Dr Birbo Chala

Dr Birbo Chala Join my Youtube for more health info👇 https://youtube.com/?si=Fbh4rXJNZYft3D_g

02/01/2026

Akka biyyi araada Ajandaan rakkataa ture tibbanan mirkaneeffadhe.
hundaafuu oolmaa gaarii!!!

Last night of 2025 at Hospital!! Halkan gaarii! 2026 nagaan walagarra!
31/12/2025

Last night of 2025 at Hospital!!
Halkan gaarii! 2026 nagaan walagarra!

30/11/2025

Ani warra dhabaniif tumsuu ykn gadduu koo miti akkasuma isa argatettis hinaafuu akka hin seene miseejin badhaasichaan darbuu barbaade waan na yaachiseefi.Isin maal jettu? Hanga dhumaatti ilaalaa yaada kennaa!

Waa'ee Marsaa laguu dubartootaa irratti wantoota ijoo beekamuu qaban!Maxxansa 57ffaa(maxxansa waggaa 2n duraa)**********...
28/11/2025

Waa'ee Marsaa laguu dubartootaa irratti wantoota ijoo beekamuu qaban!
Maxxansa 57ffaa(maxxansa waggaa 2n duraa)
**************
1.Dubartiin takka dhalattee naannoo waggaa 10-16 jidduutti marsaa laguu arguu jalqabdi. Durboonni hedduun garuu waggaa 13 irratti arguu ennaa eegalan,yeroo tokko tokko keessattuu biyyoota guddatan keessatti waggaa 10 gadittillee arguun ni jira.Inni akkasii Early menarche (marsaa laguu ariifatee jalqabe) jedhama.Akkasumas waggaa 16tti kan itti hin dhufne taananillee dubartiin sun ilaalamuu barbaachisa.
2.Dubartii takka marsaan laguu kan irraa deemuu qabu waggaa 45-55 jidduutti. Jiddugaleessaan waggaa 51 ennaa ta'u waggaa 40 gaditti kan dhaabatu taanan "Early Menopause " garmalee dursee dhaabachuu marsaa laguu akka jechuuti.
3.Marsaan laguu sirriin turtii guyyaa 21-35 jidduudhan deddeebi'uu qaba.dubartoonni hedduun garuu guyyaa 28 tin deddeebi'anii argu.Kanaaf marsaan tokko guyyaa 21 gadittii fi guyyaa 35 caala kan turee dhufu taanan mallattoo dhukkubaa ta'uu waan maluuf mana yaalaa dhaquu barbaachisa.
4.Marsaa laguu sirriin guyyaa 3-8 turee deema. Turtiin guyyaa saddeetii oliis mallattoo dhukkubaa ta'uu danda'a.
5.Dhiigni Marsaan laguu tokko keessatti bahu giddugaleessan 40ml ta'a. Dhiigni marsaa tokkicharratti bahu 80ml ennaa caale ykn isa kana tilmaamuun cimuu waan maluuf haala baramaa hin taanen heddumminni isaa yoo dabale inni kunilleen mallattoo dhukkubaa ta'uu mala.
6.Marsaa laguu sirriin bifti isaa gara diimaa gurraachatti (Dark red)tti deema.
Hubachiisa:-Walumaagalatti Haalli marsaa laguu haala olitti jenne kanarraa geeddarame "Abnormal uterine bleeding "(Marsaa laguu sirrii hin taane) jedhama. Inni kun ammoo agarsiistuu dhukkuba garaagaraa waan ta'eef ilaalamuu barbaachisa.
👉Marsaa laguu maaltu akka jeeqamu
taasisa?
1.Qorichoota da'iinsa ittisan
2.Harma hoosisuu
3.Dhiphina
4.Jalqaba marsaa laguu fi ennaa marsaan laguu deemuf jirullee ni jeeqama.
5.Dhukkuboota garaagaraa kan akka Kaansarii fiixee gadaamessaa,dhiitoo gadaamessaa,Tishuun Gadaamessaa bakka biraatti argamuu(Endometrosis) fi Dhukkuboonni biroo tokko tokko marsaan laguu akka jeeqamu gochuu danda'u.
Gaafii biraa qabaannan kommentii jala kaawuu dandeessu! Ilaallee siniif deebifna.
Barnoota fayyaa biroo bilisaan argachuuf karaa youtube chaanaalii 👉 https://youtube.com/ akkasuma telegram chaanaalii keenyaa https://t.me/birbirsochala lixxanii argachuu dandeessu.
Muddee 24,2022
Yaala fayyaa garaagaraaf Kilinika G/G Wiirtuu Magaalaa Sabbataa dhaaba taaksii duuban gara lixaa!!
Fayyaa hin dhabinaDr Birbo Chalala

Sadaasa 13,2013 E.C Guyyicha!!Surprisingly today is our 5th year of marriage!!!
22/11/2025

Sadaasa 13,2013 E.C Guyyicha!!
Surprisingly today is our 5th year of marriage!!!

21/11/2025

የዕለቱ ፎቶ❤
photo credit- Mati Olana

አድራሻቸዉን የምታዉቁ በስልካችን በ0904475404 በመደወል፤ በቴሌግራም ወይም messenger ላይ መልዕክት አስቀምጡልን‼️
ለብዙዎች እንዲዳረስ እባካችሁ ሼር አድርጉት
👇👇👇

Bulchiinsi Godina Baalee Bahaa Kallattiidhuma mootummaa naannoo irraa kennameen ogeessota fayyaatif Lafti mana jireenyaa...
21/11/2025

Bulchiinsi Godina Baalee Bahaa Kallattiidhuma mootummaa naannoo irraa kennameen ogeessota fayyaatif Lafti mana jireenyaa akka kennamu Tarkaanfii jalqabanii jiru. Ulfaadhaa jennaan! Godinaalee fi Kutaaleen magaalaa Biroos fakkeenyummaa jara kanaa fudhachuu qaba. Bulchiinsi Magaalaa shaggaris Dhimma kana itti yaaduu qaba.

Abdii ☀️ Haadha kana galgala naannoo sa’aatii 1:30 osoon karaa deemuun arge.Yoon bira darbu haallishee qalbii naqabe. Of...
19/11/2025

Abdii ☀️

Haadha kana galgala naannoo sa’aatii 1:30 osoon karaa deemuun arge.

Yoon bira darbu haallishee qalbii naqabe. Ofii galgala kanaan daandii cinaatti raafuu fi dinnicha xiqqoo tokko gurgurti.

Mucaashee xiqqaa kanammoo hanga namni waa irraa bitu dhufutti baatirii bilbilashee ibsiteefii dukkana keessatti kitaabarraa waa qoo’ata. Fakkiis kaasa.

Yoo namni waa bitu dhufummoo baatiriishee gara raafuu gurgurtu sanaatti naanneessiti. Hammasitti mucaan xiqqaan kuni bakkuma jirutti dhaabee baatiriin harmeesaa hanga deebi’u eega.

Daqiiqaa 10f dhaabadheen haala isaanii kana taajjabe. Wal’aansoo haati kunii fi mucaanshee xiqqaan kuni keessa jiran garaa naraase.

Haati kuni mucaashee haala kanaan barasiiftee Boru jireenya kana keessaa akka ishee baasu abdatti. Abdiidha.

Booda heeyyamsiiseen suura isaan kaase

Suura isaanii dukkanaa fi jireenya waliin wal’aansoo qaban kana yoo ilaaltu maaltu sitti dhagahama?
Olana

Address

Sebeta

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Birbo Chala posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Birbo Chala:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram