Yaala Aadaa Kuush

Yaala Aadaa Kuush Yaanni kiyya Qoricha Aadaatiin hawaasa kiyya tajaajiluudha. Kaayyoon kiyya ;
Hawaasa keenya Qoricha Aadaatiin hamma beekuun tajaajilu.

Sihriin ykn Fakfalli Nyaataa fi Dhugaatii Irratti Hojjatamu Mallattoo Akkam Akkamii Agarsiisa, Furmaanni Isaa Hoo Maali?...
04/01/2026

Sihriin ykn Fakfalli Nyaataa fi Dhugaatii Irratti Hojjatamu Mallattoo Akkam Akkamii Agarsiisa,
Furmaanni Isaa Hoo Maali?

Falfala/Sihrii Dhugaatii Irratti Hojjatamu
⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻
Namoonni falfala dhugaatii irratti hojjachatan jinnoota “jiraattota bishaanii“ jedhamaniin gargaaramanii hojjatu. Jinnoonni kunneen dhangala'oo irratti hojjachuu waan danda'aniif “jiraattota bishaanii“ jedhamu.
Namni tokko dhugaatii akka Aannanii, Bunaa, bishaanii, Lallaafaa, Cuunfaa adda addaa fi wantoota dhugaatii biroo irratti yeroo Sihr godhu, jiiniiwwan Sihrii dhangala'aa akka hojjetu taasisan kanniin fayyadamaniiti.
⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻

Mallattoo Falfala/Sihrii Dhugaatii.

1. Bishaan dhuguu baattus garaan bishaaniin guutamuu, garaa keessa sagalee akka bishaan koddaa keessaatti 'culba culba' jedhu dhagayuu.

2. Bishaan qofa haqqisiisuu(oldeebisuu):
Bishaan oldeebisuun bishaan qulqulluu osoo hin taane, dhangala’aa nyaata of keessaa hin qabne haqqisiisuu dha.

3. Garaa dhiitessuu:
Dhiita'uun kun kan jalqabu yoo dubartii taate ulfa waan baatte fakkaata, yoo dhiira ta'e immoo borcii waan qabu fakkaata. Mana yaalaatti meeshaadhaan (Altiraasaawundiin) yoo ilaalamu dhangala'aa malee mallattoo biraa hin agarsiisu.

4. Caphsata harkaa fi lukaatti dhukkubuu:
Ciqilee irratti, many'ee irratti, koroony'oo, jilba irratti, dugada qixxee miira dhukkubbii fi keessa nyaataa qabaachuu

5. Funyaan cufamuu:
Kunis funyaan hanga foolii adda baafachuu hin dandeenyetti cufamuu. Yeroo haxxiffattu, qonyonyaa baay’ee goggogaa fi dhiiga makat kan foolii badaa qabu bahuu.

6. Dhiphina sammuu Humnaa Olii: Mallattoon kun mallattoo guddaa nama falfala kanaan qabamuu adda baasnuudha. Mallattoolee asii olitti himne waliin mallattoon dhiphina sammuu yoo jiraate, kallattiin weerara jiinii kanaa agarsiisa.

7. Hirriba dhabuu:
Akkuma halkan dhiyaateen hirribni ijaa baduu. Sa'aatii tokkoo fi lamaa olitti hirriba rafuu dadhabuu. Yeeroo rafanis hirriba boqannaa namaaf hin kennine rafuu.Hirribni jeeqamuu ykn abjuu sodaachisaa irra deddeebiin arguu.

8.Garaa keessatti dhukkuba hin ibsamne ykn qaama namaatti hin tolle, ulfaatinni garaa ykn miirri dhukkubbii garaa ibsuuf nama dhibu namatti dhagahamu.

9. Miirri ykn haalli xiinsammuu tasa jijjiiramuu. Jijjiirama amala dhuunfaa tasuma dhufuu kan ibsa hin qabne. Fkf Namootaan wol-qunnamuu irraa fagaachuu, hawaasa ofbaasuu, raawwii hojii hir’achuu, raawwii barnootaa irratti dadhabuu, humni namaa dadhabuu, kasumas sammuun qayyabachuu dadhabuu.

Hubachiisa Mallattoolee kanneen keessaa mallattoo 3 fi sanaa ol yoo ofirratti argitan daftanii yaalamuu qabdu!

1. Dhukkubbii garaa cimaa:
Garaa muraa ykn ciniinnaa cimaa naannawa handhuuraatti uuma. Yeeroo garaan muru dafaqa qabbanaayaa namatti fida. Fuulli nama jijjiirama. Afaan nama goga. Hafuurri garaachaa bahu ajaawuu fi hadhaawuu namatti fida.

2. Haqqisiisuu:
Haqqeen garaa bahu baayye kan ajaawuu fi kan hadhaawu, kokkee keessa kan muru, laphee kan laalessuudha. Dhiigaafi waan waan foon tiruu fakkaatu darbe darbee ni fida. Haqqeen kun dafaa dafa kan deddeebi'uufi afaaniif funyaan kan jiguudha.

3. Dhiiga Albaasuu:
Dhuukkubni biroo kanneen dhiiga Albaasan ni jiru. Isa sihrii kana kan adda godhu, dhiiga albaasu wajjiin hoomacha qaba. Garaa muree ittansiisa/miixachiisa.

4. Fincaan dhiiga fincaansisuu:
Halluun fincaanii dhiigabmakachuufi afuuffee fincaanii fi ujummoo qaama saalaa keessa gubuu. Fincaan gar-malee ajaawuu. Afuuffeen fincaanii akka waan tarsa'eettibdhukkubuu.

5. Garaa bokoksuu:
Garaa keessa akka waan bineensi guddaan wohii jiruutti garaa keessa gara gaggaluu, jeeqamuu, garaan sagalee nama biratti dhagayamuun iyyuu/didichuu.

6. Humna namaa dadhabuu:
Humni nama bu'uu, fedhiin nyaata dhabamuu, yoo nyaachuu fedhanis sodaa haqqeefi baasaa irraa kan ka'e nyaachuu sodaachuu.

