Dr. Nuredin Luke

Dr. Nuredin Luke The page is intended to deliver health tips in Afaan Oromoo.
(4)

01/03/2026
Ameerikaan Maal Barbaaddi?******************************Jaarraa 20ffaa keessa addunyaan waraana gurguddaa lama keessumme...
01/03/2026

Ameerikaan Maal Barbaaddi?
******************************
Jaarraa 20ffaa keessa addunyaan waraana gurguddaa lama keessummeessitee jirti: Woraana Addunyaa Tokkoffaa fi Woraana Addunyaa Lammaffaa.

Waraana lamaan kana dura—waggoota dhibba lamaa oliif—humni ijoon addunyaa Biriten turte. Biriten biyya isitti kalaqamuu motora hurkaa hordofee Warraaqsi Industirii jalqabuu isaatiin humna ijoo addunyaa taate. Gaafas oomishni addunyaa irratti oomishamu kan akka uffataa, dhagaa cilee (coal), sibilaa fi maashiniiwwanii dhibbentaa 60 ol kan ta’u Biriten biraa baha. Biritenoonni addunyaa harka tokko arfaffaa ta’u kolonii qajeelaatiin bulchaas turan.

Motorri hurkaa dhagaa cileen socho’a. Industiriiwwanis dhakaa cilee (coal)n socho’u. Humni elektiriikii amma ittiin warshaaleen socho’an gaafas hin turre. Argamuu boba’aatiin walqabatee indusitiriiwwanii fi motoroonni adda addaa dhakaa cilee fayyadamuu irraa gara boba’aa fayyadamuutti ce’an.

Biyyoonni akka Jarmanii—dhuma jaarraa 19 fi jalqaba jaarraa 20ffaa irratti—diinagdeen jabaataa dhufan. Industiriin isaan birattiis babaldhatuu jalqabe. Industirii babaldhataa jiruuf ammoo cilee (booda irra boba’aa) barbaadutti ka’an.

Haalli kun ammoo humna ijoo dura turte (Biritenii) fi humna jabaacha dhufte (Jarman) jiddutti walmorkii uume. Walmorkiin kun cimee fi baldhatee gara Waraana Addunyaa Tokkoffaatti ce’e. Waraanichi sababa heddu qabaatus fedhiin anniisaa (coal fi oil) isa tokko ture.

Biriten diinagdeen isii miidhamus waraanicha ni moyatte. Gareen Jarman ni moyame. Adabbiinis irra kaayame. Jarman beenyaa akka kanfaltuu fi humna waraanaa xiqqaa ta’e qofa akka qabaattu itti murteessan.

Gaafas biyyoonni kun maallaqa maxxansaa waraanicha adeemsiisaa turan. Kun ammoo humni bituu maallaqa isaanii akka dadhabu godhe. Qaalayiinsi ni hammaate. Maallaqni yeroo san addunyaa irratti jabaa ture (reserve currency’n) Pound Biriten ture. Innis woraana kanaan humni bituu isaa garmalee dadhabe. Addunyaaniis qabbanaayuu diinagdee hamaa keessa dhuma bara 1920moota seente.

Jarman adabbii irra kaayame kanfaluu dadhabde. Qaalayinsi hammaatee, qarshiin isaanii homaa bituu dadhabee faayidan ala ta’e. Booda irra kaffaluu diddee murtee adabbii diigdee waraanaan of-ijaaruu jalqabde. Kunis gara Waraana Addunyaa Lammaffaatti isaan geesse. Waraanichi lubbuu namoota miiliyoona 80tti tilmaamamu fixe. Awuuropaa fi Japan daaraa godhe.

Maallaqni jabaan gaafasii Pound’n Biriten akka malee dadhabe. Jarman irra deebiin moyamte. Sababni moyamteef heddu jiraatus, isaan keessaa ijoon tokko boba’aa ittiin taankii fi xiyyaara waraanaa isii sochooftuun harkaa dhumuudha.

Dhuma Waraana Addunyaa Lammaffaa irratti magaalota Japan—Nagasaki fi Hiroshimaa—irratti boombii niwukulaaraa darbachuun Japan harka kennachiisuu yoo ta’een ala Ameerikaan waraana lamaan kana irratti hirmaannaa guddaa qabaataa hin ture. Kun ammoo diinagdeen isii akka hin miidhamne gargaare.

Waraanni Addunyaa Tokkoffanii fi Lammaffaan kun biyyoota humnoota jajjaboo addunyaa turan kan akka Biriten ni dadhabsiise. Ameerikan tanuma keessa humna ijoo taatee olbaate.

Gaafa Woraanni Addunyaa Lammaffaan xumuramu san, Ameerikaan: oomiisha addunyaa irratti oomishamu keessaa kan walakkaa ta’u isitu oomishaa ture (GDP addunyaa keessaa walakkaa kan ta’u kan Ameerikaa ture). Warqii gaafas addunyaa irra jiru keessaa lama sadaffaan harka Ameerikaa ture. Warqiin ammoo qarooma ilma namaa keessatti maallaqa irra filatamaa ta’eedha.

