mana yaalatti goruun qorichoota rakkoo kanaaf jiran fayyadamuu kunis:
* Kanneen hamma dafqaa hir’isan (antiperispirant)
*Kanneen foolii isaa jijjiiran (doudrant) fi kanneen biros jiru.

Galatoomaa……….Fayyaa hin dhabinaa

Dr Oliyaad Shagganaa tin

Dhukkuba saree maraatuu  (Rabies)**************************************Dhukkubni saree maraattee gosa dhukkuba hoosiftoo...
24/11/2025

Dhukkuba saree maraatuu (Rabies)
*************************************
*Dhukkubni saree maraattee gosa dhukkuba hoosiftoota hunda miidhuu fi vayirasii dhan dhufuudha.Vayiraasiin kun hoosiftoota hundarraa karaa haancufaa namatti kan daddarbu yoo tahu , 95% saree irraa nama qaba.

Namni tokkoo saree vayirasii kanaan qabamteen ciniinamee torbee sadii hanga ji’a sadii gidduutti mallattoo agarsiisuu jalqaba.

MALLATTOOLEE ISAA!
***********************
1.Mallattoolee kara jalqabaa (guyyaa 2-7 gudduutti) (prodrome)

*Hadooduu iddoo ciniinamee fi akka lilmoo wawwaraanuu
*Bowwoo mataa , qaamaa ho’isuu , ol ol jechuu , haqqisiisaa , dhukkubbii qaamaa fi qufaa faa dha.

2. Mallattoolee sammuu ykn narvii hubamuu (Guyyaa 5-14 gidduutti)

*Jaanja’uu ,
*amala jijjiiirama fiduu ,
*of wallaaluu ,
*qofaa haasawuu fi
*of dadhabuu faa dha.
*Dafee dafee hargansuu ,
*gororuu ,
*imimmaan boo’uu ,
*maashaan isaanii humnaan kottoonfachuu
*BISHAAN sodaachuu fi qilleensa sodaachuu

3.Mallattoolee dhumaa ( torbee 2 booda)!
*******************************************
*OF WALLAALUU FI DU’A! Kunis sababbii to’annaa dadhabuu ho’a qaamaa , hargansuu fi onnee irraati.

SAREE MARAATUUN YOO NAMA CINIINTE MAAL GOONA?
**************************************************
*Jalqabarratti saree nagaa fi maraatuu adda baasuun cimaa tahuu danda’a. Kanaaf sareen kamiyyuu nama ciniine of eeggannoo armaan gadii godhaa!
1. Bakka madaa sana daqiiqa 15 f bishaan qulqulluu fi samunaan sirritti dhiquu
2.Huccuu qulqulluun hidhaa
3. Saree ishee nama ciniinte sana guyyaa kudhaniif iddoo addaa kophatti tursuu yoo mallattoo addaa qabdi ta’e immoo ajjeesuu fi gubuu dha.
4. Mana yaalaatti dafanii fiduu. Kunis namni mana yaalaa dafee qaqqabe qoricha fi talaallii yoo fudhate ni fayya.

HUB: Dhukkubni saree maraatuu mallattoo agarsiisuu jalqabnaan (keessattuu mallattoolee lakk. 2 fi 3 irra jiran) 100% AJJEESADHA, qorichi isaas biyyaa lafaa kanarra hin jiru , namni fayyes hin jiru.

MALLATTOOLEE SAREE MARAATUU:
**************************************
*Yeroo hunda loluu fi jijjiirama amala kan biroo
*Gorora bayyisuu
*Nyaata diduu
*Bishaan sodaachuu
*Qaamni ishee lamsha’uu fi
*Biyyoo , dhagaa fi sibiila nyaachuu faa dha.

Fuula facebook Dr Oliyad Shegene like fi share gochuu hin dagatinaa!