7.Bowwoo mataa kan halkanii.
Galgala sa'aatii magriiba booda bowwoo mataa kan sammuu caccabsu itti dhagayamuu. Hoo'i qaamaa baayye ol ka'uu

8. Garaan gadi harkisuu:
Akka nama miidhama ykn garaan bu'ee jiruutti yeeroo hunda gadi hakisuu.

Furmaanni Maali?
Boru Galgala Itti Deebina
Follow_Share_Like Godhaa


092 879 5750
0909316243




Biqiltuu kana qabda Taanaan Faarmaasii yokan Mana Qorichaa Cimaa Tokko qabda jechuudha dhukkuboota hedduu ittiin Of yaal...
03/01/2026

Biqiltuu kana qabda Taanaan Faarmaasii yokan Mana Qorichaa Cimaa Tokko qabda jechuudha dhukkuboota hedduu ittiin Of yaaluu dandeessaa..

Massoobilaa yokan Kefoo.
Biqiltuu Suuraa irratti Mullatu kana Namni hin beekne tokko hin jiruu 👌 Maqaan isaa Akka kutaa Naannootiin Wal dhaba Ha Ta'uu Garuu Suuraa isaa qofa ilaalatanii adda baasuu dandeessuu, ingiliffaan (Sweet Basil), jedhamaa, Maqaa saayinsiin "Ocimum basilicum L." jedhamuun kan beekamu, yoo ta'u biqiltoota Urgeeyssitu Nyaataa fi Shaayii isa Beekkamaadha, bu'aa qorichaafi soorataa olaanaa qaban keessaa isa tokkodha. Qoricha aadaa keessatti waggoota kumaatamaaf kan itti fayyadamaa ture yoo ta'u, keessumaa sirna wal'aansaa durii kan akka yaala Aadaa indiyaa Ayurveda fi Chaayinaa yokan (TCM) keessatti dhukkuboota hedduu yaaluuf Tajaajilaa tureeraa.

Qorannoo Saayinsii fi yaala Aadaa irratti hundoofnee Barreeffama Insaayikilooppiidiyaa bal’aa kana keessatti Biqiltuu Kefoo ykn Massoobilaa, faayidaa fi itti fayyadama isaa gama hundaan bal’inaan kan ilaallu yoo ta’u, gahee inni dhukkuboota adda addaa yaaluuf qabu, mala itti fayyadama aadaa fi ammayyaa isaa, Guutummatti isiniif ibsinaa Obsaan yoo dubbistan faaydaa guddaa irraa Argattuu 👇

Faaydaa walii galaa biqiltuun kun fayyaa keenyaaf qabu.

Fayyaa kalee Cimsuu fi yaala Cirracha kalee yokan (Kidney Stones Treatment) keessatti ga'ee leencaa Qabaa.

Qabiyyee Uumamaa Cirracha kalee Xixiqqoo Cabsuuf gargaaranu Of keeysaa qabaa shaayii isaa Namoota Cirracha kalee yokan (Kidney Stones) qabanuuf Baayyee bu'aa isaa Qabatamaan Arginee jirraa.

Fincaan sirnaan Akka Dhangala'u t
(Diuretic) Taasisaa kunis Summii kalee keeysaa qulqulleessaa.

Farra Garaa Ciniinnaa yokan
Dhukkubbii garaa keeysaatii, Rakkoo Garaachaa (Stomach Cramps) irraa madduuf bu'aa qabaa.

Gaaza qilleensa gara keessatti Kuufamee Bokoka garaa fidu (Carminative Effect) hirrisuuf gargaaraa.

Rakkoo Mar'imaanii yokan (IBS ) dhaafis bu'aa qabaa

Nama Garaachi isaa nyaata bulleessuu dadhabeef Dawaadha.
Qorannoon (J. Ayurveda Integr Med) irratti Maxxansame akka Agarsiisutti Kefoon inzaayimoota bullaa'insa nyaataaf barbaachisanu akka maddu kan kakaasu yoo ta'u, kunis sochii garaachaa tolchuuf gargaara, Fayyaa Sirna Bullaa'insa nyaataa yokan (Digestive Health) Cimsaa, Namoota Garaachi jaraa Nyaata bulleessuu dadhabe yokan Rakkoo (Indigestion) qabanuuf Gaariidha.

Fayyaa Sirna hargansuu ykn (Respiratory Health) Cimsaa.
Shaayiin isaa Ujummoo Qilleensaan cufame banuuf Tajaajilaa kanaaf warra Asmii (Asthma) fikkf qabaniif Gaariidha.

Qabiyyee farra maaykiroobiyaanii kan of keessaa qabu yoo ta'u, dhukkubbii qoonqoo fi qorra ofirraa ittisuuf gargaaraa.

Fayyaa Onnee Cimsaa Ujummooleen dhiigaa akka hin dhiphanne waan Gargaaruuf dhibbaa dhiigaa gadi buusaa.

Qorannoo Saayinsii "J. Clin. Diagn. Res" irratti Maxxansame akka Agarsiisutti Biqiltuun Kefoo Hanga baayyina kolestiroolii miidhaa qabu yokan (LDL Cholesterol) dhiiga keessatti xiqqeessaa.

Qabiyyee "Antioxidants" Rakkoo Ujummoolee dhiigaa miidhaa geessisan ittisuu fi dhibee atherosclerosis irraa nama Eegu of keessaa qabaa.

Qorannoon "J. Agric. Food Chem" Akka Agarsiisuutti Massoobilaan
sochii antioksidaantii cimaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, dhukkuboota yeroo dheeraa Namarra turanu dhiphina oksijiinii wajjin walqabatan ittisuu keessatti faayidaa guddaa qabaa.

Madaa qaamaa Sababoota garaa garaaf Uumanu fayyisuu dandayaa.
Qorannoon (J. Wound Care) irratti Maxxansame akka Agarsiisutti Kefoon farra baakteeriyaa fi farra inflammatory ta’uu isaatiin madaan akka fayyu taasisa.

Madaa Afaanii fayyada.
Qorannoon "J. Oral Pathol. Med" Akka Agarsiisuutti Kefoon Madaa Afaan keeysaa fi laagaa yokan Kokkee/Qoonqoo keeysaaf baayyee bu'aa qaba.

