02/01/2026
🧬✨🎗️ Kaansariin maali? 🎗️✨🧬
Kaansariin jechuun, qaama namaa keessatti seelii (cell) tokko irratti dogoggora jenetikii (genetic mutation) uumamuun, seelonni to’annoo malee wal horuu (dabalu) jalqabuu dha.
🧫⚠️ Dogoggorri jenetikii akkamitti uumama?
Dogoggorri jenetikii dhiibbaa garaagaraatiin uumama. Qaamni namaa of ittisuuf fi dogoggora kana sirreessuuf yaala godha.
🛡️ Yoo dogoggora kana sirreessuu hin dandeenye ta’e, seeliin sun of balleessu (of ajjeesu) akka godhu mallattoo ni argata ⛔.
Garuu yoo dogoggorri sirreeffamuu baate, seeliin sunis hin duune ta’e, to’annoo qaamaa keessaa ni ba’a; kanaan booda gara seelii kaansariitti jijjiirama 🎗️.
🧪☢️🦠 Wantoota dogoggora jenetikii fiduu danda’an
🔬 Keemikaalota – fakkeenyaaf: Asbestos, Arsenic, akkasumas alkoolii fi nikotiinii 🍺🚬
☀️☢️ Ifa raadiyeeshinii – fakkeenyaaf: UV radiation fi nuclear radiation
🦠 Vaayirasota dhukkuba fidan – fakkeenyaaf: HPV
👨👩👧👦 Akkasumas dogoggorri jenetikii maatii keessatti dhaloota irraa dhalootatti darbu namoota kaansariif saaxila.
Garuu dogoggorri jenetikii hundi kaansarii hin ta’u.
📊✨ Mallattoolee seelota to’annoo malee guddatan
⚡ Ariitii guddinaa (growing speed) olaanaa
🧠 Amala seelii fayyaa irraa adda ta’uu
🧩 Seelota fayyaa naannoo jiru weeraruu
🌍 Gara qaamota biroo qaamaa babal’achuu (metastasis)
🟢💚 Uumama gogaa hin miineessu – Benign neoplasm
Ariitii guddinaa gadi aanaa qaba
Seelota naannoo hin weeraru
Gara qaama biraatti hin babal’atu
🔴🔥 Uumama gogaa balaa qabu – Malignant neoplasm
Ariitii guddinaa saffisaa qaba
Seelota naannoo ni weerara
Gara qaamota biraatti ni babal’ata
Kunis yeroo baay’ee Kaansarii jedhamee waamama 🎗️
🧠📚 Kaansariin dhukkuba tokko qofa miti
Inni walitti qabama dhukkuboota amala adda addaa qabaniiti. Amalli isaa gosa seelii irraa ka’e fi sadarkaa kaansarii irratti hundaa’a.
⏰🌟 Dursa argachuun jireenya baraara
Kaansariin yoo dafee argame, carraan yaalamuufi fayyuun isaa ni dabala. Sadarkaa jalqabaa irratti mallattoo hin mul’isu ta’a.
💉🏥✨ Yaalii Kaansarii
🩺 Qalliin (Surgery)
💊 Kemoteraapii (Chemotherapy)
☢️ Raadiyeeshinii (Radiation therapy)
🎯 Targeted therapy
🛡️ Immunotherapy
🥗🏃♀️🌱 Ittisa fi jireenya fayyaa
“Kaansarii ittisuu ni danda’amaa?” jechuun yoo gaafanne, deebiin eeyyee ykn lakki qofa ta’uu hin danda’u.
🧬✨🎗️ Sababni isaas, kaansariin haala saaxilamoo garaagaraa walitti makamuun waan uumamuuf, gorsaan nama tokkoof hojjetu kan nama biraaf hin hojjetu ta’uu danda’a.
💉🏥✨ Fakkeenyaaf, kaansariin sambaa sigaaraa xuuxuun akka dhufu ragaan mirkanaa’eera.
Garuu namni sigaaraa xuuxu hundi kaansarii sambaa hin qabatu. Sababni isaas, keemikaalli sigaaraa keessa jiru qaama nama tokko tokko irratti dhiibbaa adda addaa qaba. Kanaafuu, xuuxaan hundi dhibee kaansarii hin argatu.
🏃♂️🚫🍺 Garuu walii gallee jirru tokko jira:
Amalli jireenya fayyaa qabu akka:
Sochii qaamaa (ispoortii) 🏃♂️
Sigaaraa dhiisuu 🚭
Alkoolii dhuguu dhiisuu 🚫🍺
Nyaata madaalawaa nyaachuu 🥦🍎
Kunni hundi carraa kaansarii hir’isuuf yaalii qaamni godhu akka cimsu fi wantoota balaa qaban irraa of eeguuf gargaaru.
🎗️✨ Beekumsi Lubbuu baraara ✨🎗️
📌 Nu hordofaa miidiyaa hawaasaa irratti
youtube.com/
👉 Facebook:
https://www.facebook.com/healthteamlemma
👉 Telegram: Channel keenya seenaa
https://t.me/PHteamlemaifaborumc
👉 TikTok nu hordofaa
https://vm.tiktok.com/ifaborumc
🔖
Kiliniikin Giddu Galeessaa Ifa Boruu Fillannoo keessaan Yeroo hundumaatti