Gaafas biyyi boombii niiwkulaaraa tolfachuu dandeetteefi qabdus Ameerikaa qofa turte. Diinagdeen biyyoota biroo woraanaan barbadaayee kan Ameerikaa haaluma dansaan deemaafi ture. Kun hundi wolitti ida’amee Ameerikaa humna jabduu Waraana Addunyaa Lammaffaaa booda olbaate akka taatu isii godhe. Ameerikaanonni haala kana itti fayyadamuutti ka’an.
***

Germany fi gareen isii sababoonni itti moyamaniif heddu jiraatullee, boba’aa meeshaalee woraanaa (taankii, xiyyaara, doonii fi maashinoota woraanaa biroo) ittin sochooftu booda irra harkaa dhumaa deemuun sababa tokko ture. Ameerikaan humna adunyaa guddaa ta’uuf karoorfatte ammoo, waan kana hubachuun, gara fuulduraa humna jabaa adunyaa kan ta’u isa boba’aa gaha of harkatti hambifatuu danda’e ta’uu hubatte. Kanaaf, hamma boba’aa (oil) lafa isaanii irraa qaban akkuma jirutti ta’ee, gara biyyoota biroo deemuun boba’aa jaraas fayyadamuun barbaachisa ta’uu irratti waliigalan.

Saudi Arabia kaarta amma jiruun bara 1932 biyya ta’uu isii yeroo labsitetti, biyyoota dursanii beekamtii kennaniif keessaa Ameerikaan isii takka. Kun jalqabbii hariiroo gaarii Saudi fi Ameerikaa ta’e. Xiqqoo turanii Ameerikaanonni worra mootii Saudi boba’aa maaf gammoojjii keessan keessa hin barbaadne; yoo argineef bu’aa isaa ni qoodamna, yoo dhabne ammoo nu hin kisaarra jedhaniin. Warri mootii Saudi’s waliigalanii lafa gammojji gara qaraqara jirtu takka kan ‘Dhahran -Zahran ’ jedhamtu kennaniif. Barbaachaa yeroo fudhate booda Ameerikaanonni Saudi keessatti isa jalqaba kan ta’e boba’aa arganii baasuu jalqaban. Galii isa irraa argamuun worri mootii Saudi fi Saudi Arabian sooramuu jalqaban.

***

Woraana Addunyaa II booda gaaga’ama diinagdee addunyaa mudatuuf deemu hirdhisuuf, bara 1944, Ameerikaan biyyoonni afurtamii afur ta’an biyya isii, isteetii New Hampshire, iddoo Bretton Woods jedhamutti marii akka taa’an goote. Dhuma marii isaanii irrattis biyyoonni kun waliigalanii murtoo jajjaboo dabarsan.

Murtoon ijoon isaan dabarsan tokko: diinagdeen Ameerikaa tasgabaayaa waan tureef sharafa maallaqa isaanii fi bittaa wol giddutti godhan irratti Doolaara Ameerikaa (USD) fayyadamuuf waliigalan. Woliigaltee kanaan, Amerikaanis dollar kan maxxansitu hamma worqee qabduun (Gold Standard) akka ta’u murteessan. Kana jechuun, fakkeenyaaf Ameerikaan dollar abbaa 100 maxxansuuf, worqee giraama 81 qabaachuu (kuusachuu) qabdi. ($35=1 ounces of gold) jechuu.

Biyyoonni addunyaa kunis mi’aafi tajaajila isaanii gurguranii doolaara Ameerikaa yoo of-harkaa qabaatan Baanki Jiddugalaa Ameerikaa (US Federal Reserve) deemanii gara warqiitti jijjiirachuu danda’u jechuu. Gaafas doolaarri Ameerika (waraqaan) sun warqii bakka bu’a jechuudha.

Woliigaltee Bretton Woods hordofee maallaqni gabaan addunyaa ittiin geggeeffamu, maallaqni biyyoonni liqaa ittiin fudhatanii fi deebisanii kaffalaniin, akkasumas maallaqani diinagdee isaanii tasgabbeessuuf baankii biyyoolessaa isaaniitti kuufatan —Doolaara Ameerikaa (USD) ta’e. Ameerikaanis haala woligaltee saniin hamma worqii qabduun doolaara maxxansaa turte.

Waraana Addunyaa Lammaffaa booda walgaarreffannaa fi walmorkii Gamtaa Sooveeti wajji qabduun Ameerikaan waraanota adda adda irratti alkallattiinii fi kallattiin hirmaataa turte. Waraanota san keessa tokko Waraana Veeyitinaam (Vietnam War) ture. Waraanni kun ni dheerate. Baasii heddu Ameerikaa baasise. Woraanchi deeggaruuf Ameerikaan hamma worqii qabduutiin ol doolaara maxxansuu eegalte. Booda biyyoonni akka France fa’a shakkanii doolaara kuusaa isaanii keessaa qaban fidaa Baankii G/G Ameerikaa irraa worqiin jijjiirachuu qaban. Ameerikaan Warqiin harkaa qabdu jalaa dhumuu eegale. Doolaara Baankii G/G biiyyoota irraa dhufu hundaa worqitti ni jijjiira yoo jette, Warqiin jiru hin gahu. Maliifuu doolaaricha hamma worqii qabduun ol maxxansaa turte waan ta’eef.

Bara 1971 Ameerikaan hariiroo maxxansa doolaaraa fi warqii jidduu jiru (gold standard currency) addan kutne jirra jettee, karaa pirezendaatii isii yeroo sanii Richard Nixon-iin addunyaaf labsite. Murteen kun ammoo “Nixon Shock” jedhamuun beekama. Kana jechuun Ameerikaan akka duraa san otoo hin ta’in doolaara kan maxxansitu fedhaaafi ajaja mootummaa isaaniitin qofa ta’e jechuudha (fiat currency).