Mataa Bowwuu yaalaa, yaaddoo Fi dhiphina Sammuu ittisa. Qorannoon "Ind. J. Exp. Bio" irratti Maxxansame Akka Agarsiisuutti Zayitii yokan bishaan Massoobilaa funyaanitti naquun Bowwuu mataa fi dhiphina Sammuu ittisaa.

Vitamin A fi Vitamin C waan qabuuf Dandeettii ittisa qaamaa cimsaa, fayyaa gogaa qaamaa ijaa dabalaa.

Pootaasiyeemii Olaanaa waan qabuuf Ol ka'insa Dhiibbaa dhiigaa ni to’ata, fayyaa onnee ni eegaa.

Maagniziyeemii waan qabuuf Dhiphina fi yaaddoo namarraa hir’isuun fayyaa maashaalee fi narvii ni fooyyessa.
Fayyaa Sammuu yaadachuu fi Xiinxaluu Sammuu keenyaa Cimsaa yokan (Brain & Cognitive Function).

Mataa Bowwuu yokan dhukkubbii mataa gama tokko qofaan nama dhukkubuuf Gaariidha.

Biqiltuu Kefoo yookaan Massoobilaan Qabiyyee fayyaa ilmaan namaatiif barbaachisanu zayitota barbaachisaa fi kompaawundoota sochii Baayoloojii qaban kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis
(Eugenol) Fi (Linalool), (Eucalyptol), (Estragole), (Geraniol)
kan dabalatudha.

Qabiyyee Keemikaalaa:

Biqiltuun Kefoo kompaawundoota bal’aa sochii fi amaloota wal’aansaa qaban kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis Dandeettii dhukkuboota ittisuu fi yaaluu isaaf kennuu, isaan keessaa kanneen barbaachisoo ta’an Armaan gaditti isniif ibsineerraa: 👇

1.Qabiyyee (Essential Oils)
Zayitoota Urgeeyssitu Barbaachisoo kan Akka
(Eugenol) Of keeysaa qabaa Qabiyyeen kun Antioxidant, farra inflammatory, fi dhukkubbii uumamaaHidrisaa.

2. Qabiyyee (Linalool):
Narviidhaaf Tasgabbii kenna, akkasumas farra yaaddoo fi farra dhiphina sammuu ta'ee tajaajilaa.

3. Qabiyyee (Eucalyptol):
Qabiyyeen kun farra Baakteeriyaa fi fangasii farra Vaayireesii Cimaadha Rakkoo Sirna hargansuutiif bu'aa guddaa qabaa.

4. Qabiyyee (Estragole):
Qabiyyeen kun Foolii gaarii biqiltuu Kanaaf kenna Akkasumas Sirna Bullaa'insa soorataa irratti Garaacha Deeggaraa.

5. Qabiyyee (Geraniol):
Farra Baakteeriyaa fi fangasii yoo ta'u Qulqullina qaamaa fi miidhagina gogaa qaamaa dabaluuf Tajaajilaa.

2. Kompaawundoota Feenoolikii

Qabiyyee Asiidii (Caffeic Acid) fi (Rosmarinic Acid) farra Antioxidant Cimaa yoo Ta'anu Seeliin qaama keenyaa Dhukkubootaa fi kkf Akka hin miidhamne Taasisuu keessatti ga'ee Olaanaa qabuu.

Qabiyyee (Flavonoids) fi (Apigenin) fi (Quercetin) Biqiltuu kana Keessatti Argamanu Dandeettii dhukkuboota ofirraa ittisuu qaamaa dachaan ol Guddisuu, Bu'aa farra inflammatory Cimaa qaba dhukkubbii qaamaa hirrisaa.

Qorannoon "BMC Complement. Altern. Med" Akka Agarsiisuutti Biqiltuun kun
Farra Baakteeriyaa "E. coli" yoo ta'u Baakteeriyaan kun nyaata Nyaata gara summii tti jijjiiruu fi dhukkuba garaachaa namatti fiduu danda'udha. Farra Baakteeriyaa "Staphylococcus aureus" Yoo ta'u Baakteeriyaa ku infekshinii hedduu kan akka infekshinii gogaa, summii dhiigaa fi infekshinii qaamolee keessoo kan namatti fidudhaa Kefoon kana namarraa ittisaa.

Kutaa itti Aanu keeyssatti ballinaan Haala itti fayyadama isaa isiniif Maxxansinaa, Akka isin hin dabarre toora Facebook keenya follow
Yaala Aadaa Kuush godhaa

02/01/2026

Kangaarroo....

Haala itti fayyadama biqiltuu dhummuugaa.Barreeffama darbe keessatti biqiltuun dhummuugaa faayidaa fayyaa hedduu akka qa...
31/12/2025

Haala itti fayyadama biqiltuu dhummuugaa.

Barreeffama darbe keessatti biqiltuun dhummuugaa faayidaa fayyaa hedduu akka qabuu fi dhibeewwan adda addaa ittisuu fi yaaluufis kan Gargaaru ta'uu ibsinee turre, barreeffama kana keessatti haala itti fayyadama isaa ibsina.

Dhukkuba Asmii fi alaarjikii ujummoo hargansuu fi Sombaa yaaluuf qaceelfama Armaan gadii hordofi:

👉Baala dhummuugaa qulqulluu gaaddisa jelatti gogsuun sana booda tumi/daakii daakuu isaa fallaana Xiqqoo 4.

👉 Daakuu firii tunjoo yokan timzizii, fallaana guddaa xiqqoo 4.

👉 Damma qulqulluu kiilogiraama tokko.

Warra kana hunda Yeroo tokkoon walitti mauun Qodaa/meeshaa qulqullina qabutti naquun Lafa kaa'ii sana booda fallaana yokan maankiyaa sukkaaraa ishee Xiqqoo sadii ganamaa fi galgala garaa duwwaatti irraa fudhatama.

Karaa salphaan fayyadamuuf immoo baala isaa akka shaayiitti danfisame guyyaa guyyaan burcuqoo shaayii tokko dhuguun ni danda'ama.

Qufaa dhiiga, of keessaa qabuuf, cuunfaa baala isaa Burcuqoo shayii tokko Damma fallaana guddaa 3 wajjin walitti makame ganama garaa duwwaa tti guyyaa 3 fudhatamaa...