Isin nama dhukkuba kanaan qabame argitanii yookin dhageessanii beektuu???
Naannoo keessanitti waa'ee isaa fi yaala isaa maal jedhama?

Dr Oliyaad Shagganaa tin

Dafee dhanagala’uu sanyii Dhiiraa (Premature ej*******on)*************************************************************Je...
20/11/2025

Dafee dhanagala’uu sanyii Dhiiraa (Premature ej*******on)
************************************************************
*Jechuun dhangala’uu sanyii dhiiraa qunnamtii saalaa osoo hin godhin dura ykn jalqabee daqiiqa tokko hin caalle keessatti ta’uudha.
Kunis kan yeroo booda dhufu fi isa jalqabumarraa jiru jechuun 2 tti qoodamu
Yeroo murtaa’aa ykn dhaabbataa qabaachuu baatus dhiirri tokko giddu galeessaan yoo xiqqaate daqiiqa 5-7 turuu qaba. .

Sababoota dafee dhangala’uu sanyii dhiiraa fidan:
*********************************************
*Rakkoo kanaaf sababni guddaan rakkoo xiin-sammuu kanneen akka mukaa’ummaa , cinqama sammuu fi kkf

*Waa’ee dandeetti qunnamtii saalaa , qaama ofii fi walii gala waa'ee ofii irratti ofitti amanamummaa dhabuu

*Hariiroo sirrii hin taane dhiiraa fi dubara sana gidduu jiraachuu (Iftoominadhabuu)

*Wal hubachuu fi wal jajjabeessuu dhabuu kunis tibba jalqabaa yoo tahe dhiiroota baayyee irratti mudachuu danda’a kanaafis dubartittiin jajjabeeffachuu qabdi

*Araadawwaan garaa garaa

*Rakkoowwaan fayyaa tokko tokko fkn Rakkoowwan hormoonii garaagaraa , keemikaalota sammuu keessaa tokko tokko (NTs) fi infeekshinii pirosteetii fi ureetiraa dhiiraa faadha.

HUB: Rakkoo kanaan kanan kan wal fakkaatu dubartoonni muraasni rakkoo dafanii miira isa dhumaa qunnamtii saalaa (OR**SM) bira gahuuf rakkatan (DELAYED OR**SM) ni jiru. Kunis ilaalamuu qaba jechuufi .

Mee isin dhiirri tokko yeroo walqunnamtii saalaa hagam turuu qaba jettanii yaaddu? comment jalatti barreessaa!

Galatoomaa…..Horaa bulaa!
Dr Oliyaad Shagganaa tin.

IJA LAAFUMMAA (Shyness)****************************Ija-laafummaan miira umamaa nama kamiyyuu muudatu ta’ee namoota tokko...
18/11/2025

IJA LAAFUMMAA (Shyness)
***************************
*Ija-laafummaan miira umamaa nama kamiyyuu muudatu ta’ee namoota tokko tokko garuu jireenya guyyuu isaanii irratti dhiibbaa fiduu danda’a. Ija-laafummaan iddoo namoonni nuti sirritti hin beekne baayyeen ta’ee muraasni jiraanitti dhiphachuu , waan qaban dhabuu fi goolamuudha.

Kunis kan jalqabu dhalannee waggaa 1 fi jiha 6 booda , dhalootan hin jiru!

MALLATTOOLEE IJA-LAAFINAA
*********************************
*Hoollachuu
*Dafquu
*Hargansuu ykn rukuttaa onnee dabaluu
*Waan haasawan wallaluu fi
*Sagalee ciccitaa fi gad bu’aan hasawuu Fi kkf.

HUB; Ofitti amanamummaa dhabuu fi ija-laafummaan faallaas miti walitti dhufeenyas hin qaban.