Haalli kun ammoo fedhiin biyyoonni addunyaa doolaara qabachuuf qaban akka garmalee xiqqaatu godhe. Kun Ameerikaa naasuu keessa seensise. Doolaara dura warqii woliin wolitti waan hidhanii tureef fedhiin biyyonni doolaara kuusachuuf qaban jiraataa ture. Murteen Nixon hordofee sababni biyyoonni doolaara qabaachuuf fedhan garmalee jalaa bu’e. Doolaara mi’a addunyaan itti hajamtu wohiitiin walitti hidhuudhaan fedha (barbaachisummaa) doolaaraa deebisanii dabaluun dirqama isaanii ta’e.

Ameerikaanonni baasanii buusanii—doolaaraa fi boba’a wolitti hidhuun barbaachisummaa doolaaraa deebisuuf murteessan. Biyyonni hunduu boba’atti ni hajamu. Boba’a san ammoo doolaaraan wolitti hidhuun humnaa fi fedha doolaaraa gabaa addunyaa irratti jiru dabaluuf toofta gaariidha. Ministeraa hajaa alaa Ameerikaa fi nama siyaasaa jabaa ture kan Henry Kissinger jedhamu bara 1974 gara biyya oomisha boba’aa guddaa qabdu—Sa’udi Arabia—ergan.

Mootiin Saudi Arabia yeroo sanii (King) Faisal fi gareen Henry Kissinger durfamu marii erga godhan booda waliigaltee dhossaa irra gahan. Waliigalteen kun Ameerikaan yeroo barbaachise hundatti nageenyaa Saudi eeguufi diina isii irraa loluuf, akkasumas meeshaa woraanaa hamma isaan barbaadan kennuufi gurguruufiif waliigalte. Gama Saudi Arabian ammoo Saudin kana booda boba’a doolaaraa fi doolaara qofaan akka gurgurtu, biyyoota boba’aa oomishan OPEC keessattis gatiin boba’aa akka doolaara qofaan bahuu fi gurguramu akka gootu waliigalan.

Doolaara boba’aa kana gurgurachuun argattu ammoo yoo feete Saudin gabaa Ameerikaa fiddee share Bankiilee Ameerikaa, gabaa maallaqaa Ameerikaa, ykn boondii mootummaa Ameerikaa irratti invest gochuu akka dandeettus walii galan.

Doolaarri waliigaltee kanaan deebi’ee lubbuu horatee. Maallaqa akkaan barbaadamaa addunyaa ta’e. Fakkeenyaaf, biyyi keenna boba’atti ni hajamti. Boba’aa san ammoo biyyoota boba’a qaban irraa bitti. Wanti ittin bittu ammoo doolaara Ameerikaan maxxansituun qofa. Kanaaf, waan qabdu gurgurte doolaara kuusachuu ykn qabaachuun isii dirqama.

Haalli itti mootummaan Ameerika bajataaf jedhee ‘Federal Reserve’— Baankii G/G kan Maxxansaa fi Kuusaa Dollar isaanii irratti hojjatu — irraa wogga woggaan liqeeffatu jiraatullee; gabaabumatti Ameerikaaf doolaara maxxansuun akka woraqaa maxxansuu yoo ta’u biyyoota addunyaa biraatiif ammoo doolaara argachuun mi’a, albuuda, tajaajila fi qabeenya qaban gurgurachuun kan argamu ta’e. Fkn Itoophiyaan dollar argatte gabaa alaa irraa meeshaalee isii barbaachisu biyyatti galfachuuf akkasumas liqii isii irra jiru kanfaluuf—buna, caatii, mi’aafii fi kkf—gabaa alatti dhiheessite (export gootee) doolaara argachuu kan qabdu yoo ta’u, sirna diinagdee isaanii wojji madaalchisaa haalli itti deeman akkuma jirutti ta’ee doolaara argachuun mootummaa Ameerikaatiif ammoo dhimma maxxansuuti. Kun ammoo Ameerikaan addunyaa humna doolaaraa kanaan akka to’attu isii dandeessisee jira.

Humna kana dhabuu hin fedhan. Isaaf falmu. Irratti du’u malee akka laayyotti harkaa haa bahuu hinbarbaadan. Woraanni Ameerikaanonni godhan hedduun kanuma irra naannaya. Sadam Hussein bara 2001 boba’a Iraaq Euron gurgura jedhee booda gurguruu jalqabnaan Ameerikaan meeshaa jumlaan ilma namaa fixu qaba jettee Iraaq weerartee isa dhabama gootee boba’aan Iraaq akka deebi’ee doolaaraan gurguramu goote. Muamar Gaadaafiin akka Afrikaatti maallaqa haarawa warqii irratti hundaa’ee (Dinaara Afrikaa) maxxansinee boba’aa maallaqa saniin gurgurra, daldala waljiddutti goonunis isa fayyadamna, yaada jedhu fidnaan. Isas lammilee nagaa fixaa jira jettee coloq isa goote.

Pirezedantiin Veenzuweela Nikolas Maduron boba’aa biyya isaa doolaraan qofa gurguruu dhiisee maallaqa Chaayina fa’aan gurgurraan—Ameerikan barartee dhaqxee halkan tokkoon rarrastee fiddee mana hidhaa New York jirutti darbite. Boba’aa biyyasii to’attee akka doolaaraan qofaan gurguramutti deebifte.

Iraan qoqqobbii fi sodaachisa Ameerikaa waggootaaf dandamattee boba’aa isii doolaaraan alas gurguraa turte. Sababoonni biros kan jiran ta’us, haalli Iraan doolaara malee gurgurtu kun Ameerikaan diina isii godha. Kanuma irraa ka’anii dalga deemaa sababas barbaadaa mootummaa Iraan jijjiiruu barbaadu.

