05/12/2025
Wantoota Fayyaa Onnee keetii cimsuu fi dhukkuboota Onnee Ofirraa ittisuuf, gargaaran!
1. Guyyaatti Bishaan Leetira 2 Dhugii, bishaan qulqulluu dhuguun Fayyaa Onnee fi kalee, hadhooftuu Eeguu keessatti ga'ee Olaanaa qaba.
2. loomii fi Damma:
Loomii fi Damma waliin fudhachuun faaydaa guddaa fayyaa Onnee keenyaaf qaba.
Loomiin vitaamin C kan of keessaa qabu yoo ta'u, fayyaa Onnee fooyyessa Vitamin C antioxidant cimaa ta'ee Miidhaa free radicals onnee fi ujummoo dhiigaa irraan gahu kan eegu yoo ta'u Carraa dhukkuba kana irraa fayyuu guddisa.
Loomii fi dammi akka waliigalaatti adeemsa dhiigaa fi bullaa’insa nyaataa kan fooyyessu yoo ta’u, kunis ba’aa onnee irratti dhufu hir’isuun dandeettii hojii isaa haala bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf Dandeettii isaaf kenna.
Akkaataan itti fayyadama isaa:
Damma Qulqulluu fallaana guddaa sadii fi Bishaan loomii fallaana xiqqoo sadii sirriitti walitti makamee ganama garaa duwwaatti fudhatama. Guyyaatti Yeroo lama fudhachuun baayyee filatamaa fi bu'a qabeessa.
3. Juusii yokan cuunfaa hundee diimaa, yokan Qayyi sirii ykn(Beetroot Juice) dhugu:
Hundee diiman Qabiyyeewwan antioxidant ta'an kanneen inflammation onnee hir'isuu fi dhangala'aan dhiigaa gahaan gara Onnee fi Onnee irraa gara qaamaatti akka deemu taasisa.
Akkaataa itti fayyadama:
Hundee diimaa bifa Juusii yokan cuunfaa isaa burcuqoo tokko ganama garaa duwwaatti fudhatama, Torban keessatti yeroo 3 fayyadamuun gaariidha.
4. Shaayii Jinjibiilaa fi hirdii yokan (Ginger Tea):
Haalli itti fayyadama isaa.
Daakuu jinjibiala fallaana xiqqoo lamaa fi Bishaan burcuqoo guddaa tokko wajjiin walitti makamee daqiiqaa 5 danfisamee Erga Qabbanaawaeen Booda loomii Xiqqoo itti dabaluun garaa duwwaatti fudhatama, guyyaatti Yeroo Tokko.
Torban keessatti Yeroo 3 fayyadamuun baayyee gaarii fi bu'a qabeessa, Carraa dhukkuba Onnee fi sombaan qabamuu hirrisaa fayyaa Onnee cimsa.
5. Guyyaatti Buna Siini 2 Dhugii Buna Gurraacha Aannanii fi Sukkaaraa hin qabne Ta'uu Qaba
6 Shaayii Suunqoo yokan Habishii Burcuqoo Tokko Halkan Hirriba Dura yokaan Ganama Nyaata Dura Dhugii Torban Tokko keessatti yeroo 3 fayyadami, carraa dhukkuba Onneen qabamuu hirrisaa. Suunqoo/Shuqqoo/Habishii: Callaa isaa fallaana guddaa tokko bishaan ho'aa burcuqoo 3tti naqamee bula. Ganama bishaan sun calalamee Loomii firii tokko hammaan xiqqoo itti cuunfamee burcuqoo 1 garaa duwwaatti dhugama. Guyyatti yeroo 3 dhugama. Torban Tokko itti Fayyadamtu.
7. Shaayii Qarafaa Guyyaatti siinii yokan Burcuqoo shayii,
Lama ,Dhugii, dhukkuboota onnee hunda sirraa ittisa, bu'aa qabatamaa argitaa.
8. Shaayii Mooriingaa Dammaan Danfisii Torban keessatti yeroo 3 Dhugii, dhukkuboota onnee sirraa ittisaa.
9 Aannan,Baaduu Dhadhaan Sirriitti Keessaa Qulqulleeffame
Torban keessatti Burcuqoo 3 Dhugii , fayyaa Onnee keetii siif Cimsa.
10. Juusii Qayisirii Yookaan Hundee Diimaa, torban keessatti Burcuqoo Tokko Dhugii, Rukuttaa Onnee Tazgabbeesse hiddoota Onnee akka hin dhiphanne Taasisa,
Hfuura Akka Sin kunne Godhaa.
11. Juusii Timaan Timii Burcuqoo Tokko Torban keessatti yeroo 3 Dhugii Juusiin Timaan Timii Fayyaa Onnee Cimsuu ga'ee Olaanaa qaba.
Wantoonni Armaan Olitti ibsaman fayyadamuun, Yoo kanaan dura Dhukkuba Onn wr ee wabda ta'e, baayyee bu'aa Siif qabu.
Akkasumas utuu dhukkubni Onnee sin qabin yoo itti Fayyadamte Dhukkuba Onnee fi kkf sirraa, ittisaa.
Teessoo:
Yaala Aadaa Kuush
– Daandii gara baalee geessu Bakka karaa Abbaa ‘30’ jedhamee beekamu kallattii lixaatiin Gamoo H/ Kuyyuu Aynoo keessaatti Argamna.
Tajaajila: Guyyoota torban hundaa sa’aatii 7/24 nu argattuu.
- Naannawa 105 jedhamuun beekamu.
Torbaanitti Guyyaa Sanbataa fi. Dilbataa qofa nu argattu.
Karaa telegrama nuhordofuuf
https://t.me/yaalaAadaaKush
https://t.me/yaalaAadaaKush
Channel what's App keenyaan nu hordofuuf
https://whatsapp.com/channel/0029Vb5UB8sK5cD8wwhfcU2g
TikTok Nu hordofuuf
tiktok.com/
tiktok.com/
Odeeffannoo dabalataatiif
090 931 6243
0928795750
Fayyaan faaya
Share Like Godhaa
Yaala Aadaa Kuush follow godhaa