Kilinika G/G Wiirtuu

Kilinika G/G Wiirtuu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kilinika G/G Wiirtuu, Medical and health, Sebeta, Taxi tera, Sebeta.

24/10/2025

Wirtu Medium Clinic has a vacancy for 2 Nurses
Vacancy 1
Profesion - Bsc Nurse
Exprience-1 year and above and Exprience on Pediatrics care is mandatory
Type of Employment-Constant
Salary - Atractive
Duty payment available
Vacancy 2
Profesion - Clinical Nurse
Exprience-2 year and above and Exprience on Pediatrics care is mandatory
Type of Employment-Constant
Salary - Atractive
Duty payment available
Gender - both
To apply you can call or Send your document on 09-28-22-11-77.
N.B:-Speaking Afaan Oromoo is mandatory!!
Vacancy posted on 14/3/2017 E.C
Deadline 22/3/2017E.C

23/07/2025

Dhaqna gubaa daa’immanii fi ijoollee!
**************************************
Dhaqna gubaa jechuun hoo’insi qaamaa dabaluu jechuudha.
Hoo’inni qaamaa dabaluun akkamiin beekama?
✅Maatiin daa’immanii harka isaaniin qaama ijoollee (bobaa jala, adda, laphee ykn garaa) yeroo tuqan hoo’inni qaamaa isa duraarra adda tahee ykn caalee yeroo argan

✅Safartuu hoo’insa qaamaa tarmoomeetira jedhamu fayyadamuun teempireecharri qaamaa 37.5oC fi ol yoo taheedha.

Sababiin hoo’uu qaamaa maali?
Hoo’i qaama ijoollee sababoota garagaraan dabaluu dandaha.
👉Yeroo baayyee dhukkubootni daddarboon sababa yoo tahan darbee darbee dhukkubootni daddarboo hin tahin sababa tahuu danda’u.

👉Dhukkuboota daddarboo keessaa kanneen armaan gadii caqasuun ni dandahama.

✅Utaalloo (URTI)
✅Madaahuu marri’imaanii (AGE)
✅Michii Sombaa (Pneumonia)
✅Dhukkuba gurraa (Acute Otitis Media)
✅Infeekshinii Ujummoo fincaanii (UTI)
✅Gifira (Measles)
✅Dhukkuba busaa
✅Infeekshinii haguuggee sammuu (Meningitis) fi kan biroo.

Mallattoolee sodaachisoo/hamoo (danger signs) kan jedhaman kami?

👉Waan hunda ol deebisuu ykn diddiguu
👉Dhangalahaa dhuguu dadhabuu
👉Harma luuguu dadhabuu
👉Of wallaaluu
👉Gaggabsoo ykn bubbutaa qabaachuu
👉Albaatii waliin dhiigni bahuu
👉Hafuura fudhachuu dadhabuu ykn daddaffiin harganuu
👉Aaduu

Maatiin maal gochuu qaba?

👉Daa’immaniif dhangalahaa dabalataa laadhaa
👉Mallattoolee sodaachisoo/hamoo tahan jiraachuu hordofuun mallattooleen kunneen jiru taanan hatattamaan gara mana yaalaa geessuu
👉Talaalli hunda yeroon talaalchisuu
👉Aannan harma haadhaa qofa haga ji'a jahaa laachuu
👉Ji’a jaha booda nyaata dabalataa kennuun aannan haadhaa haga waggaa lamaatti itti fuufuu
👉Daa'ima dhalattuu torbee lama guutte caama aduutti baasuu.
👉Gorsa ogeessa fayyaa fudhachuu

✅Qorichi/dawaan daa’immaniif kennamu kamiyyuu kiiloo daa’imaan shallagamee sila kennamuuf qoricha hakimni ajaju qofa daa’immanii kennuu.