Ameerikaaf doolaarri dhimma humnaa isii ittin mirkaneessitu qofaa miti dhimma jireenyaatis. Ameerikaanonni yeroo ammaa kana hamma oomishan caalaa kan isaan fayyadamantu (consume) godhantu caala. Mootummaan isaanii baasiin baasuufi gaalii inni sassaabu jiddu garaagarummaa doolaara tiriliyoonatti siiqutu jira. Angoon doolaara maxxansuu isaan harka waan jiruuf garaagarummaan bajataa fi daldalaa kun isaan irratti dhiibbaa muldhatu hinqabu. Garuu biyyoonni yoo doolaara irraa dheessan garaagarummaa kanaan diinagdee tasgabaayaan itti fuufuu hin danda’an. Kanaaf, Ameerikaan doolaara isii tikfachuuf boolla kamuu ni seenti. Eennuun illee ni dhabamsiifti! Dubbisuu keessan comment jalatti himaa, wanti gaafii isinitti ta’e yoo jiraates gaafadha.

28/02/2026

Waraanni hardha jalqabe kun Baha-Jiddugalaa kana akka malee jeeqa. Biyyoota naannoo sanii heddu tuquu danda'a. Naannoo saniif waraana hamaa seenaan kanaan dura galmeesse keessaa ta'uuf deema. Nu biratti ammoo gatiin boba'aa fi mi'aa akka malee dabaluu danda'a. Tartiiba humnaa dhiheenya kana Naannoo Gaanfaa Afrikaatti muldhataa jiruun ammoo carraan woraanichi as gahus jiraachuu danda'a.

Iraan biyya umrii dheertuu qabduudha. Dur Pershiyaa, Faars, Faris jedhamaa waamamti ture. Ummanni garuu Iryaan ykn Iraan...
28/02/2026

Iraan biyya umrii dheertuu qabduudha. Dur Pershiyaa, Faars, Faris jedhamaa waamamti ture. Ummanni garuu Iryaan ykn Iraan ofiinis ni jedha.

Bara 1935 Iraan jedhamuun waamamuu akka barbaadan ifatti waan dhiheessaniif—Iraan—jedhamanii waamamu jalqaban. San dura Peershiyaa jedhamu ture. Pershiyaanonni ammoo Arabas miti.

Humni ijoo addunyaa jaarraa 19ffaa fi jalqaba jaarraa 20ffaa kan turte Biriten—fedha boba’aa ol’aanaa qabdi waan tureef— Pershiyaa (Iraan) keessa otoo barbaadnee boba’aa hin dhabnu kan jedhuun qorataa isaanii tokko kan boba’aa barbaaduu irratti beekumsaa fi ga’umsa qabu bara 1901 gara Iraan ergan. Mootonni Iraan yeroo san turan, Qajar Dynasty, haa ta’uu jedhanii simatan.

Qorannoo woggaa saddeet fudhate booda bara 1908-titti qorataan Ingiliiz sun Iraan keessatti boba’aan iddoo itti argamu adda baasuu danda’e. San booda Kampaniin Biriten (Ingiliiz) kan boba’aa baasu Anglo-Persian Oil Company jedhee of moggaasee bara 1908 boba’aa baafachuu jalqabe. Bu’aa argatu irraas %10-15 qofa Iraaniif kan kennu yoo ta’u, %85-90 kan ta’u ofiif fudhataa ture. Worri Iraan yeroo san bulchaa turan gama hedduun dadhabaa waan dhufaniif, loltuun isaanii tokko Reza Khan kan jedhamu bara 1921 fonqolcha irratti godhee Qajar Dynasty kuffise.

Innis woggaa afur booda mootii ta’uuf Shah Reza Pahlavi jedhe of moggaase. Shah jechuun afaan isaaniitiin mootii jechuudha. Pahlavi ammoo maqaa dynasty (sirna abbaa gara ilmaa darbu) ta’ee moggahee.

Shah Reza Pahlavi kun bara 1925 hanga bara 1941 Pershiyaan (Iraan) biyya jabduu akka taatu hojjataa ture. Maqaa Iraan jedhuttis bara 1935 kan deebise isa. Anglo-Pershia Oil Company sunis gara Anglo-Iran Oil Company jijjiirame. Shah Reza kun akkuma boba’aa Ingiliiz haa baafattuu itti dhiise san, hariiroo gaarii German (Jarman) wajji qabaataa ture.

Kun ammoo yeroo Woraanni Addunyaa Lammaffaan itti jalqabamu waan tureef lamaan keessaa gara tokko goruun dirqama isaa ture. Inni kana gochuu hin dide. Ingiliizii fi Raashiyaan otoo German dursitee Iraan nurraa hin fudhatin fudhanna jedhanii Iraan weeraranii qabatan. Booda Shah Reza’s angoo fedhumaan akka dhiisu godhanii, mucaan isaa Shah Mohammed Reza akka angoo qabatu godhan.

Iraan bara 1911 irraa kaasee sirna mootii heeran bulu (constitutional monarchy) waan ijaarteef mootii jalatti paarlamaa (majliisaa) fi mummicha ministeraatu ture. Shan Mohammed Reza otoo bulcha jiruu, sabboonummaan Iraan finiinee, boba’aa dachii keennaa ba’u akkamitti Biriten (Ingiliz) ofitti itti fayyadamti kan jedhutti dhufe. Sochii kanaanis, filannoo bara 1951 tureen qabsaayaan sabboonummaa kana leellisu Mohammed Mosadeg jedhamu mummicha ministeraa ta’ee filame.