Qufaa utaalloo qorraa yaaluuf,
Baala isaa Qulqulluu 7 Bishaan Burcuqoo bishaanii tokko wajjin daqiiqaa 10 danfisamee Damma fallaana guddaa 3 itti dabalame ho'aan isaa dhugama...

________

Dhukkuboota gogaa qaamaa kan akka alaarjikii gogaa, asaasiyyaa fi kkf yaaluuf dhummuugaa Baalli isaa Tumame bakka dhibeen jirutti dibama. bakka gogaan Qaama keetii miidhamee jirutti dibde dhukkuboota gogaa hedduu faayyada, akkasumas qaama bakka madaan jirutti yoo dibame madaa sana dafee fayyisa.

Kiintaarotii garaa keeysaa fi Sagaraa dhiiga wajjiin bahu dhaabuuf Cuunfaa baala dhummuugaa burcuqoo shaayii 3 guyyaatti dhugma kunis Ganama nyaata dura burcuqoo shaayii tokko, guyyaa Yeroo sa'aatii 7 yokan Yeroo laaqanaa burcuqoo shaayii tokko nyaata dura, Halkan Yeroo sa'aatii 3 nyaata dura burcuqoo shaayii tokko. Haala kanaan guyyaatti burcuqoo shaayii 3 fayyadami.
Guyyoota 3hanga 5 fayyadamuun Gaariidha.

Dhiiga laguu dubartootaa daangaa darbe baayyate sirreessuuf
Cuunfaa baala isaa Burcuqoo shayii tokko halkan hirriba dura dhugama, guyyaa 3 fayyadamtu.

Teessoo:
Yaala Aadaa Kuush

– Daandii gara baalee geessu Bakka karaa Abbaa ‘30’ jedhamee beekamu kallattii lixaatiin Gamoo H/ Kuyyuu Aynoo keessaatti Argamna.
Tajaajila: Guyyoota torban hundaa sa’aatii 7/24 nu argattuu.

- Naannawa 105 jedhamuun beekamu.
Torbaanitti Guyyaa Sanbataa fi. Dilbataa qofa nu argattu.

Karaa telegrama nuhordofuuf
https://t.me/yaalaAadaaKush
https://t.me/yaalaAadaaKush

Channel what's App keenyaan nu hordofuuf
https://whatsapp.com/channel/0029Vb5UB8sK5cD8wwhfcU2g

TikTok Nu hordofuuf
tiktok.com/
tiktok.com/

Odeeffannoo dabalataatiif
090 931 6243
0928795750

Fayyaan faaya
Share Like Godhaa

Faayidaa biqiltuu Dhummuugaa...Dhummuugaan Biqiltuu Oromiyaa bakka hundatti argamudha.Maqaan isaa ingiliffaan (Adhatoda ...
29/12/2025

Faayidaa biqiltuu Dhummuugaa...

Dhummuugaan Biqiltuu Oromiyaa bakka hundatti argamudha.
Maqaan isaa ingiliffaan
(Adhatoda vasica) jedhamuun beekamu, yoo ta'u, Maatii (Acanthaceae) keessatti ramadama. biqiltuu itiyoophiyaa keessatti qorichaaf oolu keessaa isa beekamaa ta’ee fi bosonaa fi daandii cinaatti baay’inaan biqiludha.

Dhummuugaan biqiltuu qorichaa gatii guddaa qabuu fi dhibee tiruu irraa kaasee rakkoo fayyaa adda addaa waldhaanuuf gargaaruu danda'udha. wal'aansa dhibeewwan qorraa, qufaa , asmii, fi kkf yaaluu fi salphisuu keessatti Dandeetti guddaa qabaachuun isaa mirkanaa'edha.

Faaydaa Biqiltuu dhummuugaa:

Dhukkuba busaa/wabaa malaria yaaluuf bu'aa qaba.

Dhukkuboota Yeroo dheeraa Namarra turanu kan akka Kaansarii fi dhukkuba onnee fi dullumaa seelii qaamaa Yeroo malee dhufu ittisaa.

Farra baakteeriyaa cimaa waan ta'eef dhukkuba dhiiraa yokan cobxoo, Gonorrhea yaaluuf bu'aa qaba.

Fayyaa kalee cimsa Summii Kalee keeysaa qulqulleessaa Rakkoo ujummoo fincaanii fi Afuuffee fincaanii fura.

Kiintaarotii, yokan Hemorrhoids dhiiga baasu yaaluu danda'a, bu'aa isaa arginee jirraa.

Alaarjikii Funyaanii fi Saayinasiidhaaf bu'aa gaarii qaba.

Dhiitoo gosa garaa,garaa, qaama namaa keessaa fi Alatti ba'uuf Dawaadha.

Madaa qaamaa fayyuu didee nama Rakkisuuf Dawaadhaa, Qaama sibiilli mure, yokan waraanee madaa'etti yoo dibame dhiiga dafee Dhaabaa, akka hatattamaan fayyu Taasisaa.

Dhukkuboota gogaa gosa hedduudhaaf Dawaadha, hooqxoo fi Sibiijjii dhukkuba gogaatiif dawaa Gaariidha.

Dhukkuboota lafee qorra irraa nama qabanuu fi dhukkuboota lafee kan akka riimiotiidii yaaluu keessatti ga'ee Olaanaa qaba.

Dhukkuboota ijaa fi afaani, qoonqoo liqimsituu keessaa yaaluu keessatti dandeetti Ajaa'ibaa Of keessaa qaba.

Farra dhukkuba gaggabdootii ooksijiinii qulqulluu hin taane qaama keessaa qulqulleessaa, Sammuu jeequmu tasgabbeessuu danda'a.

Farra vaayiresii cimaadha,
Dhukkuba saree maraatuu fi Vaayiresii Ciccimoo hedduu Qaama namaa keessatti ajjeesuu balleessuu, ittisuu danda'a...

Dandeettii fi bu'aa guddaan Biqiltuun kun qabuu fi Addunyaa Irratti ittiin, Beekkamu keessaa inni guddaan Dhukkuboota sirna hargansuu yokan Respiratory kan akka Asmii fi daranyoo Sombaa, Alaarjii ujummoo qilleensaa, Qufaa utaalloo gogaa yeroo dheeraa yaaludha. Dhukkuba asmii yeroo dheeraa, fi Rakkoowwan ujummoo qilleensaa biroonkaayitii yeroo dheeraa, utaalloo alarjii, fi Dhukkuboota sombaa yeroo dheeraa Namarra turuu fi ujummoo qilleensaa danqu (COPD) yaaluuf Hedduu gargaara.
Biqiltuun kun Utaalloo xiqqoo, irraa jalqabee hanga Qufaa Ciccimaa bara dheeraa, namarra ture fayyisuu fi dhukkuba Asmii yaaluu keessatti dandeetti Ajaa'ibaa Of keessaa qaba, Rakkina sirna hargansuu fi Rakkoo ujummoo qilleensaa hundaaf furmaata Amansiisaa fi qabatamaa ta'e Of keessaa qaba,

Miidhaa Tiruu summii fi qorichaan dhufu hir'isuu fi Summii Qulqulleeysuuf gargaara, akkasumas sochii inzaayimoota ittisaa kanneen akka gilutathione ni dabala. Seelii Tiruu dhukkubootaan miidhame haaromsuuf kan gargaaru yoo ta'u ta'u, dhukkuba cirrhosis ittisa. Dhibee tiruu fi miidhaa alkooliin walqabatee dhufu irratti bu’aa gaarii qaba.

Garaachaa fi Marrimaan keessaa Baakteeriyaa fi Raammoo Maxxantuu fi baakteeriyaa faayidaa hin qabne qulqulleessaa,
Sababa kamiifuu ha ta'uu nama dhiigni fincaanii fi sagaraa wajjin keessaa ba'uuf Dawaadha.
Nama garaan baasuuf Daawadha.

Baalli dhummuugaa
Qabiyyeewwan, Kompaawundoota keemikaalaa, vitaaminii fi albuudota bu’a qabeessa ta’een badhaadhe jiraachuun fayyaa Cimsuu fi dhukkuboota hedduuf ittisuu fi yaaluuf akka bu'aa guddaa qabu isa Taasisaa.

Kanneen armaan olitti ibsaman kun faayidaa dhummuugaa keessaa, isaan ijoodha faaydaa isaa kan hafee fi haala itti fayyadama isaa kutaa itti aanu keessatti bifa saayinsaawaa ta'een post isiniif goona.
Teessoo:
Yaala Aadaa Kuush

– Daandii gara baalee geessu Bakka karaa Abbaa ‘30’ jedhamee beekamu kallattii lixaatiin Gamoo H/ Kuyyuu Aynoo keessaatti Argamna.
Tajaajila: Guyyoota torban hundaa sa’aatii 7/24 nu argattuu.

- Naannawa 105 jedhamuun beekamu.
Torbaanitti Guyyaa Sanbataa fi. Dilbataa qofa nu argattu.

Karaa telegrama nuhordofuuf
https://t.me/yaalaAadaaKush
https://t.me/yaalaAadaaKush

Channel what's App keenyaan nu hordofuuf
https://whatsapp.com/channel/0029Vb5UB8sK5cD8wwhfcU2g

TikTok Nu hordofuuf
tiktok.com/
tiktok.com/

Odeeffannoo dabalataatiif
0909316243
0928795750

Fayyaan faaya
Share Like Godhaa

27/12/2025
Qurunfudii: Dawaa Cimaa Mana Keessan Jiru Akkaataa Fayyadamaa Woliin. Dawaa Cimaan Mana Keessan Jira. Garuu Akkaataa Fay...
19/12/2025

Qurunfudii: Dawaa Cimaa Mana Keessan Jiru Akkaataa Fayyadamaa Woliin.

Dawaa Cimaan Mana Keessan Jira. Garuu Akkaataa Fayyadamaa Wollaaluu Irraa Faayidaa Isaas Wollaalle. Namoonni qurunfulii akka mi'eessituu ykn akka urgeessituu qofatti ilaalu. Kuni sirrii miti. Qurunfuliin faayidaa lakkaayamee hin dhumne qaba. Kunoo Faayodaa Qurunfulii, Akkaataa Fayyadamaa isaa wajjiin isiniif Maxxansinee Jirra. Dubbisaa. Waliif share godhaa!
👇👇

Qurunfuliin faayidaalee fayyaa olaanaa hedduu qabaachuun beekama. Qurunfuliin gosa qoricha uumamaa salphatti namni kamuu akka shaayiitti danfisee dhugu keessaa isa tokko dha. Faayidaa fayyaa guddaa qabaachuun beekama.

Keessumattuu Dhukkuba dadhabbii onnee sirreessuun, onnee jabeessuu fi dhukkubbii sammuun wal-qabatan fooyyessee, sammuuf humna dabaluu danda’a. Akkasumas, waa hubachuu irratti dandeettii ol-kaasuu keessatti gahee guddaa qaba. Dhukkuba asmii fi utaalloo akkasumas dhukkubbii jilbaa fi lafeef ni fayyada. Dhukkuboota qorraa fi hafuuraa akka utaalloo, taayifoodii, asmii fi daranyoo sombaaf bu'aa olaanaa qaba.

Akkasumas, fayyaa tiruu irratti gahee guddaa qaba. Cooma tiruu akka Fatty Liver Disease fi Liver Cirrhosis irratti bu'aa guddaa argamsiisuun tiruu cimsuu fi dandeettii isaa dabaluuf fayyada. Kana malees, qabiyyee Eugenol olaanaa of keessaa waan qabuuf dhukkuba kaansarii ittisuun, qaama keessa akka hin baballanne gochuu danda’a.

Qurunfuliin sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa irratti gargaara. Carraa dhukkuba sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa ol ka’e hir’isuun, sukkaara fi dhiibbaa dhiigaa gadi buusa. Fayyaa onnee cimsuun dhukkuba onnee ittisuu keessatti faayidaa guddaa qaba. Akkasumas, dhukkubbii lafee tasgabbeessuuf, dhukkuboota akka Hypogonadal Osteoporosis irraa ittisuuf, fayyaa lafee fi qaamaa cimsa.