Hoo’uun qaamaa mallattoo dhukkubaa malee dhukkuba akka hin taane baruun daa’imman keessan ogeessa fayyaa daa’immanii fi ijoollee yaaluuf heeyyama qabu bira geessuun yaalchisuun barbaachisaa dha.

Fayyaa argadhaa, fayyaa daa’imman keessanii eegadhaa!
Via Dr Kiisuu Masqalee
Tajaajila yaala Fayyaa garaagaraa barbaannan
Kilinika G/G Wiirtuu isiniif Jira.
Teessoon magaalaa Sabbataa dhaaba Taaksii duuban gara lixaa lak.bilb +251928221177
https://t.me/WiirtuuFayyaa
Adoolessa 21,2025
Suurri Kan Kaayyoo fi Malkaati
Halkan gaarii!

13/07/2025

Oolmaan guyyaa har'aa guutun isaa Kilinika G/G Wiirtuu ti. Jidduudhan fagaannee kan turre ta'ullee amma bifa haarawaa fi hojii fooyyee qabuun deebineerra.
Magaalaa Sabbataa Giddugala Gabaa duuban gara lixaa!
Dilbata gaarii!!!!!!

10/03/2025

Tajaajila Haaraa!
Tajaajila Gorsa fayyaa bilbilaan Eegallee jirra!!
(Medical phone consultation)
************************************
Akkuma beekamu kana dura gorsaalee fayyaa garaagaraa waan beeknurraa Karaalee toora miidiyaa garaagaraa kan akka Youtube ,Telegram ,Fb fi tiktok kennaa turuun keenya ni yaadatama. Haata’uutii garuu karaalee kunniin heddumminaan Mata duree nuti filannee barsiifnurratti waan ta'eef gaafin dhuunfaa namootaa achi keessatti deebii argachuu dhiisuu danda'a. Akkasumas namni toora hawaasaa olitti maqaa kaafne kana hin fayyadamnellee ni jira. Kanaafuu nutis kanuma bu'uura godhachuudhaan gorsaa fi gaafilee fayyaa namootarraa dhufan karaa bilbilaa dabalataan kennuu murteessineerra. Bu'aan tajaajilli kun hordoftootaf qabaatu maali?1.Gaafii specific ta'e yoo qabaatee akkasuma deebii specific ta'e akka argatu fayyada.
2.Mana ofii taa'anii dhimma fayyaa ofii fi maatii isaanii irratti salphumatti akka hubannoo horatan taasisa.
3.Gaafii fayyaarratti qabaatu san battalumatti ykn yeroo gabaabaa keessatti deebii akka argatu taasisa.
4.Mana ofii taa'anii kallattiidhaan hakima waliin mari'achuu carraa bana.
5.Dhukkuboota Yaala ariifachiisaa barbaadan irratti hanga mana yaalaa gahanitti akkamiin akka of gargaaran carraa hubannoo argachuu uuma.
6.Dhukkuboota daddarboo hin taane kan akka Dhukkuba Sukkaaraa,Dhiibbaa dhiigaa,Dhukkuba Onnee ,Olka'iinsa kollesteroolii fi kkf irratti of eeggannoo taasifamuu qabu bilbilaan akka hubannoo argatan taasisa.
7.Durboonni garaatti baatan fi karoora isaa qaban waan gaafachuu fi qulqulleeffachuu barbaadan carraa akka argatan taasisa.
8.Rakkoo fayyaa isaan muudateef Tajaajila akkamii fi Eessatti akka argachuu danda'an adda baafachuu carraa argatu.
3.Tajaajila yaala fayyaa addaa(speciality) biraa barbaachisus yoo jiraate namni sun haala salphaa ta'een Tajaajila yaalaas ta'ee gorsaa akka argatu ni taasifama.
Walumaagalatti Tajaajilli nuti har'a eegallu kun dhimmoota hubannoo fayyaa uumudhaan walqabate kamuu karaa bilbila keessanii akka argattan taasisa. Kanaafuu Tajaajiloota kanneen argachuu yoo barbaaddan lakk.bilbilsa armaan gadii kanarratti bilbiltanii nu argachuu dandeessu.
1.Dr Tuujoo Dachaasaa(Ispeeshaalistii Ulfaa fi Gadaamessaa)👉0969409731
2.Dr Birboo Caalaa (Hakima Waliigalàa)
👉0974947293
Fayyaan isinirraa hin fagaatin!
Rakkoon jiraannan Haloo nuun jedhaa!!