Filamee guyyaa sadaffaa irratti boba’aa Iraan keessaa Ingiliiz baafataa turte hunda gara Iraanitti deebise (nationalize godhe). Kun ammoo Biriten aariifi morka hamaa keessa seensise.

Yeroon sun ammoo yeroo Gamtaan Sooviyeetii fi Ameerikaan wolgarreffannaa (Cold War) keessa turan waan ta’eef, Ameerikaanis Mohammed Mosadeg Iraan fudhee gara garee Soviyeetii lixuu danda’a sodaa jedhuun, humni tikaa Ameerikaa fi Biriten (CIA fi MI6) fonqolcha mootummaa Mohammed Mosadeg irratti qindeessuun angoo qabatee ture woggaa lama booda( bara 1953) irraa kaasan (fonqolchan).

Jidduu bara 1953 hanga 1979, Shah Mohammed Reza angoo ol’aanaa itti kennuun—Ameerikaa fi Biriten—Iraan harkatti galfatanii akka fedha isaanitti oofaa turan. Boba’aa Biriten dhabdee turtes fonqolcha booda deebifachuun, cinaa Iraaniif cinaa hafe ammoo kampanii ofitiif (kampanii boba’aa Ameerikaa fi Ingiliziif) qoodatan. Yeroo kana mootummaan Iraan bulchaa ture, kan Ameerikan deeggaramuu fi naanneffamu ture. Kanaaf, Israa’el wojjis hariiroo akkaan gaarii fi cimaa ta’e qaba ture.

Booda bara 1979 ummanni ni fincile. Fincila bara 1979 ture kanaan sirni mootii Shah Mohammed Reza kan Ameerikaan naanneffamu ni kufe. Shah Mohammed Reza’nis angoo dhiisee biyyaa baqate.

Gaafas ummanni Iraan waan hedduuf fincile. San keessaa: sirni ture ergamtuu biyyoota lixaati malee kan faayidaa fi birmadummaa Iraan kabachiisuu miti, safuu keenna kan seera amantaa Islamaa irratti hundaa’e cabsee aadaa ormaa (worra lixaa) babaldhise, cunqursaa hamaa fi dhiittaa mirgaa barootaaf nurratti raawwate kan jedhan isaan ijoodha.

Mormii gara fincilaatti ce’e kana ammoo barootaaf namoota kakaasaa kan turan keessaa ijoon Ruhollah Musavi Khomeini (Ruhollah Hoomeenii) jedhama. Inni hayyuu amantii (Faqih Shia) ture. Bara 1960-moota keessa adeemsa bulchiinsaa fi siyaasa Shah Mohammed Reza ifatti mormaa ture. Booda dhiibbaan itti jabaannaan gara Iraaq baqate. San booda gara France baqate. Yeroo Iraaq tures, yeroo France tures, sagalee mormii woraabaa gara Iraan dabarsa ture. Ummanni Iraanis ergaa isaa dhoksaan caqasa ture. Haala kanaan Ruhollah Khomeini jaalalaa fi kabaja guddaa ummata biraa argate.

Shah Mohammed Reza biyyaa baqatee, sirni isaa kufee torbee lama booda Ruhollah Khomeini, France irraa gara Iraan deebi’an. Ummannis yaa’ee simate. Akka hogganaa isaaniitti ilaale. Baruma san Iraan keessatti sirna shari’aa (Islamic Republic) ijaaruu fi dhiisuu irratti ummataaf referendum-iin dhihaate. Ummanni %98 ta’u Iraan republika Islamaa akka taatu sagalee kenne. San booda heerri ture biinxame, heerri haaraan barraayee raggaasifame. Heera kanaanis Ruhollah Khomeini—angoo murteesummaa dhumaa (supreme leader) akka ta’u caasaan bulchiinsaa hojjatame.

Iraan gara Ripubilika Islamaa—Ayatollah’n hogganamtutti ceete. Ayatollah jechuun maqaa gulantaa ol’aanaa dhumaa ibsu yoo ta’u, hiikkaa mallattoo rabbii (Sign of Allah) jedhu qaba. Bara 1979 Ayatollah Ruhollah Khomeini nama angoo murteessummaa dhumaa biyya Iraanii of harkaa qabu ta’e. Murtee kennuu fi tarkaanfii fudhachiisutti ka’e.

Dubartoonni akka hijaaba uffatan. Agarsiifni filmii worra lixaas akka dhaabbatu. Aadaan lixaa kan shari’aa amantaa Islaamaatiin wolitti bu’u akka dhabamu. Sirna barnoota keessatti waanti aadaa lixaa leellisu akka dhaabbatu. Boba’aa biyyoonni lixaa qoodaan fayyadamaa turan dhiisanii akka bahan. Fi murtee kana fakkaatu heddu murteessan.

Hariiroo dipiloomasii Israa’el wojji qaban adda kutan. Beekamtii mootiin duraa Israa’eliif akka biyyaatti kennee ture irraa mulqan. Israa’el weerartuudha malee biyyaa miti jedhan. Sirna-bittaa Tsi’onotaa (Zionist Regime) jedhaa waamu malee mootummaa ykn biyya Israa’el hin jedhaniin. Imbaasii Israa’el kan Tehran jiru ni cufan. Qabsaa’ota Paalistiinii (Palestine Libration Organization-PLO)-iif gamoo Imbaasii Israa’el ture dabarsanii kennaniif. Hogganaa Adda Bilisummaa Paalistiin (PLO) kan ture Yassir Arafat waamanii kaloo Imbaasii Israa’el ture alaabaa Paalistiinii dhaabanii waliin suuraa keessatti ka’an.