Dhukkubbii toonsilitis qoricha uumamaa ta’uun dhukkuba ilkaaniif faayidaa kuddaa keennuu danda’a. Qurunfuliin foolii afaanii gaarii fi fayyaa ilkaanii eegsisuu keessatti bu’aan isaa olaanaa dha. Akkasumas, daakamuu nyaataaf gargaaraa, dhukkuba garaachaa fi gogiinsa garaachaaf hir'isuuf bu’aa gaarii qaba.

Qurunfuliin dhibee tiruu fi sukkaaraa irratti dafee hojjechuudhaan fayyaa keenya eegsisuu danda’a. Dhibee dhiigaa akka dhiibbaa dhiigaa fi hir’ina dhiigaatti ka’u ittisuu keessatti bu’aa olaanaa qaba. Akkasumas, dhukkuba kaansarii ittisuu fi akka qaama keessa hin baballanne taasisuu danda'a.

Qurunfuliin gogaa bareechisuu fi dadhabbii ija ittisuuf faayidaa guddaa qaba. Dhukkubbii gara garaa ittisuun wal-qabatee, fedhii nyaataa dabaluuf gaarii dha. Kana malees, fayyaa keenya eeguu fi of dagachuun dhukkuba gurguddaa nurraa ittisuuf dandeettii guddaa qaba.

Qurunfulii bifa adda addaatiin fayyadamuu dandeenya, kunis bu'aan isaa sirnaan akka argamuuf murteessaadha. Akkaataa itti fayyadamaa:

1. Shaayii Qurunfulii:

Qurunfulii daakanii bishaan ho'aa keessatti danfisuun shaayii godhanii dhuguun dhukkuboota akka qorraa, bokoka garaa, fi garaachaa irratti bu'aa olaanaa qaba.

2. Qurunfulii daakanii Fayyadamuu:

Qurunfulii tumanii ykn daakanii waan nyaatu keessa makuun nyaata soorannaa, akka foolii gaarii kennuuf fi bu'aa fayyaa akka dabaluuf gargaara.

3. Zayitii Qurunfulii:

Zayitii qurunfulii mana qorichaatii bitanii fayyadamuun dhukkubbii lafee fi qaamaa tasgabbeessuu, akkasumas dhukkubbii ilkaanii ittiin salphisuuf fi rifeensa ittiin dheereffachuuf haalaan gargaara.

4. Qurunfulii aarsuu/xuuxuu ykn ibidda irratti buusanii ulachuu:

Foolii afaanii fi ilkaanii eeguuf qurunfulii woraqaan maranii xuuxuun ykn ibidda irratti buusanii ulachuun haalaan nama gargaara.

5. Qurunfulii hurka keessa baafachuu:

Qurunfulii danfisuun hurka isaa akka sh*ttootti biifachuu ykn foolii qaamaaf bu'aa akka qabu taasisuu

Hubachiisa Murteessaa:

Qurunfulii sirnaan fayyadamuuf ogummaa barbaachisu qaba. Qoricha dhiibbaa dhiiga namoonni fayyadamtan fayyadamuu duratti ogeessa fayyaa irraa qajeelfama argachuun barbaachisaadha.

Qurunfuliin Qabiyyeewwan soorataa hedduu fayyaa keenyaaf bu'aa olaanaa qaban of keessaa qaba. Qabiyyeewwan Soorataa Qurunfulii giraama dhibbaa keessatti argaman yoo ilaalle

Clove 100g keessa:

▪Kaalsiyeemii: 632mg

▪Pirootiinii: 5.97g

▪Soodiyaamii: 277mg

▪Vitamin K: 141.8mcg

▪Vitamin E: 8.8mg

▪Mangaaniziin: 60.127mg

Odeeffannoo Dabalataaf

Lakkoofsa Bilbilaa:

090-931-6243

092-879-5750

Wiirtuu Yaala Aadaa Kuush
Yaala Aadaa Kuush

Kintaarotii Garaa Keessaa Fi Kintaarotii Alaafis Furmaata Sirrii Qabna. Koottaa Yaalamaa Torbee Tokkotti Bilisa Taatanii...
18/12/2025

Kintaarotii Garaa Keessaa Fi Kintaarotii Alaafis Furmaata Sirrii Qabna. Koottaa Yaalamaa Torbee Tokkotti Bilisa Taatanii Galtu. Qaamni Keessan Usuu Hin Madaayin, Dhukkubbiin Usuu Isinitti Hin Dhagayamin Kintaarotii Ofirraa Hobbaafattu.
Wiirtuu Yaala Aadaa Kuush

0928795750
0909316243

Biqilli kun biyya keenya qofatti argama. Darbee darbee Afrikaa Kibbaa, Keeniyaa, Taanzaaniyaa fi Yamanitti argama. Biyya...
14/12/2025

Biqilli kun biyya keenya qofatti argama. Darbee darbee Afrikaa Kibbaa, Keeniyaa, Taanzaaniyaa fi Yamanitti argama. Biyya keenya keesaatti, keessumattuu naannawa gaarreen kaabaa fi Arsii gaarreen baalee keessatti baayyinnaan argama.

Biqiltuun kun Naannawa ani dhaladhee guddadhetti baayyinnaan biqila ture. Yeeroo ijoollummaa kiyyaatti ijoollee naannawa keennaa wajjiin biqila kana cirree meesaa qonnaa fakkeessinee ittiin taphanna ture. Akaakayyuun kiyya yeeroo nuti biqila kana cirru baayyee nutti dheekkamu. "Hay Ijoollummaa! waan taphachuu hin qabneen taphataa jirtu" jedhanee irra nu ari'u.

Biqilli kun araddaa keenya guutee utuu jiru akaakaan koo irraa no ari'uun baayyee nu aarsa ture. Wanti kun waan lafa irraa badus hin fakkaatu ture. Dhugaa Rabbii isinitti hima! yeeroo ammaa biqila kana hiddi tokko hin jiru. Naannawa sanaaTasuma barbaaddanii hin argattan. Haala nama gaddisiisuun lafarraa badee jira.