13/02/2025

Vacancy at Wirtu Medium Clinic!
Gita hojii:- Qulqulleessituu
Baay'ina:-1
Sadarkaa barnootaa:-12+
Muuxannoo:- baatii 6 fi isaa ol
Galmaa'uuf 👉telegram lakk armaan gadii kanarratti 0912773748 ragaa keessan ergachuu dandeessu.Ykn ammoo qaaman gara kilinika keenyaa dhuftanii apply gochuu dandeessu.
Guyyaa beeksifni maxxane Guraandhala 6,2017
Guyyaan Dhuma galmee Gurnaadhala 13,2017
Teessoon Kilinikichaa:-Magaalaa Sabbataa shaaba taaksii duuban gara lixaa!

Irraa baradhaa!
10/02/2025

Irraa baradhaa!

Faayidaa gurguddaa kurnan sochiin qaamaa fayyaa keenyaaf qabu
Maxxansa 56ffaa(Re-posted)
*****************************
1.Madda gammachuu guddaadha.
2.Jabina maashaa fi lafee keenyaf.
3.Ulfaatina hin barbaachifne hir'isuuf.
4.Dhukkuboota daddarboo hin taane kan akka Dhukkuba Sukkaaraa,Onnee,Olka'iinsa dhiibbaa dhiigaa,kollesteroolii fi Kaansaroota garaagaraa ittisuuf akkasuma wayyeessufillee ni fayyada.
5.Fayyaa gogaa keenyaa eeguuf.
6.Fayyaa sammuu keenyaatiif akkasuma dandeettii yaadannoo keenyaa ni fooyyessa.
7.Qulqullina hirriibaa eeguuf.
8.Qulqullina Wal qunnaamtii saalaa,fedhii fi gammachuun nuti walqunnamtii saalaarraa argannu akka dabalu ni taasisa.
9.Hawaasummaa bareeda ta'e akka namoota biroo waliin qabaannu ni gargaara.
10.Dalagaa keenya guyyaa guyyaarratti Anniisaa fi haamilee akka horannu nu taasisa.
Kanaaf sochii qaamaa dhaabbataa taasisuu amaleeffachuu qofa osoo hin taane eenyummaa keenyatti dabalachuun baay'ee barbaachisaadha.
Barnoota fayyaa biroof👇👇
https://youtube.com/?si=dkDKGDGJEhvDfcJQ
Maddi:-WHO fi Healthline.com
Suurri kan Gammanneeti .
Muddee 2,2022
Dr Birbo Chala
Halkan gaarii!

25/01/2025

Namnii fi Meeshaaleen biroo maalif akka elektiriikiitti nama qaba ykn "Nazzara"?
Falli isaa hoo maali?
Maxxansa 74ffaa
*****************
Dhiyoon tana nama hedduun balbala mannaa,nama ,furtuu,PC,balbala konkolaataa fi Meeshaalee biroo garaa garaa ennaa tuqan akka isaan "Nazzaru " ykn rifachiisu himataa turan.Anis karaa keessaa gaafii kana irra deddeebiin gaafatamaan ture. Kanaafin har'a Mata duree kana qabadhee dhufe.
1.Ta'iin namnii fi Meeshaaleen biroo garaagaraa akka elektiriikiitti nama qabu(Nazzaru) kun "Satic Shock ykn "Static Electricity " jedhama.waan kunis kan inni uumamu sababa wal madaaluu dhabuu Pirootoonii(positive charge)fi Elektiroonii(Negative charge) qaama namaa fi Meeshaalee jidduutti uumamurraa kan dhufuudha. Kanarraa ka'uun gaafa namni tokko namas ta'ee meeshaa dabarsoo elektiriikii ta'e biraa naannawa isaatti argamu harkaan qabatu chaarjiin namicha keessatti kuufame sun saffisaan gara meeshaa(Object)sanaatti darbuun sagalee wayii fi ifa xinnoollee uumuun namicha rifachiisa.san booda yeroof chaarjin sun waan qixa madaalawaatti deebi'uuf battala sanatti deebi'ee waan akkasii hin uumamu.
2.Maaltu waan akkasiif nama saaxila?
👉Haala qilleensa gogaa fi Qorraa keessattuu seensa waqtii bonaa
👉Haala uffannaa- Uffatoonni akka Suufii,Uffatoota gogaa bineensotaarraa hojjataman fi uffata sinteetikii garaagaraa
👉Kophee jalli isaa gommaa(rubber) ta'e godhachuu- akka chaarjiin Nagatiivaa gogaa keenya keessatti argamu gara lafaatti nama keesssaa gadi hin yaane dhorka waan ta'eef .
3.Maaltu godhamuu qaba?
👉Uffata jirbiirraa(Cotton clothes) oomishame baay'inaan fayyadamuu.
👉Kophee jalli isaa gogaa(Leather) ta'e fayyadamuu
👉Yeroo tokko tokko mana keessa miila duwwaa deemuu
👉Otoo ka'anii namaa fi meeshaa dabarsoo elektiriikii ta'e kamuu hin tuqin muka ykn waan nu bukkee jiru tuttuquu sababni isaas positive charge qaama keenya keessatti kuufame sun dursee akka hir'atu taasisa waan ta'eef
👉Otoo konkolaataa keessaa hin bu'in Balbala konkolaataa san tuttuquu
👉Fuftuu konkolaataa ykn manaa fayyadamuun dursanii sibiila tuquu.fkn bakka teenyuu kaanee Balbala qabnee banuu dura furtuu fayyadamuun tuquu.
👉Dibata fayyadamuun harka keenyarratti jiidhina tolchuu.
👉Humidifier(meeshaa haala qilleensaa jiisu) kutaa keenya keessa kaawwachuu.yoo jiraate jechuu kiyya.
4.Waan kun miidhaa qaba?
Ta'iin kun dhiibbaa ykn miidhaan inni fayyaa namaarratti geessisu hin jiru. Rifaatuu xiqqaa fi jeequmsa battala sanatti uumamuu danda'urraan kan hafe.
Mee namoonni waan kun isin muudatee beeku ykn isin rakkisaa jiru yaada naaf katabaa. Dhumarratti baruumsicha yoo jaallattan share gochuun hiriyoota keessan biraan gahaa.
Fayyaan Faaya!
Barnoota fayyaa biroof karaa Telegram chaanaalii
https://t.me/DrBirbochala
Amajjii 25,2025
Dr Birbo Chala

19/01/2025
10/01/2025
06/01/2025

Baga Jala Bultii Ayyaana Qiillee baranaa Geessan!
Kilinika G/G Wiirtuu

28/12/2024
15/12/2024

Oolmaa fi Buliin guyyaa har'aa Kilinika G/G Wiirtuu ti. Dhibdeen fayyaan walqabatu jiraannaan nutti goruu dandeessu.
Teessoon Magaalaa Shaggar,Kutaa Magaalaa Sabbataa, Aanaa Moglee Dhaaba Taaksii duuban gara lixaa.
Odeeffannoo biroof https://t.me/WiirtuuFayyaa
Guyyaa gaarii!

Address

Sebeta, Taxi Tera
Sebeta

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kilinika G/G Wiirtuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram