15/03/2020
Adunyaan Akkamiin Dhukkuba VaayirasiiKoronaa (COVID-19) to'achuuf hojjachaa jirti?
*********************************
Adunyaan dhukkuba kana to'achuuf raftee bulaa hin jirtu. Mootummoonni biyya garagaraa tarkaanfii jajjabaa fudhataa jiran. Hedduun isaanii dursanii biyyoota dhukkubichi itti baay'atetti balali'uu dhiisan. Dhaabbilee fayyaa isaanii akka dhukkubichaan woldhaanso wolqabuu danda'anitti qopheessan. Biyya dhukkubichi itti hammaate irraas namni akka itti hin dhufne murteessan.
---
---
Yoo vaayirasichi biyya isaanitti nama irratti muldhate. Namoota isaan wolin turan ykn hariiroo qaamaa dhihoo qaban hunda barbaadanii ummata kaan irraa adda baasanii tursiisu. San booda qoratanii, bu'aa qorannoo isaani irratti hundaa'anii waan barbaachisu godhu.
Yoo san irraa darbee vaayirasichi tatamsa'iinsa hawaasa keessaa (community transmission) muldhise, dafanii ummanni akka wolitti hin qabamne, wolgahiin gara garaa akka hin godhamne, manneen barnootaa fi yunbaristiileen akka cufaman, mana amantaatti wolitti akka hordoftoonni hin qabamne, ajaja jabaa dabarsuun tatamsa'iinsa kana to'atuu yaalu.
Yoo dhukkubichi isaanis to'atamuufi dhabe Kaaffe, mana nyaata, iddoo hojilee garagaraa hojii akka dhaaban godhu. San irras jabaate yoo namni dhukkubichaan qabamu dabale magaalaa guutuu namuu manaa isaatii akka gadi hin baane ajaju. Yoo kanaanis dubbiin jabaatte, Kutaa biyyaa/naannoo biyyaa ykn guutuu biyyaa keessatti namni akka hin sochoone, manuma isaa keessa akka turu godhu. Kun ammoo hangaa vaayirasichi nama irraa gara namaa daddarbaa jiraachuu dhabuu isaa ragaan mirkaneessaniitti turuu danda'a jechuu.
---
---
Fakkeenyaaf: Xaaliyaaniifi Ispeen guutuu biyyatti cufte. Amerikaan biyyoota Awuuropaa hunda irraa namni akka natti hin dhufne jettee tarkaanfii of eeggannoo kana dabarsite. Sawudii Arabiyaan imala Hajjiifi Umraa dhaabuu irra dabartee namni Ka'abatti wolgahee akka hin salaatne murteessite. Biyyonni Muslimnii itti baay'atufi kan biroo heddun (Tuniiziyaa, Masri, Maleeziyaa, Indooneziyaa, Singaapor fi kkkf) namni manuma mana isaatti akka salaatu murtee dabarsan. Biyyoonni Awuuropaa guutuun haala jechuu dandeessisuun mana barnootaafi yunbaristilee dabalatee dhabbilee hedduu cufan. Biyyoonni adunyaa hedduun daangaa isaanii biyya ollaa dhukkubichi itti hammaate irraa cufatan. Kun dooniinille akka natti hin dhufne jedhaa murtii dabarsa. Biyyoonni ollaa keennaa Keeniyaafi Rawaandan hardha namni muraasni: sadihiifi tokko kan dhibee kanaan qabame argamnaan mana barnoota dabaltee iddoo hujiifi dhaabbilee amantaa yeroof namni akka itti wolhingeenye cufan/murteessan.
---
---
Biyyi teenna hoo murtee akkamii dabarsiti laata? Wolumaan ilaalla.
---
Waan gaarii Waaqni nu dhageessisinnaa!
Dr. Nuredin Luke