Akaakoon kiyya(Rabbi isaanii haa Araaramu) hidda biqila kanaa qotee yeeroo namaaf kennu nan arga ture. Inni garuu namoota dhoksee qotee hidda isaa goggosee erga daakee booda namaaf kenna. Ani waan inni godhu kana hundumaa ijumaan ilaala malee naaf hin galle ture.

Gichootaaf jechoonni isaa barumsa faayyaa aadaa yoo baradhu kan naaf galuu eegale. Waan baayyee gaafadhee barreeffachuu usuu qabu wollaalaan bira darbe. Yeeroo ani isaan irraa barachuu fedhutti isaantu najalaa darbe. Garuu qoricha aadaa irratti akka xiyyeeffadhuuf bu'uurri koo isaanuma ture.

Biqiltuun kun naannawa keenyatti Anshooshillee/Ashooshillaa jedhama. "Ashoo Ashilaa" sirba aadaa dubartoota Oromoo Arsii sanaan hidhata qaba mo hin qabu kan jedhu hin beeku. Garuu hidhata waan qabu natti fakkaata. Sababni isaa "Ashoo Ashilaa Ee muree namaa, Ashilaala yaa'e galee lama" weedduu jedhu keessatti "Ashooshilaa mure" jechuun kennaan abaaboo woliif kennan ta'uu isaati.

Dhuguma Ashooshilaan biqiltuu bareedduudha. Halluu gaariidhaan rabbiin faaye. Foolii gaarii qabdi. Dhamti bishaan abaaboo ishii keessa jirus ni mi'aawa. Kanaaf dur-dur akka kennaa jaalalleewwanii ta'ee tajaajilaa ture jechuudha. Ammumallee nama jaalataniif Ashooshilaa muranii usuu kennaniif abaaboo ammayyaa kamuu caalaa waan qaaliifi midhaagadha.

Biqilli kun dhukkuboota gurguddaa yaala ammayyaa keessatti dawaa hin qabne heddu yaaluu danda'a. Rabbiin hikmaa isaatiin waan fayyaa namaatiif ta'u keessa kaayee biqilche. Dhukkuboota hedduuf qoricha filatamaa taasise.

Dhukkuboota gurguddaa kanneen akka dhukkuba gadaamessa dubartii fi harma, dhukkuba tiruu Hepates B dabalatee, dhukkuba cophxoof, dhukkubbii ijaaf(painful aye), bowwoo mataaf, madaa qaama namaatiif, summii dhiiga keessaa balleessuuf, finniisa fuulaatiif, Budaadhaa(evil aye) qoricha dorgomaa hin qabne dha.

Biqilli kun keessumattuu rakkoo dhala dhabuu dubartootaa(infertility in woman), rakkoo gadaamessaa, dhukkubbii yeeroo xurii laguu dubartootaa fi qoricha jabaa dhukkuba busaa(malaria)ti. Wantoota akka cirtii, robbii fi forforii yeeroo gabaabaa keessatti nama irraa dhabamsiisa.

Biqila Ashooshilas jedhamu kana faayidaa isaa gaafa baradhu "worqiin harka namaa jiru akkuma biyyeeti" kan jedhan dhugaa ta'uusaa mirkaneeffadhe. Kanaraa ka'ee hawaasni kiyya akka itti fayyadaamuuf waan arge, waan dhagaye, waan dubbiseefi waan baradhe irraa isiniif qoodee jira. Itti fayyadamaa!

Nama ni fayyada jettanii yoo amantan godhaa woliif dabarsaa. Akkaataa fayyadama biqila kanaa yeeroo dhihotti qabannee isiniif ibsina. Namoonni fuula kanaaf haarawa taatan gochuun nu hordofaa.

HORAA BULAA

Teessoo:
Yaala Aadaa Kuush

– Daandii gara baalee geessu Bakka karaa Abbaa ‘30’ jedhamee beekamu kallattii lixaatiin Gamoo H/ Kuyyuu Aynoo keessaatti Argamna.
Tajaajila: Guyyoota torban hundaa sa’aatii 7/24 nu argattuu.

- Naannawa 105 jedhamuun beekamu.
Torbaanitti Guyyaa Sanbataa fi. Dilbataa qofa nu argattu.

Karaa telegrama nuhordofuuf
https://t.me/yaalaAadaaKush
https://t.me/yaalaAadaaKush

Channel what's App keenyaan nu hordofuuf
https://whatsapp.com/channel/0029Vb5UB8sK5cD8wwhfcU2g

TikTok Nu hordofuuf
tiktok.com/
tiktok.com/

Odeeffannoo dabalataatiif
090 931 6243
0928795750

Fayyaan faaya
Share Like Godhaa
Yaala Aadaa Kuush
Follow share like

Biqiltuu dinqii kana Nuti Faayidaa Ishii Wollaaluu Irraa Akka Aramaatti Buqqissnee Darbaataa Jirra.`````````````````````...
12/12/2025