SABABOOTA IJA-LAAFUMMAA:

1. Waayee ofii ilaalcha gad-bu’aa qabaachuu
2. Namni maal nan jedha jedhanii yaaduu ….Homaa sin hin jedhu
3. Deebii eegne argachuu dhabna jennee sodaachuu (fear of rejection)
4. Namatti of madaaluu
5. Sirrii ykn mudaa malee tahuuf yaaluu…..Hin dandaa’amu!

AKKAMITTI HIR’ISUU DANDA’A?
***********************************
1. Waan sirriitti dandeessu adda baastee beekuu
2. Namni daqiiqaa muraasaf malee dhimma kee akka hin qabne bari
3. Nama baayyee fuldura bahuu sodaatta yoo tahe jalqaba manatti kophaa kee sirritti shaakali
4. Wanta irratti ija laaftu sana suuta suutan saaxila ittin of baasi
5. Wanta hamaa dhufuu danda’u tilmaami kana jechuun namarra gaariis badas bayyee hin eeggatin.

Mee namoonni ija laafoon jirtuu?, comment jalatti jirra jedhaa!

Horaa bulaa ………Deebanaa!
Dr Oliyaad Shagganaa tin

MICHII SOMBAA (Pneumonia)*********************************Michiin sombaa infeekshinii sababa jermoolii ijaan hin muldhan...
16/11/2025

MICHII SOMBAA (Pneumonia)
********************************
*Michiin sombaa infeekshinii sababa jermoolii ijaan hin muldhanne akka baakteeriyaa , vaayirasii , fangasii fi keemikaalota garaagaraan dhufuudha.

SABABOOTA ISAA:
*******************
*Michiin sombaa nama fayyaleessa kamiyyuu qabuu danda’a tahus namoonni armaan gadii caalmatti saaxilamoodha. Isaanis:

*Tamboo aarsuu
*Aara mana keessaa bahuf yeroo dheeraaf saaxilamuu
* Dhukkuboota akka sukkaaraa , asmii , Onnee , HIV/AIDS fi kkf qabaachuu
*Alkoolii garmalee fayyadamuu
*Qulqullina ilkaanii eggachuu dhiisuu
MALLATTOOLEE:
*Akkuma sababni isaanii garaagara tahe mallattoon isaaniis baayyeedha. Isaanis :
*Qufaa guyyaa muraasaa hanga torbee lama hin caalle kan akkee qabachuu ykn dhabus danda’a
*Ho’a qaamaa , dafqisiisuu
*Hafuura kutaa
*Darbee darbee dhukkubbii ykn waraansa qoma ykn laphee keessaa
*Fedha nyaataa hir’isuu, dadhabbii qaamaa fi humna dhabuu

YAALA
*******
*Michiin sombaa kan yaalamuu danda’u fi sadarkaa fi jermoota isa fidan irratti hundaa’ee kiniina ykn lilmee warrannachuun yaalamee fayya.

ITTISA:
********
*Sababoota isaaf nama saaxilan armaan olii irraa of qusachuu

Horaa bulaa………Fayyaa hin dhabinaa
Dr Oliyaad Shagganaa tin

FOOLII AFAANII BADAA (Halitosis)************************************Sababoota foolii baduu afaanii fidan:*Tortoruu ilkaa...
12/11/2025

FOOLII AFAANII BADAA (Halitosis)
************************************
Sababoota foolii baduu afaanii fidan:

*Tortoruu ilkaanii fi rakkoowwan ilkaanii biroo
*Dhukkuba foon (irga) ilkaanii
*Hambaa nyaataa ilkaan jalatti hafuu keessattuu nyaataa akka baaduu , nyaata cooma qaban , cuunfaa fi alkoolii faadha
*Dhukkuboota akka sukkaaraa , infeekshinii sombaa , tiruu fi kalee.
*Sigaaraa aarsuu
*Infeekshiniwwwan afaan , funyaan fi qoonqoo keessaa

Akkamitti beekuu dandeenya?
********************************
Akka foolii afaanii adaa qabu beekuf namni tokko harka isaa faan isaatti dhiheessun hafuura itti baafachuun foolii isaa ilaalu dha. Fakkii armaan gadii ilaalaa!

