01/03/2026
Ameerikaan Maal Barbaaddi?
******************************
Jaarraa 20ffaa keessa addunyaan waraana gurguddaa lama keessummeessitee jirti: Woraana Addunyaa Tokkoffaa fi Woraana Addunyaa Lammaffaa.
Waraana lamaan kana dura—waggoota dhibba lamaa oliif—humni ijoon addunyaa Biriten turte. Biriten biyya isitti kalaqamuu motora hurkaa hordofee Warraaqsi Industirii jalqabuu isaatiin humna ijoo addunyaa taate. Gaafas oomishni addunyaa irratti oomishamu kan akka uffataa, dhagaa cilee (coal), sibilaa fi maashiniiwwanii dhibbentaa 60 ol kan ta’u Biriten biraa baha. Biritenoonni addunyaa harka tokko arfaffaa ta’u kolonii qajeelaatiin bulchaas turan.
Motorri hurkaa dhagaa cileen socho’a. Industiriiwwanis dhakaa cilee (coal)n socho’u. Humni elektiriikii amma ittiin warshaaleen socho’an gaafas hin turre. Argamuu boba’aatiin walqabatee indusitiriiwwanii fi motoroonni adda addaa dhakaa cilee fayyadamuu irraa gara boba’aa fayyadamuutti ce’an.
Biyyoonni akka Jarmanii—dhuma jaarraa 19 fi jalqaba jaarraa 20ffaa irratti—diinagdeen jabaataa dhufan. Industiriin isaan birattiis babaldhatuu jalqabe. Industirii babaldhataa jiruuf ammoo cilee (booda irra boba’aa) barbaadutti ka’an.
Haalli kun ammoo humna ijoo dura turte (Biritenii) fi humna jabaacha dhufte (Jarman) jiddutti walmorkii uume. Walmorkiin kun cimee fi baldhatee gara Waraana Addunyaa Tokkoffaatti ce’e. Waraanichi sababa heddu qabaatus fedhiin anniisaa (coal fi oil) isa tokko ture.
Biriten diinagdeen isii miidhamus waraanicha ni moyatte. Gareen Jarman ni moyame. Adabbiinis irra kaayame. Jarman beenyaa akka kanfaltuu fi humna waraanaa xiqqaa ta’e qofa akka qabaattu itti murteessan.
Gaafas biyyoonni kun maallaqa maxxansaa waraanicha adeemsiisaa turan. Kun ammoo humni bituu maallaqa isaanii akka dadhabu godhe. Qaalayiinsi ni hammaate. Maallaqni yeroo san addunyaa irratti jabaa ture (reserve currency’n) Pound Biriten ture. Innis woraana kanaan humni bituu isaa garmalee dadhabe. Addunyaaniis qabbanaayuu diinagdee hamaa keessa dhuma bara 1920moota seente.
Jarman adabbii irra kaayame kanfaluu dadhabde. Qaalayinsi hammaatee, qarshiin isaanii homaa bituu dadhabee faayidan ala ta’e. Booda irra kaffaluu diddee murtee adabbii diigdee waraanaan of-ijaaruu jalqabde. Kunis gara Waraana Addunyaa Lammaffaatti isaan geesse. Waraanichi lubbuu namoota miiliyoona 80tti tilmaamamu fixe. Awuuropaa fi Japan daaraa godhe.
Maallaqni jabaan gaafasii Pound’n Biriten akka malee dadhabe. Jarman irra deebiin moyamte. Sababni moyamteef heddu jiraatus, isaan keessaa ijoon tokko boba’aa ittiin taankii fi xiyyaara waraanaa isii sochooftuun harkaa dhumuudha.
Dhuma Waraana Addunyaa Lammaffaa irratti magaalota Japan—Nagasaki fi Hiroshimaa—irratti boombii niwukulaaraa darbachuun Japan harka kennachiisuu yoo ta’een ala Ameerikaan waraana lamaan kana irratti hirmaannaa guddaa qabaataa hin ture. Kun ammoo diinagdeen isii akka hin miidhamne gargaare.
Waraanni Addunyaa Tokkoffanii fi Lammaffaan kun biyyoota humnoota jajjaboo addunyaa turan kan akka Biriten ni dadhabsiise. Ameerikan tanuma keessa humna ijoo taatee olbaate.
Gaafa Woraanni Addunyaa Lammaffaan xumuramu san, Ameerikaan: oomiisha addunyaa irratti oomishamu keessaa kan walakkaa ta’u isitu oomishaa ture (GDP addunyaa keessaa walakkaa kan ta’u kan Ameerikaa ture). Warqii gaafas addunyaa irra jiru keessaa lama sadaffaan harka Ameerikaa ture. Warqiin ammoo qarooma ilma namaa keessatti maallaqa irra filatamaa ta’eedha.
Gaafas biyyi boombii niiwkulaaraa tolfachuu dandeetteefi qabdus Ameerikaa qofa turte. Diinagdeen biyyoota biroo woraanaan barbadaayee kan Ameerikaa haaluma dansaan deemaafi ture. Kun hundi wolitti ida’amee Ameerikaa humna jabduu Waraana Addunyaa Lammaffaaa booda olbaate akka taatu isii godhe. Ameerikaanonni haala kana itti fayyadamuutti ka’an.
***
Germany fi gareen isii sababoonni itti moyamaniif heddu jiraatullee, boba’aa meeshaalee woraanaa (taankii, xiyyaara, doonii fi maashinoota woraanaa biroo) ittin sochooftu booda irra harkaa dhumaa deemuun sababa tokko ture. Ameerikaan humna adunyaa guddaa ta’uuf karoorfatte ammoo, waan kana hubachuun, gara fuulduraa humna jabaa adunyaa kan ta’u isa boba’aa gaha of harkatti hambifatuu danda’e ta’uu hubatte. Kanaaf, hamma boba’aa (oil) lafa isaanii irraa qaban akkuma jirutti ta’ee, gara biyyoota biroo deemuun boba’aa jaraas fayyadamuun barbaachisa ta’uu irratti waliigalan.
Saudi Arabia kaarta amma jiruun bara 1932 biyya ta’uu isii yeroo labsitetti, biyyoota dursanii beekamtii kennaniif keessaa Ameerikaan isii takka. Kun jalqabbii hariiroo gaarii Saudi fi Ameerikaa ta’e. Xiqqoo turanii Ameerikaanonni worra mootii Saudi boba’aa maaf gammoojjii keessan keessa hin barbaadne; yoo argineef bu’aa isaa ni qoodamna, yoo dhabne ammoo nu hin kisaarra jedhaniin. Warri mootii Saudi’s waliigalanii lafa gammojji gara qaraqara jirtu takka kan ‘Dhahran -Zahran ’ jedhamtu kennaniif. Barbaachaa yeroo fudhate booda Ameerikaanonni Saudi keessatti isa jalqaba kan ta’e boba’aa arganii baasuu jalqaban. Galii isa irraa argamuun worri mootii Saudi fi Saudi Arabian sooramuu jalqaban.
***
Woraana Addunyaa II booda gaaga’ama diinagdee addunyaa mudatuuf deemu hirdhisuuf, bara 1944, Ameerikaan biyyoonni afurtamii afur ta’an biyya isii, isteetii New Hampshire, iddoo Bretton Woods jedhamutti marii akka taa’an goote. Dhuma marii isaanii irrattis biyyoonni kun waliigalanii murtoo jajjaboo dabarsan.
Murtoon ijoon isaan dabarsan tokko: diinagdeen Ameerikaa tasgabaayaa waan tureef sharafa maallaqa isaanii fi bittaa wol giddutti godhan irratti Doolaara Ameerikaa (USD) fayyadamuuf waliigalan. Woliigaltee kanaan, Amerikaanis dollar kan maxxansitu hamma worqee qabduun (Gold Standard) akka ta’u murteessan. Kana jechuun, fakkeenyaaf Ameerikaan dollar abbaa 100 maxxansuuf, worqee giraama 81 qabaachuu (kuusachuu) qabdi. ($35=1 ounces of gold) jechuu.
Biyyoonni addunyaa kunis mi’aafi tajaajila isaanii gurguranii doolaara Ameerikaa yoo of-harkaa qabaatan Baanki Jiddugalaa Ameerikaa (US Federal Reserve) deemanii gara warqiitti jijjiirachuu danda’u jechuu. Gaafas doolaarri Ameerika (waraqaan) sun warqii bakka bu’a jechuudha.
Woliigaltee Bretton Woods hordofee maallaqni gabaan addunyaa ittiin geggeeffamu, maallaqni biyyoonni liqaa ittiin fudhatanii fi deebisanii kaffalaniin, akkasumas maallaqani diinagdee isaanii tasgabbeessuuf baankii biyyoolessaa isaaniitti kuufatan —Doolaara Ameerikaa (USD) ta’e. Ameerikaanis haala woligaltee saniin hamma worqii qabduun doolaara maxxansaa turte.
Waraana Addunyaa Lammaffaa booda walgaarreffannaa fi walmorkii Gamtaa Sooveeti wajji qabduun Ameerikaan waraanota adda adda irratti alkallattiinii fi kallattiin hirmaataa turte. Waraanota san keessa tokko Waraana Veeyitinaam (Vietnam War) ture. Waraanni kun ni dheerate. Baasii heddu Ameerikaa baasise. Woraanchi deeggaruuf Ameerikaan hamma worqii qabduutiin ol doolaara maxxansuu eegalte. Booda biyyoonni akka France fa’a shakkanii doolaara kuusaa isaanii keessaa qaban fidaa Baankii G/G Ameerikaa irraa worqiin jijjiirachuu qaban. Ameerikaan Warqiin harkaa qabdu jalaa dhumuu eegale. Doolaara Baankii G/G biiyyoota irraa dhufu hundaa worqitti ni jijjiira yoo jette, Warqiin jiru hin gahu. Maliifuu doolaaricha hamma worqii qabduun ol maxxansaa turte waan ta’eef.
Bara 1971 Ameerikaan hariiroo maxxansa doolaaraa fi warqii jidduu jiru (gold standard currency) addan kutne jirra jettee, karaa pirezendaatii isii yeroo sanii Richard Nixon-iin addunyaaf labsite. Murteen kun ammoo “Nixon Shock” jedhamuun beekama. Kana jechuun Ameerikaan akka duraa san otoo hin ta’in doolaara kan maxxansitu fedhaaafi ajaja mootummaa isaaniitin qofa ta’e jechuudha (fiat currency).
Haalli kun ammoo fedhiin biyyoonni addunyaa doolaara qabachuuf qaban akka garmalee xiqqaatu godhe. Kun Ameerikaa naasuu keessa seensise. Doolaara dura warqii woliin wolitti waan hidhanii tureef fedhiin biyyonni doolaara kuusachuuf qaban jiraataa ture. Murteen Nixon hordofee sababni biyyoonni doolaara qabaachuuf fedhan garmalee jalaa bu’e. Doolaara mi’a addunyaan itti hajamtu wohiitiin walitti hidhuudhaan fedha (barbaachisummaa) doolaaraa deebisanii dabaluun dirqama isaanii ta’e.
Ameerikaanonni baasanii buusanii—doolaaraa fi boba’a wolitti hidhuun barbaachisummaa doolaaraa deebisuuf murteessan. Biyyonni hunduu boba’atti ni hajamu. Boba’a san ammoo doolaaraan wolitti hidhuun humnaa fi fedha doolaaraa gabaa addunyaa irratti jiru dabaluuf toofta gaariidha. Ministeraa hajaa alaa Ameerikaa fi nama siyaasaa jabaa ture kan Henry Kissinger jedhamu bara 1974 gara biyya oomisha boba’aa guddaa qabdu—Sa’udi Arabia—ergan.
Mootiin Saudi Arabia yeroo sanii (King) Faisal fi gareen Henry Kissinger durfamu marii erga godhan booda waliigaltee dhossaa irra gahan. Waliigalteen kun Ameerikaan yeroo barbaachise hundatti nageenyaa Saudi eeguufi diina isii irraa loluuf, akkasumas meeshaa woraanaa hamma isaan barbaadan kennuufi gurguruufiif waliigalte. Gama Saudi Arabian ammoo Saudin kana booda boba’a doolaaraa fi doolaara qofaan akka gurgurtu, biyyoota boba’aa oomishan OPEC keessattis gatiin boba’aa akka doolaara qofaan bahuu fi gurguramu akka gootu waliigalan.
Doolaara boba’aa kana gurgurachuun argattu ammoo yoo feete Saudin gabaa Ameerikaa fiddee share Bankiilee Ameerikaa, gabaa maallaqaa Ameerikaa, ykn boondii mootummaa Ameerikaa irratti invest gochuu akka dandeettus walii galan.
Doolaarri waliigaltee kanaan deebi’ee lubbuu horatee. Maallaqa akkaan barbaadamaa addunyaa ta’e. Fakkeenyaaf, biyyi keenna boba’atti ni hajamti. Boba’aa san ammoo biyyoota boba’a qaban irraa bitti. Wanti ittin bittu ammoo doolaara Ameerikaan maxxansituun qofa. Kanaaf, waan qabdu gurgurte doolaara kuusachuu ykn qabaachuun isii dirqama.
Haalli itti mootummaan Ameerika bajataaf jedhee ‘Federal Reserve’— Baankii G/G kan Maxxansaa fi Kuusaa Dollar isaanii irratti hojjatu — irraa wogga woggaan liqeeffatu jiraatullee; gabaabumatti Ameerikaaf doolaara maxxansuun akka woraqaa maxxansuu yoo ta’u biyyoota addunyaa biraatiif ammoo doolaara argachuun mi’a, albuuda, tajaajila fi qabeenya qaban gurgurachuun kan argamu ta’e. Fkn Itoophiyaan dollar argatte gabaa alaa irraa meeshaalee isii barbaachisu biyyatti galfachuuf akkasumas liqii isii irra jiru kanfaluuf—buna, caatii, mi’aafii fi kkf—gabaa alatti dhiheessite (export gootee) doolaara argachuu kan qabdu yoo ta’u, sirna diinagdee isaanii wojji madaalchisaa haalli itti deeman akkuma jirutti ta’ee doolaara argachuun mootummaa Ameerikaatiif ammoo dhimma maxxansuuti. Kun ammoo Ameerikaan addunyaa humna doolaaraa kanaan akka to’attu isii dandeessisee jira.
Humna kana dhabuu hin fedhan. Isaaf falmu. Irratti du’u malee akka laayyotti harkaa haa bahuu hinbarbaadan. Woraanni Ameerikaanonni godhan hedduun kanuma irra naannaya. Sadam Hussein bara 2001 boba’a Iraaq Euron gurgura jedhee booda gurguruu jalqabnaan Ameerikaan meeshaa jumlaan ilma namaa fixu qaba jettee Iraaq weerartee isa dhabama gootee boba’aan Iraaq akka deebi’ee doolaaraan gurguramu goote. Muamar Gaadaafiin akka Afrikaatti maallaqa haarawa warqii irratti hundaa’ee (Dinaara Afrikaa) maxxansinee boba’aa maallaqa saniin gurgurra, daldala waljiddutti goonunis isa fayyadamna, yaada jedhu fidnaan. Isas lammilee nagaa fixaa jira jettee coloq isa goote.
Pirezedantiin Veenzuweela Nikolas Maduron boba’aa biyya isaa doolaraan qofa gurguruu dhiisee maallaqa Chaayina fa’aan gurgurraan—Ameerikan barartee dhaqxee halkan tokkoon rarrastee fiddee mana hidhaa New York jirutti darbite. Boba’aa biyyasii to’attee akka doolaaraan qofaan gurguramutti deebifte.
Iraan qoqqobbii fi sodaachisa Ameerikaa waggootaaf dandamattee boba’aa isii doolaaraan alas gurguraa turte. Sababoonni biros kan jiran ta’us, haalli Iraan doolaara malee gurgurtu kun Ameerikaan diina isii godha. Kanuma irraa ka’anii dalga deemaa sababas barbaadaa mootummaa Iraan jijjiiruu barbaadu.
Ameerikaaf doolaarri dhimma humnaa isii ittin mirkaneessitu qofaa miti dhimma jireenyaatis. Ameerikaanonni yeroo ammaa kana hamma oomishan caalaa kan isaan fayyadamantu (consume) godhantu caala. Mootummaan isaanii baasiin baasuufi gaalii inni sassaabu jiddu garaagarummaa doolaara tiriliyoonatti siiqutu jira. Angoon doolaara maxxansuu isaan harka waan jiruuf garaagarummaan bajataa fi daldalaa kun isaan irratti dhiibbaa muldhatu hinqabu. Garuu biyyoonni yoo doolaara irraa dheessan garaagarummaa kanaan diinagdee tasgabaayaan itti fuufuu hin danda’an. Kanaaf, Ameerikaan doolaara isii tikfachuuf boolla kamuu ni seenti. Eennuun illee ni dhabamsiifti! Dubbisuu keessan comment jalatti himaa, wanti gaafii isinitti ta’e yoo jiraates gaafadha.