Biqiltuu dinqii kana Nuti Faayidaa Ishii Wollaaluu Irraa Akka Aramaatti Buqqissnee Darbaataa Jirra.
``````````````````````````````````````````
Bu'aa Ishii wollaaluu irraa tuffannee bira dabarra. Biyya Faranjii keessatti kiiloon tokko(1kg) doolaara 800 hanga 1000tti gurgurama. Faayidaan fayyaa biqila kanaa orannoo saayinsiinis mirkanaa'ee jira.

Nuti Adha Faayidaa biqiltuu kanaa Fi Akkaataa Fayyadamaa Wajjiin Isiniif Barreessinee Jirra.

Maqaan Biqila Kanaa Doobbii/nettle/القراص/ሳማ Jedhama. Hidda, Jirmaa Fi Baalli Isaa Qoricha. Dhukkuboota Gurguddaa kanneen akka Dhibee Narvii, Dhibee Garaachaa, Dhibee Kalee, Dadhabina Qunnamtii saalaa, Dadhabbii Onnee fi kkf dandeettii yaaluu ajaa'ibsiisaa of keessaa qaba.

Biqiloota naannoo keennatti argaman kanneen faayidaa qorichoomaafi nyaataafillee oolan, garuu nuti gatii womaatuu hin kennineef hedduti jira. Biqilli doobbii bara duriitii kaasee yaala aadaa keessatti ummata tajaajilaa kan ture yoo ta'u, yeeroo ammaa kanattis qabiyyeen isaa qorichummaa guddaa akka qabu qorannoo saayinsaawaatiin mirkanayee jira. Bifa adda addaatiin qophaayes tarree qorichoota gurguddoo keesssattis argama.

Akka namoonni qorannoo saayinsaawaa biqila kana irratti geggeessan ibsanitti qabiyyee Vitamin A, C, K fi vitamiin B complex, Albuuda calcium, iron, magnesium, phosphorus, potassium fi sodium, Amino acid barbaachisoo hunduma, fatty acid waan ofkeessaa qabduuf akka farra oksedentiitti(antioxidant) ni tajaajilti.

✓ Gama biraatiin Doobbii dhukkuba sukkaaraa foyyessuu fi dhiibbaan dhiigaa akka ol hin kaane ittisuuf ni fayyada. ▪Akkaataa Fayyadamaa:
Baala Doobbii hanga kiiloo kudhanii( 10kg) funaanuun bakka gaaddisa qabutti goggogsuu, sana booda mooyyee mukaa qulqulluu keessatti tumanii meeshaa qulqulluu keessatti kaayuu. Doobbii goggoge kana irraa maankaa tokko ganama, maankaa tokko galgala akka shaayiitti danfisuun, turtii ji'a lamaaf yoo dhugdan, dhukkuba sukkaaraa irraa bilisa ta'uu fi dhiibbaa dhiigaa gadi buusuuf gargaara.

✓ Kana malees, Doobbii ganamaa fi galgala guyyaa shan walitti aansuun shaayii waliin yoo dhugame nama dadhabbiin itti dhagahamu humna ni kenna.

✓ Namoonni yeroo hunda ulfaatina qaamaa dabalaa jiran ganama yeroo hunda sama akka shaayiitti yoo fayyadaman ulfaatina qaamaa ni hir'isa.

✓ Daakuun baala Doobbii damma waliin ganama garaa duwwatti yoo fudhattan raammoo garaachaa ofirraa dhaabuu dandeessu. Namoonni fedhii nyaataa hin qabnes haaluma kanaan fayyadamuu qabu.

✓ Sababoota adda addaatiin kaleen keessan hojii ishee seeraan raawwachuu yoo dadhabe, ganama ganama garaa duwwaa irratti daakuu baala doobbii, damma, loomii walitti makuun guyyaa 7 yoo fudhattan kaleen keessan ni fayya.

✓ Namoota dhukkuba onnee fi sukkaara dhiigaa olka’een rakkataniif, daakuu doobbii akka shaayiitti danfisuun, qurunfudii fi damma adii itti makuun dhuguun onnee fayyisa.

✓ Fayyaa tiruu keenyaaf keessumattuu summaayuu tiruu too'achuuf, daakuu baala Doobbii akka shaayitti danfisanii dhuguun summii tiruu qulqulleessuun ni danda'am.

✓ Narvii namni qabu hidda doobbii, daakuu baala doobbii fi Jirma goggogsuun, hanga wal-qixa ta'een wolitti maktanii daakuudhaan qopheeffattanii, dammatti makuun ganamaaf galga maankaa tokko tokko nyaachuu fi daakuu sana zayita zeeytuunaa wajjiin wolitti laaffisatnii dibachuun narvii, qorraa fi riihii ni fayyisa.

✓ Dhiibbaa dhiigaa too'achuuf, hamma sukkaara qaama keenna keessaa gadi buusuuf,

✓ Cidhaan(qaama saalaa dhiiraa gara gadii) iitayu sirreessuufi Xannachoota qaama keennaa too'atu sirreessuuf

✓ Kana malees, qorannoon qoricha aadaa doobbii dhukkuboota (100) oliif qoricha akka ta’ee fi yeroo hunda itti fayyadaman akka nu fayyadu argisiisa.

✓ Farra oksedentiitti(antioxidant) ni tajaajilti. Miira dhukkubbii ykn Xooxoo qaamaa ni dandamachiisti.

Hub: Doobbii dheedhii nyaachuunis ta'ee qaqqabuun rakkoo waan fiduuf ofeeggannoo barbaachisa. Dursee goggogfamuu ykn sukkuumamuu fadha.

Akkamitti fayyadama kan Walii Galaa

1. Baala irraa dhugaatii bifa shaayiitiin qopherfachuu. Kunis jalqaba baalli erga goggogfamee boodadha.

2. Baala, jirmaafi hidda irraa hamma wa-qixa fuudhani goggogsuu. Erga gogee booda daakuu/tumanii bulleessuu. Bullaayaa isaa maankaa shoorbaa tokko tokko hunduma irra fuudhanii damma 1kg tti makuu. Maankaa tokko tokko nyaachuu. Keessumattuu dhukkuba narvii worrooni qabdan bifa kanaan fayyadamaa.

3. Baala isaa bifa ittoo(shiroo)tti qopheessanii nyaata wajjiin fayyadamuu.

4. Hidda isaa irraa zayita dibata qopheeffachu. Keessumattuu namoonni dhukkubbii lafeefi caphsata lafee irratti qabdan fi dhukkuba Riihii qabdan. Zayita isii fayyadamaa.

Hubachiisa: Doobbiin gosa lama qabdi. 1. Doobbii gurguddoo dhedheeroo baallii isaa babadhaati. Dhiirinni ishee dhaabbii namaatii oli. Haada ykn funyoo hojjachuuf nama gargaara. Inni kun Arbooyyee jedhama. Isa hin fayyadaminaa. Doobbiin amma dubbanne ishii kanaa miti.

2. Doobbii gaggabaaboo baalli isheetis babaldhaa miti. Dheerinni ishii mudhii namaati gadi. Bakka tokko tokkotti akka ittootti nyaataaf oolti. Tan amma qorichummaa ishii irraa dubbannes ishii kana.

Odeeffannoo fayyaa

Wiirtuu Yaala Aadaa Kuush


0909316243
092 879 5750




Address

Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yaala Aadaa Kuush posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram