Dr Birbo Chala

Dr Birbo Chala Join my Youtube for more health info👇 https://youtube.com/?si=Fbh4rXJNZYft3D_g

Karaa WhatsApp nama beektanirraa miseejin akkanaa isiniif barroofnan qalmaaf qophaawuu kee bari.  Karaa WhatsApp fi Tele...
30/01/2026

Karaa WhatsApp nama beektanirraa miseejin akkanaa isiniif barroofnan qalmaaf qophaawuu kee bari. Karaa WhatsApp fi Telegram nama hedduutu bifa kanaan nyaatamaa jira. Jalqaba account nama sanaa hack godhu san booda hiriyoota namichaa hundatti miseejii akkanaa ergu. .Anas har'aan guyyaa 2 yaalin narratti gaggeeffame.Garuu jalaa fashale.Innaa Hattuu Dijitaalaa irraa of eegaa jechumaafi!

Ayyaana Cuuphaa kanarratti Yaadannoo fi muudanno koo ijoollummaa tokkon isiniif qooda!**********************************...
19/01/2026

Ayyaana Cuuphaa kanarratti Yaadannoo fi muudanno koo ijoollummaa tokkon isiniif qooda!
**********************************
Yeron isaa bara 1996EC dha. Ani bara San barataa kutaa 5 n ture.Maatin koo qonnaan bultoota.baadiyyaa jiraatu. Sababa kanaaf ani carraa gara Magaalaa deemuu hin argadhu qofa osoo hin taane Anii fi magaalli hin beeknu.manni barnootaa ani itti baradhus achuma baadiyyaatti argama.Gara Magaalaa carraan deemuu kan jiraatu Ennaa Ayyaanni Cuuphaa dhiyaatudha. Akka bartee wayii ta'ee uffanni waggaatti Yeroo tokko qofa nuuf bitama ture. Innis Ayyaana Cuuphaa kanarrattidha.Sababuma kanaaf Anis Abbaa koo waliin Uffata hodhisiifachuuf gara Magaalaa natti dhiyoo jiru qajeele. Magaalaa Yeroo ammaa "Tulluu Araaraa" jedhamtee moggaafamte. Yeroo sanatti waan ittiin gara magaalaa kana dhufnus homtuu hin jiru.Miila keenyarraan kan hafe. Maarree nutis adeemsa sa'aa 2:00 booda gara magaalattii dhaqqabne.Akkuma achi geenyen Obbo Caalaa Tarfaa Midhaan isaa gurguratee waliin gara bakka uffata safaradhuu qajeelle.Mana uffatichaa san gahuuf gabaa wayii keessa darbamuu qaba.Ni qajeellekaa...Abbaan Birboo dura Birboon ammoo duuba(Otoo haasofnuu Abbaa kootif ilma hangafaa waanin ta'eef naannotti Abbaa Birboo jedhameetuma waamama) .Egaa otuma deemnuu gabaa qixxee dabarree mana Uffatichaa dhaqqabnee safaramee uffata "Kaashmeraa " Akka naaf hodhamuuf qabdiin kennamee achii deemne. Achii baanee akkuma barame gabaa keessa otoon Abbaa koo waliin duuba isaa deemuu Burtukaana afamee jiru hedduu tokkotti dhufne. Abbaan Birboo arguuu fi dhiisuu isaa waanan beeku hin qabu garuu ani akkuman isa argeen qalbiin na rifatte. Rifachuu qofayyuu miti edaa ani achumatti dhaabbadhee hafe. Inni garuu akkan biraa hafeyyuu hin agarre. Nabiraa kuteera. Burtaakaana sana hunda ilaalee yeron quufee as garagaluu namni ani beeku hin jiru.Abbaan Birboos hin jiru. Wacaa fi namoota hedduu ani hin beekne qofatu natti mul'ata.As ilaale achi ilaale,Waan tokko hin jiru. Namnutti ani fuula isaa beekurree natti dhufuu dide.Rifaatun na weerare. Sodaan na moo'ate. Akkuma dura isiniif kaase Magaaluma sanuu wagggaatti yeroo takka qofa dhaqna.isayyuu asii fi achi deemun hin jiru. Mudhii safaramnee galuu qofa. Gaafa inni hojjatamee dhumellee dhaqnee hin fudhannu.Maatidhumatu nuuf fidee dhufa. Innaa dhiphina guddaa keessan gale. Bakkuman beeku san lamaan gidduun boowaa deddeebi'aa ture Mana uffataa sanaa fi Bakka Burtukaanni jiru san...Sarara kanarraa yoon gore nin bada jedhee waan sodaadhuf gidduma kana otoon marmaaruu Abbaan Birboo dhimma isaa Hunda xummuurratee deebi'ee natti dhufe. Gaafan isa argu gammachuun arge tokko deebi'eellee arguun dadhabe. Natti kolfee imimmaan narraa haxaayee fuudhee naan deeme. Muudannoo kana yoomiyyuu hin dagadhu. ....Asumaan Warri Amantaa Kiristaanaa baga geessan!!!!
Halkan gaarii!!!

11/01/2026

Gaafii gaafatameef deebii!!
Yaala garaagaraaf Kilinika G/G Wiirtuu Magaalaa Sabbataa dhaaba taaksii duuban gara lixaa!

06/01/2026

Odeeffannoo fayyaa biroof karaa youtube
"Dr Birbo Chala " jedhuun nu argachuu dandeessu!!!

04/01/2026

Beekanis yaa raawwatu wallaalaan
Beekamaanis yaa godhu kan beekamtii hin qabne ,Sooressis raawwatu hiyyeessi...Eenyunuu yaa dalagamu Dabni dabuma!...Namni ta'e fira baay'ee waan qabaatef Cubbuun inni dalage Eebba ta'uu hin danda’u jechumaafi. Halkan gaarii!

02/01/2026

Akka biyyi araada Ajandaan rakkataa ture tibbanan mirkaneeffadhe.
hundaafuu oolmaa gaarii!!!

Last night of 2025 at Hospital!! Halkan gaarii! 2026 nagaan walagarra!
31/12/2025

Last night of 2025 at Hospital!!
Halkan gaarii! 2026 nagaan walagarra!

30/11/2025

Ani warra dhabaniif tumsuu ykn gadduu koo miti akkasuma isa argatettis hinaafuu akka hin seene miseejin badhaasichaan darbuu barbaade waan na yaachiseefi.Isin maal jettu? Hanga dhumaatti ilaalaa yaada kennaa!

Waa'ee Marsaa laguu dubartootaa irratti wantoota ijoo beekamuu qaban!Maxxansa 57ffaa(maxxansa waggaa 2n duraa)**********...
28/11/2025

Waa'ee Marsaa laguu dubartootaa irratti wantoota ijoo beekamuu qaban!
Maxxansa 57ffaa(maxxansa waggaa 2n duraa)
**************
1.Dubartiin takka dhalattee naannoo waggaa 10-16 jidduutti marsaa laguu arguu jalqabdi. Durboonni hedduun garuu waggaa 13 irratti arguu ennaa eegalan,yeroo tokko tokko keessattuu biyyoota guddatan keessatti waggaa 10 gadittillee arguun ni jira.Inni akkasii Early menarche (marsaa laguu ariifatee jalqabe) jedhama.Akkasumas waggaa 16tti kan itti hin dhufne taananillee dubartiin sun ilaalamuu barbaachisa.
2.Dubartii takka marsaan laguu kan irraa deemuu qabu waggaa 45-55 jidduutti. Jiddugaleessaan waggaa 51 ennaa ta'u waggaa 40 gaditti kan dhaabatu taanan "Early Menopause " garmalee dursee dhaabachuu marsaa laguu akka jechuuti.
3.Marsaan laguu sirriin turtii guyyaa 21-35 jidduudhan deddeebi'uu qaba.dubartoonni hedduun garuu guyyaa 28 tin deddeebi'anii argu.Kanaaf marsaan tokko guyyaa 21 gadittii fi guyyaa 35 caala kan turee dhufu taanan mallattoo dhukkubaa ta'uu waan maluuf mana yaalaa dhaquu barbaachisa.
4.Marsaa laguu sirriin guyyaa 3-8 turee deema. Turtiin guyyaa saddeetii oliis mallattoo dhukkubaa ta'uu danda'a.
5.Dhiigni Marsaan laguu tokko keessatti bahu giddugaleessan 40ml ta'a. Dhiigni marsaa tokkicharratti bahu 80ml ennaa caale ykn isa kana tilmaamuun cimuu waan maluuf haala baramaa hin taanen heddumminni isaa yoo dabale inni kunilleen mallattoo dhukkubaa ta'uu mala.
6.Marsaa laguu sirriin bifti isaa gara diimaa gurraachatti (Dark red)tti deema.
Hubachiisa:-Walumaagalatti Haalli marsaa laguu haala olitti jenne kanarraa geeddarame "Abnormal uterine bleeding "(Marsaa laguu sirrii hin taane) jedhama. Inni kun ammoo agarsiistuu dhukkuba garaagaraa waan ta'eef ilaalamuu barbaachisa.
👉Marsaa laguu maaltu akka jeeqamu
taasisa?
1.Qorichoota da'iinsa ittisan
2.Harma hoosisuu
3.Dhiphina
4.Jalqaba marsaa laguu fi ennaa marsaan laguu deemuf jirullee ni jeeqama.
5.Dhukkuboota garaagaraa kan akka Kaansarii fiixee gadaamessaa,dhiitoo gadaamessaa,Tishuun Gadaamessaa bakka biraatti argamuu(Endometrosis) fi Dhukkuboonni biroo tokko tokko marsaan laguu akka jeeqamu gochuu danda'u.
Gaafii biraa qabaannan kommentii jala kaawuu dandeessu! Ilaallee siniif deebifna.
Barnoota fayyaa biroo bilisaan argachuuf karaa youtube chaanaalii 👉 https://youtube.com/ akkasuma telegram chaanaalii keenyaa https://t.me/birbirsochala lixxanii argachuu dandeessu.
Muddee 24,2022
Yaala fayyaa garaagaraaf Kilinika G/G Wiirtuu Magaalaa Sabbataa dhaaba taaksii duuban gara lixaa!!
Fayyaa hin dhabinaDr Birbo Chalala

Sadaasa 13,2013 E.C Guyyicha!!Surprisingly today is our 5th year of marriage!!!
22/11/2025

Sadaasa 13,2013 E.C Guyyicha!!
Surprisingly today is our 5th year of marriage!!!

Address

Sebeta

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Birbo Chala posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Birbo Chala:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram