15/10/2025
Cirracha kalee
( Nephrolithiasis)
============================
Kaleen Xuraawaa qaama keenya keessaa karaa fincaaniitiin basti. Fincaan, cirrachaawwan kan fakkatan electrolyte hangi isaanii baay'ee xixiqqoo ta'anii of keessaa qaba.
Yeroo tokko tokko cirrachi xixiqqoon kunneen walirratti tuulamuun cirracha guddaa fincaanii waliin bahuu hin dandeenye uumu. Cirrachi kun kalee keessaa gadi bu'ee, ujummoo kalee keessattis rakkachuun mallattoolee dhibee cirracha kalee fiduu danda'a.
Cirrachi kalee, irra guddaa kalee keessatti haa uumamu malee, qaamolee sirna fincaanii (urinary system) kanneen akka ujummoo kalee, afuuffee fincaanii fi ujummoo fincaanii keessattis uumamuu danda'a.
wantoota Fiduu Danda'an:
Ashaboo baay'isuu
Furdina akka malee
Bishaan gahaa dhuguu dhiisuu
Dhibee biraa qabaachuu Fkn dhibee sukkaaraa
Infeekshinii qaamolee sirna fincaanii
hujii humnaa dafqisiisuu dalaguun fi
naannoo lafa hoo'aa jiraachuu fa'aadha
Mallattoolee isaa:
Dhukkubbii lafee cinaachaa jalaa fi mundhii. Dhukkubbiin kun gara dugdaatti ykn gara nafsaalaatti faca'uu
Qaama ho'isuu (yoo infeekshiniin irratti dabalame)
Oldeebisiisuu fedhuu ykn oldeebisiisuu
Fincaan amma amma fincoofsisuu
Fincaan nama gubuu
Halluun fincaanii diimachuu.
Tooftaalee ittin Hir'isan:
Bishaan gahaa dhuguu
Kuduraa fi muduraa baay'inaan fayyadamuu
Ashaboo xiqqeessuu.
Ulfaatina akka malee (obesity) hir'isuu
Yaala Isaa:
Mana yaalaa deemuun qorannoo gochuu
Qorichoota dhukkubbii Hir'isan fudhachuu
Bishaan gahaa dhuguu
Karaa baqaqsanii yaaluun Cirracha caccabsanii fincaan waliin akka yaa'u gochuun ni danda'ama.
Fayyaa hin dhabinaa
Dr. Kadiir Gadaa