Hariiroo dipilomaasii Ameerikaa wajji qabaataa turan ni hadheessan. Imbaasii Iraan kana Washington jiru ni cufan. Ayatollan Ameerikaan “Seexana Guddoo” jedhaniin. Baratoonni fincilaa turan ji’oota muraasa booda shakkii Ameerikaan (CIA’n) ammas akka duraa san fonqolcha gochuuf socho’a jira jedhuun Imbaasii Ameerikaa kan Tehran jiru weeraranii dipilomaatota Ameerikaa 52 ta’an guyyoota 444fi to’annaa isaanii jala oolchan. Ayatollah Ruhollah Khomeini waan barattoonni godhan kana hin mormine. Kun fincila (injifannoo) isa lammataati jedhanii jajan. Ameerikaan, biyyoonni lixaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) qoqobbi adda adda irra kaye. Saniinis jilbeefachuu didan.

Ummanni biyyoota naannoo Baha Jiddugalaa (Iraaq, Lebanon, Syria, Bahrain, kkf) jiru akka fincila Iraan irratti godhamee Rupublika Islamaa ijaare kana biyya biyya isaanitti jalqaban, Ayatollah’n, waamicha godhan. Kun mootummoota naannoo sanii naasuu keessa seensise. Saddam Hussein-in Iraaqi woggaa tokko booda bara 1980 Iraan irratti woraana jalqabe. Amerikaanis hin mormine. Biyyonni lixaa heddu—duubaa Sadam Hussein-iin deggaran. Saddam Hussein lola irratti keemikalaa summa’aa fayyadamuun dhoorkame fayyadamus injifachuu hin dandeeye. Woggaa sagala booda (1989) Iraanis otoo hin weeraramin, Saadamis otoo hin mooyin woraanichi dhaabbate.

Gaafas Ayatollan amma jiru Pirezedaantii ture. Ayatollah Ruhollah Khomeini bara 1979-1989 bulchanii boqatan. Ayatollan ammaa— Ayatollah Ali Khamenei— isaan bakka bu’uun bara 1989 filataman.

Iraan sagantaa Niwukulaaraa gabbisuu deeggarsa Ameerikaatiin bara mootii (Shah) Mohammed Reza -1957 jalqabde. Fincila 1979 booda woraanni Iraaqin waajjin waan dhufeef, xiyyeeffannoon hojiiwwan biraa irra waan turee fi beektota niwukulaaraa yeroo sanitti waan hin qabneef, Ayatollan guddichi duraa sagantaa niwukulaaraa gabbisuu irratti hin xiyyeeffanne.

Ayatollan amma jiran immoo Iraan meeshaa woraana niwukulaaraa hidhachuu qabdi jedhee amana. Kanaaf, sagantaa niwukulaaraa gabbisuu dura dhaabbatee ture deebisee jalqabsiise. Dhoksaanis iddoowwan niwukulaaraa itti gabbisan kan biroo ijaare. Booda worri lixaa irra gahe. Keessattuu Ameerikaa fi Israa’eel duunee argamna malee Iraan niwukulaaraa hidhachuu hin qabdu jedhanii woggootaaf falmaa jiru. Ka’umsi lola hardhaas kanuma. Garuu dhimmi boba'aa fi diinagdee yeroo hundaa jiddugala waldhabdee Aneerikaan biyyoota boba'aa qaban wajji gootuun hidhata cimaa qaba. Dubbisuu keessan comment jalatti mirkaneessaa. Waan gaafii isinitti ta’e dhiheessaa. Deebii isaatiin wolitti deebina! Boba'aan walqabatee Ameerikaan maal akka barbaaddus maxxansa biraatiin walitti dachaana.

Israa'elii (fi Ameerikaan) Iraan haleelaa jiru. Kaayyoon haleellaa marsaa kanaas hanga Ayatollah Ali Khameni ajjeesuufi ...
28/02/2026

Israa'elii (fi Ameerikaan) Iraan haleelaa jiru. Kaayyoon haleellaa marsaa kanaas hanga Ayatollah Ali Khameni ajjeesuufi mootummaa Iraan balleessuu akka deemuu danda'u akeekaa jiru.

Dhaabbilee fi waajjiraaleen waraanaa fi tikaa Iraan hedduun isaanii haleella sa'aa muraasa dura jalqabe kanaan rukutamaa jiru. Dhaabbileen miidiyaa Iraan, Television biyyooleessaa dabalatee, marsaan hawaasaa fi marsariitiin isaanii jalaa butamaa jira. Magaalaa guddoo Iraan, Tehraniin dabalata, magaalotni akka Kermanshah, Lorestan, Tabriz, Isfahan fi Karaj keessatti dhoohinsi haleellaa kanaa dhagahamaa jira.

Mootummaan Iraanis dhaabbileen fayyaa fi ambulaansonni gargaarsa hatattamaa kennuuf akka qophayaan ajajee, Iraan haleellaa haloo bahuutiin deebii akka kennitu dhaadatee-- misaa'eloota heddu gara Israa'el furguggeesse jira. Ayatollaan ammoo iddoo dhoksaa nageenya isaaniitiif amansiisaa ta'e kan Tehran alatti argamutti akka dabarfamanii jiran himan.

Ramadaana fi Fayyaa Afaanii (Ilkaanii):**************************************Soomni Ramadaanaa utubaa amantaa Islamaa sh...
20/02/2026

Ramadaana fi Fayyaa Afaanii (Ilkaanii):
**************************************
Soomni Ramadaanaa utubaa amantaa Islamaa shanan keessaa isa tokko. Hordoftoota umriin isaanii gahe kan fayyaa qaamaa fi sammuu qaban irratti sooma Ramadaanaa soomuun dirqama. Yeroo sooma Ramadaanaa kana musliimonni subii irraa hanga yeroo aduun galtutti nyaataafi dhugaatii irraa, waan aarfamu ykn xuuxamu fi akkasumas fedha foonii irraa of ittisanii turuun dirqama.
---
---
Guyyaa guutuu kana nyaataafi dhugaatii malee dabarsuun hancufni akka hirdhatu godha. Kunis jiidhiinsa keessa afaanii xiqqeessuun baakteeriyoonni akka keessa afaanitti heddummaatan gochuun foolii afaanii badaa uumuu danda’a. Haalonni kunniin ammoo carraa ilkaan nyaatamuu (tooth caries and cavity) ni dabalu.
---
---
Kanaaf:

● Nyaata Suhuurii (subii) fi Ifxaar (lulluqqii) dabarsuu dhabuu. Nyaachuu.
● Yeroo Suhuurii (subii) nyaanne booda bishaan hanga dandeenye sirritti dhuguu.
● Nyaata mi'a'oo ta'aniifi sooqiddi itti baay'ate akkasumas qibaatin itti heddumaate nyaachuu dhabuu.
● Dhugaatiwwan (soda) akka CocaColla, bunaafi shaayii yeroo Suuhurii (subii) fayyadamuu dhabuu.
● Nyaata Suhuurii boodaafi galgala yeroo rafnu ilkaan keenya rigachuu. Arrabas qulqulleessu. Ilkaan jiddus qulqulleessuu.
● Ilkaan nam-tolchee qabna taanaan isa haalaan qulqulleessuu.
● Miswak ykn rigaa fayyadamuun ilkaan keenya rigachuu. Miswaakni baakiteeriyootni akka hin heddummannes ni godha. Faayidalee fayyaa kan biros qaba.
● Fuduraleefi kuduraalee fayyadamuu. Cuunfaa isaanis.
● Sigaaraa/shiishaa aarsuu ykn xuuxuu dhabuu.
● Fayyadama saamuunaa ilkaanii (toothpaste) fi qulqulleessitoota afaanii (mouthwash) irratti yeroo guyyaa fayyadamuu dendenyaa hin dandeenyuu kan jedhu ija amantiitiin wolmamsiisaa waan ta'eef isa kana yeroo soomaan hin jirretti (galgala) fayyadamuun ilkaan keenya qulqulleessuu.
● Rakkoon ykn dhukkubbiin ilkaanii yoo jiraate oggeessota yaala ilkaanii mari'achiisuun woldhaansa barbaachisu argachuu.
---
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

YEROO AFXIRAA******************Akkuma woliigalaatti yeroo afxiraa waan dhangala'aa ta'e fudhachuudha. Bishaan, nyaata dh...
18/02/2026

YEROO AFXIRAA
******************
Akkuma woliigalaatti yeroo afxiraa waan dhangala'aa ta'e fudhachuudha. Bishaan, nyaata dhangala'a heddu ofkeessaa qabu, cuunfaa fuduraa fayyadamuu.

Waan dibatni (zayitiin, dhadhaan) itti baay'atee fi waan akka coomaa fa'a dhiisuu.
---
---
Lulluuqqiif ykn sooma hiikuuf:

* Timira: timirri waan sooma ittin hiiknu ykn lulluuqannu keessaa isa ijoodha. Timirri ammoo gulukoosii/sukkaara qaamni keenya humnaaf barbaadu, akkasumas albuudota qaamaaf barbaachisoo ta'an kan akka pootaashiyeemii, koopparii, maangaaniiziifi akkasumas waan Fiber jedhamu kan qaamaan hin bulloofneefi gogiinsa garaafi madaala ulfaatinna qaamaa eeguuf gargaaru of keessaa qaba.

* Dhugaatiiwwan akka bishaanii, aananii, juusii (cuunfaa fuduraa) fudhachuun sooma hiikuun ykn lulluuqachuunis gaariidha. Bishaan humna dabalataa otoo hin kennin dheebuu qaamni qabu baasuu danda'a. Kan hafan ammoo aanaan, juusiin faati dabalataan gulukoosiifi wontoota biroo qaamaaf barbaachisan of keessaa ni qabu.

* Fuduraawwan (Fruit) -- fuduraawwan akka habaabaa (bixxiqii), muuzii, maangoo, burtukaanaa, mandariinaa, aappilii, anaanaasii, paappayaafi kkf fudhachuun sooma hiikun ykn lulluqachuunis gaariidha.