MIIDHAA:
**********
*Afaan foolii qabu ofitti amanamummaa ati nama wajjin qabdu miidhuun jireenya hawaasummaa keenya gaaga’uu danda’a
*Ilkaan balleessun hamma dhabamsiisutti deemuu danda’a
*Mallattoo dhukkuboota ciccimoo armaan olii tahuu danda’a.

FURMAATA:
*************
1.Qulqullina afaan keenyaa eeggachuu :Kunis samunaa ilkaanii filoorayidii of keessaa qabuun guyyaatti si’a lama sirritti rigachuu. Nyaata booda yeroo hunda ilkaanii fi arraba rigachuu , yoo hin dandeenyemmoo sirritti lulluuqqachuu
2.Sigaaraa aarsuu dhiisuu
3. Bishaan gahaa dhuguu
4. Kuduraa muduraa baayyee nyaachuu foon caalaa jechuudha.
5.Waggaatti si’a 1 yookin lama ogeessa ilkaanii biratti ilaalamuu.
Horaa bulaa deebanaa!

Fuula facebook Dr Oliyad Shegene like fi share gochuun nama biraan gahaa!
@
Dr Oliyaad Shagganaa tin

SUMMAA’UU (POISINING)*****************************Summaa’uun balaa tasaa beekanii ykn osoo hin beekin summii fayyaa ykn ...
11/11/2025

SUMMAA’UU (POISINING)
****************************
*Summaa’uun balaa tasaa beekanii ykn osoo hin beekin summii fayyaa ykn lubbuu dhala namarratti gaaga’ama fidaniif saxila bahuu jechuudha.Kunis karaalee garaagaraa yoo tahu liqimsuu ykn dhuguun , qaamatti facaa’un , karaa hargansuu galuun fi kkf dha.
Summiiwwaan bebbekamoon:
1.Qorichoota aadaa (Herbal medicines) hammi fi akki isaa hin beekamne
2.Qorichoota farra aramaa
3.Qoricha farraa ilbiisaa Fkn malataayinii
4. Qoricha hantuutaa
5.Karboon monoksaayidii kunis wantoota gubatan akka manaa , konkolaataa
6.Asidii fi beezii
7.Qorichoota mana yaalaa hamma ajajamee ol fudhachuu
Kanniin aramaan olii keessaa biyyaa keenya keessatti bekamoon qoricha farra hantuutaa , malataayinii fi qoricha farra aramaadha.

NAMA SUMMAA’EEF MAAL GOONA?
***************************************
1. Akka namichi of beekuu fi kaan adda baasuu
2. Yoo of wallaale ta’e, ulaa hargansuu isaa banaa tahuu ilaali kunis arrabni isaa akka duubatti dacha’e hin ukkamsine ilaaluu
3.Afaan isaa fi qoonqoo isaa keessa akka homtuu hin jirre ilaali
4. Namichi harganaa jiraachuu isaa ilaaluu , yoo harganaa hin jiru tahe afaan itti qadaadun qilleensa kennuufi
5. Onneen rukutaa jiraachuu isaa ilaaluu, yoo hin jiru tahe sukkuummii onnee (Heart massage) hojjachuu ???????? Akkamittii???? Mata duree bal’aa waan taheef mata duree biraan itti deebina
6. Namichi of hin beeku yoo tahe cinaacha tokkootti fuula isaa gad garagalchinee kaa’uu
7. Summichi ijatti faca’ee yoo tahe bishaan qulqulluun daqiiqa 15 dhiquu, uffata irraa baasuu
8. Nama asidii dhugeef beezii hin kenninaa akkasumas nama beezii dhugeef asidiin hin kennamu.
9. Kana booda gosa summiichaa kan agarsiiisu danda’u raga ykn meeshaa summichi keessaa hunda qabannee saffisaan mana yaalaa dhaquu!

HUBACHIISA: . Kana hunda yeroo goonu ofii keenyaaf eeggachuu kunis summiiwwan tokko tokko karaa gogaa ykn hargansuu xuuxamuun nama gargaaraa jiru faaluu danda’u.

Horaa bulaa……..deebanaa
Page kana like fi share gochuu hin dagatinaa, namoota bira akka gahuuf!
Dr Oliyad Shegene tin.

GAGGABDOO YKN DHUKKUBA KUFFISU (Seizure disorders)***********************************************************Dhukkubi ku...
11/11/2025

GAGGABDOO YKN DHUKKUBA KUFFISU (Seizure disorders)
***********************************************************
Dhukkubi kun hawaasa keessatti baayyee kan muudatu ta’ee mallattoolee garaagaraa kanneen akka namni osoma deemuu ykn taa’uu kufee of wallaaluu irraa hamma bakka kufeetti hurgufamuu , hancufa homachaa baasuu fi kk ta’uu mala.
Kunis nama umurii hundaa miidhuu kan danda’u dha.

SABABOOTA GAGGABDOO
****************************
*Rukuttaa (balaa) mataa irra gahu
*Infekshinii sammuu gosa garaagaraa
*Alkoolii humna olii dhuguu
*Dhukkuba Istrookii
*Qorichoota fayyaa tokko tokko fkn qoricha rakkoo mukaa’ummaf kennaman
*Kansarii sammuu
*Hammi sukkaara qaama keessaa garmalee gad-bu’uu
*Keemikaalonni garaagaraa qaama keessaa jeeqamuu (Metabolic disorders) fi kkf dha.
*Dhukkuba gaggabdoo sababoota ifa hin taanen dhufan (Epilepsy)

Gaggabdoon gosoota fi sadarkaa garaa garaa kan qaban waan taheef gara fulduratti akka barbaaachisumma isaatti ni ilaalla!

NAMA GAGGABAA JIRUUF MAAL GOCHUU QABNA?
*******************************************************
1. Yoo namni sun gosa gaggabdoo bubbutuu fi qaama isaa asi fi achi daddarbatu qabaate :
A. Namicha qabdanii sochii qaama dhabsisuuf hin yaalinaa garuu akka of hin miineef wantoota miidhaa irraan geessissan irraa qabaa ykn fageessaa fkn dhagaa , keenyaan manaa ykn dallaa fi lafa olka’aa irraa siksaa ,
B. Lafa walqixxaataa fi wantoota balaa geessisan irraa bilisa tahe irra ciibsaa
C. Ciinaachatti fuula gad garagalchinee ( recovery position) ciibsuu yaalaa kunis akka wanti garaa ykn afaan keessa jiru gara sombaa hin seenne gargaara
D. Mataa isa jala waa kaa’uu fkn uffata dachaafama
E. Qilleensa gaarii argachuu qaba kunis itti tuttaa’anii dhabbachuu dhiisuu , qilleensa itti afarsuun gaariidha

F.KIBRIITII ITTI AARSUU????? Kibriitiin keemikaala fosfarasii fi kanneen biro kanneen sammuu irratti miidhaa qaban of keessaa qaba. Kanaaf tasuma nama gaggabeetti aarfamuu HIN QABU , NI MIIDHA!

HUB: yeroo baayyee kan kibriitii itti aarsinee waan dhaabate nutti fakkaatuuf gaggabdoon baayyeen sekondii 30 hanga daqiiqaa 2 qofa, sana booda ofumaaf dhaabbbata. kunis amma nuti kibriitii binnee dhufnutti jechuudha.
Galatoomaa! Page kana like fi share gochuu hin dagatinaa!

Dr Oliyaad Shagganaa tin

Address

Robe

Telephone

+251927232881

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Oliyad Shegene posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Oliyad Shegene:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category