* Shoorbaa: shoorbaa midhaanii, shorbaa fuduraa fi kuduraa, akkasumas shoorbaa foon xiqqeessee qabuun sooma hiikuun, wontoota qaamaaf barbaachisanii fi humnaa kennaan ni qabaata.
---
---
Lulluuqqii booda nyaatni nyaatamu aadaa naannoo naannoo irratti hundaa'uun garagara. Garuu nyaanni nyaannu kun otoo waan akka garbuufi qamadii irraa tolfaman, fuduraafi kuduraa, bu'aawwan aananii akkasumas madda pirootiinii kan ta'an qurxummii, kallee, atara, misara ykn baaqelaa qabaatanii gaariidha. Kanniin hunda yeroo tokko hin jenne, garuu akaakuu nyaataa shanan kana keessaa yoo xiqqaatee tokko tokko yoo qabaatan gahaadha.
---
---
Nyaataafi dhugaati garmalee mi'aayaniifi dibatni itti baay'ate dhiisa. Erga nyaattan boodas sochii qaamaa sasalphaa ta'an fakkeenyaaf deemsa lafoo (walk) gochuun gaariidha.
---
---
Fayyaa naaf ta'aa!
Baga geettan, Ramadan Mubarak!
Ramadaana itti milkoofnu nuuf haa ta'u!
---
©Dr. Nuredin Luke

YEROO SUHUURII: ******************** Bishaan gahaa dhugaa. Keessattu namoonni naannoo gammoojjii fi hoo'aa jirtan—ifxaar...
17/02/2026

YEROO SUHUURII:
*******************
* Bishaan gahaa dhugaa. Keessattu namoonni naannoo gammoojjii fi hoo'aa jirtan—ifxaarii fi suhur jidduu bishaan sirritti dhugaa. Yoo xiqqaate bishaan hanga litirii lamaa.

* Akkasumas, kuduraalee fi fuduraalee bishaan nuuf kennuu danda'an kan akka habaabaa (bixxiqqii), salaaxaa fi timaatimii fayyadama.

* Dhugaatiiwwan kaaffinii qaban—kan akka bunaa, shaayii fi dhugaati akka CocaColla (kookaa) fa'a— dhuguun fincaan namatti heddummeessuun dhangala’aa qaama keessa jiru xiqqeessuun miira dheebuu namatti jabeessa. Kanaaf, dhugaatii kanniin keessatuu yeroo suhuurii otoo dhiistanii filatamaadha.

* Wolumaagalatti nyaanni yeroo suhuurii nyaannu Kuduraalee (vegetables), kallee (buuphaa), qurxummii, foon lukkuu, aanaan, akkasumas daabboo garbuu, ajjaa fi biddeena keessaa yoo ta’e filatamaadha.

* Nyaata garmaalee mi’a’an fayyadamuu dhiisaa.

* Nyaata dibatni (zayitiin, dhadhaan, coomni) itti baay’ate hirdhishaa. Kun guyyaa irratti singiggoo isinitti hammeessuu danda’a.

* Nyaata sooqiddi itti baay'ate nyaachuu dhiisaa. Sooqidda nyaata keessatti garmalee xiqqeessinee fayyadamuu. Iddoo sooqiddaa, mi'eessituu garagaraas fayyadamuu dandeenya.

* Nyaata xiqqeessinee, suuta suutaan nyaachuu. Yeroo tokkoon baay'isnee nyaachuun gubaa laphee fi singiggoon akka nu madatu gochuu danda'a.

* Sorataalee kaarboohaydireetii gaarii hintaanee—kanneen akka paastaa, ruuza adii, mokoroonii, soodaa (lallafaa), keekii, shaayii sukkaaraa, kuukisii, fi daabboo qamadii daakuu furnoo irraa hojjataman—erga nyaatamanii booda yeroo sa’aa muraasa keessatti daakkamuun gara gulukoosiitti jijjiiramuun hammi sukkaara qaamaa akka dafee olkaa’uu fi san booda dafee bu’u godhuun miira dadhabbii, humna dhabuu fi beelaa namatti cimsu. Kanaaf, isaan caalaa nyaatota biroo filadhaa fkn dabboo garbuu, buddeena, misira, baaqeela, mixaaxisha, atara, ruuza adii hintaane (brown rice) fa’a irraa waan hojjataman filadhaa.
—-
—-
Ramadaana Milkii!
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
—-
Dr. Nuredin Luke

29/01/2026

Ani akkas jennee turre, akkana jedhee ture jechuun natti hin tolu.

Oromia Health Bureau: Wanti torbee lama dura ogeeyyota fayyaatiif haqa isaanii irratti fala barbaadaafii jedhaa turre sun amma hospitaalota adda addaa irraa ogeeyyonni hiriiraan haqa isaanii bahanii isin gaafataa jiru. Hiriira kana ija tuffiitiin hin ilaalinaa. Dafqa qulqulluu isaaniitii—kaffalaafii! Hirriba malee bulanii tajaajilanii—kaffalaafii! Dafqa isaanii dhoowwachuun keessan seera biyya lafaatiin yakkaa, seera Waaqaatiin cubbuudha—Kaffalaafii!

Biyyi keenna weerara Dhukkuba Vaayirasiii Marburg irraa bilisa ta’uu Ministerri Fayyaa ibsee jira. Guyyoota afurtamii la...
26/01/2026

Biyyi keenna weerara Dhukkuba Vaayirasiii Marburg irraa bilisa ta’uu Ministerri Fayyaa ibsee jira. Guyyoota afurtamii laman darban keessatti namni dhukkubichaan qabamee jirachuu dhabuu isaa hordofee weerara irraa bilisa ta’uun labsame. Injifannoodha, baga gammaddan! Ogeeyyonnii fi qooda-fudhattoonni weerara kana dhaabuu irratti hojjattan hunduu galatoomaa!

Address

Awasho Main Road
Shashemene
01

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Nuredin Luke posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Nuredin Luke:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category